Koronaavaayirasii: Daandiin Qilleensa Itoophiyaa keessummeessitoonni sadii Covid-19’n qabamuu ibse

Itoophiyaa keessa kanneen koronaavaayirasiin qabaman keessaa sadii keessummeessitoota Daandii Qilleensa Itoophiyaa ta'un ibsame.
Hojii Gaggeessaan Olaanaa dhaabbatichaa Obbo Tawolda G/Maariyaam ibsa har'a miidiyaaleef kennaniin akka jedhanitti sadan isaanii irratti vaayirasichi argameera.
Haalli fayyaa hojjeettoota kanaas haala gaariirra akka jiru ibsaniiru.
Hanga yoonaa Itoophiyaa keessa lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii 52 kan gahe yoo ta'u lama lubbuu dhabaniiru.
Kana dura Ministeerri Fayyaa namoota vaayirasii addunyaatti faca'e yaaddesse kanaan qabaman yeroo ibsu ifatti hojjettoota Daandii Qilleensa itoophiyaa ta'u himee hin beeku.
Haa ta'u malee, xalayaa hogganaan dhaabbatichaa hojjettoota dhaabbatichaaf torban darbe ergan irratti hojjettoonni vaayirasichaan qabamuu ibsanii turan.
Ibsa har'a Obbo Tawoldan kennaniin keessummeessitoonni dhaabbatichaa sadii qabamuu mirkaneessaniiru.
Kana dura fedhin namoonni xiyyaara Itoophiyaan imaluuf qaban hir'isu kan dubbatanii turan Obbo Taawoldan, dhaabbatichi baatii Amajjii bara 2020 hanga ammaa dolaara miiliyoona 500 dhabuu himaniiru.
Kunis, sababa weerara koronaavaayirasiin akka ta'e kan ibsan.
Haa ta'u malee, sababa dhukkuba kanaan hojjettoota hojiirraa ari'e jedhamee inni odeeffame dhugaa miti jechuun dubbataniiru Obbo Tawoldan.
''Daandiin Qilleensa Itoophiyaa hojjetaa hojiirraa ari'e hin qabu, karoora akkanaas hin qabu,'' jechuun Obbo Tawoldeen dubbachuu isaanii Rooyitars gabaaseera.
Akka gabaasa kanaatti yeroo ammaa dhaabbatichi humna balali'u danda'u keessaa %10 qofa hojjetaa jira. Balalii 110 qabu keessaas 91 haqeera.
Kasaaraa irra gahe bakka buusuufis tajaajila kaargoo {mi'a olii gadi geessuu} bal'inaan hojjechuufi lammiilee Awuroppaafi Ameerikaa sababa tatamsa'ina vaayirasii kanaan rakkoo seenaniifi biyya isaaniitti deebi'uu barbaadan geessaa akka jiru gabaasichi eera.
Yeroo koronaavaayirasiin Chaayinaa keessatti hammaatetti dhaabbileen hedduu gara Chaayinaa imalu yeroo dhaabanitti Daandiin Qilleensa Itoophiyaa itti fufuun isaan komiin irratti dhihaachaa ture.
Boodarra garuu, dhaabbanni kuni sababa weerara koronaavaayirasiin balaliiwwan hedduu haquf dirqameera.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras















