Dhukkubsattuun koronaavaayirasii kutaa adda of baasanitti deesse

Daa'imni yeroo malee dhalatte jedhameera

Madda suuraa, Dr Yaneu Ngaha

Dubartiin wal'aansa koronaavaayirasii argataa turte kutaa adda baafamtee hordofaa turtetti deesse.

Kunis kan tahe magaalaa guddoo Kaameeruun Yaawundeetti dha.

Haati mucaa reefu ganna 19dha. Erga deesseen boodas daa'imasheerraa adda baafamteetti.

Yeroo miixuun ishee jalqabe oksijinii nam-tolcheen harganaa turte..

''Kutaa itti deessu sirreessineefii sireedhuma isheerratti oksijiniin kennameefitu deesse,'' jedhan hospitaala giddugalaa Yaahundetti, ogeessa fayyaa wal-hormaata dubartootaa kan tahan Dr Yaanuhu Ingaahaa.

Daa'imti yerooshee malee kan dhalatte yoo tahu kg2.1ulfaatti.

Ammaaf kutaa daa'immanii keessatti kunuunsi kennamaafi jira. Vaayirasichaan qabamuunshees hin mirkanoofne, aannan haadhasheerraa qicames hodhaa jirti.

Haati daa'imaa Meeriin kutaa adda baafamtetti wal-aansa argachaa jiraattus maatiin ishee waliin wal arguu waan hin dandeenyeef qophummaan itti dhagahamaa jira jedhan Dr Yaanuhu.

Haala rakkisaa akkasii keessatti dafnee murteessineetu oppireeshiniin akka deessu taasifne. Warreen dahumsa jala jiranis hin yaadda'iinaa jedhan doktarichi.

Biyyattiitti namoonni koronaavaayirasiin qabaman 658 dha. Sagal immoo lubbuu dhabaniiru.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa