Bizunesh Miidhagsaa: Qorumsa kutaa 12ffaa kufuutii hanga ittaantuu pirezidantii Yunivarsitiitti

Bizunesh Miidhagsaa Booranaa

Madda suuraa, Bizunesh Miidhagsaa

Ibsa waa'ee suuraa, Prof. Bizunesh Miidhagsaa Booranaa

Bizunesh Miidhagsaa Booranaa jedhamti. Shawaa Bahaa, Adaamaatti maatii qotee bulaarraa dhalattee guddatte. Hawaasni isheen keessatti dhalatte kan badaa mi'aa barnootaa hin beekne turan.

Naannichatti dubara mana barumsaatti erguun kan hin baratamne ta'us, isheen garuu barnootaaf jaalala addaa qabdi. Akkuma ta'etti obbolootashee dubaraa lama waliin mana barumsaa galte.

Jalqabarra sababii afaanitiin barnoonni itti cimulleen, boodarra afaanis bartee barnoota isheetti qaxalee ta'aa dhufte. Dareesheetii tokkoffaa bahaa turte. Kutaa saglaffaa booda ammoo waldorgommii jabaadhaan mana barnoota addaatti barachuu eegalte.

Qormaata kutaa 12ffaa gaafa fudhattu garuu waanti jireenyashee keessatti abjooftee hin beekne ishee mudate. Barattuun qabxii guddaa galmeessiti jedhamtee eegamaa turte qormaata sana milkaa'uu hin dandeenye.

Mudannoon kunis isheerra darbee, maatii baayyeen ijoollee dubaraa isaanii barnootarraa dhorkanii gara heerumaatti akka deebisaniif sababa ta'e. Sun hundumtuu darbee Bizunesh har'a pirofeesara yunivarsitiiti.

Qorattuufi barsiistuu, akkasumas itti aantuu Pirezidantii Yunivarsiitii Amboo taatee tajaajilaa jirti. Waan keessa dabartee fi milkaa'ina jireenya isheerraa akkanaan BBC'dhaaf qooddeetti.

'Barumsa barannu caala afaan barnootaatu qormaata nutti ta'u ture'

Akkuma ijoollee qotee bulaa kamiittuu hojii mana keessaas, hojii alaas hojjechaa barataa turte. Kutaa tokko hin eegaliin dura waan bu'uuraa akka barataniif ga'eesota barnoota bu'uuraa hordofan waliin akka baratan taasifamuu yaadatti Pirofeesar Bizunesh.

"Torban lamaan takka erga barannee warra gurguddaa waliin wal hin simanne. Ijoollee waan taaneef nu jeeqan fa'i jedhanii baane. Itti hin tolle natti fakkaata. Achiin kutaa tokkoffaa galle. Sadarkaa tokkoffaas, lammaffaas Adaamaattan baradhe. Barumsa sirrumattan jaaladha ture" jechuun miira ijoollummaan barnootaaf qabdu dubbatti.

"Kutaa tokkoo kaasee qormaanni jiru afaan. Nuti Afaan Oromootiin afaan hikkanne; manni barumsaa ammoo guutummaatti Amaariffa. Nuti osoo Amaariffa tokkolleen hin beekne [Mana barumsaa] seenne. Yoo maatii jala gabaa deemnee lakkoofsa waan xiqqo xiqqoo dhageenya malee maatiinis, naannoonis afaan Amaariffaa hin beeku'' jechuun rakkoo isaan mudate yaadatu.

Itti dabalunis, ''Nuti yoo kutaa tokko seennu barumsa barannu sana caala kan qormaata nutti ta'u, afaan [barnootaa] ture. Baay'ee rakkanna ture. Dubbachuu dhabuun ammoo qaaniidha; ittiin si arrabsu. Akka hin arrabsamne, dubbachuu dhiisuu filanna. Hunduu afaan dhoksata yeroo sana. Oromoo ta'uu yoo dhoksatte malee barsiisaadhaa kaasee hanga barataa baay'ee si hacuucu.''

''Dhugaa dubbachuuf kutaa tokkotti rakkadheen ture. Kutaa lama boodadha kan ani gara barumsaa deeme, dura afaanan baradhe. San booda barataa sadarkaati" jechuun mudannoo isaanii yaadattu Pirofeesarri kun.

Bizunesh Miidhagsaa Booranaa

Madda suuraa, Bizunesh Miidhagsaa

'Jireenyakoo keessatti wanti akkasii na qunnamee hin beeku'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kutaa saglaffaan booda ammoo dorgommiin jabaataa deemuun mana barnootaa xiyyeeffannoon addaa kennamuuf kan special class jedhamutti barnootashee hordofaa akka turte kan kaastu dubartiin kun, "kutaa kudhanii kaasee ijoollee soddomafaa taaneetu baranna. Walirraa ilaaluun hin jiru, ofumaakeetiin hojjetta. Dorgommii cimaatu ture.

Animmoo qabxii irratti gabgaabbaadha; baay'een jaaladha. Ani [qormaata] dhoksi hin jedhamu. Ofuma kiyyayyuu dhoksuudhaan beekamaadha. Namni yoo anarraa ilaalu hin jaaladhu.

Yoo siniif hin galle na gaafadhaa malee, maafan agarsiisan jedhaan. 'Maal irratti duutaa, nuti ittiin darbuufi' naan jedhu. Inuman dida, irrattan du'a" jechuun qormaata agarsiisuu garmalee akka jibbitu dubbatti Prof. Bizunesh.

"Kutaa 11tti tokkoffaa tokkoffaa walirra bane" kan jettu dubartiin kun, kutaa 11ffaa yeroo baratan qabxii fooyyeffachuudhaaf jecha barattoonni hedduun akka irra deebi'an dubbatti. 'Ani garuu qabxii gaariin qaba, nan eegama waanan tureef irras hin deebine" jetti.

Qoramaata kutaa 12ffaa irratti akka mana barumsaatti barsiisota isheetiin eegamaa turuu kan kaastu dubartiin kun, jireenya ishee keessatti wanti hin eegne akka ishee mudate dubbatti.

Yeroo kutaa 12ffaa qoraman barattoonni qaxaleen mana barnoota addaatti barataa turan kunneen akka tartiiba maqaa isaaniitti barattoota biroo qormaata fudhatan waliin ramadaman.

"Nuti ni beekamna. Sana booda warri qabxii barbaadan maqaa keenya qabatanii nu adamsanii hamma manaa dhufanii, 'lakkoofsi kun kanadha. Ati abalutti kennita, abaluuf ammoo abalutu kenna" jedhamuun akka sodaachifaman dubbatu.

Pirofeesarri fayyaa bineeldaa kun, "sodaachisuun jira, waraanuu illeen jira. Akka kutaa keessaa sanatti diduu hin dandeessu. Akka dareetti diduun hin jiru" jechuun haala ulfaataa yeroo qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhattu ishee mudate ibsiti.

"Gaafan qormaata kutaa 12 seenu baay'uman sodaadhe. Waraqaan deebii to'annaakoo harkaa bahe. Dabduudha waan naan jedhaniif, ni jijjiirti jedhanii nan amanani. [Waraqaa] gaaffiirraa amanuu waan didaniif, waraqaa deebii fudhatanii naannoftee, naannoftee hamma isheen natti deebitutti ani muddama keessan gala.

[Qormaata] agarsiisees hin beeku, natti argisiisi jedhamees dirqamee hin beeku, yeroo saniin alatti. Naheen jira; saatiin na jalaa dhumee jira. Baay'een jeeqame" jedhan.

ubartiin qaxalee turte kun, "akkasumas ta'ee qabxiitu xiqqaata malee nan kufa jedhee hin eegne. Akka kufuun jiruyyuu hin beeku" jetti.

Barsiisonni ishee qabxii gaarii fiddi jedhanii eegaa waan turaniif, "gaafa [bu'aan qormaataa] dhufu barsiisonni hundi dursanii kankoo ilaalani, kan kufe ana. Jireenya kiyya keessattuu wanni akkasii na qunnamee hin beeku" jechuun haala gaddisiisaa ishee mudate yaadachiisti.

Bizunesh Miidhagsaa Booranaa

Madda suuraa, Bizunesh Miidhagsaa

Ibsa waa'ee suuraa, Prof. Bizunesh Miidhagsaa Booranaa

'Kufaatiinkoo kufaatii dubartii baay'ee ta'e'

Ijoollummaadhaan fedhii hakima ta'uu qabaachuu kan kaastu dubartiin kun, qabxii gara Yunivarsiitii seensisu galmeessuu dhabuu isheetti maatii ishee qofa otoo hin taane barsiisotaa fi darektara isheettis gaddaa guddaatu dhaga'ame.

"Manni barumsaa ni beeka waan tureef, na waamanii, qabxiin kun kankee miti. Rakkoo akka ta'e barreerra; edda turee barre. Deebitee qoramta naan jedhani.

Hamma kana hojjedhee ergan kufee jedheen aaree TTI [leenjii barsiisotaa] galmaa'e. Isayyuu nama kana keessatti eessan jiraadha? Hawaasni danda'ee kufaatiikee hin simatu.

Durumayyuu dhimma barumsaa hin beekani. Durumayyuu maaliif baratuun jira. Dubartiin maaliif baratti? kan jedhu jira. Firaa kaasee hamma alagaatti dubartii barsiisuun hin baratamne. Maatiin baay'een gara baadiyyaatii [ijoollee dubaraa] heerumsiisuu baratani.

Takkumallee keessaa heerumsiifadhu otoo jedhamuu maatiin, sadeen keenyayyuu mana barumsaa jalaa galle" jechuun haala ture kaasti.

Erga leenjii barsiisotaatti barachuuf galmooftees "qabxiikoo ilaalanii akkamitti kufte naan jedhu" jechuun akka miirrishee jeeqamaa ture yaadachiisti.

"Daarektarrikoo akkan galmaa'e dhaga'ee, hin deemtu naan jedhe. Ati qabxiikee miti, deebitee qoramtee qabxii [gaarii] fidda malee deemuu hin qabdu naan jedhe.

Yeroo tokkichaan maalifan abdii kuta jedheen, ofitti deebi'ee qo'achuu jalqabe. Manuma barumsaa sanan dhaqee ooluu jalqabe. Kufuun hawaasa keessatti cimaadha. Kufaatiinkoo kufaatii dubartii baay'ee ta'e" kan jettu Pirof. Bizunesh, yeroo sanatti kufaatiin ishee yaada hawaasaa dubartiin barattee eessa geessi jedhu akka cimseef kaasti.

"Erga nuti barumsa jalqabnee nu ilaalanii dubartoota kan barsiisuu eegalanillee duubatti akka jedhan [taasise]. Fira keenya keessaa warri heerumsiise hundi jira. Ani garuu irradeebi'ee [qorumsa] fudhachuudhaanan milkaa'e.

Qabxii afur fideen [Yunivarsiitii Finfinnee] Araat kiiloo gale. Achi ammoo shantama taanee galle. Achi keessas dubartoonni nama afuri. Waaqayyo kaayyoo qaba. Deebi'ee barachuu, kufee ka'uun kiyya sun ijoollee obboloota kootii kaasee hamma hawaasa keessaatti kaka'umsa gaarii fide" jecchuun deebitee milkaa'uun ishee ammoo kaka'umsa akka uume dubbatti.

"Gaafuma gallu [hakima beelladaa] taanee ramadamne" kan jettu Pirofeesarri kun hakima namaa ta'uu akka barbaaddu dubbatti. Hakima namaa ta'uu akka barbaaddu kan yaadachiistu dubartiin kun, barnoota hakima beelladaa seenuun yeroo sanaaf dhiibbaa irratti uumee akka ture kaasti.

"Boodarra yoon ilaalu idduma kiyyatu isa. Ani warra horii keessaan bahe; horiittan deebi'e. Akkasittan hakima bineeldotaa ta'ee Bishooftuutti baradhee fixe. Maastersii ammoo surgeon [baqaqsanii waldhaanuu] Hindiittan baradhe. Digirii sadaffaa [PhD] ammoo Beeljiyeemii fi Yun. Amboo gidduuttin baradhee fixe" jechuun ogummaa barattetti gammaduu ishee ibsti.

Prof. Bizunesh Miidhagsaa Booranaa garee barattootaa waliin

Madda suuraa, Bizunesh Miidhagsaa

'Hakimni beelladaa xiyyeeffannoo hin arganne'

"Dura hakimni beelladaa jiraachuuyyuu hin beeku. Erguma sadarkaa lammaffaa geenyee gosni barnoota gara garaa jiraachuu barre. Namni qabxii guddaa qabu duraanis ammas garuma [ogummaa doktara] namaa san deema.

Caasaansi, hojii irrattis, jireenya mo'ataniis baay'ee kan argitu [hakima] namaa irrattidha. Inni gadi jirus gabuma ilaalee deema. Dura dhuguma natti dhageechisee jira" jechuun jalqaba ogummicha galuu isheetti akka hin gammanne kan kaastu Pirofeesarri kun, boodarra garuu jaalachuu himti.

"Eddan seenee ka'ee keessumattuu dhukkubsattoonni keenya beelladootadha. Animmoo ijoollee qotee bulaati. Waa'ee isaanii nan beeka; na fayyadeera. Boodarra jaaladheetuman barachuu jalqabe" jetti.

"Hakimni beelladaa xiyyeeffannoo hin arganne. Kilinikoota, mana qorichaa yoo ilaaltu tajaajilli gahaa miti. Xiyyeeffannaan irratti kenname gahaa miti. Yeroo ammaa doktaroonni baay'een biyya keessatti oomishamu. Hakimni fayyaa beelladaa duraan Bishooftuu qofa ture" kan jettu Pirofeesarri kun amma yunivarsiitiin gara garaa ogummaa fayyaa beelladaatiin barattoota leenjisaa jiraachuus himti.

"Biyyattiin beellada baay'ee qabdi. Afrikaa keessatti [qabeenya looniitiin] tokkoffaa jedhamna. Hanga ammaa kan jiru kilinikotadha. Kilinikumtuu wanna barbaachisu sirriitti hin guuttanne.

Bakkuma barbaaddetti waldhaansa baqaqsanii yaaluu bineeldotaa kennuun hin danda'amu" kan jettu Pirofeesarri fayyaa bineeldaa kun ogeessonni fayyaa bineeldotaa gabaarra jiraatanis haalli mijataan itti waldhaansaa guutuu kennan waan jirreef rakkisaa ta'uu himti.

Sababa bu'uuraaleen tajaajila fayyaa bineeldotaa gahaan hin jirreef, "baay'een isaanii ogummaa kanaan bahanii hojii biraatti jijjiiramanii deemu" jetti qoarattuu fi barsiistuun Yunivarsiitii Amboo kun.

Bizunesh Miidhagsaa Booranaa wayita biyya Hindiitti barataniitti

Madda suuraa, Bizunesh Miidhagsaa

Fayyaan loonii fi fayyaa namaa hammam walqabata?

Barbaachisummaan fayyaa bineeldotaa oomishtummaa gabbisuu bira darbee fayyaa namaatiif illee murteessaa ta'uus himti. Fayyaan bineeldotaa yoo haalaan hin eegamne bu'aaleen nyaataa namni isaan irraa argatus fayyaa namaa akka hubu ibsiti.

"Keessuma amma horiin aannanii baay'achaa dhufaa jira. Aannan barbaaduunis baay'ataa dhufee jira" jechuun kan dubbattu Pirofesarri kun fayyaan bineeldotaa yeroo kam caalayyuu xiyyeeffannoo akka barbaadu himti.

Qorrannaan ishee harki caalu fayyaa beelladaa, baqaqsanii waldhaanuu fi madaa fayyisuu irratti kan xiyyeeffatedha. Barnoota digrii sadaffaa erga xumurtee garuu sanaan itti fufuu hin dandeenye.

Laabiratoriin qindaa'aan biyya keessaa dhabamuun ammoo sababa ijoodha. Sababa kanaaf, qorannaanshee gara rakkinoota fayyaa namaa fi beelladaatiin walqabataniitti luucceffate.

"Hamma seelii gadi buuneetu kan qo'annu. Hamma seelii namarraa fuutee, seelii horiirraa fuutee, seelii guddistee deebistee horii ittiin yaaluutitti deemnee turre biyya alaatti. Gara biyya keessaa yoon dhufu qorannaan sun itti fufuu hin dandeenye sababnisaas, laabiraatorii akkasii hin qabnu.

[Tajaajilli] akkasii sun biyya keessa hin jiru" jechuun kan ibsitu hayyuun hakima bineeldaa kun, qorannaan ishee gara "rakkinoota fayyaa namaa fi beelladaatiin walqabatu irrattan xiyyeeffachaa dhufe" jetti.

Hayyoonni ogummaa gara garaa irraa walitti dhufuun gareedhaan qormaata akka geeggeessan kan kaastu Pirofeesarri kun, qorannaa fayyaa beelladaa keessumaa "bu'aalee loonii, aannan, foon, hanqaaquutiin walqabatee dhiboota horiirraa gara horiitti, horiirraas gara namatti kan daddarban keessumaa baakteeriyoota irratti kan xiyyeeffatanidha" jechuun ibsiti.

Prof Bizunesh Miidhagsaa Booranaa

Madda suuraa, Bizunesh Miidhagsaa

'Aannan danfeeyyuu baakteeriyaan keessaa hin duune jira'

"Hanga ammaattillee aannan [otoo hin danfiin] bakki itti dhugamu jira. Aannan danfeeyyuu baakteeriyaan keessaa hin duune jira. Aannan sa'a yaaliirra/qoricharra jirtuu ammoo dhugamuu hin qabu. Sababni isaa aannan keessa qorichatu jira.

Hanqinni beekumsaallee hawaasa keessa jira. Warri aannanii kun ammoo otoo itti himaniillee kan hojiirra hin oolchine jira. Aannan baay'ee oomishu waan ta'eef, saani qoricharra jirti jedhee aannanshee gara namaa deemuu hin dhiisu" jechuun fayyaa dhabuun loonii fayyaa namaa irratti rakkoo qabaachuu ibsiti.

"Aannan rakkoo qabaa, kan jedhus hin jiru. Yoo baay'ate bishaan bishaan jedhe jetta malee adii taanaan aannani. Aannan tokko gara tajaajilatti otoo hin bane horiin sun sakatta'amuu qaba. Aannan illee sakatta'amuu qaba. Aannan sakatta'amedha hawaasatti gadi bahuu kan qabu.

Qo'annooleen keenya aannan namoonni fayyadamaa jiran keessatti, dhibeen [baakteeriyaan] akkamii akka baay'ataa jiran, baakteeriyooni sun ammoo dandamannaa qorichaa isaanii hammamidha" kan jedhu irratti akka xiyyeefatu ibsiti, qorattuun fayyaa beelladaa kun.

Dibbantaan guddaan qoricha beelladaa kan qoricha dandamatanidha. Hammuma irra deddeebiin kennaman qorichoonni sun aannan keessattis baay'ataa akka dhufan kan kaastu ogeettiin fayyaa beelladaa kun, hammuma baakteeriyaan qoricha dandamate sa'a keessatti baay'ataa deemu, namni aannan sana dhugus dhibee kanaaf saaxilamaa akka deemus ibsiti.

'Itoophiyaa keessatti nama lama turre'

Baakteeriyaan gara hanqaaquutiin, fooniitiin keessumattuu gara aannaniitiin nu caala daa'imti ganaa ol guddattu baakteeriyaa qorichaan walbare waliin qaama ishee keessatti walbarata. Gaafa dhukkubsatu namni qufaallee dandamachuu dadhabaa jira amma.

Amma [tooftaan] tokko dhufee jira. One Health [Fayyaa Waloo] kan jedhamu dhufee jira. [Fayyaan] beelladaa fi kan namaa tokkodha. Walitti dhufee yoo hojjete malee" addatti fayyaa namaa fi hawaasaa mirkaneessuun akka ulfaatu kaasti.

Wanti guddaa na gammachiisu hawaasa tajaajiluudha. Keessumaa ergan hoggansatti dhufee na bira gahuun rakkisaa ta'ee jira. Duraan yoo bilbilan nan kaasa. Rakkanne yoo jedhan nan gahaafi.

Amma garuu kanuma itti cimetu sa'aatii hojiitiin ala [na argata]; darbee darbeetu kanan [waldhaansa baqaqsanii yaaluu] hojjedhu" jechuun erga itti gaafatamummaatti dhuftee as waldhaansa bineeldotaa hir'isuu dubbatti Pirofeesarri kun.

"Biyya keessatti ogeessi waldhaansa baqaqsanii yaaluu bineeldotaa Wagguma arfan, shanan kana yoo dabalame malee nama lama turre Itoophiyaa keessatti. Ani tokko asii, namni biraa Bishooftuu [ture].

Ergasii haqina kana ilaalee Yunivarsiitiin Finfinnee [ogummaa] surgery irratti bane. [Yaalli kunis] dhibee baqaqsitu malee qorichaan hin fayyineefidha. Amma ijoolleen hawaasatti bahaa jirtu jirti.

'Sa'attiin yoo dadhabdellee adda baatee otoo duutee siin jedhu'

"[Dubartiin] otoo dahumsarratti rakkattee maal godhu, oppireeshiniidhaan baasu. Horiinis ni rakkata dhaluu irratti. Nyaata isaa hin malle nyaatee bokokuu danda'a. Cabuu danda'a" jechuun kan ibsitu Pirofeesarri waldhaansi baqaqsanii yaaluu barbaachisaa ta'u dubbatti.

Keessumattuu horiin aannanii baay'achaa dhufuu irraa kan ka'e, kuun ammoo diqaalomsuudhaan waan raawwatuuf, "jabbii guddaa humna isheetii ol ta'etu garaatti uumama. Bahuu hin danda'u, humna isheetii oli. Sababa adda addaatiin garaa keessatti jabbiin miidhamuu dandeessi.

Yoo jabbiin garaa keessatti duute, ni bokokti bahuu hin dandeessu. Dhufaatiin ishee yeroo gadameessaa baatu haala hin malleen yoo dhufte" baqaqsanii yaaluun dirqama ta'uu dabaluun ibsiti.

Oromoon jabbiin otoo garaa hin bahiin saani yoo duute hoodadha jedhee amana. "Yeroo baay'ee adda baateetuma haa duutu jedhu. Fayyina jabbii, fayyina haadhaa miti. Sa'attiin yoo dadhabdellee adda baatee otoo duutee siin jedhu" jechuun ilaalcha hawaasa keessa jiru kaasti.

Waldhaansa baqaqsanii yaaluu Pirofeesarri kun hojjette "baay'een isaanii saani kan dandamatte" jabbiin kan dandamattus, kan duutus jiraachuu himti.

Prof. Bizunesh Miidhagsaa Booranaa sirna eebbaarratti

Madda suuraa, Bizunesh Miidhagsaa

'Uumama kootiin dhiiga hin jaaladhu'

"Gaafa baqasanii yaaluutti dhuftu waa'ee dhiigaa ni irraanfatta. Ani uumama kootiin dhiiga hin jaaladhu. Manatti yoo handaaqqoon qalamtu bira hin dhaabadhu. Lilmoo yoo ijoolleenkoo waraannattu ilaaluu hin jaaladhu. Ofiifis hin jaaladhu.

Akkas ta'ee garuu gaafan ofii kiyyaa qalu, dhiigni akka bahu hin yaadadhu. Waa'ee dhiigaa hin yaadadhu; natti hin dhufu. Xiyyeeffannoonkoo sa'atti kana oppireeshinii godhee fayyifadhaa, jabbii fayyaan argadhaa, hojjedhee ka'ee nan milkaa'aa" gaaffiin jedhu soda ishee akka irraanfachiisu dubbatti.

Akkuma yeroo waldhaansa baqaqsanii yaaluu namaa taasisan hayyamamoo ta'uu maatii gaafatan yookaan mallatteesisan, kan beelladaa irrattis, "oppireshiniidhaan malee dhaluu hin dandeessu waan ta'eef ni hayyamtaa?" jedhanii gaafachuun, "hayyamamoo ta'uu isaanii akkuma yaala namaa ni mallatteesista" jechuun naamusa ogummichaa ibstiti profeesarri qorannaa PhD ishee waldhaansa baqaqsanii yaaluu bineeldaatiin hojjette.

'Yeroo jalqabaatiifan nahe'

Pirofeesar Bizunesh qorannoo geggeessuu fi barsiisuutti dabalataan waldhaansa baqaqsanii yaaluu milkaa'aa ta'es taasisteetti. Waan addaa yeroo waldhaansa taasistu ishee mudate akkanaan seenessiti.

Yeroo baay'ee namoonni gama aadaatiin yaalchisanii erga dadhabanii gara ishee akka fidan kan himtu ogeettiin kun, "qaamnishee, gadameessi mimmiidhamee, bobbokokee, tarsa'ee, jabbiin dura fayyaadhaan bahuu dandeessullee kan duute ta'uu danda'a, erga baay'ee [walxaxaa] ta'eeti gara kiyya kan dhufu" jechuun haala ulfaataa saawwan yeroo dhalarrattii rakkatan keessa darban ibsiti.

Yeroo baay'ee maatiin yeroo saawwan isaanii dhaluu irratti rakkattu "sa'umtii fi jabbiin adda nuuf haa baatu malee rakkoon hin jiru" jedhu kan jettu Pirofeesar Bizunesh kan guyyaa tokko ishee mudate garuu kanarra adda ta'uu kaasti.

Maatiii saani isaanii dhalarratti jalaa rakkatte tokko gargaaruuf deemte. Otoo isheen achi hin gahiin ogeeyyiin aadaa hedduun sa'attii yaalaniiri. Erga jabbiin garaatti duutee saani of dadhabdee dhaqxe.

"Maatiin oppireeshinii dhaanan baasa gaafan jedhuun, dhaggeeffachaa turanii otuma ilaaluu imimmaan gadi naqani. Duraan akkasitti na hin qunnamne. Ani wannan hin yaannen yaade, sa'aatii sanatti. Ishumti adda haa baatu malee rakkoo hin qabu macaakoo naan jedhu" kan jettu Pirofeesarri kun haalli maatii waan ishee jeeqeef akka maatiin iddoo sanaa deemsisuu himti.

Erga warri jajjabaane deemanii, "ijoolleenis ni boossi. Maal taatani, jennaan. Isheen [haati isaanii] boonyaani malee rakkoon hin jiru jedhani" jechuun mummu'amuun isaanii akka garaa nyaate kaasti.

"Ijoolleedhaan maaliif boosse jennaan, saani kun tokkittiidha. Kan mucaa keenyaati. Birrii guddaadhaan bitamte [sa'a faranjiiti]. Sa'attiin faabirkaa guddaa jechuudha. Maatiin tokko guutuun ittiin buluu, ittiin jiraachuu danda'a. Mucaan hin ilaalu jedhee badee jira. Yoo sa'attiin boqotte, mucaan waa na jalaa ta'a jettee sodaatteetu naan jedhani. Yeroo duraatiifan nahe" jechuunis miira itti dhaga'ame ibsiti.

Ta'us of tasgabbeessuudhaan, "garee kiyya wajjin oppireeshinii jalqabne. Fayyina sa'attii kanaa harka shantaman eega. Sababnisaa, jabbiin garaatti duutee jirti. Foolii godhattee jirti jabbiin. Bokoktee halkan tokkoo ol bultee jirti. Sa'attiin ammoo dhaabachuu hin dandeessu.

Sosocho'uu dhaabdee jirti. Bakka ciistutti haftee jirti. Kun mallattoo gaarii miti. Harka shantamayyuu yoon milkaa'e jedheetumani. Garuu filannoon hin jiru, sa'attiin adda bahuu qabdi. Qoricha goonuuf gooneefii oppireeshinii kana goone. Akka carraa gaafa fixnee kaanee tuttuqnu sa'attiin kaatee dhaabbatte.

Kana jechuun guutummaatti fayyite jechuu miti; garuu mallattoo gaariidha. Ani yoo xiqqaate nama sana keessatti sa'attiin achii naa ka'uutti mooraalii guddaa argadheen deeme" jechuun miira naasuu ishee gammachuutti jijjiire, imimmaan warraa qoorse yaadachiisti.

'Hamma ji'a tokkoo waanuma sa'a sanaan yaada'

Erga waldhaansa xumrtee deebitees, "hamma ji'a tokkoo waanuma sa'a sanaan yaada" jetti. "Ji'a tokkoo booda Namni wayii manakoo dhufee namni si barbaada naan jedhani. Nama lama wayiitu mi'a [mijuu] baatee jira naan jedhani.

Fuula isaanii hin beeku, ani irraanfadheera. Naaf hin galles. Seensisee ka'een, meeshaa irraa fuudhee lafuma godheen, nagaadha mitii maalidha jedheen, edaa [warra] sa'attii ani oppireeshinii hojjedheefidha.

Isaantu baaduu isaa fi cuukkoo [qopheeffatee] na ilaaluu dhufani. Erga waldhaansa gooteefii galtee fayyuuf fayyuu sa'a sanaa waan hin barreef keessishee sodaataa akka ture kan himtu ogeettiin kun gaafa waldhaantu "gadda guddaa kan natti dhageessise; gammachuun inni maatii tokko keessatti uume ammoo "milkaa'inan hin eegne" kan naa fide jechuun gammachuu isheetti dhagahame ibsiti.

'Eessa geessa kan siin jedhu baay'eetu jira'

"Dubartoonni hunduu qormaata keessa darbaniituma milkaa'u. Barnootumarraa kaasee qormaata guddaa keessa dabarti dubartiin. Gara qotee bulaatti yoo dhufte, qormaanni nuti keessa dabarre ammallee jira.

"Abbaan keenya kutaa shan barate. Isumayyuu erga nu horatee galgala kutaa shan baratee dhaabe. Haati keenya hin baranne" kan jettu Pirofeesarri maatii qotee bulaa keessaa baate kun, "yeroo keenyaa hawaasatu mi'aa barumsaa hin beekne.

Waa'ee barumsaa waan hin beekneef, tokko tokko waanuma argurraa, inaaffii otoo hin baratiin hafuu isaarraa, warra isaan bulchu irraa" arguun akka ijoollee isaanii barsiifatan kaasti.

"Namni barate gaariidha, ofii isaatii jireenya isaa mo'achuuf gaariidha, hawaasaaf gaariidha waanuma jedhaniif nu barsiisan" jetti.

"Hawaasa keessa butiin jira, irra dhaaba jedhu sa'aatiidhuma fedhan dhufanii sirra dhaabbatanii fudhatanii deemu. Maatii amansiisanii yoo ta'uu dide ni butamti jedhanii kan duubatti hambisan baay'eedha.

Gaafa kana keessa dabartee deemtemmoo kan dirqiidhaan fudhachuudhaa deemu jira. Kan mooraaliikee tuqu baay'eetu jira. Eessa geessa kan siin jedhu baay'eetu jira. Kan eessa geesse argite siin jedhu" jechuun hubannoo dogongoraa dubartoota barsiisuu irra ture ibsiti.

Hawaasani "waan hin beekneefidha. Yoo kufaatiin dhufe abbaan sun waan irraa baratu qaba. Kufaatii isaarraa abbaan waan baratu qaba. Hawaasni garuu hin beeku. Yoo kuftu akka boru ka'uun jiru hin beeku.

''Durattuu durattii kufaatiin dubartii ammoo ni iyya" jechuun dhiibbaa dubartootarra ture kaasti, itti aantuun pirezidaantii dhimmoota akkaadamikii Yunivarsiitii Amboo.

'Ani carra qabeettiidha'

"Garaa murattee, kaayyoodhaan ofumaa cichitee yoo itti deemte malee, isa boruu san ilaaltee hundasaa yoo dandamatte malee qormaata qaba" jechuun imala keessa dhufte yaadachiisti.

"Isa warri dhiiraa hojjetu hunda hojjennee kaanee waan dabalataa qabna mana keessatti. Hammuma barbaades otoo hirmaatee [dhiirri] ishee ta'uu hin danda'u. Wanna isheen [dubartiin] gootu kan inni hin goone baay'eetu jira.

Isa sana baatteetu dabalataan kan hojjettu. Hoggansi yoo irratti dabalamu, hojiin duraa jira, mana keessammoo haadha manummaa, haadha ijoollee ta'uutu jira. Barattees, Pirofeesariis taatee, kan hojii hin qabnes taate tajaajilli haati kennitu [bakka hin bu'amu].

Kana hunda walsimachiistee deemuun jabina barbaada jechuudha. Gatii isheen kaffaltu sa'aatii hirriba ishee, boqonnaa ishee irraati" jechuun jireenyi dubartootaa danqaa hedduu qabaachuu dubbatti.

"Ani amma hoggansarra kanan jiru yeroodhaafi" kan jettu pirofeesarri kun hojii baruuf barsiisuus, qorannaas walsimsiistee deemsisaa jiraachuu himti.

Hoggansi qormaata biraa qabaachuu kan kaastu Pirof. Bizunesh, "yoo carra qabeessa taate warri si waliin hogganan warra si hubatani. Ani carra qabeettiidha; warri na wajjin hojjetan na hubatu. Anumtis waanan ta'e hunda wantan dubartii ta'eefi jedhee itti hidhuu hin barbaadu" jetti dubartiin qormaata hedduu keessa dabartee milkoofte kun.

'Dubartiin jireenya ishee mo'achuudhaaf barumsi dirqamadha'

Dubartiin jireenya ishee mo'achuudhaaf barumsi dirqamadha. Waanuma ittiin qacaramanii hojjetaniif qofa miti. Beekumsi qarshiidhaaf qofa miti; jireenyumaafuu, fayyaaf ofiitiif, maatii ittiin jiraachisuudhaaf, nageenya ofiitiif, hawaasa wajjin jiraachuuf barumsi barbaachisaadha.

Jireenya isaanii isa egereetiif bakka jiranitti carraa kennameef fayyadamuu qabu. Yeroo keenya caala haala fooyya'aatu jira. Teknolojiin harkarra jira. Carraa harka isaaniirra jiru fayyadamuu qabu. Teknolojiin si ajjeesas, si kaasas.

Daandii borii isaanii bira geessu irratti xiyyeeffachuu qabu. Bilbilli harkaa barsiisaa guddaadha. [Teknolojiitti] fayyadamanii manatti illee of barsiisuu danda'u. Warri barumsarra jiran xiyyeeffannaadhaan baratanii jireenya isaanii mo'achuu qabu.

Yeroo baay'ee dubartii, dubartii jedhee kan lallabutu baay'ata. Hamma lallabamu wanni godhamu hin jiru. Hunda caala kan of gargaaru dubartiidha. [Hundaa'ol] garuu murtoon [dubartii] harka isheerra jira.

Mana ishee akkaataan itti bulchitu, abbaa manaa isheellee jijjiiruun harka isheerra jira. Barumsi kun kanaaf ishee fayyada" jechuun dubartoota sadarkaa gara garaarra jiran gorsiti.

'Akkamitti akka dhaabatu kan beeku, kan kufedha'

"Ijoolleen xiqqoon illee gahee qabdi. [Haati manaa] maatii hirmaachisuu qabdi. Yeroo qabdu [sirnaan] fayyadamuudha. Namni hunduu kan ofii malee kan nama biraa hin beeku. Ani kankoon beeka, kan biraas kan ofiishee beekti.

Kan nu caala rakkate garuu milkaa'e jira. Kan ilaaluu qabnu isadha. Kan kufanillee yoo jiraatan ka'uun jira. Akkamitti akka dhaabatu kan beeku, kan kufedha. Hin dandeessu [kan jedhu] itti iyyuu danda'a.

Dubartii waan taateef qofa otoo hin taane nama biraas yoo ta'e [qormaanni] jiraachuu danda'a" kan jettu Pirofeesarri kun, jabaatanii cichoominaan qormaata keessa akka darban dubartootaaf dhaamti.

"Namni tokko qofaatti waan hoogganu hin qabu. Kan hogganamu gareedhaani" kan jettu Pirofeesarri kun, hoggantuun beekumsa, muuxannoo fi yaadota gara garaa walitti fiduun qindeessuudhaan hojjechuu akka qabdus gorsiti.

Hoggansi yeroo baay'ee akka fudhatu kan kaastu itti aantuun pirezidaantii kun, yeroo dubartoonni hoggansarra jiran ofii isaaniif kennan hir'ataa waan deemuuf "of yaadachuun barbaachisaa" ta'uus dabaluun gorsiti.