'Sochii Masiriin Gaanfa Afrikaa keessatti gochaa jirtu na hin jilbeenfachiisu' - Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaan sochii Masriin Gaanfa Afrikaatti 'biyyoota laafoofi dadhaboo uumuuf' gochaa jirti jette akka dhaabduuf gaafatte.
Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa baaseen, Masriin biyyoota Gaanfa Afrikaa jeequuf sosso'aa jirti jechuun himateera.
Dubbiin Itoophiyaa kuni kan dhagahame erga Ministirri Dhimma Alaa Masrii Dr Badir Abdallaatii, dhimma Hidha Abbayyaarratti si'achi Itoophiyaa waliin hin mari'annu erga jedhan boodadha.
Sagantaa BBC Focus on Africa jedhamutti kan dubbatan aangawaan Masrii, ''waggaa 13 yaallee milkaa'uu hin dandeenye'' jedhan.
Abdellaatiin mariin gaggeessaa turre homaa bu'aa tokkorra gahuu dhabnaan erga dhaabnee waggaa tokko taheera jedhan.
''Itoophiyaa waliin kan nuyi hordofaa turre hariiroo biyyoota lameenii gidduu irratti hundaa'uun waliigaltee irra gahuu kan jedhu ture.
''Itoophiyaan garuu murtoo mataa isheen hidhicha ijaarte. Kun seeraan aladha. Seera idil-addunyaa kan cabsedha,'' jedhan.
- Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo seenuuf asiin seenaa.
Dubbii isaanii kana akeekuun kan qeeqe Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa ''Ilaalcha bara kolonii keessatti kan liqimfaman aangawoonni Masrii muraasni bishaan Naayil irratti olaantummaa qabu itti fakkaata,'' jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itoophiyaafi Masriin, Sudaan dabalatee waggoota dheeraaf Hidha Abbayyaaarratti waliigaluuf mariin taasisan ija godhachuu hin dandeenye.
Milkaa'uu dhabuu isaaf immoo tokko isa kaaniin ni himata, quba walitti qaba.
Masriin Itoophiyaan 'murtee gam-tokkee' hordofte jechuun himatti.
Itoophiyaan immoo Abbayya kan hundaati, Masriin seera bara kolonii eeruun falmuu hin dandeessu jetti.
Itoophiyaa ijaarsa waggoota 12 booda Hidha Abbayyaa laga addunyaa dheeraa Itoophiyaarraa maddurratti ijaarte eebbisisteetti.
Kana kan mormaa jirtu Masriin immoo, sababa kanaan hariiroon Itoophiyaa waliin qaban yeroo kamuu caalaa hammaatuu ibsiti.
Ministirri dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa baaseen Masrii badiin himateera.
''Biyyoota Kaayiroof ajajamaniifi ejjennoo hin qabne, dadhaboofi kaanirratti hirkatan uumuuf aangawoonni Masrii [addatti] Itoophiyaa qofa osoo hin taanee biyyoota Gaanfa Afrikaa irratti xiyyeeffaachuun jeequuf duula gaggeessan,'' jedhe.
Adeemsi 'gara dhabe' kuni raakkoo hoggansaati jechuun ''Itoophiyaa jilbeeffachiisuu hin dandeenye'' jechuun Masriin adeemsa kana akka dhiiftu gaafate.
Ibsi Ministeera Dhimma Alaa kuni Itoophiyaan ''qarooma duriiti'' jechuun biyyoota Afrikaa daga baasuu [kolonii] jalaa akka bahan deeggaraa turu yaadaachiise.
''Sababa kanaaf, Itoophiyaan haftee kolonaalizimii Masriin dhiisuu ishee rakkisu,'' hin simattu jedheera.
'Ejjennoon Masrii ifa ta'e'
Akka ittiin bulmaata seera idil-addunyaatti laggeen daangaa ce'anitti fayadamuuf biyyoota yaa'a sanarra jiran waliin dursitee karoorakee beeksisuu, miidhaa dhaqabsiisuu dhiisuu mirkaneessuu qabda jedhu Ministirri Dhimma Alaa Masrii.
Itoophiyaan garuu tarkaanfii mataa ishee fudhatte malee dursitee nu waliin hin mari'anne jedhan.
Mootummaan Itoophiyaa hidhicha ijaaruu jalqabuun dura irraayyuu eegaluun mootummaa Masirii mariisisaa turuu himaa ture.
Faayidaa biyyaaleessaa fi bishaan keenyaa kabachiisuuf mirga guutuu qabna kan jedhan Abdellaatiin, yaa'a Abbayyaa keessaa biyyi %98 laga Naayil irratti qofa hirkattu Masiriidha jedhan.
''Uummanni Masirii waggaatti bishaan kuubik meetirii biliyona 80 ol barbaada. Amma laga Abbayyaa [Naayil] irraa kan argannu kuubik meetirii biliyona 55.5 qofa.
''Addunyaarraa biyyi bishaan yeroo afur irra deebiin qulqulleessuun [recycle] gochuun fayyadamtu Masirii qofadha,'' jedhan.
Hanqina kana guutuuf rakkataa jirra kan jedhan ministirichi, akka UNtti biyyi hiyyummaa bishaanii jala jirtu Masrii qofa tahuu BBCtti himan.
''Akka seera UN bishaan irratti jiruutti, biyyi tokko bishaan peer kaappitaalii kuubik meetirii 1,000 qabaachuu qabdi.
''Nuyi ammoo kuubik meetirii 500 qofa qabna. Baay'ee xiqqaadha,'' jedhan.
Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa immoo bishaan Abbayyaa keessaa 86% kan gumaachitu Itoophiyaa ta'u eeruun, Itoophiyaan akka biyyoota yaa'a kamuu akkaaataa seera idil-addunyaan qabeenya uumamaa kana fayyadamti jedhe.
''Itoophiyaan qabeenya uumamaa daangaa ishee keessatti argamu fayyadamuuf eeyyama qaama kamiyyuu argachuuf dirqama hin qabdu.''
Masriin si'achi marii hin taa'u isa jette irrattis, ''Masriin mariifi jaarsummaa diduun amma ifa taa'e.
''Dur, sochiin qajeelaafi furmaatni gaafa jiraaate danquuf marii keessa akka hirmaatu fakkeessiti ture,'' jechuun qeeqe.
''Imaammati osoo marii hiika qabu keessa seenu didaa marii keessa jiraachuu fakkeessuuf hirmaatan amma kallattiin ifaa ta'e.
''Masriin marii diduun...dubbii hammeessuuf,'' sosso'aa jirti jechuun himate.

Madda suuraa, Getty Images
''Amalli maal na dhibdee kuni qaamolee na ilaallata jedhan maraan balaaleeffatamuu qaba'' jechuunis ibse.
Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa waan addunyaafi Itoophiyaan barbaaddu ''walitti bu'iinsa osoo hin taaane mariidha'' jechuun ibsa.
Itoophiyaan bishaan Abbayyaa fayyadamuun fedhii dhaloota ammaafi boruu guutuuu akka itti fuftuus ibsa.
Ta'us, mariidhaan furmaata qaamolee lamaaniif ta'u qaajeelfama haqa qabeessa ta'eerratti hundaa'uun akka mari'atu ibse.
Masriin waliigalteen bara kolonii bara 1929 fi 1959 akka hojiirra oolu barbaaddi.
Waliigalticha kan mallatteessan Sudaanii fi Masirii yoo tahu, bishaan laga Abbayyaa [Naayil] keessaa isaan bira dhaqabu ofumaaf qooddachuun waliigalan.
Waliigalteen lameenuu biyyoota Yaa'a Abbayyaa gara olii jiran salgan hin hammatu.












