Koronaavaayiras: Xaaliyaanitti bulchiinsi Lombaardii tarkaanfii cimaa labsite

Loltoonni namoonni mana kessa turusaanii to'ataa jiran

Madda suuraa, Reuters

Biyya Xaaliyaanitti mootummaan bulchiinsa Lombaardii motummaan tatamsa'ina koronaavaayiras to'achuuf tarkaanfii baayyee cimaadha jedhame labse.

Akka ajaja haaraa Sanbata alkan labsamee kanaatti, qofaa ofii ta'ulleen sochiilee qaamaafi ispoortii manaan alaa hundi dhorkameera.

Kana malees, maashina nyaataafi dhugaatii keessa bitamutti fayyadamuunis dhorkameera.

Tarkaanfii cimaan kunis ega biyyatti guyyaa Sanbataa tokkichatti du'aatii namoota 800 galmeessiteen booda. Hanga ammaatis biyyattiin sababiidhuma koronaavaayirasiin kanaan namoota 4,825 kan addunyaarratti isa olaanaa jedhame galmeessite jirti.

Biyyatti keessatti bulchiinsi Lombaardii bakka namoonni 3,095 keessatti du'uun kan baayyee miidhame ta'eera.

Pirezidaantiin naannichaa Attilio Fontaanaa ture ajaja cimaa kana ibsaan kan labsan.

Dhaabbileen daldalaas yoo kanneen dirqamaan barbaachisan ta'e malee hundu akka cufamaniif gaafatamaniiru.

Kana malees yoo hospitaaloota, daandiiwwan fi baabura irra kan hojjatan ta'e malee hojiiwwan ijaarsaa hundi akka dhaabataniif ajajni dabarfameera.

Bakkeewwan gabaa dirreerraa hundi akka hafan taasifameera.

Naanno biyyattii kunis Bitooteessa 8 irraa kaasee hojii dhaabuun akka turtu kan taasifamee yoo ta'u, motummaan jijjirama arguuf hawwee ture.

Walumaa galattis addunyaa guutuuti namoonni dhukkubni kanaan qabamunsaanii mirkanaa'ee 307, 278 yoo ta'u, kanneen 13, 049ta'an ammoo lubbusaanii dhabaniiru.

Gama biraatiin ammoo namoonni 92,373 ta'an ammoo dhukkubicha irraa bayyanachunsaanii dhagahameera.