Koronaavaariras: "Fedhiin Daandii Qilleensa Itoophiyaan balali'uu %20'n gadi bu'e"

Tawalde Gabramaariyaam

Madda suuraa, Getty Images

Erga weerarri koronaavaayirasii lubbuu namoota 3000 olii galaafate dhalatee booda fedhiin imaltoonni xiyyaara Itoophiyaan balali'uu %20'n hir'achuu Hogganaa Olaanaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa Obbo Tawalde Gabramaariyam himan.

Obbo Tawalden kana kan jedhan Yaa'ii Aviyeeshinii Afrikaa Roobii magaalaa Finfinneetti eegale irratti.

Daandiileen qilleensaa Afriikaa weerara koronaavaayirasiin wal qabatee baatii tokko keessatti qofa kasaaraan dolaara miliyoona 400 irra gaheera.

Daandiileen qilleensaa Afrikaa hedduun erga weerarri koronaavaayiras eegalee booda gara Chaayinaa Balali'uu yoo adda kutan kan Itoophiyaa itti fufe.

Fedhiin imaltoonni xiyyaara Itoophiyaan imaluu kan hir'ateefis Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa guyyuu gara Chaayinaa waan balali'aa jiruuf ta'uu akeekaan Obbo Tawalden.

"Rakkooleen akka kanaa amma dura nu mudatanii beeku, irra aanuuf muuxannoo isaanii qabna," jedhan Obbo Tawalden hogganoota daandillee qilleensaafi hirmaattota yaa'ii kanaatiin.

"Wal waraansa, gogiinsaa fi balaawwan uumamaa hedduu keessa Daandiin Qilleensa Itoophiyaa ardii Afrikaa tajaajilaa ture," jedhan.

Doolaara Miliyoona 400..

Baatii Guraandhalaa darbee qofaa kessaatti sababii koronaavaayirasiitiin balaliinsa waan hirrisaniif, daandiiwwan qilleensaa Afriikaa dolaara miliyoon 400 dhabusaanii to'aataan daandii qilleensaa idil-addunyaa beeksise.

Tatamsa'inni koronaavaayirasii akka biyyoota biraa Ardii Afriikaa miidhuu baatulleen, dhiibbaan inni qaqabsisee garuu xiqqaa miti.

Tatamsa'ina vaayirasichaan wal qabatees daandiileen qillensaa biyyoota akka Taanzaaniyaa, Morishiyas, Maadagaaskaar, Ruwandaa, Morokko, Masrii fi Keeniyaa balaliinsa gara Chaayinaatti taasisaa turan dhaabaniiru.

Kan ofiisaanii taasisan qofa oso hintaanees balaliinsa Chaayinaarraa gara biyya saaniiti taasifamus dhorkaniiru.

Waldaan Geejiba Qilleensaa Addunyaa akka jedhuutti, haala babalachu vaayirasichaan wal qabatee kisaaraaf saaxilamaniiru.

Kanaafis dhiimi akka sababaatti eeramee daandileen qilleensa balaliinsa gara Chaayiinaatti taasisaniif kanneen Chaayinaarraa dhufan adda cituusaatti.

Daandilee Qilleensaa Afrikaa fi Chaayinaa walqunnamsiisan

Pirezidaantiin Waldaa Geejiba Qilleensaa Addunyaa BBC'tti akka himaniitti, keessattu daandilee qilleensaa Afriikaa bara darbe kisaaraan dolaara miliyoona 100 mudateef rakkoon amma koroonaan wal qabatee umamee rakkinicha caalaa cimsa.

Daandiin qilleensaa Itoophiyaa Afriikaatti isa guddaa ta'ees imalasaa gara Chaayinaatti taasisuu adda akka kutuuf qaamoolee adda addaatiin dhiibbaan taasifamaa turulleen, balaliinsa isaa itti fufeera.

Dhimmicha ilaalchisee Hojii gaggeessaan Daandii Qileensa Itoophiyaa deebii kennanii, ''rakkina yeroo isaan mudateef jecha balaliinsa adda kutuun naamusaaniifi ta'ee haamleef fudhatama hinqabu,'' jechuun rakkina mudate ittisuuf garuu ''of eeggannoo olaanaa taasisu malee balaliinsa adda kutuun filannoo miti,'' jedhanii turan.

Hanga ammaattis Masriin, Tuniziyaa, Aljeriyaa, naayijeriyaa fi seeneegaaliitti namoonni vaayirasichaan qabaman mirkanneeffamisaa kan gabaafame yoo ta'u, biyya afriikaa kamu keessatti dhukkubni kun haala weerearaatiin hinmudanne.

Dhaabbanni fayyaa Addunyaa akka akeekachiiseettis, biyyoonni hiyyeeyyiin sirna tajaajila fayyaa dadhabaa qaban weeraricha dandamachuuf dandeettii hinqabaatan. Biyyoota kanneen keessaa irra caalaan kan argaman afriikaa keessa ta'unsaanii caalaa dhimmicha yaachisaa taasiseera jedhe.

Xiyyaara qilleensarraatti

Madda suuraa, Getty Images

Oduu wal qabateen Motummaan keeniyaa yaaddoo koronaavaayirasiin wal qabatee balaliinsawwan magaaloota Kaaba Xaaliyaanii lamaa dhufan akka adda citaniif hajajeera.

Keeniyaan tarkaanfii kana kan fudhattee Xaaliyaaniin biyyoota awuroppaa dhukkubsattoonni koronaa hedduun keessatti argaman keessa tokko ta'usheetiin wal qabateeti.

Namoota biyyoota akka Tuniziyaa, Seeneegaal, Morokkoo fi Naayijeriyaa keessatti vaayirasichaan qabamunsaani mirkannaa'ees kanneen Xaaliyaaniidhaa dhufan jedhameera. Kunis Keeniyaatti yaaddoo waan itti umeef Imbaasii biyyattii Naayiroobiitti argamu waliin erga mari'ateen booda balaliinsa muraasa adda kutuuf mureessurra gaheera jedhame.

Minitirri Egumsa Fayyaa Keeniyaa Mutaahii Kaagwe akka jedhaniitti, lakkofsi namoota Xaaliyaanii keessatti vaayirasichaan qabamanii ol ka'unsaa murte kanarraan nu gaheera jedhan.

Xaaliyaanii keessatti yoo xinnaate namoonni 1,800 koronaavaayirasiin qabamunsaanii kan mirkanaa'e yoo ta'u, namoonni 52 ammoo sababiidhuma kanaan du'aniiru.