Isheen Eenyu? 16: 'Ni rooba, ni caama kan jettu ati Waaqa biraa dhuftee naan jedhan'

Caalii Dabalee

Aadde Caalii Dabaleen Ejensii Meetiroolojii Biyyaalessaatti Daayireektara raaga haala qilleensaati.

Naannawaa Finfinnee magaalaa Koyyee Facceetti haa dhalataniyyuu malee naannoo isaaniidhaa dubartiin baratte 'ana qofa' jechuu danda'a jedhu.

Bakki isaan itti dhalatan kuni magaala Finfinnee funyaan jala ta'us yeroo sanatti barnootaaf bakka xiyyeefannaan hin kennamne ture jedhu Aadde Caaliin.

"Yeroon ani baradhu sana ganda Koyyee keessa dubartoonni hin baratan. Anuma qofatu tureyyuu jechuun danda'a [kan barate].

Inumaa namoonni naannoo ''intala tana maalif barsiifta?'' jedhuun ture abbaa kiyyaan" jedhu Aadde Caaliin.

"Anis haati kiyyas mana barumsaa akkan ani deemu fedhii hin qabnu ture. Abbaan kiyya garuu dirqama akkan deemu waan barbaaduuf hafuu hin dandeenyes," jedhu.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Aadde Caalii Dabaleen Ejensii Meetiroolojii Biyyaalessaatti

Aadde Caaliin yeroo ammaa Ejensii Meetiriyooloojii Biyyaalessaa keessa waggaa 20tti siquuf akka hojjetanis himu.

"Digirii jalqabaa koolleejjii Kotabee irraa herreegaan, digirii lammaffaa ammoo meetiroolojiidhaan Yunivarsiitii Maqalee irraan eebbifame.''

''Leenjiwwan biroo hedduus biyya alaatti fudhadheera. Kanaaf hojii kiyya kanas baayyee itti gammadeen hojjedha, " jedhan.

STVO [kan amma OBN ta'e] irratti oduu raaga haala qilleensaa Afaan Oromootiin yeroo jalqabaatiif kan dhiheessan isaan ta'us himu.

Yeroo jalqaba ergaa meetiroolojii kana TV dhaan dabarsan waan haati isaanii isaan jedhanis akkanaan yaadatu.

''Intalakoo ati kan takka nirooba takkaa hin roobu jettee haasoftu kuni Waaqa biraa dhuftemoo" naan jedhani jedhu.

Ummannis aadaadhaan raaga haala qilleensaa ijaan ilaalee waan beekuuf 'bubbeen garana bubbisaa jira nirooba, midhaan dafnee sassaabna' jedhu nutimmoo kanuma meeshaa ammayyaatiin ilaallee himna jedhan Aadde Caaliin.

Namoonni hedduun raaga haala qilleensaa yeroo nuti himnu raagduu naannoo isaanii jiru waliin walfakkeessanii kan ilaalan akka jiranis himu.

"Isinirra raagduu naannoo keenyaatu irra beekafaa nuun jedhu. Warri naannoo jiru biqiltuu tokko tokko, goondaa fa'a ilaalanii raagu. Nutimmoo ragaa hedduudhaan deeggaramneeti," jedhan.

Caalii Dabalee

Raaga haala qilleensaa kana garuu amananii fudhachuurratti akka namoonni shakkanis dubbatu."Nama hin baranne dhiisii namni barateyyuu raaga haala qilleensaa kana amananii fudhachuu nirakkatu,'' jechuun himu.

''Dhuguma isin dhugaa himtuu, sirrumatti beektuu? Nuun jedhu. Nuti garuu meeshaa teeknolojiitiin ilaalleeti kan raagicha himnu," jedhan.

Raaga haala qilleensaa keessatti raaga kennanii akkuma raagame sanatti yoo roobe yookaan aduu ta'ee arguu caalaa wanti isaan gammachiisu akka hin jirres himu.

"Kaleessa raaga himnee, har'a akkam ta'e laata jedheetan yaada. Kan himne suni sirriidhamoo bakka hanqate kan jedhu sana ganama biiroo seenee ragaa meeshaaleerraa hanga ilaalutti nan ariifadha.

Gaafa akka raagame ta'ee argamu baayyeen gammada," jedhan. Raagni haala qilleensaa harka 100 sirrii ta'uu dhiisuu akka maluu fi raagni kennamu garuu odeefannoo itti dhihaatu akka ta'e himan.

Yeroo tokko tokko garuu nirooba jedhamee aduu yoo ta'u yookaan aduudha jedhamee rooba ta'uun mudachuu akka malus dubbata.

Finfinnee keessatti ofii isaaniitiif raaga haala qilleensaa kanatti dhimma bahuun uffannaa fi gaafa roobni raagame dibaabee isaanii qabatanii akka bahanis himaniiru.

Dubartummaan qorumsa hedduu qaba kan jedhan Aadde Caaliin, dubartoonni hamilee ofii cimsannaan bakka yaadanirraa kan isaan hanqisu hin jiru jechuun dhaamu.

Dubartoonnis akkuma warra dhiiraa ji'a sagaliin dhalatan, dandeettiin nuuf kennames qixxuma. Kanaafuu 'nan danda'a jedhanii kaanaan waan hundumaa ni injifatu" jedhan.