Lammileen Iraan 600 ol alkooliin Covid-19 irraa nu fayyisa jechuun dhugan lubbuu dhaban

Iraanitti namoonni 62,500 ol koronaavaayirasiin qabamaniiru

Madda suuraa, EPA

Lammiileen Iraan alkooliin koronaavaayirasiirraa nu fayyisa jechuun dhugan keessaa 600 ol lubbuu isaanii dhaban.

Erga koronaavaayirasiin tatamsa'u eegalee namoonni 600 ol alkoolii summaa'en lubbuu isaanii dhabuu Dubbii Himaan Dhimma Haqaa biyyattii himaniiru.

Namoonni 3,000 biroo immoo ammallee dhukkubsataa akka jiran himan.

Akka qondaalli kuni jedhanitti namoonni koronaavaayirasiirraa fayyisa jechuun alkoolii summaa'e dhugaa turani.

Namoonni seeraan ala alkoolii oomishan to'annoo jala ooluu qondaalli kuni dubbataniiru.

Biyya Iraan keessatti hanga yoonaa namoonni 62, 500 ol koronaavaayirasiin qabamaniiru.

Haa ta'u malee, lakkoofsi namoota haaraa qabamanii erga torban darbe as xiqqaateera.

Biyyoota koronaavaayirasiin haalaan hube keessaa Iraan tokko yeroo taatu hanga yoonaa 3, 872 lubbuu dhabaniiru.

Kana dura, dhukkubi koronaavaayirasii Chaayinaadhaa miti kan dhufe Ameerikaatu harka keessaa qaba jechuun Iraan dubbattee turte. Kanaanis, deeggarsa Ameerikaa diduu ibsiteetti.

"Koronaavaayirasiin kun kallaattiin odeeffannoo qaccee sanyii (gene) lammiilee Iraan karaa garaa garaan funaanameetti fayyadamuun kan Iraanootaaf hojjatameedha," jechuun Ayaatolaah Alii Kohmaaniin kana dura dubbatanii turani.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa