Koronaavaayiras: Yugaandaan harraa kaasee namni kamiyyu lafarraanis, galaanarraanis, qilleensarraanis biyya akka hin galle dhorkite

Madda suuraa, Getty Images
Yugaandaan lammiilee ishee biyya biraa jiran dabalate namni kamiyyu biyya kamirraayyu lafaanis ta'e qilleensarraan biyya ishee akka hin galle dhorkite.
Yugaandaan harra Bitooteessa 22 irraa eegalee imaltoonni kamiyyuu biyyatti akka hingalleef dhorku beeksiifte.
Balaliinsiiwwan ergamtoota UN qofti biyyattii qubachuuf kan hayyamamee yoo ta'u, hojjattoon dhaabbichaa garuu bakka qondaaltoonni mijeessaniif boqachuu qabaatu jedhameera.
Kanaafu guyyaa Harraa irraa kaase namni kamiyyuu karaa lafootiin ta'ee karaa bishanitiin biyyattii galuun dhorkaadha.
Kaargoo mi'aa hojjattoota muraasa waliin garuu akka addaatti ni hayyamam jedhameera.
Seerri kunis imaltoota lafoo biyyoota ollaa irra dhufanis kan ilaalatudha jedhameera.
Kanaaafuu, lammiileedhumiti Yugaandaa biyya biraa jiraatan mataansaanii guyyaa harraa kanarraa kaasee biyyatti debii'u hindanda'an.
Gama biraatin ammoo yeroo jalqabaatiin namni COVID-19 qabame argamu kaleessa mirkaneessite
Lammii Yugaandaa kan ta'e namni biyyattii keessatti yeroo jalqabaatiif vaayirasichi kaleessa irratti argame kunis nama umuriin 36'ti jedhameera.
Dhukkubsataan kunis Kaleessa Sanbata sa'aatii 8 irratti Dubaayi irraa ka'uun biyya galunsaa himameera.
Wayita qaqabeettis mallattoowwan qaama gubaafi fedhii nyaataa dhabu irratti kan mulatu ta'u himame. Tibba qorannoon buufata xiyyaaraatti gaggeefameefiittis ho'i qaama isaa 38.7 ta'e. Haalli kunis oggeessonni fayyaa akka hordoffii dabalataa taasisaniif mirkanaa'u himame.
Isaan booda Gara Magaalaa Entabeetti Hospitaalaatti kan geeffame yoo ta'u hordoffiin oggeessotaan taasifamaafi jiraachu himamee.

- Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- Koronaavaayiras dhibee 'addunyaa weerare' jedhamee labsame
- Koronaavaayirasiin hangam yaaddessaadha, akkamiin ofirraa ittisuun danda'ama?
- Mallattoon koronaavaayirasii 'guyyaa shan booda mul'ata'
- Olompikiin Tookiyoo 'waggaa tokko ykn lamaaf achi butamuu mala'














