Baqataan Sudaan Firaansitti nama lama waraanee ajjeesuun shakkame hidhame

Poolisoota Firaans ajjeechaa qorataan 4 Ebla 2020

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Poolisooti Firaans ajjeechaan kun shororkeessummaan hidhata qabaachuu shakku

Haleellaa suuqii/dukkaana tokko keessatti qaqqabeen hidhata qaba jedhamee baqataan lammii Sudaan umrii ganna 30 keessa jiru fi magaalicha jiraatu tokkotu qabamee hidhame.

Ministeerri dhimma biyya keessaa Firaans, haleellaa shororkeessummaati jedhe ibse.

Namni yeroo haleellaan kun qaqqabu argeera jedhu akka himetti, namni haleellaa kana raawwate suuqii tamboon keessatti gurguramu seenee abbaa suuqii fi maamilasaa waraanee jedha.

Achumaanis, suuqii birootti darbee namoota lama erga madeessee booda hidhamuusaa dubbate.

Abbootiin alangaa farra shororkeessuummaaas 'ajjeecha dhaabbata shororkeessa ta'een hidhata qabu kana qorachuu eeggaleerra' jedhan.

Shakkamaa kana duraan poolisiis ta'e, humnoonni tika biyyatti hin beekan ture jedha midiyaan biyyatti tokko.

Kantibaan magaalaa Romaans-sur-Isère AFP'tti akka himanitti, shakkamaan haleellaa kana raawwate jedhamu erga dukkaana tambootii baheen booda mana foon itti gurguramu seenee haaduu biraa butee namoota daabboo bitachuuf hiriiran waraane jedhan.

Poolsioota Maaskii uffatan

Madda suuraa, Getty Images

Abbaan suuqii iddoo haleellaan kun itti qaqqabees akka himetti, shakkamaan kun haadu fudhate namoota waraanuusaa booda haaati warraasaalle namoota mada'aan deeggaruuf yaalaa turuushi dubbate.

Faraansaayii tamsa'iina koroonaavaayirasii to'achuuuf namoonni akka mana turan gorsiti, waantota bu'uura ta'an qofa namoonni bitachuufi sochii qaamaaf manaa bahu.

Namni kun ta'e jedhee hawaasa shororkeessuufi gocha kana raawwate jedhu aanga'oonni biyyattii.

Wayita manni jireenyaa shakkamaa kanaa sakatta'amu barreefamoonni harkaan barraa'an ergaawwan amantaa qaban argamuu himuu abbootiin alangaa.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa