Koronaavaayirasii: Iraan deegarsa wallaansaa dhibee COVID-19 Ameerikaarraa fudhachu didde

Ayaatolaa Ali

Madda suuraa, Anadolu Agency

Ogganaan olaanaan Iraan deegarsa Ameerikaan wallaansa ittisa koronaavaayirasiif kennuuf dhiyeessiteef hin fudhannu jedhan.

Haasaa karaa TV biyyaaleessaatiin taasisaniin, Ayaatolaah Alii Kohmaaniin, Ameerikaan 'dinaa guddaa' Iraan ta'usheetiin alattis maddi dhukkubichaa mataashee ta'uu qondaaltoota Chaayinaarra dhagahamee jira jedhan.

"Kan jedhame kun hangam dhugaa akka ta'e beekuu baadhulleen garuu, sammuu akkasitiin deegarsa qoricha ishee fudhachuuf attamiin amanama?'' kan jedhaan ogganaan kun, ''tarii qorichi keessan karaa ittin vaayirasicha caalaa babaliftan ta'uu mala,'' jedhan.

Osoo ragaa omaa hin eerini, "Koronaavaayirasiin kun kallaattiin odeeffannoo qaccee sanyii (gene) lammiilee Iraan karaa garaa garaan funaanameetti fayyadamuun kan Iraanootaaf hojjatameedha," jechuun himatan.

Qondaaloonni Iraan kan biraas qoqobbii cimaa biyyattiirraa kaasuu didaa deeggarsa taasisuuf yaaluun itti fakkeessuudha jechuun himatu.

Iraan biyyoota addunyaa garmalee koronaadhaan miidhamte keessa tokko yoo taatu, lammileenshee 21,600 ta'anis vaayirasichaan faalamaniiru.

Anga'oonnibiyyatti akka mirakaneessanittis, namoonni 1,685 sababiidhuma koronaatiin du'aniiru.

Haa ta'u malee lakkoofsi namoota vaayirasiin qabamaniifi kan du'anii inni dhugaan Kanaan ol akka ta'u tilmaamama.

Biriteen, Jarmaniifi Faransaayi waliin ta'uun deeggarsa wallaansaa taasisaa jiru Iraaniif.

Koroonaavaayiras