Koronaavaayirasii: Abbaa qabeenyaa hoteela gara hospitaalaatti jijjiiruuf murteessan

Obbo Abiy Abbabaa
Ibsa waa'ee suuraa, "Hoteela kana gara Hospitaala Rifaraalaatti kan jijjirru baasii keenyaani"

Hoteelakoo gara Hospitaala Riferaalaa Koronaavaayirasiin itti yaalamuutti jijjiireen uummatakoof tolaan akka tajaajilu godha jedhan hojiilee indastirii Hoteelotaa fi al-ergii irratti bobba'anii kan hojjetan Obbo Abiy Abbabaa.

Hoteela abbaa darbii saddeetii 'Teatas' jedhamu magaalaa Adaamaatti argamu birrii guddaadhaan kan bitan ji'oota torba dura ture.

Hoteela kana meeshaalee hoteelaa ammayyaa itti galchuudhaan daldala hojii hoteelaatiif oolchuuf ture, dhibeen haaraa addunyaa weerare kuni garuu yaadakoo na jijjiirsiseera jedhu.

"Hoteela kana bitee haaromsee maamilli baay'inaan dhufuu jalqabee ture. Amma garuu rakkoon hamaan biyyaa fi lammii kiyyatti waan dhufeef ejjennoo keenya jijjiirree gara Hospitaala Rifaraalaatti jijjiirree koronaavaayirasii bakka itti yaalamu gochuuf murteesine" jedhan.

Hojii gaarii kanas maatii kiyya waliin mari'adhee lammiin keenya akka itti yaala argatuuf tolaan kennineerra jedhan.

Gamoo qofa kennuu osoo hin taane "hoteela kana gara Hospitaala Rifaraalaatti kan jijjirru baasii keenyaani" jedhu.

Meeshaalee hoteela kana gara hospitaalaatti jijjiiruuf oolan guutuufis hanga birrii miiliyoona 150 akka isaan gaafatuufi kanas baasii isaanitiin bitanii akka guutan himan.

"Chaayinaan guyyaa muraasa keessatti hospitaala guddaa ijaartee wal'aansa koronaavaayirasiitif oolchite. Nutimmoo ji'atti meeshaa hunda alaa galchinee hospitaala kana wal'aansa Koronaavaayirasiitif qophii gochuuf hojjechaa jirra" jedhan.

"Namni ani hoteela kana irraa bite jalqaba gamoo kana Hospitaalaaf ijaare ture" kan jedhan Obbo Abiy kun hoteelicha gara hospitaalaatti jijjiiruuf carraa gaarii akka ta'e dubbatu.

Hoteela 'Teatas' magaalaa Adaamaa

Gamoon hoteelichaa abbaa darbii 8 kun kutaawwan siree 159 fi galmawwan walgahii gurguddaa kan qabu yoo ta'u lafa kaaree 1242 irra kan qubateedha.

"Qabeenyan qabu kana kanin horadhe uummatan keessa jiraadhu kana waliinin horadhe" kan jedhan Obbo Abiy, gochi kunis galataa fi oolmaa saba kiyyaa akka deebisuuttin ilaala jechuun BBC'tti himan.

Dhibeen kuni balaa inni biyyoota biraa irraan geessise hordofaa waanin tureef gaafa biyya keenyatti aragme jedhamu naasuu guddaa nattu uumame jedhu.

Balaan akkanaa waan mootummaa qofarratti gattee teessu miti" jedhan.

Warri akka isaanii qabeenya qaban yeroon isaan waan qabaniin hojii gaarii lammiif bu'aa buusu itti hojjetan amma jechuunis dhaamu.

Hospitaalichi tajaajilaaf erga qophaa'een booda hanga dhibeen kun too'atamutti tolaan akka tajaajilus himaniiru.

Hojii kana eegaluufis hoggansa Naannoo Oromiyaa waliin walarkaa fuudhinsa taasisaniiru.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa