Daandiiwwan qilleensaa addunyaa filatamoo ta'an 10 kam fa'i?

Xiyaara

Madda suuraa, © Marco Bottigelli

Badhaasni 'Sky tracks World Airlines' jedhamu daandiiwwan qilleensaa addunyaa ammaan tanatti filatamoodha jedheen 10 ifa taasiseera.

Badhaasota indastirii aviyeeshiin keessatti kan eddoon olaanaan kennamuuf badhaasni 'Sky Tracks World Airlines' tokko yoo ta'u, bara 2021tti daandiin qilleensaa filatamoon Daandii Qilleensaa Kaataar, kaatar Airways jedheera.

Dhaabbatichis baatiiwwan 23 keessatti haaluma odeeffannoo imaltoota miiliyoona 13 olii irratti walitti qabeenii jedhen Kaataar Airways tti aansee:

  • 2ffaan Daandii Qilleensaa Siingaapoor
  • 3ffaan Daandii Qilleensaa Jaapaan Ol Niipoon
  • 4ffaa Imireetsi Dubaayi
  • 5ffaa Daandii Qilleensaa Jaappaniin daandiiwwan qilleensaa filatamoo addunyaa jechuun kaa'eera.

Sadarkaa daandiiwwan qilleensaa addunyaa dhaabbatichaan Dilbata kalessaa ifatti ibsame kanarrattis, daandiiwwan kaan sadarkaa hanga 10 jiruu keessatti hammatamanis, daandii qilleensaa Paasiifiik Kaatii, Ivaa Air, Daandii Qileensaa Kaantaas, Daandii Qilleensaa Haayinaan fi Daandii QIlleensaa Faransaay ni argamu.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaatiis sadarkaa kanaan dura qabatee ture irraa sadarkaa 7 fooyyeessuun sadarkaa 37ffaa qabateera.

Daandiiwwan Qilleensaa Afriikaatti argaman keessaa daandiin qilleensaa Keeniyaa 79ffaa, Royaal Air Morokkoo sadarkaa 81ffaa akkasumas Air Morishiyees sadarkaa 82ffaa irratti kaa'amaniiru.

Daandii qilleensaa Afriikaa filatamoo

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa daandii qilleensaa Afriikaa filatamoo jedhamuun Badhaasni 'Sky tracks World Airlines'tiin badhaafamera.

Kana malees daandiin qilleensichaa dameewwan dabalataa sadiin daandii qilleensaa filatamaa ardiichaa jedhameera. Daandii qilleensichaa Afriikaatti sadarkaa daldalaa fi dinagdee jedhamuun badhaafameera.

Afriikaatti hojjattoota balaliinsaa filatamoo kan qabate jedhamuunis badhaasni 'Sky tracks World Airlines' irraa badhaasa argateera.

Badhaasicha hordofuunis Daandii Qilleensaa Itoophiyaatti hojii Gaggeessaa Olaanaa kan ta'an Tawalda Gabramaariyaam, kubaaniyaan isaanii 'Sky tracks' irraa badhaasa argachunsaa, daandii qilleensichaa imaltoota isaatiif tajaajila sadarkaa idil-addunyaa eeggate dhiyeessaa jiraachu kan mirkanneessuudha jedhan.

Hojii Gaggeessichi, ''...badhaasni Skytracks kunis daandiin qilleensaa kallattii sirrii ta'een adeemaa jiraachu kan agarsiisuu ta'ee, b badhaasa kanneen kabajaan ni simanna,'' jedhan.

Daandiiwwan qilleensaa adiiwwanii kan biraa

'Sky tracks World Airlines' daandii qilleensaa faransaay kan ta'e Air Fraans, kan Inglizii Birtish Airways fi Luftaanzaa Jarmanii walduraa duubaan daandiiwwan qilleensaa filatamoo Awuroppaa jechuun filateera.

Daandiiwwan qilleensaa Kaabaa Ameerikaatti argaman keessaa ammoo Daandiin Qilleensaa Ameerikaa Deeltaan sadarkaa dursaa yoo qabatu, daandiin QIlleensaa Jeeti Biluu fi Ari Kanaadaa ammoo lammaaffa fi sadaffaa irratti argamu.

Daandiin qilleensaa Kaataar daandiiwwan qilleensaa jiddugala bahaatti argaman hunda caalaa filatamaa kan jedhamee yoo ta'u, Gamtaan Arab Imreetis fi daandiin Qilleensa Itihaad lammaffaafi sadaffaa bahaniiru.