Ministira Muummee odola xiqqoo waltajjiiwwan addunyaa raastu

Miyaa Amor Mootlii

Madda suuraa, Getty Images

Bara 2022'tti barruun Times namoota akka addunyaatti dhiibbaa uuman 100 keessatti maqaashee yeroo dhahu ''qaroo akka itti waa raasan beektu'' ittiin jedhe.

Miyaa Amoor Mootliin dubartii ministira mummee jalqabaa, Baarbeedoos- biyya odola Kaarebiyaanii uummata 281,630 qabduuti.

Bara 2018'tti paartiin isheen hoggantu Barbados Labour Party teessoo mana maree hunda mo'achuun biyyattii keessatti haala mul'atee hin beekneen paartii mormituu Democratic Labour Party injifate.

Miyaan paartii kanaaf dura teessuu tahuudhanis dubartii jalqabaati. Mo'ichasheen booda haasaa taasisteenis:

''Kun injifannoo koo miti. Kun injifannoo Paartii Leebarii miti. Kun injifannoo uummatta Barbeedoosi dha,'' jette.

Filannoo waliiglaa bara 2022'tti adeemsifameenis marsaa lammataaf mo'achuun ministira mummee biyyattii tahuun tajaajila jirti.

Miyaan siyaasa Baarbeedositti ifatti kan makamte bara 1991'tti yoo tahu bara 1994 Ministira Ministeera Barnootaa, Dargaggoo fi Aadaa taate.

Boodas Haadha Alangee Waliigalaa fi Ministira Mummee Itti Aantuu Baarbeedoos tahuun bara 2001 hanga 2008 gidduu tajaajilteetti. Sadarkaa aangoo lameen kana qabachuunis dubartii jalqabaati.

Miyaan seeraan yunivarsiitii London School of Economics digrii kan qabdu yoo tahu, manneen murtii Ingilaadiifi Weelsi keessatti abukaatummaa hojjetteetti.

Baarbeedoos biyyi odolaa jannata turistoota jedhamtuufi biyya dhalootaa weellistuu beekamtuu Rihaanaa bara 1966 ture gita bittaa Biriitish jalaa kan bilisa baate.

Haatahu malee, hamma bara 2021tti Giiftiin Elizaabeet Biriiteen pirezidantii biyyattii turte.

Ministira Mummee Miyaan heera biyyattii fooyyeessuun hidhata biyyattiin Bireeteen waliin qabdu addaan kutte.

Saandiraa Meesoon ogeetti seeraafi dippiloomatiin pireezidantii biyyattii tahuun muudamte.

MM Miyaan tarkaanfii fudhatte kana irratti yoo gaafatamtu ''kun gochaa biyya kamiyyuu faallessuu osoo hin dhimma of jaalachuuti,'' jechuun ibsite.

Waltajjiiwwan addunyaarratti

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Biyya uummata bal'aa ykn odola xiqqoo eessaayyuu haa dhufan namoonni nama kaanirraa addatti ol ba'anii mul'atan jiru jechuun Miyaa Mootlii ibsee baruulleen Time bara 2022tti.

''Ija jabaattuu, hayyuu fi dubbattee kan garaa ciibsituu, dhimmoota ijoo addunyaa hiyyummaa, liqaa fi jijjiirama haala qilleensaa irratti dhimmamaafi kennama guddaan haasofti,'' jedhe.

Dhimma jijjiirama haala qilleensaa irratti gaafa dubbattu humna uumamni abukaatoo akka dhaabatuuf ishee erge fakkaatti jedhuuni miidiyaaleen ishee leellisu.

Sagantaan Eegumsa Naannnoo Biyyoota Gamtoomanii (UNEP) bara 2021tti Miyaadhaan Shaampiyoonaa Dachee jechuun hoggansa imaammataa jijjiirama haala qilleensaarratti agarsiisteef ishee muudeera. Kunis kabaja olaanaa damee kanaan kennamu dha.

Isheen rakkoo jijjirama haala qilleensaan dhufu lolaa, obomboleettii hamaa, hongeefi kaan jijjiirama haala qilleensaa osoo hintaane ''balaa haala qilleensaa'' jechuun waamti.

Haqa jijjiirama haala qilleensaa, qaala'insa jireenyaa, daafii gabrummaan fide dhimmoota ejjennoodhaan irratti dubbattu keessaati.

Waltajjiiwwan ejjennoodhaan irratti dubbatte keessaa muraasni kunooti:

Hogganoonni addunyaa dhimma jijjiirama haala qilleensaarratti dur-buutummaan akka hojjetan gaafatte

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii kora jijjirama haala qilleensaa bara 2021 Iskootilaand, Gilaasgotti geggeesseen ho'a addunyaa yaaddessaa jiru hir'isuuf yeroo murteessaa ture.

Korri sun biyyooti Lixaa waadaa jijjiirama fiduuf seenan fiixaan baasuu dhabuusaaniin waltajjii itti qeeqamani dha.

Kunis jijjiirama haala qilleensaa waggaatti maallaqa doolaara biiliyoona 100 ramaduufi ho'i addunyaa digrii centigireedii 1.5 irratti akka turu gochuu dabalata ture, kunis 2020tti fiixaan baha jedhamee eegamus hin milkoofne ture.

Miyaan kora kanarratti haasaaf gara waltajjiitti yoo baatu dhimma jijjiirama haala qilleensaaf dubbachuufis tahe hojjechuuf durabuutummaan kan fudhatte fakkaatti.

''Uummanni keenya nu ilaalaa jira, qalbeeffachaa jira. Lubbuu baraaruuf, pilaaneetii keenya oolchuuf fedhii otoo hin agarsiisni, waadaa otoo hin seeniin kora kana keessaa bahuuf jirra. Boo'icha ilmaan namaa arguudhaaf iji nu jaamee? Garaan nu jabaatee,'' jechuun dubbatte.

Balaa jijjiirama qilleensaaf yeroo kallattii addaan ibsite

Kun kora Global Citizen NOW jedhamu bara 2022tti Niiw Yoorkitti qophaa'e ture.

Namooti beekamoo, qareeyyiifi murtoo imaammta irratti aangoo qabantu argamee ture.

Hoggantuun Baarbeedoos Miyaan kora kanarratti gaafa dubbattu:

''Pilaaneetii Maarsi irratti akkatti jiraatan ammallee hin beeknu, lafa kanarra qofa akkatti jiraatan beekna,'' jette.

''Dhaaboti gurguddoo boba'aa, geejibaa, baankii fi inshuraansii asuma lafa kanarra jiraatu. Bu'aa biiliyoonaan lakkaa'amu waggaa 10 fi 20'f qofa argachuusaaniirra annisaa haaromsaan maaliif bu'aa waggaa 100 hin arganne,'' jette.

Dhimma malaammaltummaa irratti

Gaazexeessituun TV Siwiidiin SVT Miyaadhaan biyyooti guddataa jiran maaliif ammallee liqaafi malaammaltummaan rakkatu jechuun gaafatte.

MM Miyaan kanaaf deebii gaafa kennitu, ''Yeroo hunda waa'ee biyyoota addunyaa gara Kibbaa jiran haasofnu himannaan jalqabaa isini fiddan malaammaltummaa dha.

Ameerikaa, UK fi Awurooppaan malaammaltummaa qabu garuu sababa kanaaf galma biyya isaaniif kaa'an fiixaan baasuu hin danda'an nama jedhu hin argitu,'' jetteen.

Miyaan dabaluunis dhibbaa sirni gita bittaa, madaala dhabuun diinagdee fi warraaqsi indaastirii biyyoota hin guddanne irrattiqaban ibiste.

''Babal'inni indaastirii dhiiga, dafqaa fi imimmaan keenyaan dagaage, deebisee balaa jijjiirama haala qilleensaa nutti fide, rakkoo kanaa ammas biyyoota shoora hin qabnetu miidhamaa jira. Kanaaf haamilee akkaan jijjiirama qilleensaaf gatii baasu na gaafatan hin jiru,'' jette.

Biriiteen gochaa garbummaaf akka dhiifama gaafattuufi beenyaa kaffaltu gaafatte

Sagantaa Good Morning Britain jedhu irrattii yeroo dhiyaatetti duguggaa sanyii uummata ganamaa biyyoota Kaarabiyaanii, gabrummaa lammiilee Afrikaa garba Atilaantiikiin raawwate - gochaa namni tokko isa kaan dhuunfataa tureef biyyooti Awurooppaa tokko tokko dhiifama gaafachuu irra waan darbe dalaguu qabu jette.

Akkas jechuunis ibsite, ''guddinaan boodatti hafuun Afrikaa, Kaarabiyaaniifi Laatin Ameerikaa ilmoo sirna gita bittaafi saamicha qabeenyaati. Biyyoota kunneen keessatti ammallee ilaalchi saamicha qabeenyaa waan jiruuf uummati daldala biyya keessaa ijaaru hin dandenye.''

Haasaashee gaafa xumurtus, biyyooti Awurooppaa kunneen ''barreefamaan dhiifama gaafachuu qabu. 'Balleessineerra, lammata kana hin raawwannu'. 'Waan murteessaan ammoo gochaa dalagneef beenyaa kennina.' Isa jedhan hojiirra oolchuun kanarraa jalqaba,'' jette.

Caqasa Macaafa Qulqulluu UN'tti

Miyaa Amor Mootlii

Madda suuraa, Getty Images

Kora Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii 79 irratti haasaa ministirri mummee Israa'el Beenjamiin Netaaniyaahuu Macaafa Qulqulluu eeruun waa'ee Israa'el dubbataniif deebii kennitee ture.

Netaaniyaahuun ''Macaafni Qulqulluun kitaaba Saanu'el keessatti, ...''barabaraan jiraachuun Israa'el hin raafamu'' jedha jedhan haasaa isaanii dheeraan booda.

Miyaan dabareenshee gahee yeroo haasaa taasiftu ''... Macaafuma Qulqulluu kana keessa Kakuu haaraa keessatti warri Roomaa ''Waaqni haaloo bahuun kan kooti,'' kan biyya kamiyyuu ykn nama kamiyyuu akka hin taane dubbata...'' jette.

Macaafni Qulqulluu ''yeroo nutti tolu kan eerru, yeroo nu hin deeggarre kan dhiisnu miti,'' jechuunis dubbatte.

Waltajjii dhuma kanarrtti Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii nagaa irratti of haaraomsee hojjechuu akka qabuufi waraanni Sudaan sababa 'sanyummaan' irraanfatame akka xiyyeeffannoo barbaadu himte.

Kora Gamtaa Afrikaa, Finfinnee

Kora Gamtaa Afrikaa 38ffaa Fifinneetti Guraandhala 15/2025 adeemsifame irratti haasaa tokkummaa Afrikaa 'jabeessu' taasisteetti.

Injifannoon Adwaa warraaqsa Paan Afrikaaniifi qabsoo gita bittaa irrattii taasifameef bu'uura tahuus eerteetti.

Dabaluunis biyyooti Kaarabiyaanii fi Afrikaa hidhata isaanii faayidaaloof jecha akka cimsan dhaamte.

Dhimma kanaaf tarkaanfii qabatamaa kennuurratti gaafa dubbattus, Afrikaafi biyyoota Kaarabiyaanii galaanaafi qilleensaan walitti hidhuuf riqichi barbaachisaa dha jette.

Lammiileen carraa waloo keenyarraa fayyadamuu qabu jechuun ''namoonni naannolee addunyaa gidduu bilisaan socho'uuf viizaadhaan danqamuu hin qaban,'' jechuun dubbatte.