Koronaavaayirasii: Sababoota COVID-19 salphaatti diinagdee Itoophiiyaa miidhaaf saaxilu

Madda suuraa, Getty Images
Sababa weerara koronaavayirasiitiin dinagdeen Itoophiyaa qormaata cimaa keessa seenuu akka danda'u hayyoonni diinagdee BBC'tti himan.
Koronaavaayirasiin lubbuu galaafachuu fi gaaga'ama fayyaa hawaasa Addunyaa irraan geessisaa jiruun cinaatti miidhaan dinagdee inni geessisaa jiru laayyoo miti.
Wayita ammaa hojiiwwan, tajaajilooti kennaman, warshaaleen gurguddoo idil-addunyaa hojii dhaabanii jiru, sochii turizimiis dhaabbateera. Indastiriiwwan bashannanaa akka Ispoortiis dhaabbataniiru.
Kuni raafama kufaatii dinagdee bara 2008 addunyaa mudate dachaadhaan caalu fidaa jiraachuu himu ogeessi diinagdee Dr Guutuu Teessoo.
Raafamni diinagdee addunyaa mudataa jiru kun biyyoota Afrikaa irratti hammaachuu mala jedhu.
"Durumaa rakkoon hoji dhabdummaa Afrikaa keessa jiraachuufi biyyoonni kuni hiyyummaa keessa waan jiraniif sababa koronaavaayirasiitin immoo mucucoo dinagdee hamaa keessa seenu," jedhan.
Gargaarsa
Dinagdee Itoophiyaa kan ilaaleenis, walgituu dhabuun al-eergiifi meeshaalee alaa galanii durumayyuu hirkatummaa liqii fi gargaarsaa jalaa akka hin baane taasisaa turuu eeru.
"Itoophiyaan biyya gargaarsa irratti hirkattee jiraattudha. Wanti biyya alaatii galchinu hanga doolaara biiliyoona 18 yoo ta'u, wanti nuti gara alaatti erginu ammoo doolaara biiliyoona 3'tti tilmaamama."
Garaagarummaan gidduu kana jiru maallaqa gargaarsaafi liqaadhaan argamuun kan guutamuudha jedhan.
Biyyoota akka Ameerikaa, Jarman, Kaanaadaa, Aawustiraaliyaa kuni diinagdeen raafamuun itti fufnaan Itoophiyaanis gargaarsa dhabaa deemti jedhan.
Karaa biratiin immoo omishni Itoophiyaan gara gabaa alaatti ergitu omishaalee qonnaa waan tahaniif, indastiriiwwan meeshaa dheedhii Itoophiyaan ergitu kana fudhatan baay'een isaanii ammoo hojii dhaabuun sakaallaa diinagdee Itoophiyaa mudate ta'uu himu.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras

Dhimmuma kanarratti kan dubbisne Odiitarri Waliigalaa Oromiyaa Obbo Gammachuu Dubbisoo, waan biyya alaatti ergamu fedhiin fudhachuu dhaabbachaa jiraachuun rakkoo ta'uu himu.
Gama biraan indastiriiwwan biyya keessa jiran galtee barbaadu, galteewwan kunimmoo biyya alaatii waan dhufaniif sararri dhiheessii isaa dhaabbachuun diinagdee Itoophiyaa irratti miidhaa guddaa fida jedhu.
Yeroo rakkoo kana keessatti wanti gaariin Itoophiyaan argatte gatiin boba'aa hir'achuu qofa jedhu Obbo Gammachuun.
Sharafa Alaa
Madda galii dinagdee Itoophiyaa kan ta'e sharafni alaa lammiileen Itoophiyaa biyyoota alaa jiran gara biyyaatti ergan (Remittance) xiqqaachuunis yaaddoo kan biraati jedhu.
"Lammiileen Itoophiyaa biyyoota alaa jiran sababa koronaavaayirasii kanaan manatti galanii jiru. Hoteelonni, indastiriiwwan waan cufamaniif maddi galii isaanii dhaabateera. Kanaaf hojii dhaabanii mana jiru."
"Kana jechuun maallaqni argatanii gara biyyaatti erganis hin jiru" jedhan.
Itoophiyaan qusannaa kaaznaa keessaa qabdu xiqqaa yeroo rakkoo kanatti tajaajiloota yaalaa fi deeggarsa qolannaa dhibee kanaatiif oolchaa waan jirtuufis qusannaan biyyaattiis akka miidhamu himu.
Furmaata
Biyyoonni akka Ameerikaa yeroo rakkoo kanatti diinagdee isaanii bayyanachisuuf maallaqa guddaa ramadanii hojjechaa jiru, mootummaan Itoophiyaas waan kana jalqabeera jedhu Obbo Gammachuun.
"Mootummaan Itoophiyaa raafama diinagdee mudatu kana qolachuuf birriii guddaa baankileedhaaf ramaduu beeksisee jira. Kuni tarkaanfii guddaadha."
"Taaksii/gibira hir'isuu irrattis itti yaadamuu qaba. Daldaltootaaf deeggarsi gibira hir'isuu fala taha," jedhan.
Dr Guutuun gama isaaniitiin akka furmaataatti kan tahuu qabu yeroo rakkoo kanattis sochiin diinagdee akka hin dhaabbanne gochuun dirqama taha jedhu.
"Ammaa kaafamee rakkoo kana keessa teenyee carra akkamiin daldala sochoosuu dandeenya kan jedhu yaadamuu qaba. Akkamitti omishnee binnee walitti gurgurra kan jedhu yaadamuu qaba," jedhan.
Yeroo nagaa fi yeroo haalli mijataan jiru keessatti daldaluu qofa osoo hin taane yeroo rakkinaa keessattis malli daldalaa uumamee dinagdee biyyaa baraaruun baay'ee murteessaa ta'uu eeru Dr. Guutuun.
Koronaavaayirasiin akka amma biyyoota biroo keessatti tahaa jiru kanatti nama hunda guutumatti manatti yeroo galche dhiibbaan diinagdee mana lammii hundaa akka seenus himan.













