DIKKOO: 'Kitaaba gola Arabaatti dhoksaan barreeffamee, dhoksaan eebbifamu'

Madda suuraa, Leelloo Abbaas
"Ani bakka kana ta'us ykn qaamni koo as jiraatus sammuun kiyya bakka kana akka hin jirrettin amana. Qaama kiyyatu as jiraatee ormaaf hojjeta malee, sammuun kiyya isaaniif hojjechaa hin jiru. Addunyaarran marmaara," barreessituu Leelloo Abbaas biyya Arabaatti mana namaa keessa hojjettu.
Namoonni kitaaba barreessan mana barumsaarraa, yunivarsiitiirraa, waajiraaleefi dhaabbata gara garaa keessa hojjetan ykn hoggananirraati, yookaan ammoo soorama bahanii muuxannoo jireenyaa barreessu. Kunis bakkaafi haala barreessuuf tolu keessa ta'aniiti. Yeroo baayyee kan baratame kana. Leelloon garuu Sa'ud Arabiyaa, gola mana namaa itti qacaramtee hojii manaa hojjettu keessa teessee dhoksaan kitaaba barreessiti.
Dubartoonni kuma dhibbootaan lakkaa'aman carraa hojiif gara biyyoota Arabaa, keessumaa Sa'ud Arabiyaa deeman hojii mana keessaatti bobba'an kitaaba barreessuufi bilisummaan of ibsachuu haa turuutii mirgi namoomaa isaaniillee akka hin eegamneef gabaasaaleen jaarmiyaalee mirgoota namoomaaf quuqaman baasan ni mul'isu.
Addatti ammoo warri akka Leelloo Abbaas karaa seeraan alaa Sa'ud Arabiyaa deemaniif mirgi mul'achuufi bakkaa bakkatti socho'uu daran rakkisaadha.
"Kitaaba barreessanii ifatti beeksisanii sagantaan eebisiifachuun haa hafuutii, bahanii qoricha mataa bitachuunillee rakkisaadha," jechuun namoota seeraan ala Sa'udii deemaniif hangam rakkisaa akka ta'u dubbatti.
Leelloon haala rakkisaa kana keessatti akkamiin kitaabota akka barreessitu, maaltuu akka ishee kakaaseefi qabiyyee kitaabotasheerratti BBC waliin turtii taasifteetti.
DIKKOO jechuun maali?
DIKKOO jedha. Mata-duree kitaaba Leelloo Abbaas barreessitedha.
Dikkoon weedduudha. Keessumattuu Oromiyaa bahaatti kan baratame yoo ta'u, dubartoonni yeroo midhaan dhakaatti daakaniifi mooyyeetti tuman Dikkoo weeddisaati jetti barreessituun kitaabichaa.
Akka Leelloon jettutti, Dikkoon weedduu dubartoonni quuqama keessa isaanii jiruufi miira garagaraa ittiin ibsatanidha.
Oromiyaa bahaatti yeroo midhaan gahee sassaabamu, keessumaa bishingaan yeroo tumamutti dhiironni Shoobdoo bifa mirrigaatiin ibsatu. Dubartoonni ammoo weedduu Dikkootiin ibsatu.
Weedduun Dikkoo ergaa dhaloota eenyummaa isaanii ittiin barsiisan qaba. Dikkoon gosa afoolaa dubartoonni filatan ta'uu kaasti.
Mata-duree kitaabashee walakkeessa Amajjii maxxansiistee Dikkoo sababiin jetteefis, akkuma weedduun kun dubartootaan weeddifamu, fuulleffannaan kitaabichaas dhimma dubarii ta'uu dubbatti Leelloon.

Madda suuraa, Leelloo Abbaas
Qabiyyeen kitaaba Leelloo maali?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qabiyyeen kitaaba kanaa waa'ee dubartootaati kan jettu Leelloon, "Heera uumaafi dubartii, seera Oromoofi dubartii, akkasumas Sirna Gadaa wajjin kan walqabatudha," jetti.
Gahumsa dubartoonni ijaarsa biyyaa keessatti qaban, walqixxummaa dhiiraafi dubaraa, mirgaafi dirqama dubartoonni biyya keessatti qaban, ijaarsa hawaasa tokkoo keessatti kan isaan qaban kan ifoomsudha akka isheen jettutti.
Seenaa dubartootaa muraasa fakkeenya ta'an kan of keessatti qabatu kitaabni Dikkoo jedhu kun, dubartoonni qabsoo siyaasaa, dinagdeefi ispoortiin, akkasumas aartiitiin gurra hortan keessatti ka'aniiru.
Wanti hawaasa keessatti argaa guddatte kitaaba kana barreessuuf ka'umsa akka isheef ta'es dubbatti.
"Ilaalcha hawaasni bifa mammaaksaatiin dubartoota mataa keessa gadi dhahu tokkotu jira. Dubartiin akka haawaasa keessatti gahee omaa hin qabneetti gadi dhahamti. Dubartiidhaaf bakka gadi aanaatu kennamaaf."
Ilaalchi hawaasni dubartiidhaaf qabu dubartoonni itti gaafatamummaa isaanii dagatanii akka duuba deebiyan taasisera jetti.
"Yeroo isheen bakka tokko keessatti mul'achuuf kaatu karaa saalasheetiin gadi qabuu; hanga dubartiin barattee eessayyu hin geessu ykn barattee hin fayyaddu jedhamutti gadi qabamu."
Leelloon eenyu?
Leelloo abbaas jedhamti. Haragee Lixaa, Galamsootti dhalattee guddatte. Ijoollee maatiin ishee qabaniif lamafffaadha. Leelloon amma Sa'ud Arabiyaa magaalaa Jiddaa jirti.
Erga gara Sa'ud Arabiyaa deemtee wagga afur ta'uu kan dubbattu Leelloon, hojjettuu mana namaa taatee hojjechuun alatti yeroo boqonnaa qabdu dubbisuufi barreessuurratti akka dabarsitu dubbatti.
Hojii mana namaatti ko'oommachuufi haalli mijachuu dhabuun jiraatus, fedhiin dubbisuufi barreessuu ijoollummaarraa kaastee qabdu, haala rakkisaa keessa jirtuun mo'amee keessasheetti akka hafuu hin dandeenyes himti.
"Ulfaatinni haalaa wanti na keessa jiru ni caala waan ta'eef danquu hin dandeenye. Bu'aa ba'ii hedduu osooma inni qabuu mul'ata keessa kiyya jiru waan ta'eef [barreesseen] bakka kanaan gahe."
Barnoota hanga sadarkaa lamaffatti naannooma dhalattetti kan barattee Leelloon, booda carraa hojii barbaachaaf gara biyya Arabaa deemuu dubbatti.
"Yeroo baayyee fedhii dubbisuu waanan qabuuf osooman mana namaa keessa hojjedhuu saatii boqonaa xiqqoon qabu dubbisuurrattin dabarsa. Kitaabota asoosamaa, xiin-samuufi kaan dubbisuurrattin yeroo kiyya dabarsa.
Yeroo barattuu turte daandiirra gaazexaa gara garaa fudhattee dubbisaa deemuu akka jaallattu kan yaadattu Leelloon, fedhiin dubbisuu kun ganamumarraa akka keessashee jiru kaasti.
"Fedhiin barressuu kunis akka na keessa jiru achirraan barataa dhufe. Barreeffama gaggabaaboo bifa asoosamaatiin barreesseen karaa miidiyaa hawaasaatiin gadhisaan ture."
Wanti isheen miidiyaa hawaasaarratti barreessitu namootaan hedduu jaallatamaa dhufuu kan hubdatte Leelloon, kun ammoo kaka'umsa akka isheef ta'ee gara kitaaba bareessuutti akka guddistu taasisuu ibsiti.
"Wantotan miidiyaa hawaasaarratti babarreessu namoonni argan akkan gara kitaabaatti guddisee barreessuuf na gaafachaafi na jajjabeessaa turan.
Namoonni ogummaa barreessuu qabanis ilaalanii akka hanga kitaabaatti deemuu danda'u dhama qabaachuu naaf dhaamuu jalqaban."
Osoo kitaaba Dikkoo amma maxxansite kana hin baasiin dura asoosama barreessitee of harkaa akka qabdus dubbatti.
Asoosama barreessitee harkaa qabdu kanas ogeessota asoosama gamaggamanitti kennitee iaalanii akkaan jaallatamaa ta'uu itti himuu kaasti Leelloon.
Biyyoota Arabaa jiran keessaa addatti Sa'ud Arabiyaan sarbama mirgoota namoomaatiin, keessumaa ammoo lammilee Itoophiyaarraa dhufan miidhaa baayyee irraan geessi kan jettu Leelloon, karaa seeraan alaa waan biyya sana deemteef ofitti amanamummaadhaan wanta akkasii beeksisee hojjechuu haa turuu yoo mataa dhukkubsattellee baatee qoricha bitachuudhaaf haalaan rakkisaadha jetti.
"Ani bakka akkasii keessan jira. Haata'u malee, mana namaa keessa jiraadhee bakkuma hojii kiyyaatti kanan barreesse eebbi kitaaba kanaa dhoksaadhaan asuma keessatti kan qophaa'amaa jiru. Akkuma wantota gara garaa dhoksaadhaan raawwannu sana goona malee ifa baasuu hin dandeenyu biyya kana keessatti."
Haata'u malee, "anis biyya kanatti hin hafu guyyaa tokko nan gala" kan jettu Leelloon, hanga ofiin galtutti garuu kitaabashee biyyatti ergitee akka maxxanfamuuf jiru himti.

Madda suuraa, Leelloo Abbaas
Ergaa qola kitaaba Dikkoo
Qola kitaaba Leelloorra fakkiin jiru yeroo dubartiin tokko daa'ima dugdatti baattee balbala mana citaa tokko duratti sa'aatii gara galgalaa biiftuun dhihaa jirtutti daakaa jirtu agarsiisa.
Suura kana akka ofumaan filatte kan kaastu barreessituun kun, jecha 'DIKKOO' jedhu mata-duree kitaabichaa ta'e waaliin akka wal qabatu himti.
Dikkoon yeroo hedduu kan weeddifamu dhiha aduurra gara galgalaati. Dubartiin waan ganama cireerraa kaasee nyaatamu galgala daaktee qopheessiti.
Daa'immanis guyyaa taphachaa oolanii gara galgalaa sana ni beela'u, ni dadhabu. Kanaaf, haati soorata boriif ta'u daa'ima dadhabaa oole dugdatti baattee Diikkoo weeddisaa daakti.
Qabiyyeen weedduu sunis kan daa'imman waa'ee abbbaasaanii, gosa isaaniifi eenyummaa isaanii ittiin barsiistudha. Kanaaf, daa'imman weedduu sana dhaggeeffatanii barachaa ittiinis rafan qaba.
Weeddisaa daakuun kun daa'ima ittiin uruursuufi eenyummaa isaanii barsiisuu, dubartiif ammoo yeroo daaktutti akka humna godhattuuf kan gargaaarudha.
Walumaagalattii, suurri qola kitaabichaa haati daa'ima dugdatti baattee daaktu bahaafi ko'uma dacha meeqa dubartiirra jirus kan agarsiisudha.
Dubartiin si'a takkaatti waan hedduun ko'oommachuu; daa'ima baachuu, daakuu, daa'ima eenymmaa barsiisuushee agarsiisa.
Siintolee
Qabiyyee kitaaba asoosamaa ogessaan ilaalamee maxxanfamuuf qophaa'es dimmuma dubartootaa of keessaa qaba. Garuu addatti miidhaa dubartootaa bifa asoosamaatiin kan ergaa dabarsudha jetti.
Mata-dureen kitaaba asoosamaa ishee kun 'SIINTOLEE' jedha.
"Dubartootarraa hin bu'u wa'een kiyya…," jechaa kokkolfaa, Siintoleen taatoo asoosamicha keessa jiran keessaa mirga dubartootaaf kan baayyee dhabbattu taatee qooda fudhatti jetti Leelloon.
Kitaabni kunis bifa asoosamaan miidhaa dubartootarra gahuu kan seenessu ta'uu ibsiti.
Asoosamni kun deessiftuun aadaa dubartota deessisuu keessatti warra ogeessota baratan akka caalan fakkkeessanii hawaasa keessatti kan dhiyeesssan morma. "Keessumaa, hawaasa naannoo ani keessatti dhaladhe keessatti dubartiin deessiftuu aadaan mana keessatti dahuuti tajaajila ogeessota fayyaa baratanii akka caalutti dogoggoraan hubachuuti mul'ata."
Dubartiin yeroo ulfoofturraa kaasee akka isheen mana yaalaatti hordoffii taasiftu hin hayyamaniif. Akka barreessituun kun jettuttti, yeroo ciniisuun qabus manni yaalaa akka ciraa qama dubartii miidhuutti hubatanii mala aadaa qofaan akka deessu jajjabeessu. Kun ammoo hubannoo dhabuu ykn dogoggoradha.
Kun ammoo ogeessa fayyaarraa argachuu qabdu osoo hin argatiin lubbuun dubartii darbu baayyeetu jira.
Gara biraatiin ammoo, dubartii ijoollummaatiin adamsanii gara gaa'elaatti galchuu, yeroo silaa barachuufi hubachuu qabdutti achirraa danqamtee karaatti hafti.
Kanaaf, Siintoleen intala wanta akkasii mormitee osoo dhiibbaan itti wal furuu isa qolattee barattee bakka guddaa gahuu akka dandeessu mirkaneessitudha.
Hawwii fi karoora gara fuulduuraa
Shamarran hedduun kuma dhibbaan lakkaa'aman carraa hojii argachuufi jireenya isaanii jijjiirrachuuf karaa seeraan alaa dabalatee imala lubbuu gaafatuun gara biyyoota Arabaatti godaanu.
Garuu haala sana keessatti waa dubbisuufi barreessuun waan baratame miti. Leelloon garuu haala akkasii kana keessatti dubbisuufi barreessuun carraaqqii qabatamaa taasifti. Maaltu sirraa baraatama jechuun BBCn gaaffii gaafate.
Yeroo baayyee ijoollee as gara biyya Arabaatti deeman kana maqaaleen baayyee ittiin waamaman qabu. Fakkeenyaaf, dubartiin erga biyyaa baatee maqaa maatiifi biyyaa xiqqeessuu qofarratti bobbaati jechuun xiinsamuu isaaniirratti dhiibbaa uumu jetti.
Dubatoonni jireenya jijjiirrachuuf biyaa baatee biyyoota Araba keessatti gola namaatti aarsaa kaffaltu yoo xiqqaatee maqaa gaariillee hin qaban kan jettu Leelloon, kun yeroo baayyee 'na xiiqessa' jetti.
Karaa sammuutiinillee akka isheen waan tokkollee gochuu hin dandeenyettis yaadu jetti.
Gumaacha hawaasaafi biyyaa keessatti kan dubartoota biyya Arabaa keessa jiran caalu hin jiru, garuu akkasillee ta'ee maqaa gaarii caalaa maqaa hamaadha qabu.
"Ani bakka kana taa'ee ykn qaamni koo as jiraatus sammuun kiyya bakka kana akka hin jirrettin amana. Addunyaarran marmaara. Qaama kiyyatu as jiraatee ormaaf hojjeta malee, sammuun kiyya isaaniif hojjechaa hin jiru. Kanaaf, sammuun keenya bakka kanan hin madaalamu.
"Hojii gaariis hojjechuu akka dandeenyu, xiiqii qabaatanii isaanis of yaadatanii of danda'anii hojii sammuus hojjechuu akka danda'an yaadachiisuun barbaada'' jetti.
Kanaaf, ''shammarran keenya kanneen mana namaa keessa jiraatan, bakka sana kan jiru qaamasaaniiti malee sammuusaanii miti. Akkasitti yoo yaadan waan isaan keessa jiru baasanii hojjechuu danda'u, haalonni isaan daangeessuu danda'an hin jiran."
Leelloon ogubbarruu keessatti qooda fudhachaa jirtu kana caalaa bifa barnootaafi saayinsawaatiin itti fuftee beekamuu akka barbaaddu himti.
Akkasumas, asoosama amma bareessaa jirtu gara fiilmiitti jijjiirrun aartii Oromoo keessatti dubartii beekamtu tokko ta'uu hawwii akka qabdu dubbatti.

Odeessa akkanaa biroof BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












