Koronaavaairas: Daandiiwwan qilleensaa yoom balali'uutti deebi'uu, akkamiinis deebi'uu?

Madda suuraa, Getty Images
Industiriiwwan addnyaarra jiran keessaa aveeshiniin hunda caalaa kan gitaafi bifa idil-addunyaa ta'e qabudha. Industiriin kun hojjetoota miliyoona hedduu qacaruudhaan jireenya miliyoonota hedduudhaaf muka bultii/bu'uura jireenyaa ta'uun tajaajila.
Biizinasiiwwan idil-addunyaafi bashannanaafi turiizimiif ammoo wiirtuu sirna narvii isaanii ta'uun sochoosa.
Kana ta'ee osoo jiruu sababa weerara koronaavaayirasiitiif industiriin kun harki caalu cufateera. Waggaa haaraa irraa kaasee balaliin xiyyaaraa guyyaa guyyaan jiru %80 hir'ateera. Addunyaa irraa bakka tokko tokkotti ammoo guutummaan guutuutti jechuun haala danda'amuun sochiin imaltoota xiyyaaraan deddeebisuu dhaabbateera.
Industiriin kun kufuuf gatantaraa jira. Daandiiwaan qilleensaa, buufataawwan xiyyaaraafi dhaabbileen hojii lafarra jiran mara sosochoosan martinuu yeroo maddi galii isaanii gogee jiru kanatti akkamiin callaa kuufatan akka ol kaawwachu itti danda'an irratti abdii kutataa jiru.
Amma industirii kana keessa namoonni hojjetan baayeen isaanii hojii isaanii dhabuuf jiru jedhamee eegama. Daandiiwwan QIlleensaa Biriitish keeessaa tokko kan ta'e IAG Kibxata darbe hojjetoota ciccimoo 42,000 qabu keessaa 12,000 kan ta'an hir'isuuf akka jiru beeksiseera.
IAGn akka jedheetti Daandiin Xiyyaaraa Biriitish fedhiin imaltootaa sadarkaa bara 2019tti deebi'a jedhee hin eegu.
Bakka gara garaatti hojjetoota hir'isuun, dirqamaan boqonnaa ykn yeroo malee dursanii soorama baasuun itti fufee jira.
Fakkeenyaaf, Easyjet hojjetoota daandii xiyyaaraa isaa UK keessa jiran 4,000 ji'a lamaaf boqonnaa akka ba'an godheera. Qantas ammoo hojjetoonni 20,000 akka boqonnaa ba'an taasiseera.
Paayileetonni 700 ta'an Daandii QIlleensaa Ameerikaa keessa hojjetanis osoo yeroon hin ga'iin akka dursanii soorama ba'an hayyamamoo ta'uu isaanii ibsaniiru.
Kun ta'ee osoo jiruu, qalbiin yeroo ammaa akkamiin suuta suutaan gara fuula duraatti yaaduurradha. Amma daandiiwwan qilleensaa guutummaa addunyaarra jiran suuta suutaan akkamiin gara akka kan duraan barameetti dhiyaatuttillee deebi'uu qabu kan jedhutu yaadamaa jira.

Madda suuraa, Getty Images
Rakkoowwan loojistikii baramaa ta'an ni jiru. Xiyyaaronni balali'uudhaaf qophaa'uu qabu; buufataawwan xiyyaaraas isaan simachuudhaaf qophaa'uu qabu. Sagantaawwan bahuu qabu, hojjetoonnis argamuu feesisa.
Haata'u malee, wantonni tilmaamuuf nama rakkisan mudachuu malan jiru. Ammallee xiyyaarri eessatti akka balali'uun hayyamamuuf namni sirriitti beeku hin jiru.
Aanga'oota biyyootaatiin qajeelfamoota hojjetootaafi imaltootaan hojiirra ooluun dirqama ta'an akkamiitu akka kaawwaman hin baramne.
Yeroo ammaa kana xiyyaaronni 17,000 guutummaa addunyaarraatti buufataaleen xiyyaaraa keessa akkasumaan buufatanii taa'aa jiru. Kun ammoo xiyyaarota guutummaa addunyaarra bobba'an sadii keessaa harka lama ta'u.
Daandiin Qilleensa Biriitish, fakkeenyaaf, xiyyaarota isaa Landan Herziroow keessatti, bakka itti suphamu Kaardif keessatti, daandiiwwan buufataawwan xiyyaaraa naanolee kanneen akka Bornimaawoziifi buufata xiyyaaraa isaa Shatuhuu jedhamu Firaansii keessatti argamutti kuusee jira.
Yeroo hojiirraa dhaabsifamanii jiranittillee, xiyyaaronni suphamuu isaan barbaachisa. Hangi ta'an ammoo battalumaan fayyadamuuf akka danda'anitti qophaa'u.
Daandiin qilleensaa hedduun isaanii lammileen biyya ofiitti deebisuu irratti hojjechaa jiru yookaan ammoo tajaajilawwan fe'insaa (kaargoo) kennaa jiru.
Garuu kanneen biroo ammoo balali'insaaf qopheessuudhaaf torban tokko ykn isaan ol akka isaan fudhachuu danda'n dubbatu namoonni industiricha keessa jiran.
Yoo ammoo xiyyaaronni kunneen hunduu si'a takkaatti balali'uudhaaf barbaadaman garuu rakkoo cimaa ta'uu mala.
Haata'u malee, xiinxaltoonni akka jedhanitti kun waan qabatamaan ta'uu danda'u miti. Sababiin isaas, daandiiwwan qillensaa garri caalan sagantaawwan balali'uu muraasnaa hojiitti deebiyaa waan deemaniif xiyaaronni baayyeen ji'oota itti aanan keessa barbaadamuu dhiisuu malu.
Dhimmi guddaan inni biraa namoonni (hojjetoonni) yeroo hojiitti deebi'an industirri sana keessatti hojjechuu gahumsa isaan dandeessisu yeroo yerootti hojii irratti haaromsachuu qaban qabaachuu feesisa.
Fakkeenyaaf, paayiletoonni qilleensarra turuun deebiyanii itti baruuf yeroo isaan barbaachisa. Yookaan ammoo xiyyaara ittiin leenji'an (shaakalana) simulaatar jedhamu irratti of ilaaluun dandeettii isaanii deebisanii cimsachuu barbaachisa.
Kana malees, hordoffii haala fayyaa isaanii yeroo yeroottis taasisuu isaan barbaachisa. Hojjetoonni bakka murteessoo ta'anirra hojjetan kan akka injinarootaafi to'annaa tiraafikaas harki hojiirraa fagaatee turraan deebisanii of haromsuu isaan gaafata.

Madda suuraa, Getty Images
Daandiiwwan qilleensaa baayyeen isaanii hojjetoonni bakka murteessoo ta'anirra hojjetan ammallee fe'isa deddeebisuu (kaargoo), namoota biyya alaatii deebisuu dabalatee hojiirra jiruuf waan ta'eef rakkoo hin qabaatu. Haata'u malee, hojjetoonni daandii qilleensaa hedduun hojii dhaabaniiru.
UK keessatti, Abbaan Taayitaa Sivil Aveeshinii (CAA) hanga danda'ametti xiyyaarota gara balali'uutti deebisuudhaaf tarkaanfiiwwan barbaachisoo fudhachuumatti jira.
"Haala yeroo ammaa adda ta'e kanaaf, wantonni ilaalamuun irra jiraataniifi ulaagaan guutamuu malan ni jiraatu," jedhan dubbi himaan.
"Bakka danda'ameeti, paayiletoonni osoo maluma duraan barameen hojiirraa hin fagaatiin akka turan akka taasifaman ni eegama. Yoo wanti ilaalamuufi guutamuu qabu gaafatmettis, daandiin xiyyaaraa tokko akkamiin akka nageenya barbaachisu ittiin mirkaneessuun itti danda'amu agarsiisuun irraa ni eegama."
Hojjetoota bakka murteessoo ta'anirra hojjetaniifis ulaagaaleen barbaachisoon ni kaawwamu.

Madda suuraa, Getty Images
Rakkoon loojistikii xiyyaarota hojiitti deebisuufi paayiletoonniifi tekinishaanonni qophaa'oon amma jedhamee hojii jalqaban ifatti ni jiru. Haata'u malee, gaggeessitoota daandii qilleensaa addunyaa hedduuf yaaddoon hirriba isaan dhowwate kana miti.
Rakkoon guddaa gaggeessitoonni kun itti jiran dhorkkaawwan imalaa biyyoonni gara garaa sababa weerara Covid-19 kaa'aniifi yeroo dhorkaawwan kunneen itti ka'u jedhamu ifatti beekamuu dhabuudha.
"Wanti gochuudhaaf yaalaa jirruakka addunyaan karoora deebisanii jalqabuu qabaatudha," jedhan daarektarri ol-aanaa Waldaan Geejjiba Qilleensaa Idil-addunyaa Aleksaadiree de Juniyaach.
Dhorkaan kaawame kun hanga walakkaa bara kanaatti, tokko tokko ammoo hanga dhuma bara 2020ttillee turuu malu jedhanii amanu.
Balaliiwwan biyya keessaa dura jalqabuun, osoo hin turiin tajaajilwaan kan idil-addunyaa ni jalqabu jedhanii yaadu. Balaliiwwan ardiiwwan gidduutti taasifman itti aananii jalqabuu danda'u, ta'us garuu "sadarkaa deebiyee jalqabuu kana irratti rakkoon jiru furamuu dhiisuu mala," jedhu.
Wanti biraa dhimma ijoo ta'eefi ifatti hin baramiin yeroo xiyyaarri gara dhaabbatummaan balali'uu isaatti deebi'utti walirraa fageenya ofii hanga kamitti eeggachuun akka barbaachisudha.
Laawonjiiwwan (mana nyaataafi dhugaatiiwwanii) keessatti, hiriira sakkatta'insa keessatti, ykn buufatawwan xiyyaaraa keessattillee namooni hangam walirraa fagaachuu qabuu? Qorannoo akkamiitu barbaachisaafi akkamiin ammoo gaggeefamuu?
Kun daandiiwwan qilleensaafi buuftawwan xiyyaaraaf dhimmoota hojii daldalaati. Fakkeenyaa, Gurgurtaan adda addaafi manneen nyaataa warra buufata xiyyaaraaf madda galii guddaa ta'uun tajaajila.
"Buufatawwan xiyyaaraatiif galiiwwan balali'insa xiyyaaran ala kanneen ta'anis ni barbaachisu," jedhan gaggeessaan Waldaan Opereeteroota Buufata Xiyyaaraa Kaareen Dii dubbataniiru.
"Isaan ammoo kaffaltaa daandiiwwan xiyyaaraa akka kaffalaniif eegaman, kan darbe gatii tikkeettii isaan maamiltoota isaanii kaffalchiisan miidhuu danda'u hir'isuuf nu gargaara.
"Buufatawwan xiyyaaraa keessa wanta jiran mara jijjiiruun nu hin barbaachisu. Jijjiirama ji'a ja'aaf turu qofa yoo taasifame talaalliin argamee tarkaanfiin jijjiiramaa sun isaan booda barbaachisuu dhiisuu danda'a."
Abbaan Taayitaa Aveeshinii Idil-addunyaa (IATA) akka jedhutti tarkaanfiiwwan fudhataman walfakkaatoo ta'uufi bifa qindaa'aa ta'een hojiirra oolchuu barbaachisa.
"Waan haala haleellaa shorokkeesummaa 9/11 booda ta'e hambisuu qabna," jedhan Obbo de Juniyaach. "Yeroo sanatti tarkaanfiiwwan nageenyaa mirkaneessuu garaa garaa baayyeetu dhiyaatanii argaa ture. Kana waan ta'eefis, bifa walfakkaataa ta'eefi walsimatuun taasisuudhaaf yeroo dheeraa fudhateera. Hanga ammaallee tarkaanfiiwwan garaa garaa fudhataman qabna."
Daandiiwwan qilleensaas nama fe'atan xiqqeessuu danda'u. Fakkeenyaaf, daandiin qilleensaa biyya Jarman Luftaanzaan xiyyaara keessatti walirraa fageenyi akka jiraatuuf jecha teessumni gidduurra (walakkaarra) jiru kaafamee qullaa ta'eera.
Daandiin qilleensaa EasyJet jedhamu kan xiyyaarota bobbaasu mara hojiirraa dhaabee jirus yeroo balali'uutti deebi'u teessuma walakkaa kaasuudhaan tarkaanfii walfakkatu akka fudhatu dubbateera.

Madda suuraa, Getty Images
Akka tarkaanfii yeroo gababaatti, imaltoonni hanga tokko shakkii akka hir'isaniif ni gargaara. Haata'u malee, baasii guddaan kan ta'udha.
Daandiiwwan qilleensaa bu'aa argachuudhaaf tokkoo tokkoo xiyyaara balali'uu keessatti teessuma baayyeefi guutuu qabachuu barbaadu.
"Hangi fe'atan murteessaadha baajata isaaniirratti." Keessumaa teessumni %90 ol nama qabaachuun baajata isaanii amansiisaa taasisaaf.
Haata'u malee, yeroo teessoowan gidduu kaafamanii walirraa fageenya haala eeggateen hojii jalqaban xiyyaarri tokko %65 qofa fe'uu danda'a jechuudha.
Kun yeroo gabaabatiif fudhatama kan qabaatu ta'uu danda'a. Akka Obbo De Juniyaach jedhanitti garuu yeroo dheeraatiif ture, "akkaataa industirrii kun ittiin hojjetu jijjiiruun isaa waan hin oolledha."
Uk keessatti, mootummaan imaltoonni gara biyyattii seenan martinuu akka torban lamaaf bakka adda of baasanii turan keessa turuu dirqama taasisuu yaada jedhu dhiyeessan.
Hoji-gageessaan Ruyaaneeyir Mikaa'el O" Liirii bifa caalaa gabaabaafi ifa ta'ee akkas jechuun ibsan "kun gowwummaadha".
Waldaan industirrii Daandii Qilleensaa UK akka jedhuttis karoorri akkasii, " imalawwan idil-addunyaa gara UK fi UK irraa taasifaman ajjeesuun, miidhaa dinagdee ammana hin jedhamne industirri aveeshiniifi dinagdee UK irraan geessisa."
Xiyyaarota akka gara qilleensaatti deebiyanii balali'an gochuun isaa salphaa ta'uu danda'a. Namoota xiyyaarota sanaan imalan argachuun garuu caalaa rakkisaa ta'uu mala. Kana waan ta'eefis industirii aveeshinii ilaalchisee jijjiiramoota yeroo dheeraaf turan taasisuun waan hin oolle fakkaata.
"Dhaabbileen daldalaa hojii imalawwan daawwannaafi bashannana guyyoota boqonnaa keessa hojjetaniif baayyee badaa ta'uu dhiisuu mala," jedha hoji-gageessaan idustirri turiizimii tokko ammoo.
"Ammumallee namoonni guyyaa boqonnaa isaaniitiif imaluu ni barbaadu waan ta'eef gara dhuma waggaa kanaa keessa fedhiin akka jiraachuu malu ifaadha. "
Haata'u malee, imalli daldalaafi hojiif taasifamu dhimma biraati jedhu xiinxaltoonni.
Imaltoonni gatii gurguddaa kaffaluun imalaniifi kanneen sadarkaa tokkoffaan imalan yeroo baayyee galii industirri kanarraa argamu sadii keessaa harka tokkoo gadi gumaachu. Balaliiwwan dhedheeroo irratti warra bobba'aniif garuu kana ni caala.
Garuu amma aveeshiniif yaaddoon biraa waan jiraaatu fakkaata.

Madda suuraa, Getty Images
Kufaatiin dinagdee addunyaa tilmaamamaa jiru, qophiiwwaniifi mariiwwan dhimmoota daldalaafi invastimantii haqamaa jiran, akkasumas fedhii biizinasiiwwan karaa toora interneetaatiin taasisuu kan fuulaafi fuulatti wal-arguu bakka bu'aa jiru dabalaa jiru kanaan aveeshiniin kun yeroo inni itti deebiyee dandamatu harkifataa taasisa.
"Moodeelii hojii biizinasii walitti makuun daandiiwwan qilleensaa wantota adda ta'an kan itti yaalan arguu dandeenya jedheen yaada," jedhan gorsaan dhaabbata JLS Joon Istriiklaand yeroo xiinxlana.
"Tajaajila kan xiqqoo biizinas kilaasii fakkaatu, bakka namoonni teessumaafi nyaata biizinas kilaasii itti argatan garuu laawonjii [bakka ummanni naataa, dhugaatiifi haara galfannaaf itti walitti qabamu) garuu dhabuu danda'a. Tooftaawwan addaa addaa gatii ittiin uuman hedduun jiraachuuf carraan ni jiraata.
Garuu rakkoon guddaan guutummaa industirii kanaa, yeroo gara qilleensaatti deebiyuudhaaf qophaa'aa jiru kanatti, namni kamiyyu, sadarkaa kamirra jirullee fuuldurri maal akka fakkaatu beekuun hin danda'amu.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras


















