Koronaavaayiras: Weerarri Koroonaavaayirasii yoom xumurama?

Coronavirus

Madda suuraa, Getty Images

Yaaddoon koronaavaayirasiin uumeen addunyaa iddoo namoonni balbala walitti cufatan taasise.

Magaalonni namoonni hedduun jiruusaanii guyyaa guyyaa injifachuuf asiif achii keessa carraaqan lafa onaattii geeddaraman.

Dhibee bifa weeraraatiin biyyoota addunyaa harka caalutti tamsa'e kana to'achuuf deebiin sadarkaa addunyaatti kenname garuu ammas wal hin gitu.

Gaaffii ijoon garuu, yoom saffisaan jiruu idileetti deebiinaadha?

Ministirri Muummee UK Booris Joonsan torban 12 dhufan keessatti biyyattin weerara irraa 'qulqulloofti 'amantii jedhu qabnaa jedhanii dubbatanii turan.

Lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii ji'oota sadan dhufan hir'achuu eegalus, guutummaatti hin to'atamu - yeroo waggaa tokko ta'u fudhachuu mala jedhan.

Tarsiimoon amma hojiirra oole namoota hedduu manatti hambiseera, garuu kuni fuulduratti itti hin fufu.

Sababni isaammoo, badiin hawaasummaa fi diinagdeerratti qabu laayyootti kan ilaalamu miti.

Kanaafuu, tarsiimoon biyyootaaf barbaachisuu 'tarsiimoo cufaa kana keessa bahudha - tarsiimoo jiruu idileettii deebi'uu jechuudha. Haata'u malee, koroonaavaayirasiin ammaas baduutti hin jiru.

Dambiiwwan namoonni akka manasaanii turan dirqisiisan otoo kaafamanii lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii otoo hin beekamiin deebi'ee dabala.

Karaan rakkina kana keessaa bahuun danda'amu sadiitu tarreeffame

Isaanis;-

  • Talaallii
  • Madinummaa namoota baayinnisaanii gahaa ta'ee cimsuu
  • Guutummaatti amala keenya/hawaasaa jijjiru

Tooftaa sadan kunneen fayyadamuun tamsa'iina hiri'suu akka danda'anitu kaafame.

Talaallii -Yoo xiqqaate ji'oota 12-18 kan fudhatudha

Talaaalliin namni tokkoo yoo dhibichaaf kan saaxilamu ta'ellee akka hin dhukkubsanne gargaara.

Ameerikaattii yaaliidhaaf talaalliin torban tokko dura nama tokkoof kenname ture- yaaliin jalqaba bineensotarratti gaggeeffamu akka irra utaalamu taasiseera.

Ammatti qorannoo talaalli argachuuf taasifamu saffisa hin baratamneen gaggeeffamaa jira- milka'uuf dhabuun isaa garuu hin beekamu.

Tilmaamni jiru talaalliin kun yeroo ji'oota 12- 18 fudhata.

dubartii qufaatu

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Qufaan mallattoo vaayirasichi agarsiisu

Madinummaa waloo - yoo xiqqaate waggoota 2 fudhata

Madinummaa qaamaa cimaa uumuun, weerarri dhibicha akka hin uumamneef hawaaasa harka 60 ol humna ittisa qaamaasaanii caalatti jabeessudha.

Yaadni akkasii 'herd immunity' ykn madinummaa namni hedduun waloon gabbifatu jechuudha.

Kuni garuu biyyoota lakkoofsa namoota dhukkuba biraa qabanii ykn manguddoota hedduu qaban keessatti waan yaalamu miti.

Yoo yaalames lubbuu namoota hedduu galaafachuu danda'a.

Tarsimoon yeroo gabaabaa UK'n baafte lakkoofsa namoota dhibichaan qabamanii xiqqeeessuun, hoospitaalonni dhukkubsattootan akka hin dhiphanne taasisuudha.

Lakkofsi namoota dhibichaan qabamanii yoo hir'ate, labsiiwwan dhorkaa baafaman akka kaafaman taasisa.

Kuni garuu itti fufiinsaa dhabuu mala.

Yoo lakkoofsi namoota haaraa vaayirasichaan qabamani deebi'ee dabale, dambii dhorka marsaa biraatu barbaachisa.

Jijjiirama amalaa - yeroo hin beekamne

Filannoon sadaffaan, jijjirama amalaa dhaabbataa uumuudhaan hamma namoota vaayirisaachaan qabamanii xiqqeessuudha.

Kunis namoonni mallattolee akkuma agarsiisaniin namoota birootti akka hin darbine addatti of fo'uu, nagaa wal gaafachuu dhiisuu fi walirraa fagaachuu cimsanii dhaabbataan itti fufuudha.

Akka kanaan lakkoofsa namoota haaraa vayirasichaan qabamanii xiqqeessuun, warra qabaman yaaluun weerara vaayirasichaa to'achuudha.

Haa ta'u malee kun waan daran raawwachuuf nama rakkisudha.

Biyyoti hundi kana hojiirra oolchanii vaayirasicha to'achuuf yeroon hagam akka itti fudhatu hin beekamu.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa