Koronaavaayirasii to'achuuf Afrikaan Eshiyaarraa maal barachuu qabdi?

Oggeessoota fayyaa

Madda suuraa, AFP

Biyyoota Awuroppaa fi Ameerikaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasii koronaatiin qabamaniifi kanneen lubbusaanii dhaban guyyaa guyyaan dabalaa jira.

Haala kana to'achuuf jechas biyyoonni tarkaanfiiwwan ni baasa jedhanii yaadan adda addaa fudhataa jiru.

Biyyoota Awurooppaa ammaan tana garmalee vaayirasichaan miidhamaa jiraniin dura ammoo vaayirasichi biyyoota Eshiyaas miidhee ture.

Keessattu Chaayinaa biyyi vaayirasichi keessaa ka'uunsaa himamu, baay'ee midhamte turte. Haa ta'u malee amman tana faalamni vaayirasichaa haaraan gamasii dhagahamaa hin jiru.

Biyyoota Eshiyaa tatamsa'ina vaayirasii kanaa to'achuun dinqisiifatamaa jiran keessaa kan biraa Singaappor, Hoongi Koongiifi Taayilaandii walitti hdiheenya Chaayinaa waliin qabaniin yoo ilaalamuu, lakkoofsi namoota jalaa miidhame baay'ee gadaanaadha.

Biyyoonni kunneen attamiin tatamsa'ina vaayirasichaa hirrisuu danda'anii? Afrikaan hoo maala irraa baratti?

Barnoota 1: Tatamsa'ina dhukkubichaaf xiyyeeffannaa kennuun hatattamaan tarkaanfii fudhachu

Oggeessonni fayyaa vaayirasicha to'achuuf sagalee tokkichaan irratti waliigalanii tarkaanfii fudhachu eegalan.

Tarkaanfiiwwan kunneenis qorachuu, kanneen vaayirasichaaf saaxilamuun isaanii shakkaman dafanii gara bakka turmaataatti geessuu fi fageenya hawaasummaa eegachuudha.

Tarkaanfiiwwan kunneen biyyoota Awurooppaa keessatti hanga ta'e hojiirra olfamus, dafanii eegaluu irratti harkifannaan waan tureef miidhaa amma gahaa jiruuf saaxilamaniiru.

Kanaaf akka fakkeenyaatti kan eeraman UK fi Ameerikaa yoo ta'an, vaayirasichi erga Chaayinaatti mul'ate baatiiwwan lama keessatti biyyooti kunneen qophii homaa hin taasifne ture jedhama.

Chaayinaan waa'ee dhukkuba kanaa jalqaba Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti kan beeksiifte bara haaraa 2020 dura ture.

Tibba sanattis dhukkubichi namootarraa gara namootaatti kan darbu ta'usaatiif wanti barame hangas mara hin turre.

Haa ta'u malee Siingaapoor, Taayiwaan, Hoongi Koongi battaluma sanatti qorannoo vaayirasicha adda baasuu dandeessisu eegalan.

Taayiwaan imaltoota keessattu kan Huuwaan irraa gara biyyashee dhaqan osoo xiyyaara keessaa hin bune qorachuu eegalte.

Kanaafi tarkaanfiiwwan ciccimoo biroo fudhataniin kan ka'e biyyoonni kunneen tatamsa'ina kana gabaabuumatti to'achu danda'ani.

Barnoota 2፡ Qorannoo namoota hedduurratti gaggeessuu

Koriyaa Kibbaatti namoonni vaayirasii kanaan qabaman hedduun jiraachuun kan barame al tokkichatti.

Koriyaan Kibbaa ammoo battalumatti qorannoo gaggeessuu eegalte. Hanga ammaattis namoota kuma 300 ol ta'an qorachu dandeesse jirti.

Guyyaattis namoota kuma ta'an bilisaan qoratti. Gochi Kooriyaa Kibbaa kunis qorattootaafi qondaaltootaan faarfameera.

Fallaa kanaa ammoo qorannoon dhukkubichaa Ameerikaatti baay'ee duubatti harkifatee eegalu himama.

Qorannoon bilisaa seeraan kan taa'ee jiru ta'ulleen qorachuuf garuu gatii jabaatu gaafatamaa ture.

UK mataanshee hangas mara qorannoof xiyyeeffannaa hin kenniine turte.

Barnoota 3: Xuxxuqaarraa adda basuun iddoo turmaataatti galchuu

Namoota qorachuu qofa osoo hin taane, namoota kanneen vaayirasichi irratti argameen walitti dhufeenya qaban adda baasuun caalaa murteessaa ta'u himu oggeessoonni.

Biyya Singaapooritti qorattoonni yakkaa kaameeraawwan nageenyaatti fayyadamuun, namoonni vaayirasiin irratti argame eenyu waliin wal arganii akka turan adda baasuun namoota kuma 6 walitti qabaniiru.

Isaan boodas qorannoo akka taasisan, hanga bilisa ta'un isaanii mirkanaa'utti adda bahuun akka turan taasifaman.

Hongi Kongiittis hojiin namoota walitti dhufenya qaban adamsuu osoo namtichi mallattoo dhukkubbi hin agariisiin dura eegalama.

Akkasumas namoota biyya biraatii dhaqan meeshaa sochiisaanii hordofu milarratti akka kaawwatan gaafatamu.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa

Singaaportiitti ammoo namoota adda of baasuun mana keessa turaniif guyyaatti yeroo hedduu bilbilamaaf ture.

Suuraa eessa akka jiran mul'isuus ka'un akka ergan gaafatamu ture. Namni adda bahee turu akka qabaatu itti himamee kana hin raawwatiin addabbii cimaatu eeggata.

Haa ta'u malee biyyoota Awurrooppaatti bilisummaa namootaafi bal'ina lafaatiin wal qabatee to'annaa cimaa akkasii taasisuuf rakkisaa ture.

Barnoota 4: Dursanii fageenya hawaasummaa eeguu hojiirra olchuuf

Fageenyaa hawaasummaa/qaamaa eeggachuun tatamsa'ina vaayirasichaa hir'isuuf mala gaarii ta'u himama.

Haa ta'u malees haguma kana hojiirra olchuun harkifateen, tatamsa'inni vaayirasichaa ni babal'ata.

Fakkeenyaaf magaalaa ka'umsa koronaavaayirasii ta'unshee himamu, Wuhaan keessatti sochiin ummataa gutummaatti uggurame.

Kunis seenaa keessatti mootummaan sochii ilmaan namootaa sadarkaa kanatti yoo ugguruu isa jalqabaati jedhameera.

Xaaliyaaniifi Ispeen ammoo sochii lammiilee kan dhorkan erga vaayirasichi bal'inaan namoota kumaatama qabeen booda ture.

Fageenya hawaasummaa eeguun murtee motummaa irratti kan hundaa'ee ta'ulleen, murtee akkanaa hojiirra olchuuf ammoo gaheen lammiilee olaanaadha.

Barnoota 5፡ Ummanni odeeffaannoo gahaa akka argatuufi mootummaa waliin akka dhaabatu taasisuu

Mootummoonni weerara koronaavaayirasii to'achuuf yaalii taasisan keessatti ummata hirmaachisan malee imaammanniifi tarkaanfiin gama tokkicha qofaa dhufu bu'aa eegamu fiduu hin danda'u.

Chaayinaan jalqaba waan Wuhaan keessatti mudate dhoksuuf yaalte turte.

Oggeessoota fayyaafi hakiima waa'ee dhukkubichaa dubbachuu yaalee adabdees ture.

Booda garuu vaayirasicha to'achuuf magaalattii keessatti sochii gutummaatti dhorkuun dandeettii dhaabbilee wallaansaa guddisuun gara to'annootti galamee.

Kun hundis kan irra qaqqabe, sababii dura deebiin vaayirasichaaf kennite gadaanaa tureef jedhu keessa beektoonni.

Ameerikaas yoo ta'e ilaalchi pirezidant Tiraampiifi oggeessoonni fayyaa vaayirasicharratti qaban garaagara ture.

Biyyoota Eshiyaa kan akka Hoongi Koongiitti waa'ee vaayirasichaarratti hubannoo ummataa cimsuuf teknolojiitti fayyadamu ture.

Koriyaan Kibbaa namni vaayirasichaan qabame jiraachuufi dhiisuu karaa ergaa mobaayilitiin hordofaa turte.

Siingaapoorittis odeeffannoon hatattamaan qaqaba ture.

Barnoota 6: Ilaalchi namoota dhuunfaa murteessaadha

Lammiileen biyyoota Eshiyaa ajaja mootummoota isaaniirraa darbu hojiirra olchuuf keessa hin deebi'an ture.

Hongi Koongiitti fakkeenyaaf mootummaarratti mormii bahanilleen biyya saaniin ni bonu. Kanaafuu hunduu weeraricha akka balaa biyyaaleessaatti lakkaa'anii turu himama.

Kanaan dura balaa vaayirasii SARS jedhamuun miidhamanii waan turaniif koronaavaayirasiin baay'ee sodaachuun tarkaanfii fudhataniiru jedhama.

Addunyaarratti dhiibeewwan harka irra deddeebiin dhiqaachu gaafatan kan akka Iboolaa ka'usaa oggeessoonni ni dubbatu.

Kunis murtee namoota dhuunfaa kan gaafatu yoo ta'u, murteen kunis kan maatiifi kanneen waliin jiraatan irrattis dhiibbaa qabaatudha jedhu.

Tarkaanfiiwwan dhuunfaa kana caalaas ummanni addunyaa boqachuu kan danda'u yoo dhukkubichi qoricha argatee qofaadha.

Qorichi ammoo yoo xinnaate baatiiwwan 18 ni fudhata jedhama.

Kanafuu balaa dhukkubni kun ummata, sochii hawaasummaafi diinagdee biyyootarraan gahu hir'isuuf wanti biyyoonni Afrikaa biyyoota Eshiyaa irra baratan ni jiraata.

Kana malees gorsawwan Dhaabbanni Fayyaa Addhunyaafi oggeessonni fayyaa biyyootaa kennan dhagahuun hojiirra oolchuun balaa koronaa irraa baraaramuuf ni fayyada.