Masriin Itoophiyaa waliin rakkoo hin qabdu, waliigaltee qofa barbaaddi - Al-Siisii

Pirezedantiin Masrii Abdul Fattaa Al-Siisii fi MM Itoophiyaa Abiy Ahimad

Madda suuraa, AFP via Getty Images/ Office of the Prime Minister-Ethiopia

Pirezidantiin Masrii Abdul Fattaa Al-Siisii Masriin Hidha Haaromsa Itoophiyaa ilaalchisee Itoophiyaa waliin waliigaltee seeraa dirqisiisurra gahuun kan darbe ''rakkina biraa hin qabdu'' jedhan.

Pirezidantichi kana kan dubbatan walgahii ministeerota lammaffaa yaa'ii Tumsa Raashiyaa fi Afriikaa Kaayirootti ta'aamurratti namoota biyyoota Afrikaa garaa garaarraa dhufan waliin yeroo mariyatan kana dubbachuu miidiyaan mootummaatti hidhata qabu Al-Ahram gabaaseera.

Al-Sisiin akkas jedhan ''Masriin Itoophiyaa waliin ''rakkina biraa hin qabdu, garuu mirgi laga Abbayyaarratti qabdu akka jalaa hin tuqamne mirkaneessuu qofa; kanaaf waliigaltee seeraa dirqisiisurra akka ga'amuu barbaanna,'' jechuun ejjennoo biyyi isaanii hidha Haaromsaa Itiyoophiyaan ijaartee, hojii eegalalchifterratti qaban dubbatan.

Torban muraasa dura Ministirri Dhimma Alaa Masrii Badir Abdellatii, biyyi isaanii Itoophiyaa waliin marii dabalataa akka hin barbaanne, marii waggoota 13 Itoophiyaa waliin gaggeessite bu'aa akka hin argamsiisne, akkasuma akkaata seera addunyaatiin mirga keenya kabachiifanna jechuun BBC'tti himanii turan.

Hidhi Haaromsaa waggoota kudha afur ijaaramaa ture keessatti mariin Itoophiyaa, Masrii, fi Sudaan gidduutti irra deddeebiin addaan citee deebi'ee taa'amaa ture.

Biyyonni fi dhaabbileen garaa garaa biyyoota kana waliin marisiisaa turan.

Masriin guutinsaa fi bulchiinsa itti fufiinsaan hidhichaa bulchuun akkaata danda'amurratti Itoophiyaanwaliigaltee seeraan dirqamsiisaa ta'e akka mallatteessitu gaafate turte, Itoophiyaan ammoo fudhachuu didde.

Masriin qooda bishaan Abbayyaarraa argachuu barbaaddu seena keessattin akkaata waliigaltee bara kolaniitti akka ta'u feeti.

Itoophiyaan waligalteen sun haqa-qabeesaa kan hin taane fi Itoophiyaan qooda kesssatti kan hin qabneef waan ta'eef 'hin fudhadhu jette.

Al-Siisiin qondaalota biyyyoota Afrikaa garaa garaa waliin mariyatan

Madda suuraa, presidency.eg

Ibsa waa'ee suuraa, Al-Siisiin qondaalota biyyyoota Afrikaa garaa garaa waliin mariyatan

Lagni Abbayyaa bishaan dhibbantaa 85 ol Itoophiyaa madda, bishaan laga kanaa harka caalu kan fayyadamtu Masriin hidhi Haaromsa Itoophiyaa keessatti ijaarame madda bishaanii na jalaa hir'isa jettee yaaddofti.

Waliigalteen bara koloneeffannaa 1959 mallattaa'ee masriin bishaan laga kanaa keessaa harka caalu akka itti gargaaramtu kan kennuuf ta'uun eeruun, Masriin bishaan laga kanaa qofatti fayyadamuu barbaaddi jechuun Itoophiyaan haalli kun akka jijjiiramuu falmaa turte.

Itoophiyaan itti fayyadama laga Abbayyaa haala haqa qabeessaa fi madaalawaa ta'een qooda ishee mirkaneessun waliigaltee irra ga'uuf kutannoo akka qabdu, akkasumas Hidhi Haaromsaa nageenya bishaanii Masrii balaadhaaf akka hin saaxillee irra deddeebitee ibsiteetti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirezedant Al-Sisiin Sambata darbe bakka bu'oota biyyoota Afrikaa waliin walga'ii taa'anirratti, imaammanni Masrii dhimma keessoo biyyoota biroo keessa seenuu dhiisuu fi tasgabbii dhabiinsa hambisurratti qabdu jabaa ta'uu waajjirrisaanii ibse.

Ministeerri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa ibsa cimaa dhiheenya kana kenneen Masriin gaanfa Afrikaa tasgabbii dhabsiisuuf yaalaa jirti jechuun himate. Xiyyeeffannaan Masrii inni guddaan Itiyoophiyaa ta'uu fi naannicha guutuu tasgabbii dhabsiisuu akka barbaaddu ibse.

Dabalataanis yeroo dhiyoo asitti gareewwan hidhattootaa kutaalee IItooophiyaa gara garaa keessa socho'an meeshaa waraanaatiin Masriin akka deeggartu jechuun gabaasa miidiyaa mootummaa Itoophiyaa fi mariirratti irra deddeebiin dhiyaataa ture.

Pirezedant Al-Siisiin biyyi isaanii Itiyoophiyaa waliin garaagarummaa qabaatus, waldhabdeen marii fi furmaata siyaasaatiin furamu qabu jechuun "Masriin yoomiyyuu Itoophiyaa doorsiftee hin beektu" jechuun dubbatan.

Haata'u malee, Pirezedantichi, Ministirri Dhimma Alaa, fi qondaaltonni olaanoo Masrii biroo yeroo adda addaatti Hidha Haaromsaa hordofuun dantaa biyya isaanii fi nageenya bishaanii eeguuf tarkaanfii barbaachisaa ta'e hunda akka fudhatan irra deddeebiin ibsanii turan.

Ibsa qondaaltota Masrii kana hordofuun Ministeerri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa, Masriin marii caala "waldhabdee babal'isuuf dubbii barbaadaa jirti" jechuun, hawaasni addunyaa tarkaanfii kana akka balaaleffatu gaafateera.

Masriin Hidha Haaromsa Itoophiyaa nageenya bishaanii fi dantaa biyyaalessaa isheef balaa ta'a jetturratti Itoophiyaa waliin waliigaltee seeraa fi dirqisiisaa ta'eerra akka gahamu barbaaddi.

Haata'u malee, Itoophiyaan waliigaltee akkanaa walabummaa fi dantaa biyyattii balaadhaaf kan saaxilu ta'uu eeruun didaa turte.