Jeneraalli waraanaa duraanii Tiraampiin jaallataman Pirezidaant Abdel Fattah Elsisi eenyu?

Pirezidaantiin Masrii Abdel Fattah Elsisi eenyu?

Madda suuraa, Getty Images

Namoota addunyaarratti dhageetti qabanifi mootummaa abbaa irreeti kanneen jedhaman keessa tokko kan ta'an Pirezidaantiin Masrii Abdel Fattah Elsisi maaliin beekamu?

Jeneraala waraanaa yeroo turetti hogganaa aangoo guddaatti isaan fide fonqolchuun pireezidaantii aangoo humnaan qabachuun waggoota 12 ta'uuf Masrii bulchaa jiraniidha.

Dhimmootni falmisiisoon pirezdaantichi ittin beekaman hedduudha.

Atakaroo Masrii fi Itoophiyaan waggoota kurna darbe taasisaan keessatti nama adda durummaan maqaan isaa ka'uudha.

Keessumaa dhimma hidha haaromsaa guddichaa Itoophiyaa irratti takka dhaadannoo takkammoo dubbii araara fakkaatu dubbachuun ijjannoo hin qabamne calaqqisisuun beekamu.

Ijjannoo Pireezdaantichaa irratti hundaa'unis muddamni biyyota lamaanii takka qabbanaa'aa takkammoo barbadaa ibiddaa ta'a.

Harka tokkoon gaanfa Afrikaa harka tokkoon ammoo baha giddu galeessaa to'achuuf carraaqqiin biyyattiin taasiftuun Pirezdaantichi nama dippiloomaasii naannawa kanaa qajeelchu ta'e akka filatamuu ija biyyoota dhiyaa dura jira.

Garuu erga waldhabdeen baha giddu galaa hammatee madaalli murteessummaa biyyattii gadi xiqqaatera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ta'us Pirezdaantichi kanneen addunyaa irratti dhageetti qaban hoggantoota Afrikaa cimoo jedhaman keessaaa maqaan isaanii jalqabatti eerama.

Mee seenaa pireezantii ta'uu isaanin dura jiru muraasa haa ilaalu.

Magaalaa durii naannawa Kaayirootti argamtu kan hambaa durii turistootnii hedduun dawwachuuf achi yaa'aan 'Gamaleya' jedhamutti Sadaasa 9, 1954tti dhalate

Ijoollee 14 abban isaa horatan keessaa kan 2ffaa irratti dhalatanidha.

Maatiin isaa suuqii meeshaalee hojii harkaa naannawaa turistootni daawwatan kanatti waan gurguraniif galii fooyyee achirraa argatu ture.

Kanaaf, namni Siisiin sadarka amma irra jiru ga'a jedhee tilmaame jiraachuu baatus, akka ijoollee dureessatti qananii fi naamusaan guddate.

Yeroo hiriyootni isaa kubbaa taphatan ykn tamboo aarsaan inni quraana qar'aa fi ispoortii ulfaatina kaasuu hojjachuu jaalata ture.

Akkuma barnootasaa sadarkaa 2ffaa xumureenis gara leenjii loltummaatti qajeele.

Bara 1977 yeroo umuriin isaa naannawa waggaa 23 ta'us akkaadaamii waraanaa Masrii irraa digrii tokkoffaan leenjii loltummaa xumuree eebbifamee.

Achiin booda, garee waraana lafoo fi hidhannoo gurguddoo keessatti hirmaachuun tajaajilaa ture.

Bara bulchiinsa Pirezidaantii Hosnii Mubaarak Sa'uudii Arabiyaa Riyaad keessatti hariiroo waraana Masrii fi Saa'udii cimsuuf kanneen ergama adda fudhatanii achitti hojjatan keessas tokko ture

Erga achii deebi'ees qondaala waraanaa naamusaa fi yaada amansiisaa qabu jedhamuun sadarkaa birgeedii fi hoggansa waraanaa adda adda keessatti filatamuu jalqabe.

Bara 1987tti Kolleejjii waraanaa Masrii irraa Saayinsii Waraanaatiin digirii lammaffaan, Kolleejjii ajajaa waraanaa UK irraas leenjii tooftaa waraanaan eebbifame.

Bara 2006ttis kolleejjii waraana olaanaa Amerikaarraa dabalatee sadarkaa adda addatti barnoota fi leenjii waraanaa fudhachuun ga'oome.

Masriin bara1990tti Ameerikaan durfamu kan, Iraaq Saadaam Huseen jalaa bilisa baasuuf kaayyeffatetti makamuun Ameerikaa waliin walitti dhufeenya cimsatte turte.

Yeroo sana jechuun bara 1991tti, qaama garee loltoota Masrii haleellaa lafoo irraatti hirmachuuf gara Iraq imalan keessa Alsisin tokko akka ture ragaawwaan tokko tokko kan ibsan.

Loltoota faallaa Raashiyaa hiriiruuf Ameerikaatti leenjii addaa fudhatan keessas isa tokko waan ta'eef hoggansa basaasaa keessattis qooda qaba.

Kanaaf bara kuma lama booda El-Sisiin dhaabbata waraanaa Masrii keessatti qondaaltota maqaa gaarii horatan keessa tokko ta'uu danda'e. Gara sadarkaa Jeneralummattis guddate.

Bara 2010tti bakka murteessaa hoggansa basaasasa, siyaasaa fi aangoo amma irra jiruuf isa gargaare daarektara odeeffannoo fi basaasaa waraanaa ta'uun muudame.

Bara 2011tti gochi Masrii keessatti baratamaa ta'e tokko akka hafu murteesse. Innis 'qorannoo durbummaa' hidhamtootni dubartootaa irratti raawwatamu guyya sanarraa kaasee akka haqamu taasise.

Mana hidhaa Masrii keessatti qorannoon durbummaa dabalatee qorannoowwaan adda addaa kan taasifamu yoo ta'u, kun hafuun isaa gudeeddii loltootaan dubartoota irra ga'u hambisuuf ta'uu Elsiisin falmuun haqsiisera.

Kanumaan Amajjii bara 2011 keessa bulchiinsa pirezidaanti duraanii biyyatti Hosnii Mubaaraak kan waggoota kurnan sadii oliif biyyatti bulche akka irra ka'uuf mormiin ummataa dhoohe.

Hosnii Mubarak fincila ummataan aangorraa kaafamanii Pirezidaantii siiviilii Masrii jalqabaa filannoo taasisuun Mohamed Morsi 2012–2013 aangoo qabatan.

Hoggansa basaasaa irra gara Pireezdaantitti

Mohammeed Morsii fi Elsisii

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Mohammeed Morsii fi Elsisii

Hagayya 2012 keessa Morsiin, amanamummaa humni waraanaa mootummaaf qabu mirkaneessuuf jecha, hogganaa waraanaa waggoota 20f aangorra ture kaasuun Jeneraal Abdul Fattaa Elsisiin bakka buuse.

Guddinni sadarkaa darektaraa irraa al tokkon ajajaa Olaanaa Raayyaa Ittisa biyyaa gochuun muuduu biyyatti keessatti ta'ee kan hin beekne ture.

Jeneraalli yeroo sanatti ganna 57 Abdula Fattah Elsiisiis nama umurii xiqqaan aangoo guddaa kanatti dhufes jedhame.

Kana kan taasise ammoo hogganaa isaa itti dhiyoo Mohaammad Mursii kan baatii Waxabajjii bara sanaa filannoon aangoo qabateedha.

Biyyattii keessatti mootummaan haaraan filamus rakkoo dinagdee, qoqqoodinsa siyaasaa fi diddaancimee itti fufe.

Bara 2013 mormiin Morsi irratti ka'u guddachaa yeroo dhufetti Elsisiin nama ijoo Pireezdaantummaaf eegaman keessaa tokko ta'ee dhiyaate.

Baatii Adoolessa 3, 2013, TV irratti dhiyaachuun, barri bulchiinsa Moorsii xumuramuu fi aangoo irraa fonqolchamuu isaa ibse.

Mormiin ummataa akka tasgabbaa'uu fi egeree siyaasaa biyyatti qajeelchuu akkasumas aangoon bulchiinsa siiviliitti akka dabarfamuuf filaannoon akka gaggeefamu waadaa gale.

Akkuma waadaa gale Caamsaa 2014 filannoo biyyaalessaa gaggeefame.

Garuu dorgomaan jalqabaa isuma mataa isaa ta'ee dhiyaate. Sagalee harka 97% argachuun ifatti pirezidaantii Masrii jechuun of labse.

Ergasiis Bitootessa 2018tti akkasumas Mudde 2023 filannoo adeemsifame irratti marsaa sadiif injifachuun waggoota 12 ta'uuf Masrii bulcheera.

Mootummaa Abba Irree

Elsiisiin filannoo marsaa 3f injifate

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Abdul Fattaa Elsiisiin filannoo biyyatti marsaa 3 walitti aansuun injifateera.

Jeneraalli basaasaa duraanii fi Pireezidantiin Masrii amma kun,mormii ummataa bulchiinsa isaanii irratti ka'u, keessumaa deeggartoota garee 'muslim brotherhood' dhibbaan lakkaa'aman irratti murtii du'aa dabarseera jechuun qeeqama.

Inumaa abbaan irrummaan isaa pirezidaantii duraanii du'aan boqotan Hosnii Mubaarak kan waggoota kurnan sadiif humna waranan biyyatti bulchaa turan caala hammataadha jedhu qeeqxootni.

Dhiittaan mirga namoomaa mootummaa isaa jalatti raawwatames himata yeroo hedduu garee mirga namoomaaf falmaniin irratti dhiyaatudha.

Garuu biyyatti waraanaan raafamaa turtee deebisanii tasgabbeessuu fi dinagdee biyyatti bayyanachiisuun pireezdaantota Afrikaa humna guddaa qaban jechuun kan jajanis jiru.

Biyyoota akka Ameerikaa fi Chaayinaa akkasumas biyyoota Arabaa Galoo Galaanaa jedhaman waliin hariiroo cimsachuun doolarri biliyoonaan lakkaa'amu gara Masriitti akka yaa'u nama shoora guddaa qabuudha.

Ameerikaan waggaa waggaan doolara heddu gargaarsa waraanaa Masriif dhiyeessiti.

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp wayita waa'ee El- Siisii dubbatan ​​''abbaa irree ani jaalladhu'' jechuun isa jaju.

Tiraamp baatii lama dura wayita waligalteen waraana dhaabuu Gaazaa taasifamu Masrii dhaquun pirezdaanticha waliin waa'ee naannawa galaana diimaa fi egeree baha giddu galeessa irratti waliin mari'ataniiru.

Kanaaf naanawa galaana Diimaa akkasumas baha giddu galeessaa keessatti olantummaan Masrii akka jiraatu fedhiin Ameerikaa akka jiru ifa.

Morkattu ishee gaanfa Afrikaa kan taate Itoophiyaan olaaantummaa kana akka irraa hin fudhanneef yeroo hundaa dura dhaabbatti.

Kana milkeessuuf biyyota Itoophiyaa wajjiin wal dhabdee qaban walitti qabuu fi leenjisuun akkasumas deeggarsa gochuun Itoophiyaa waliin atakaroo yeroo dheeraa qabu.

Atakaroo Itoophiyaa

MM Abiy Ahimed fi Elsisi

Madda suuraa, Reuters

Itoophiyaa fi Masriin dhimma laga Abbayaa irratti waggotta dheeraaf waliif masaanuudha

Yeroo Abdel Fattah El-Sisi bara 2014 pirezidaantii Masrii ta'u dhimmi waldhibee Itoophiyaa fi Masrii qormaata Alsissi isa guddaa ture.

Itoophiyaan bara mormii cimaan Masrii keessatti deemaa ture 2011tti ijaarsa hidha haaromsaa eegalte.

Sababa ijaarsa hidhichaan waldhabdee Itoophiyaa fi Masrii kan duriirra jabaachuun gara wal gaarreffannaa fi walitti dhaadachuutti ce'e.

Kanaaf hojiin Siisii akka duraanii dhimma nageenyaa qofa utuu hin taane dhimmi nageenya bishaanii, anniisaa, guddina dinagdee fi dippilomaasii cimaan irratti kufe.

Garuu biyya mormiin ummataa waggootaf keessa ture kana gara tasgabbitti fiduufi Itoophiyaa waliinis wal dhabdee caalaa waligalteen dubbii fixachuuf dhibbaa dippilomaasii cimaa taasisuu filatan

Mirga Itoophiyaan misoomuuf qabdu ifatti kan beekan ta'us, dantaa masrii miidha ijjannoo jedhuu qabachuun himata heddu dhiyeessan.

Bara 2015ttis biyyootni sadii, Itoophiyaa Masrii fi Sudaan waligaltee dhiimaa Hidhi Abbayyaa miidhaa biyyoota kanneen irratti qabsiisuu hin dandeenye irratti waligaltee taasisan.

Deeggartootni isaa Masrii waggootaaf mariin ala turte gara maritti deebisee jechuun yoo isa jajan qeeqxootni isaa immoo waligaltee hojirra ooluu hin dandeenye mallatteessuun hidhichaaf beekamtii kenne jechuunisa qeeqan.

Ijaarsi hidha hidhaachaa xumuramulle dhiibbaa fi himannii akkasumas dhaadannaan Alsiisin Itophiyaa irratti dhageessisan ammallee hin dhaabbanne.

Akkasumallee diinota Itoophiyaa wajjiin waligaltee adda addaa taasisuurraas duubatti hin jenne. Hidhichi xumuramus halli gidduu biyyota lamanii hin xumuramin jira.

Walumaa galatti sochii siyaasaa fi ji'oopolotiksii naannawa kana jiruufi dippilomaasii cimaa biyyoota addunyaa irraa humna qaban waliin qabaniin Pirezdaantichi maqaa gaarii horataniiru. Garuu kanneen kufaatii mootumma isaanii qeeqanis akkuma jirutti ta'ee jechuudha.

Barruun Forbes jedhamu pireezdaantota Afrikaa humna guddaa qaban keessatti akkasumallee namoota addunyaarraa dhiibbaa guddaa uumaan jechuun yeroo adda addaa maqaa Pireezdaantii Masrii AbdulFattaa Elsiisi baasa.