Itoophiyaatti daa'ima baatii sagalii dabalatee namootni 8 haaraan koronaavaayirasiin qabaman

Ministira Fayyaa, Dr. Liyaa Taaddasaa

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Fayyaa, Dr. Liyaa Taaddasaa

Itoophiyaatti daa'ima baatii sagalii dabalatee namooni 8 koronaavaayirasiin haaraa qabamuun mirkana'e.

Haatii daa'ima kanaas vaayirasichaan qabateetti. Lammiin Eertiraa tokkoo namoota vaayirasichaan qabaman keessa kan jiru yoo ta'u,kanneen hafan torban lammilee Itoophiyaati.

Namoota Koroonaavaayirasiin qabaman kana keessaa 5 Dubaayirra kan dhufan yoo ta'u ,addaatti fo'amanii namoota tursiifaman hordofamaa keessa turan.

Namoota qabaman keessaa dubartiin lammii Itoophiyaa ganna 25 dhufte iddoo addatti fo'amanii hordofaman keessa turte.

Namoota haaraa qabaman keessaa dargageessi ganna 19 biyya hambaas kan hin deemne yoo ta'u, eenyu wajjin tuttuqaa akka qabu hordofamaa jira.

Namni biroon vaayirasichaan qabame, dubartii ganna 300 yoo taatu, Landaniirraa gara Finfinnee erga dhuftee booda adda fo'amuun iddoo tursiisaa keessa turte. Namooota qabaman keessaa tokko giddugaleessa namoota hordoffii cimaa barbaachisuu keessa jiraachuun himameera.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa

Ammatti Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Vaayirasichaan qabamanii 52tti ol guddateera.

Sa'aatii 24 keessatti qo'annoo laabiratorii namoota 264 irratti gaggeeffameen ta'uu MinistIrri Fayyaa Itoophiyaa Dr Liyaa Taaddasaa himaniiru.