Isheen eenyu? 3: Habin Girmaa ogeettii seeraa, arguufi dhagahuu hin dandeenye
Dandeettii arguufi dhagahuu kan isheen dhabde ijjoollummaa isheetti, meeshaa Digital Braille device jedhamu kan harkaan tuttuquun ergaa ittiin dubbistuu fi dabarsitu fayyadamuun namaa waliin walii galti.
''Namoota dandeetti arguufi dhagahuu al tokkotti dhaban hin argitu iddoo baayyeetti ani nama jalqabaati,'' jetti Yunivarsiitii Haarvaard seenuuf yoo jettu ''nama miidhama qaamaa akkasii qabu fudhannee hin beeknu'' jennaan isheenimmoo ''anis kana dura Yunivarsiitii Haarvaard jedhamu seenee hin beeku jechuun deebisteetti. Bishaan irra yabaluu, shubbisuufi gamoo dheeraa yaabuu, bishkiiliitii oofuu fa'i baayyee jaalatti.
Waltajjiiwwan beekamoo kanneen akka TEDtalk jedhaman irratti argamuun haasaa ni taasifti. Pireezidantiin Ameerikaa duraanii Baaraak Obaamaan 'White House'tti argachuun teeknolojiin foyya'aa qabaachuun qaama miidhamtoota akkatti gargaaru waliin haasofteetti.
Waa'ee imalashee jireenyaa BBC waliin haasofte kunooti dhiyaadhaa!

Maqaan koo Habin Girmaa jedhama.
Falmattuu mirga qaama miidhamtootaati. Kitaaba Haabin jedhamu maxxansiseera jechi Haabin jedhu Afaan Tigriffaa yoo tahu 'Boontu' akka jechuuti.
Nyaata Itoophiyaa baayyeen jaaladha haati koo faffatoo adii naa hojjetti dulatiis (ittoo mi'a garaa) baayyeen jaaladha.
Xiyyaaraafi baaburaan addunyaa kana hojii dhaaf nan naanna'a. Qe'ee keessas immoo saree koo Maayiloo jedhamu waliinan socho'a. Akkatti nama qajeelchan barachuuf waggaa lamaaf mana barumsaa tureera.
Gulantaa gamoo bira yoo gahu dhaabachuu, gufuu bira darbuufi qarqara daandiifaa irra dhaabbachuu barateera. Mana barumsaa qajeelcha saree deemuun kana hunda bare.
Xiyyaara irra otoo hin hafiin yeroo hunda isa waliinan deema, miiltoo koo gaarii dha.
'Qaama miidhamuun akka abaarsaatti ilaalama'

Madda suuraa, HABEN FACEBOOK
Ani kanin dhaladhee guddadhe Kaaliforniyaa naannoo Oklaand jedhamutti dha. Abbaan koo lammii Itoophiyaa yoo tahu haati koo immoo Eeritiraa dha.
Bartee biyya lameen kanaan namni qaama miidhamaa tahe yeroo baayyee akka 'abaarsaatti' ilaalama.
''Wayyoo miskiina amma kuni guddattee heerumtii? Hojii qabattee nama taatii? namoonni jedhan baayyee turan. Maatii koofi ani immoo waan isaan jedhan fudhachuu diduu qabna ture.
Qaama miidhamtoonni baayyeen ofitti qaana'u, miidhama isaaniillee dhoksuudhaaf ni yaalu.
Anis kana keessa darbeera, yeroo baayyee miidhama koo dhoksuuf yaaleera, sababiinsaa immoo namoota kaanirraa adda tahuu waan hin barbaanneefi. Amma garuu 'adda tahuu hin sodaatiin nama hunda fakkaachuun nuffisiisaa dha' jedheen ofitti hima.
Qaama midhamtoonni ofitti boonuuf, ofitti amanuufi danqaan nama kaan hunda mudatu nu mudachuu danda'u sirriitti adda baafnee yoo barre furmaata argachuu ni dandeenya.
Ani kanan godhe, akkan dhagahuu fi ilaaluu hin dandeenye nan amane. Kana jechuun garuu dandeettii biraa hin qabu jechuu miti, qaama miidhamuun dandeettii hin qabdu jechuu miti.
Kitaaba kootinis qaama miidhamtoonni akka ofitti boonan nan barsiisa, qaama miidhamtoonni waan adda isaan taasisu akka leellisan nan jajjabeessa.
Furmaataa fi filannoo fiduun immoo waan ani lallabu dha, fakkeenyaaf ani harka kootinan dubbisa namooti kaan immoo ija isaaniin dubbisu, garaagarummaa keenya kana kabajuufi leellisuu qabna. Sababiinsaa hundi keenyayyuu ilmoo namaati.

Madda suuraa, HABEN FACEBOOK
Anaaf hin gaddiinaa filannoo mala jireenyaa garbiraa argadhee, hawaasa garaagarumma kabajuufi fudhatu keessatti odeeffannoo argachaafi namoota waliin haariroo qabachaan guddadhen jedha.
Qaama miidhamtootti qaanfachuu dhaabuu qabna. Akka namaatti garaagarummaa baayyee qabna, qaama miidhamaa tahuun immoo isa tokko dha.
Sadarkaa jireenyaa kam irrattiyyuu kabajaafi waan namni kaan argatu hunda qabaachuun nuufis mala.
Haa tahu malee Itoophiyaa hanga Chaayinaa lafan dhaqe hundatti dubartii tahuu irratti qaama miidhamuun yoo ida'amu ''namoonni kana hojjechuu hin dandeessu"siin jedhu, carraa si dhorkuufaa danda'u.

Madda suuraa, HABEN FACEBOOK
Gara hojii mana keessaa yeroo dhuftu immoo dubartoonnii hundumaa akka hojjetan irraa eegama.
Qaama miidhamtoonni immoo 'qodaa illee dhiquu hin danda'an jedhanii yaadu' ani namni hunduu dandeettiiwwan kanneen akka nyaata bilcheessuu of danda'ee baruu qaba jedheen amana.
Maatiinkoo "jabaattee hojjette jennaan ni mikoofta" jedhanii natti himu, anis yeroon koolleejjii jiru hojii barbaaduuttin ka'e.
Dhaabotni hojiif na barbaadan waraqaa iyyannoo koofi hojii tola ooltummaa baayyee ani hojjedhe arganii na waamu garuu qaama miidhamtuu tahuu koo yeroo beekan hojicha na dhowwatu.
Kunimmoo haqa-qabeessa miti hangam yoo dhamaatee hojjettellee akka warra qaama hin midhamnetti qixxee sin hin ilaalan.

Madda suuraa, HABEN FACEBOOK
Itoophiyaafi Eritiraa keessatti qaama miidhamtoonni baayyeen hojii hin argatan as Ameerikaa keessattis warra qaama miidhamoo hin taanetu harka 70 irra caalaa hojii argata.
Ani hojjechuu nan danda'a warri qacaran filannoo biraafi carraa nuuf kennuudha kan isaan qaban.
Warri qaama miidhamoo tahan immoo dandeettiiwwan garaagaraa jireenya isaaniif fayyadu barachuu qabu.
Dubartii taatee qaama miidhamtuu yoo taates akkasuma bireelii, afaan mallattoofi ulee fayyadamanii adeemuufaa barachuu qabda.
Loogii dubartoota irra gahu hambisuufimmoo dubbachuu danda'uu qabna. Isa yoo nuti har'a akkas goone dhaloota boru dhufaniif jiruu salphisnaafi.
Ani akka rogeetti mirga qaama miidhamtootaatti wal-qixxummaa keenyaaf falmachuun hojii hin dhumne gatii taheef, isa cinatti ofiifis yeroo nan kenna ispoortii nan hojjedhaa, nan shubbisaa, ayiskireemii nan nyaadhaa.
Dhumarratti, hawaasni keenyi danqaa akka qaama miidhamaatti nurra gahuu nu jalaa kaasaa akka deemun gaafadha.


*Odeessi 'Isheen Eenyu?' jedhu seenaa dhuunfaa, muuxannoo, milkaa'inaafi bu'aa bahii dubartoota jajjaboo garagaraa BBC'n dubbise torban torbaniin kan dhiyeessudha.
















