Somaaliyaan nageenya biyyaalessaa Masrii, Arabaa fi Afrikaaf murteessituudha - Masrii

Madda suuraa, AL- Ahram
Tibbana Masriitti Fooramiin Dohaa jedhamu gaggeeffamaa ture. Fooramiin kun dhaadannoo ''Jijjiirama itti fufsiisuuf Istraateejii Qindaa'aa'' hordofuu jedhuun gaggeeffamaa ture.
Fooramiin kun kan xiyyeeffate tokko rakkoo Somaaliyaa keessaa qabatamaatti furuu kan jedhu irrattidha.
Ministirri Dhimma Alaa Masrii Badir Abdellaatii, rakkooleen Somaaliyaa har'a mudataa jiran deeggarsa qindaa'aa idil-addunyaa kan barbaadanidha jedhan.
Badir Abdellaatii, ''naannicha [Somaaliyaa] bakka irratti wal dorgoman gochuuf qaamoleen dhama'an jiru'' jedhan.
Tarkaanfiin akkasii tokkummaa Somaaliyaa balaa irra kan buusuufi naannoo Galaana Diimaatti tasgabbii kan dhabamsiisudha jedhan.
Qaamolee kanneen maqaadhaan adda baasuu baatanis dhiyeenya biyyoonni gurguddoo akka Ameerikaa, Raashiyaa fi Chaayinaa Gaanfa Afrikaa keessatti sochiin tasisanii fi dippilomaasii injifachuuf godhan haalaan dabaleera.
Ameerikaa fi Chaayinaan yeroo jalqabaaf ergamaa addaa Gaanfa Afrikaa jechuun muudanii hojjechaa turan.
Akkasuma kana muddamni naannicha keessaas haalaan dabalaa dhufeera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Badir Abdellaatii dippilomaasii Masiriin Somaaliyaa irratti hordoftu tokkummaa daangaa Somaaliyaa kabachiisuu, murtee gam-tokkee naannicha keessatti fudhatamu kamuu mormuu tahuu himan.
Somaaliilaand Somaaliyaa irraa adda bahuu kan ibsite waggaa 30 darbeera. Beekkamtii argachuu baattus ofiin of bulchaa jirti. Somaaliilaand yeroo hulaa Galaanaa Itoophiyaaf kennuuf waggaa kana jalqaba irratti waliigaltu Masiriin gara Somaaliyaa goruun dubbataa turte.
Kunis ejjennoo Somaaliilaand ammayyuu qaama daangaa kooti malee biyya miti jechuun isa Somaaliyaan mormitu deeggaraa turte.
Waliigaltee Itoophiyaan taasiftes mormuun Somaaliyaa, Eertiraa fi Masiriin waliigaltee waraanaa fi kaan walii mallatteessan.
Masiriin achiinis Itoophiyaan akka hulaa galaanaatti baatu hin barbaaddu.
Kanaaf ammoo agarsiiftuun Fooramii Aswan darbe irratti bulchiinsi Galaana Diimaa biyyoota daangaan isaanii galaanatti bahu qofa ilaallachuu qaba jechuun walii isaaniiti.
Akka dubbii Ministira Dhimma Alaa masiriitti, Masiriin Somaaliyaan biyya jabduu fi tasgabbooftuu taatee akka dhaabbattuuf sagantaa leenjii adda addaa, deeggarsa dhaabbilee siivilii fi nageenyaaf gochuu fi carraa barnootaa kennaa turte.
Dabalataan Masiriin qaama ergama nagaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaa Somaaliyaa keessaa 'AUSSOM' jedhamu keessatti adda durummaan hirmaachuu ibsan.
Ergamni isaanii Somaaliyaatti nagaa deebisuu tahuu ibsuun yeroo c'umsaa akkasii keessatti garuu humna nageenyaa Somaaliyaa deeggaruuf hanqinni baajataa jiraachuu ibsan.
Badir Abdellaatiin Fooramii Dohaa jedhamuun gaggeeffamaa ture cinati pirezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud waliin mari'achuu ibsan.
Masiriin naanno Galaana Diimaa tasgabbiin akka jiraatuuf Somaaliyaa cina akka dhaabbatu mari'achuu Al-Ahram gabaaseera.
Nagenyi Gaanfa Afrikaa fi Galaana Diimaa irraa misooma naannichaaf murteessaa tahuu kan ibsan Abdellaatiin kana mirkaneessuuf Somaaliyaa deeggaruu akka itti fufan ibsan.
Fooramicha irratti Sooriyaatti Ergamaa Addaa US, Toom Baaraak, Gaanfa Afrikaatti Bakka Bu'aa Addaa Gamtaa Awurooppaa, Aneetee Weber,Barreessaa Olaanaa duraanii UN, Baan Ki- Muun fi Fooramii Dinagdee Addunyaa irraa Boorj Bireendee argamaniiru.
Xiyyeeffannoo marii kanaa inni guddaan akkamiin Gaanfa Afrikaa keessatti nagaa waaraa finna, misooma babal'isnaa fi deeggarsa namoomaa irratti hojjenna kan jedhudha.
Kana dura Fooramii Aswan irratti Gamtaan Awurooppaa hirmaachuun yeroo Masirii waliin addatti waliigaltee walii mallatteessu, hidha Abbayyaa ilaalchisee ibsa Itoophiyaa mufachiisu baasee ture.
Itoophiyaanis balaaleffachuun akka qajelchaniif gaafattee ture. Masiriin dhimma Hidha Haaromsaa irratti Itoophiyaan erga wal dhabdee qaama Itoophiyaa waliin dhibdee qabu kamuu waliin dhaabbatti jedhamuun himatamti.
Tibbana Masiriin Hidha Haaromsaa irratti waliigalteerra gahuuf waggaa 13 Itoophiyaa kadhannee dadhabne jennaan Itoophiyaan deebii kenniteetti.
Shirri Gaanfa Afrikaa keessatti hojjechaa jirtu kamuu ana hin jilbeeffachiisu jette Itoophiyaan.
Masiriin akka waan Itoophiyaan mariif taa'uu diddee fi murtoo mataa ishee qofa hordofteetti himachaa turte.
Itoophiyaan garuu waliigalteen bara kolonii itti fayyadama Abbaayf mallattaa'e hunda waan hin hammanneef, faayidaa biyyaalessaa koos waan hin kabajneef isaan hin bulu jette.
Masiriin garuu kana hin barbaaddu. Akkuma waliigatee bara kolonii sana Abbayyatti fayyadamuuf ol'aantummaan murteessuu barbaaddi.
Bishaanicha %85 ol kan gumaachitu Itoophiyaadha. Masiriin Laga Abbayyaa keessaa gumaacha homaa hin qabdu. Garuu ofin bulchuu akka barbaaddu Itoophiyaanis himachaa turte.
Kana irraa ka'uun waraan ishee Somaaliyaa keessatti nageenya eegsisuuf kan bobbaaste Masiriin Somaaliyaa fi Eertiraa waliin michummaa cimsatteetti.















