koronaavaayirasii: Waa'ee maaskii uffachuu gorsi amma duraa irra deebiin xiinxalamaa jira

Madda suuraa, EPA
Golgaa fuulaa ykn maaskii ilaalchisee amma dura gorsi Dhaabbata Fayyaa Addunyaa, maaskii hidhachuun kan barbaachisu warra vaayirasiichaan dhibaman ykn ogeeyyii fayyaa qofa kan jedhu ture.
Wayita ammaa kana garuu gartuun gorsitootaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa dhimma kanarratti mari'achaa jira.
Aanga'oonni Ameerikaas waa'ee maaskii hidhachuu gorsa amma dura kennamaa ture jijjiiruuf yaada qabaachuun gabaafamaa jira.
Dhiyeenya kana namoonni hundi maaskii godhachuu qabu waamichi jedhu jabaataa jira. Kunis namootni mallattoo hin mul'isne garuu vaayirasicha qaban namoota hedduu faaluu danda'u sodaa jedhuuni.
Qorannoon US tokko qufaan hanga meetira 6, axiffuun ammoo hanga meetiraa 8 deemuu danda'a jedha.
Qorannoon haaraa kun wa'ee maaskii godhachuu gorsa amma dura kennamaa ture geeddaru danda'a jedhu hogganaan duraanii fi dursaan gartuu gorsitootaa WHO pirofeesar Deeviid Heeyman.
WHO'n ragaalee haaraa ilaaluun kanaan dura gorsa maaskii irratti kenne geeddaruu qabamoo hin qabu kan jedhu ilaaluuf mari'achuuf akka jiran himu.
Wanti amma gorfamu maali?
WHO'n tamsa'ina vaayirasichaa ofirra dhorkuuf nama qufa'u ykn axxifatu irraa yoo xiqqaate meetira 1 faggaachuu akka qabnu gorsa.
Namootni dhukkubsatan ykn mallattoo dhukkubichaa agarsiisan ammoo maaskii uffachuu qabu jedha.
Namni fayyaan garuu maaskii uffachuun kan irra jiru yoo nama mallattoo dhukkubichaa qabu kunuunsa ta'e ykn ofii qufa'aa ykn axxifachaa jira yoo ta'e qofa jedha.

Madda suuraa, Getty Images
Maaskiin kan fayyadu yoo irra deddeebiin harka dhiqachuu shakkalla ta'eefi maaskii itti fayyadamne seeraan gatna yoo ta'eedha kan jedhurratti xiyyeefatu.
US fi UK dabalatee biyyootiin hedduun namootni yoo xiqqaate meetira 2 walirraa fagaachuu akka qaban gorsu.
Gorsi kun kan hundaa'e raga vaayirasiin kan daddarbuu danda'u bifa dhangala'aan yeroo namni qufa'u ykn axxiffatu qofa jedhu irrattidha.
Qorannoon haaraan maal jedha?
Ameerikaa, Kaambiriij MIT'tti qorattoonni kaameeraa ariitiin warabuufi teekinolojii birootti fayyadamuun qufaa ykn axxiffuu booda wanta ta'u qorataniiru.
Akka argannoo isaanitti qilleensi afaan keessaa yeroo ba'u hurrii qilleensaa dhangala'aa guddinaa adda addaa qabuufi ariitiin deemuu uuma - dhangala'aan xiqqaan isaa ammoo fageenya dheera deemuu danda'a.
Qorannoon laabratoorii keessatti geggeeffame kun, qufaan dhangala'aa hanga meetira 6'tti deemuu danda'u akka uumuufi axxiffuun ammo caalatti ariitiin kan deemu ta'e, hanga meetira 8'tti adeemu akka danda'u argateera.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras

Kun maal agarsiisa?
MIT irraa saayintistiin qorannoo kana hoggantu piroofeesar Liidiyaa Bawuroba, yaadni 'walirraa fagaachuu' amma jiru akka ishee yaddeessu BBC'tti himteetti.
"Wanti nuti afuuraan of keessaa baasnu, qufaa ykn axxiffuun hurrii gaasii dhangala'aa guddinaa adda addaa qabuu, kan ariitiin fageenya dheeraa deemuufi kutaa jirru waliin ga'uu danda'udha," jetti.
"Kanaaf yaadi meetiraa tokko ykn lama walirraa fagaachuun of eegganoo tasiisu, kan dhangala'aan kun fageenya kanatti lafatti harca'a jedhu wanta nuti qorannee, safarreefi kallattiin agarre irratti kan hundaa'ee miti" jetti
Kuni gorsa maaskii uffachuu ni geeddaraa?
Akka ilaalcha pirofeesar Lidiyaatti haalota tokko tokko keessatti, keessumaa mana sochii qilleensaa ga'aa hin qabne keessatti, maaskii uffachuun carraa vaayirasichaan qabamu hir'isuu danda'a.
"Maaskiin gaarii hin taane gingilchaa waan hin qabneef, wantooti qilleensa keessa jiran xixxiqaa gara qaamakee akka hin seenne hin dhorkani," jetti piroof Lidiyaan.
"Garuu hurrii ariitiin fuulaa fuulatti namatti dhufan gara kallattii biraatti naanneessuu ni danda'u."
Goorsitoonni WHO maal yaadu?
Akka Piroofeesar Deevid Heeyman jedhanitti, qorannoon haaraa MIT fi dhaabbilee birootti argame kan jalqaba yaadameerra qufaa ykn axxifuun fageenya dheera deema waan jedhuuf ni madaalama.
Yoo qorannoon deeggaramee mirkanaa'e, yoos "maaskii uffachuun walirraa faagachuu qixa ykn caalaa barbaachisaa ta'uu danda'a" jedhan.
Garuu maaskiin funyaan haguuguun seeran uffatamuu akka qabu akeekkachiisaniiru. Yoo maaskiin jiidhe, waantootni adda addaa keessa darbuu danda'u jechuun Piroofeesar Deevid ibsaniiru.
Yeroo ofirraa baasaniis harka isaanitti akka hin dabarreef of eeggannoo goochu qabu jedhu. Dabalataanis maaskiin itti fufiinsaan uffatamuu qabu jedhan.
Gartuun gorsitootaa WHO kunguyyoota muraasa keessatti viidiyoon wal argee dhimma kanarratti mari'ata.
Biyyootiin waa'ee maaskii maal gorsu?
Eeshiyaa keessatti yeroo dheeraaf kan barame ta'us, Ameerikaan uummati bal'aan maaskii fayyadamuu qabumoo hin qaban kan jedhurratti mariirra jirti
Maaskiin salphaan huccuurraa hojjetamu tamsa'ina vaayirasichaa hir'isuu akka danda'u dhaabbanni To'annoo Dhukkubaa Ameerikaa CDC akeekee jira.
Awustraaliyaa keessatti amma poolisiifi namni isaanii waliin hariiroo qabu maaskii uffachuu qaba. jiddugalawwan gabaa achi jiranis maamiltoonni akka maaskii uffatanif ni dirqisisu.
Awurooppaa kan duraan namni maaskii uffatu itti hin argamne keessattis amma maaskii uffachuun baayyachaa jira.
Gorsi haaraa guyyoota muraasa itti aanan WHO irra ba'u ammoo jijjirama kana arifachiisuu danda'a.














