Nagaa walitti dhaammachuun geesse.
Hordoftoota keenya tamsaasni keenya kallattii har'aa kanumaan xumurame.
Boru walitti deebina.
Nagaan bulaa.
Hojii Gaggeessaan Olaanaa dhaabbatichaa Obbo Tawolda G/Maariyaam ibsa har'a miidiyaaleef kennaniin akka jedhanitti sadan isaanii irratti vaayirasichi argameera. Dabalataan, dhaabbatichi erga baatii Amajjii as dolaara miiliyoona 500 sababa koronaavaayirasiin dhabuu ibse.
Hordoftoota keenya tamsaasni keenya kallattii har'aa kanumaan xumurame.
Boru walitti deebina.
Nagaan bulaa.
Haati ijoollee lakkuu afuriifi mucaa biraa tokkooPaakistaan erga daawwattee UKtti deebiteen booda koronaavaayirasiin qabamtee lubbuun dabarte.
Shaabnaam Saadiq dubartii ganna 39 yoo taatu gumii magaalaa Islaaf, Landan irraa km32 fagaattee argamtu keessa tajaajilaa turte.
Hogganaan gumii magaalattii Iswiidihaarst, ‘’du’a isheetti rifanneerra, ishee dhabuun baay’ee nutti hanqisa,’’ jedhan.
Ijoolleeshee lakkuu afran guyyaa tokkotti dhalatan hospitaala Rooyaal Berkishaayar bara 2006’tti deesse.
Bara 2016tti immoo naannoo Weegzihaam Lii bakka bu’uun filatamtee turte.
Bulchitoonnii fi aangawoonni magaalatti ijoollee ishee, abbaa warraasheefi jaalattoota isheef jajjabiina hawwaniiru.
Hogganaan gumii magaalattii,’’isheen gumicha keessa waggaa dabarsitee olitti gahee guddaa qabdi turte,’’ jedhan.

Madda suuraa, SLOUGH BOROUGH COUNCIL
Pirezidantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa sirreeffamtoota seeraa 13, 231 hiikuu isaa Pirezidantiin Itti – aanaa naannichaa ibsan.
Obbo Addisuu Araggaa akka ibsanitti namoonni lakkifaman kunneen koronaavaayirasii sababeeffachuuni.
Kunis seera pirezidantii naannichaaf eeyyamu irratti hundaa’e akka raawwate Obbo Addisuun ibsaniiru.
Sadarkaa federaalaatti hanga yoonaa namoonni 5,000 ol dhiifamaan akka gadi – lakkifaman ta’eera.
Naannoleenis mata mataan koronaavaayiarsiin yoo tatamsa’e dhiibbaa guddaa manneen hidhaa keessa geesisuu waan danda’uf sirreeffamtoota seeraa hiikaa jiru.
Guyyaa har'aa, Naannoon Tigraay hidhamtoota 1,600 gadhiisee ture.

Madda suuraa, EPA
Erga koronaavaayirasiin tatamsa’u eegalee namoonni 600 ol alkoolii summaa’en lubbuu isaanii dhabuu Dubbii Himaan Dhimma Haqaa biyyattii himan.
Namoonni 3,000 biroo immoo ammallee dhukkubsataa akka jiran himaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Keniyaatti namoonni dabalataa 14 koronaavaayirasiin qabamuu isaanii Ministirri Fayyaa biyyattii beeksisan.
Kanaanis, lakkoofsi waliigalaa namoota vaayirasii addunyaa waliin gahe kanaan qabamanii 172 gaheera.
Ministirri Fayyaa biyyattii Mutaahi Kaagiwee akka ibsanitti sa'aatii 24 darbe biyyattiin namoota 696'f qorannoo taasiste.
Qondaalli Keeniyaa kuni akka ibsanitti namoonni 3 duraan vaayirasichi irratti argame boodarra qorannoo taasifameen nagatiiva ta'ani jennaan bakka addatti qoodaman irraa akka baafaman ta'u himan.
Keeniyaan tatamsa'ina koronaavaayirasii ittisuuf guyyaa kaleessaa magaalaa guddittii Naayiroobii dabalatee bulchinsoota 4'tti imala taasifamu dhorkiteetti.

Madda suuraa, Dr Yaneu Ngaha
Dubartiin wal’aansa koronaavaayirasii argataa turte kutaa adda baafamtee hordofaa turtetti deesse.
Kunis kan tahe magaalaa guddoo Kaameeruun Yaawundeetti dha.
Haati mucaa reefu ganna 19dha. Erga deesseen boodas daa’imasheerraa adda baafamteetti.
Yeroo miixuun ishee jalqabe oksijinii nam-tolcheen harganaa turte..
Sa'aatii 24 darban qorannoo namoota 264'f taasifamee keessaa namooti saddet koronaavaayirasiin qabamuu isaanii Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa beeksise.
Namooti qorannoon taasifameefis ta'e kan vaayirasichi irratti argame isa olaanaadha.
Namoota saddeet vaayirasichaan qabaman keessaa daa'imni baatii sagalii fi haati isaa akka jiran Ministirri Fayyaa Dr Liyaa Taaddasaa himaniiru.
Walumaagalatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 52 kan gahe yoo ta'u, amma dura namoonni lama du'aniiru.
Namoonni 4 ammoo guutummaatti vaayirasicharraa bayyanatanii jiru.
Namoota haaraa qabaman 8 keessaa 5 Dubaay irraa kan dhufan yoo ta'u bakka adda baasanii tursiisuu keessa turan.
Afran isaanii lammilee Itoophiyaa yoo ta'an tokko lammii Eertiraati.
Namoota shanan keessaa afur gara biyya alaa imalanii turan, tokko garuu seenaa imalaas hin qabu nama vaayirasichaan qabame waliin qunnamtii qabaachuun isaas hin mirkanoofne.
Sirreeffamtoota seeraa koroonaavaayirasiif saaxilamoodha jedhaman gadhisuu mootummaan naannichaa Tigiraay murteessuu ibse.
Namoonni hidhaarraa hiikaman adabbiisaanii keessaa harka 1/3 kanneen hidhamaniifi naamusaa gaarii agarsiisuun gadhiifamuutu ibsame.
Tajaajila geejjiba gara maatii isaaniitti deebi’uuf isaan gargaaruus akka argatan FBC'n tajaajila oduu Itoophiyaa wabeeffatee gabaasera.

Madda suuraa, FBC

Madda suuraa, Getty Images
Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) yaada haakimoonni Faransaay yaaliin talaallii COVID-19 taasifamu Afriikaa keessatti jalqaabuu qaba jedhan qeeqan.
“Afriikaa keessatti yaalii talaallii hin taasifamu,” jedhan Daarektarri WHO Dr. Teediroos Adhaanoom.
Haakimoonni lamaan TV irratti yaada kennaniin “dhala namaa akka hantuutaatti” ilaaltan jechuun qeeqamaniiru. Haakimoota lamaan keessaa inni tokko boodarra dhiifama gaafateera.
Dr Teediroos yeroo ibsa koronaavaayirasirratti kennanitti waa’ee haakimootarratti yaada qaban yeroo gaafatamanitti dallansuusaanii ifatti mul’ata ture. Isaanis “gabrummaa sammuuti” jedhaniiru.
Keeniyaan weerara koroonaavaayirasii ittisuuf yaalii gochaa jirtuun walqabatee, lammileenbiyyattii hedduun seensa magaalaa Naayiroobiirratti danqaman.
Magaalaa guddoo biyyatti Naayiroobii keessaaf alatti Wixatarraa eegalee poolisiin karaa cufuun isaatiin karaa darban dhabaniiru.
Pirezedaant Uhuuruu Keeniyaa, torban sadan dhufaniif namoonni magaaalicha akka hin seennee fi keessaas akka hin baane dhorkan.
Magaalota biyyatti kanneen akka; Mombaasaa,Kiliifii fi Kiwaalettis haaluma walfakkaatuun Roobirraa eegalee dambiin imala dhorku hojiirra oola.
Tarkaanfiin haaraan ibsame kun dambiin duraanuu namoonni akka galgala saaatii tokkoo hanga ganama saatii 11:00 tti dhorkamee ture akkuma jiruttidha.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Madda suuraa, Getty Images

Madda suuraa, Getty Images
Anga'oonni magaalaa guddittii Ikuwaador saanduqa reeffaa kaartoonii irraa tolfame raabsaa jiru.
Kana malees, maatii reeffi manasaanii keessaa akka fuudhamuuf barbaadaniif sarara bilbilaa qopheessaniiru.
Magaalaan Guyaquwil jedhamtu weerara koronaavaayirasiif giddugala taateetti.
Kanumaanis hospitaaloonnifi iddoo reeffi turu humnaa ol ta'aa jiru.
Maatiin tokko tokko reeffa nama jalaa du'ee, manumatti tursiisaa jiru.
''Hospitaala zoonii waraanaa keessa jiru fakkaata. Fiilmii nama sodaachisu (horror) irraa wanta arginu fakkaata,'' jechuun doktorri hospitaala tokkoo Guardian'tti himeera.
Ekuwaadoritti haga ammaa namoonni 3,747 vaayirasichaan qabamuun kan mirkanaa'e yoo tahu, 191 lubbuu dhabaniiru.
Minisitirri Ittisaa Ivorii Koost Hamaad Bakaayokoo otoo hin qoratamiin dura mallattoon vaayirasichaa akka irratti hin mul’anne himan.
Kanaafis, lammiilee biyyattiin of eeggadha jedhanii dhaamaan.
Ivoorii Koosti keessatti namootni 323 vaayirasichaan qabamuufi namoonni sadii lubbuu dhabuu ibsiteetti.
Mootummaan biyyatti magaalaa Abijaanitti namoonni mana akka turaniifi guutummaa biyyaatti keessatti sa’aatii namoonni manaa bahuun eeyyamamu daangeessan.
Kana malees, aanga’oonni biyyatti tamsa’ina vaayirasichaa xiqqeessuuf aguugguu afaaniifi funyaanii akka haguggatan gorsan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Madda suuraa, Getty Images
Weerara koronaavaayirasii to'achuuf biyyootni addunyaa baasii gurguddaa baasaa jiraachuutti dabalataan lammileen isaanii akka manaa hin baane, sochiin daldalaa akka dhaabbatuufi tarkaanfiiwwan biroo fudhataa jiran gamanumaan diinagdee isaanii daran miidhaa jira.
Weerarri vaayirasii kanaa erga to'atamee boodallee biyyoonni miidhaa diinagdee isaanirra gaherraa dafanii bayyanachuun itti ulfaatuu mala.
Wayita addunyaan vaayirasii kanaan wal'aansoo qabaa jirtutti, biyyoonni dursanii dandamachuu danda'an eenyu fa'i kan jedhu ogeeyyiin xiinxaluu eegalanii jiru.
Kana sirnaan hubachuuf galmee dandamannaa biyyootaa '2019 Global Resilience Index' ilaaluun barbaachisaadha.
Asii dubbisaa: Biyyoonni 5 dursanii COVID19 irraa dandamachuu malan kami?
Gaanaa keessatti namoonni haaraa koronaavaayirasiidhaan qabamanii 73 yoo ta’u, kunis lakkoofsa namootaa gara 287’tti ol guddiseera.
Tajaajilli Fayyaa Gaanaa (GHS) akka jedhetti lakkoofsi kan dabale “namoota tuttuqqii godhan adda baasuufi qorannoo taasisuun” akka ta’e ibseera.
GHS akka jedhetti, seerri namoonni gara biyyattiitti galan akka adda of baasan Bitootessa 21 fi 22 osoo daangaa hin cufamni dhumate jedheera.
Yeroo sanitti namoonni 1,030 adda of baasan 105 kan ta’an vaayirasichaan qabamuunsaanii mirkanaa’eera.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Morookoon namoota haguuggii afaaniifi funyaanii (maaskii) otoo hin haguuggatiin alatti bahan amma ji’a saditti akka hiituufi maallaqa biyyatti diraama 1,300 ykn $126’n nan kaffalchiisa jette.
Dambiin haaraan bahu kun weerara koroonaavaayirasii to’achuuf kibxata har’aa kanarraa qabee hojiitti hikuuf.
Murtoon ibsamee kun to’annoo dhibichaarratti mootummaan biyyattii mari'achuu hordofeeti jedhe AFP’n.
Morookoon Bitootessa 19, bara 2020 irraa eegaltee labsii yeroo muddamaa kan labsite yoo ta’u, namoonni 1120 ol dhibichaan qabamaniiru - namoonni 80 lubbuu dhaban.
Haguuggii afaaniifi funyaanii diraama 0.8 ykn $0.08tti gurguramaa kan jiru yoo ta’u, mootumman biyyattii torban dhufturraa eegalee omishasaa guyyaatti miliyoona 3 irraa gara miliyoona 6 tti guddisuuf jira jedhameera.

Guyyaa darbe sababa koronaavaayirasiin namni tokkollee osoo hin du'iin ooluu Chaayinaan gabaafte, kun erga weerarri vaayirasichaa mudate as yeroo jalqabaafi.
Guyyoota muraasa darban namoota muraasas ta'u namootni dhibee COVID19'n du'aa turan.
Biyyattiin yeroo duraaf osoo namni na jalaa hin du'iin oole haa jettu malee ,ragaa Chaayinaan dhimma koronaavaayirasii irratti addunyaaf kennitu irratti gaaffii hedduutu ka'a.
Oduun dansaa kun wayita magaalaan weerarri vaayirasicha keessatti eegale Wuhaan uggura sochii laaffisuuf qophaa'aa jirtutti dhagaa'ame.

Madda suuraa, Reuters
Firaans guyyaa darbe namoonni 833 koronaavayirasiin lubbuu dhabuu gabaaste - kunis erga weerarri vaayirasichaa mudate lakkoofsa namoota qabamanii olaanaa biyyattiin galmeessifte.
Namootni 605 hospitaala keessatti kan du'an yoo ta'u, 228 ammoo iddoo adda baafamanii kunuunfamaa turanitti du'uu ragaan Ministeera Fayyaa biyyattii ni mul'isa.
Walumaagalatti lakkoofsi namoota vaayirasochaan du'anii kan Firaans 8,911 gaheera.
Kanneen vaayirasichaan qabaman ammoo 98,010 gaheera.
Lakkoofsi namoota du'anii fi vaayirasichaan qabamanii ammallee dabaluuf akka deemu aanga'oonni biyyattii akeekkachiisanii jiru.
Xaaliyaanii keessattis lakkoofsi namoota du'anii guyyoota darban walitti aansuun erga hir'ataa tureen booda Wiixata dabalee jira.
Biyyattiin Wiixata namootni 636 jalaa du'uu kan gabaaste yemmuu ta'u, kun kan guyyaa DIlbataarra nama 111'n dabale. Lakkoofsi namoota du'anii waliigalaatti 16,523 irra jira.
Kan Ispeen guyyaa afraffaaf gadi bu'aatti jira.
Wiixata namootni 637 yoo du'an, lakkoofsi namoota du'anii 13,341 gaheera.

Madda suuraa, Getty Images
Ministirri Muummee UK Booriis Joonsan koronaavaayirasiin qabamuun mallattoonni dhukkubichaa haalaan waan itti hammaateef kaleessa galgala hospitaala galuun kutaa namoonni baayyee dhibaman itti wallaansa argatan (ICU) keessatti yaalamuutti jiru.
Booris Joonsan dhibee kanaan kan qabaman torbeen tokkoo ol kan darbe yoo ta'u, mallattoon dhukkubichaa haalaan itti waan hammaateef ture kan gara wallaansa addaa kan galfaman.
Ho'a qaamaa dabalatee mallatooleen dhukkubichaa irraa baduu waan didaniif gorsa haakimoota isaan 'og-eeggannoof' akka ta'e himameera.
Pirezedantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp fi pirezedantii Firaans Imaanu'eel Maakiroon dabalatee, hooggantonni biyyoota addunyaa hedduun 'si cinaa jirra' jechuun dhaamsa jajjabinaa erganiif. Waajjirri isaanii akka ibsetti, gorsa gareen ogeeyyii fayyaa kennaniin gara hoospitaala giddugaleessa Landatti argamutti geeffamuun 'kunuunsa adda ta'e' argataa jiru.
Joonsan barbaachisaa taanaan yeroodhaaf Ministirrii Dhimma Alaa biyyatti Doominik Raab akka bakkasaanii bu'an gaafataniiru jedhu dubbii himaan isaanii.
Tamsaasi keenya kallattii odeefffannoo oolmaa biyyaafi kan guutummaa addunyaa yeroo yeroon isini biraan ittiin geenyu jalqabeera.
Aaga dhaga'aa oolaa!!