Isheen eenyu 19: Shamarree maashina dhiiga deessuu to'atu kalaqxe

"Harmeen koo yeroo na deessu dhiigni baay'ee dhangala'ee ture. Kanaaf ani carraa harma hodhuullee hin arganne" jetti shamarreen umurii waggaa 24 Daraartuu Darajjee.
Sababa hedduminaan dhangala'uu dhiigaa haadhashee muddateen, kunuunsa haadhashee argachuu kan hin dandeenye Daraartun akkoo ishee biratti akka guddattu taasifamte.
"Akkoo koo biratti 'haati kee rakkoon dhangala'uu dhiigaa ishee mudatee ture' jedhanii natti himaa turan" jetti.
Naannoo baadiyaatti waan guddatteef haawwan hanga dhaabbata fayyaa gahanitti lubbuun isaanii yeroo darbu taajjabuushee fi kun immoo barnoota fayyaa barachuuf akka ishee kakaase himti.
"Yeroon mana barumsaa seenu ani dooktariin ta'a jedheen yaadaa ture. Haa ta'u malee yeroon kutaa 12ffaa xummuru mummee barnootaa injinaringii na gahe. Sana boodas digrii jalqabaa mummee barnootaa 'Biomedical Engineering' baradhe" jetti.
Naannoo Benishaangul Gumuz godina Matakkal aanaa Wanbaraatti dhalattee kan guddatte shamarreen tun kalaqa hiriyoota ishee afur walin ta'un kalaqteen lubbuu haadholii sababa dhiiga yeroo dahumsaa dhangala'uun darbu hambisuuf abdii godhatteerti.
Shamarree Daraartuu Darajjee bara 2011 yunivarsiitii Jimmaa irraa mummee barnootaa Baayo-medikaal Injinariing jedhamun eebbifamte.
Yeroo ammaas Yunivarsiitii Jimmaatti hojii barsiisummaan ramadamtee mummee barnootaa Baayo-medikaal Imeejing (Biomedical Imaging) jedhamun immoo digirii lammaffaashee barachaa jirti.

Dabalataan meeshaa yeroo dahumsaatti dhangala'uu dhiiga haadholii to'atu bifa dhaabbilee fayyaa keessatti yaalamuu danda'un hojjechuun immoo hojiishee ijoo isa biraati.
Sababa du'a haadholii isa jalqabaati…
Akka ragaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti waggaa waggaan dubartootni miiliyoona 14 ta'an rakkoon dhiiga yeroo dahumsaa baay'inaan dhangala'uu isaan mudata.
Akka addunyaatti du'aatii haadholiifis dhangala'uun dhiigaa yeroo dahumsaa sababa isa jalqabaati.
Rakkoon kun miidhaa lubbuu haadholii irratti geesisuun dabalataan carraan du'aaf saaxilamuu daa'imman haadholii kunneennis olaanaa akka ta'e Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa hima.
Rakkoon kun biyyaalee guddataa jiran keessatti immoo lakkoofsaanis ta'ee miidhaa isaatin hammaataa dha.
Kalaqni Shamarreewwan kunneenii maali?
Shamarree Daraartuu fi hiriyootnishee dubartootni afur meeshaa 'Digitalized postpartum haemorrhage diagnostic and management device' jedhanii moggaasan digirii jalqabaa isaanii ittiin eebbifamuuf hojjetan.
Haa ta'u malee "kana hojjechuu hin dandeessan" jedhamuun barsiisota biraallee yaadni kenamaafii akka ture kan himtu Daraartun, itti cichanii hojjechuu isaaniitin kalaqani isaanii kalqawwan Yuivarsiitii Jimmaa keessatti hojjetaman keessaa isa filatamaa ta'uun badhaafamuu isaanii himti.
"Haati tokko erga deessee booda dhiigni baay'inaan dhangala'uu danda'a. Haala amma jiruun ogeeyyiin fayyaa hammeentaa dhiigaa dhangala'e ilaalun haadha sanaaf qoricha laatu. Yoo ogeeyyiin fayyaa hamma dhiigaa dhangala'e beekan ni fayyiti. Yoo hin barre garuu fayyuu hin dandeessu.
Meeshaan nuti kalaqne garuu dhiiga deessuu sanaa kuusee safaruun deessuu sanaaf qoricha ni laata. Yoo rakkoon biraa uummame immoo ogeeyyii fayyaa. Ni waama" jechuun kalaqa hiriyoota ishee walin ta'uun hojjettan ibsiti.
Maashiniin kun dhiiga dhangala'uun dabalataan dhiibbaa dhiigaa fi dhahannaa onnee deessus ni safara.
Wantoota sadeen kunneen safaramanii qorichi haadha sanaaf erga laatamee booda haati sun sa'aa lamaa hanga afurii gidduutti akka fayyitu shamarree Daraartuu dubbatti.
Dabalataan maashiniin kun hammeentaan qorichaa dhiiga deessuu dhangala'u dhaabuf kennamu dogongora malee akka laatamu taasisa.
Kanaaf meeshaan kun ogeeyyiin fayyaa tilmaama osoo hin taanee ragaa qabatamaa akka qabaatan kan taasisu ta'usaas himti.

Yeroo ammaattis maashinii kana bifa dhaabbilee fayyaa keessatti yaalif hojiirra ooluu danda'un hojjechaa akka jiran fi gahumsi isaa erga mirkanaa'ee boodas dhaabbilee fayyaa biyya keessaa fi biyya alaatti faayyidaarra oolchuf karoora akka qaban shamarree Daraartuu nutti himteerti.
Teekinoloojii fi dubartoota…
Dubartootni damee tekinoloojiitti akka madaqan fi fedhii akka qabaatan gama gochuutin dhaabbilee barnootaa sadarkaa gadi aanaas ta'e olaanoo keessatti hanqinni akka jiru shamarree Daraartuu Darajjee dubbatti.
"Hawaasnis intalli koo dooktara yaa taatu jedha malee damee teekinooloojii akka seentu hin jajjabeessu" jechuunis himti. Walirraa fageenyi dubartoota fi tekinoloojii gidduu jiru naannoo baadiyaattimmoo bal'aa ta'uu himti.
Shamarree Daraartuu Darajjee wayita Yunivarsiitii Jimmaa seentee damee tekinoloojii barachuu eegaltus "natti cimuu danda'a" jechuun yaaddoo keessa akka turte fi booda garuu milkaa'inaan xummuruushee himti.


















