Bataskaana guddaa addunyaa ijaarsisaa waggaa 120 ol fudhate

Daawattoonni yeroo bataskaana seenanii daawwatan

Madda suuraa, St. Peter's Basilica

Waldaan Kaatolikii Roomaa addunyaarratti kaatediraala ykn ijaarsa waldaa gurguddaafi hawwatoo ta'e qabaachun beekamti.

Bataskaanni Qulqulluu Pheexroos (St. Peter Basilica) Xaaliyaanii magaala Roomaa keessatti argamu bataskaana guddaa addunyaa jedhamuun beekama.

Akkaataa ijaarsaa, dizaayinii, bobbocaafi bakki bataskaanni kun itti ijaarame bakkeewwan seena qabeeyyii hawwatoo addunyaa keessaa tokko isa taasisa.

Magaalaa Roomaa keessatti kan argamtu Vaatikaan keessatti waggaa 450 dura kan ijaarame Bataskaanni Qulqulluu Pheexroos wantoota adda taasisan heddu qaba.

Ijaaruuf jaarraa tokkoo ol fudhate

Ragaan marsariitii Bataskaanni Qulqulluu Pheexroos walakkeessa Vaatikaanitti kan ijaarame yoo ta'u, akkaatan ijaarsa isaa fiixee ogummaa arkiteekcharii kan agarsiisedha jedhama.

Bal'innisaa dirree kubbaa miilaa sadi akka ta'eefi altokkotti namoota 60,000 simachuu danda'a jedhamee amanama.

Marsariitii St. Peter's Basilica irratti akka ibsametti, ijaarsawwan bara Reneesansii keessaa kan akka bataskaanichaa ogummaafi miidhagina addaan ijaarame hin jiru.

Bataskaana guddaa addunyaa kana dizaayinii isaa kan hojjate, arkiteechariifi artistii beekamaa Xaaliyaanii Liyoonaardoo Daaviinchiidha.

Arkiteecharoonni akka Donaatoo Biraamaantee, Raafaa'eel, Jiyaan Loreenzoofi Kaarloo Madeernoo fa'aa irratti hirmaataniiru.

Wantoota bataskaana kana adda godhan keessaa tokko, ijaarsi isaa jalqabamee hanga xumuramutti jaarraa tokkoo ol fudhachuu isaati.

Ragaalen akka agarsiisanitti, phaaphaasii Waldaa Kaatolikii Roomaa kan turan Poop Juuliyees II bara 1506tti ijaarsi Bataskaana Qulqulluu Pheexroos akka eegalu taasisan. Haa ta'u garuu ijaarsa isaa xumuruuf jaarraa tokkoo ol fudhate- waggaa 120 booda bara 1626tti xumuramee hojii eegale.

Bataskaanicha keessatti yeroo sirni kadhannaa gaggeeffamu

Madda suuraa, Getty Images

Bataskaanni guddichi osoo hin ijaaramin dura bataskaana jaarraa 4ffaa keessa ijaarametu achi ture

Bataskaanni Qulqulluu Pheexroos bifa amma jiru kanaan bata 1626tti ijaaramee osoo hin xumuramin dura bataskaana jaarraa 4ffaa keessa ijaarametu bakkicha ture.

Bataskaanni jalqabaa kan ijaarame bara Impaayera Roomaa yoo ta'u ajaja nama Mootii Konistaantiin jedhamuun bara 326 hanga bara 333tti ijaaramuusaa ragaan waldattii ni agarsiisa.

Konistaantiin Mootii Impaayera Roomaa jalqabaa amantii Kiristaanaa fudhateefi Impaayeerri Roomaa impaayera Kiristaanaa akka ta'uuf ajajeedha.

Abbaan isaa Mootii Konistaantiyes duula irratti bara 306 yoo du'u jeneraalonni inni muude Siizaarifi Ogastas ilma Konistaantiyes kan ta'e Konistaantiin bakka bu'uun Impaayera Roomaa akka gaggeessu godhan.

Mootii Konistaantiin bara 212tti Xaaliyaanii weeraruun morkataasaa kan ta'e Maagzeentiyees maagaalaa Roomaa keessatti ajjeesuun Xaaliyaanii to'ate. Konistaantiin amantii Kiristaanummaa kan fudhates lola kanaratti abjuu argeen akka ta'etu himama.

Erga amantii Kiristaanaa fudhateen booda, Bataskaanni Qulqulluu Pheexroos akka ijaaramuuf bara 326tti ajaja kenne.

Waggaa 1293 booda Bataskaanni Qulqulluu Pheexroos amma jiru kun guddinaanis ta'ee miidhaginaan, ogummaa addaan faayamee ijaarame.

Bataskaanni haaran osoo hin ijaaramin dura Bara Giddu Galeessaa jedhamuun kan beekamu keessa Bataskaanni Qulqulluu Pheexroos inni Impeerar Konistaantiin ijaarsise giddu gala imala amantaa Kaatolikii ta'uun namoota heddu hawwataa ture.

Haa ta'u garuu bataskaanni waggaa 1200 ol tajaajile dulloomuu irraa kan ka'e diigamee haaran bakkuma sanatti akka ijaaramuuf Poop Juuliyees II ajajan.

'Bataskaanichi kan ijaarame awwaala Qulqulluu Pheexroos irratti'

Magaalaan Roomaa amantaa Kiristaanaa wajjin hidhata cimaa qabdi. Waldaan Kaatolikii akka jettutti, duuka buutota Yesuus Kiristoos 12 keessaa Pheexroos magaala Roomaa bakka amma Bataskaanni Qulqulluu Pheexroos jirutti akka awwaalame amanti.

Bataskaanichas maqaa duuka buutuu Yesuus Kiristoos kanaan moggaasunshee kanumarraa kan ka'eedha.

Macaafa Qulqulluu keessatti Pheexroos duuka buutota Yesuus keessaa tokko ta'uu ibsameera. Haa ta'u garuu Pheexroosis ta'ee duuka buutonni kaan bakki isaan itti du'an hin ibsamne.

Haa ta'u garuu seenaa Waldaa Kiristaanaa (Church History) keessatti bartoonni ykn duuka buutonni Yesuus Kiristoos wangeela lallabuuf akasumas har'ima bulchiinsa Roomaa irraa isaanirra gahu baqachuuf biyya garaa garaa deemanii akka du'antu himama.

Adda babahii Bataskaana Qulqulluu Pheexroos

Madda suuraa, St. Peter's Basilica

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bartoota kana keessaa Itoophiyaa dabalatee biyyoota akka Hindiifi Xaaliyaanii kan yeroo sana Roomaa jedhamtu keessatti akka du'antu himama.

Kanneen yaada kana hordofan akka ragaatti kan dhiyeessan, Macaafa Qulqulluu keessatti Yesuus Kiristoos erga du'aa ka'een booda duuka buutotasaatti mul'atee "hanga andaara ykn daarii lafaatti wangeela lallabaa" isa jedheenidha.

Duuka buutonni Yesuus ajajasaa kana fudhachuun biyya garaa garaa akka deemaniifi isaan keessaa Pheexroosis gara Xaaliyaanii deemee magaalaa Roomatti akka du'e kan jedhan jiru.

Waldaan Kaatolikii ilaalcha kana kanneen adda dureen deeggaran keessaa tokko yoo taatu, duuka buutuu Yesuus Kiristoos kan ture Pheexroos Roomaa, Vaatikaan keessatti bakka amma Bataskaanni Qulqulluu Pheexroos ijaarametti awwaalamuu amanti.

Ragaan marsariitii bataskaanichaarra jiru akka agarsiisutti du'a Pheexroosif sababa kan ta'e magaala Roomatti abiddi qabachuudha.

Akka ragaan kun ibsutti, Mootiin Neeroo jedhamu magaala Roomatti abiddi akka qabatu gochuun Kiristaanonni magaalattii keessa jiran akka waan gubaniitti dhiyeessun du'aafi gudiraa garaa garaan akka adabaman taasise.

Gubachuun magaalaa Roomaa kun seenaa keessatti The Great Fire of Rome jedhamuun kan beekamu yoo ta'u, Dh K B bara 64tti mudate.

Waldaan Kaatolikii akka jettutti Pheexroos yeroo magaalli Roomaa gubattu magaalattii keessa ture. Mootii Impaayera Roomaa kan ture Neeron "Roomatti abidda kan qabsiise Kiristaanota" maqaa jedhuun Phaawuloos addabaabayiitti baasun baruma sana akka fannisetu himama.

Siidaa Pheexroos

Madda suuraa, St. Peter's Basilica

Pheexroos erga fannifamee ajjeefamee booda, achuma magaalaa Roomaa keessatti kan argamtu Vaatikaan bakka amma Bataskaanni Qulqulluu Pheexroos jirutti akka awaalame ibsiti Waldaan Kaatolikii.

Vaatikaan Wiirtuu teessoo Pooppii Waldaa Kaatolikiifi wiirtuu waldattii ta'uunis kanumarraa kan ka'eedha.

Inumaayyuu Pheexroos phaaphaasii jalqabaa (the first pope of Catholic Church) jettee amanti waldattiin.

Yesuus Kiristoos bartootasaa 12 keessaa Pheexroosif aangoofi olaantummaa addaa kenneef jetti waldattiin.

Ilaalcha kana jabeessuf, Macaafa Qulqulluu keessatti maqaasaa Simoon irraa gara Pheexrooa (Kattaa) isa jedhuutti Yesuus Kiristoos jijjiirefi waldaasaa kattaa irratti nan ijaara jedhe akka ragaatti fudhatu.

Kanarraa ka'uun Pheexroos phaaphaasii ykn Pooppii jalqabaa akka ta'eefi ergasii fakkeenyumaan Pheexroos osoo adda hin citin hanga ammaa itti fufuufi kisritaanonni jaarraa tokkoffaatuu Kaatolikii akka turan ibsiti waldattiin.

Barruun Catholic Answers jedhu akka ibsetti, jaarraa tokkoffaa bara duuka buutonni Yesuus Kiristoos turanii kaasee Kiristaanonni turan Kaatolikii turan.

Inumaayyuu Pheexroos gara Roomaa osoo hin deemin dura Waldaa Anxookiyaa hundeessee akka ture ibsa.

"Pheexroos osoo gara Roomaa hin imalin dura wantoota inni hojjate keessaa tokko Waldaa Antookiyaa hundeessuu ture. Anxookiyaan yeroo sana Impaayera Roomaa keessaa guddinaan magaalaa sadarkaa sadaffaa irratti argamtu turte," jedha barruun kun.

"Qulqulluu Pheexroos" dabalatee Pooppiwwan Kaatolikii 91 ta'an bataskaana kana keessatti awwaalaman

Bataskaanni Qulqulluu Pheexroos addumatti hordoftoota amanataa Kaatolikii biratti bifa addaan akka ilaalamu wantoota taasisan keessaa tokko teessoo duree amantichaa- Pooppii ta'uudha.

Pooppiwwan Waldaa Kaatolikii hanga ammaa jiran hundi yeroo hundamaa bataskaana kana keessaa hordoftoota amantichaa biliyeena 1.4 addunyaarra jiraniif ergaa dabarsu.

Keessumaa guyyaa Dilbataa, Pooppiin Bataskaana Qulqulluu Pheexroos keessaa karaa foddaatin as bahanii lallabaafi kadhannaa gaggeessu. Mooran bataskaanichaa bifa geengoon ijaarame akkaan miidhagaafi hawwaataadha.

Namoonni kumaan lakkaa'aman mooraa kana keessatti walitti qabamuun ergaa lallabaa, kadhaannaafi eebba Pooppiin karaa foddaatin achii as bahanii taasisan harka bal'isanii fudhatu.

Kan biraa bataskaanicha hawwataafi seena qabeessa taasisu, duuka buutuu Yesuus kan ture Pheexroos dabalatee dureewwan Kaatolikii 90 ta'an bataskaana kana keessatti awwaalaman.

Poop Firaansis amma boqotanis awwaalchi isaanii Bataskaanuma kana keessatti akka ta'u beekameera.

Bataskaanni Qulqulluu Pheexroos bara 1980 hambaa seenaa jedhamuun UNESCO irratti galmaa'e.

Iddoo seena qabeessa kana waggaatti namoonni miliyeena 10 ta'an akka daawwatan ragaalen ni agarsiisu.

Bakki kun teessoo pooppiifi wiirtuu amantii Kaatolikii ta'uu cinaatti iddoo awwaala Pheexroos jedhamee amanamuunsaa hordoftoonni amantichaa addunyaa guuturraa garas akka imalan taasisa.

Iddoo Qulqulluu

Madda suuraa, St. Peter's Basilica

Ibsa waa'ee suuraa, Bataskaana Qulqulluu Pheexroos keessa isaa bakka awwaala Pheexroos jira jedhamuudha

Keessoo bataskaanichaa walakkaasaa Iddoo Qulqulluu (the Papal Altar) jedhamutu jira. Ogeessa bobbocaa bara Reneesansii beekamaa Jiyaan Loreenzoo Barniinii nama jedhamuun kan hojjatame yoo ta'u, iddoo awwaalli Pheexroos itti argamuudha jedhamee amana.

Iddoon Qulqulluun kun bataskaanicha keessaa bakka baay'ee kabajamaafi hordoftoonni amantichaa heddu daawwachuuf hawwaniidha.

Phaaphaasin ykn Pooppiin Kaatolikii bakka kana dhaabachuun sirna kadhannaa gaggeessu.

Keesson bataskaanichaa bobboca Miikeel Anjeeloofi Jiyaan Loreenzoo fa'aan lommoxamee qalbii daawwattootaa golgoleessa.

Bobbocawwan Mikeel Anjeeloo bataskaanicha keessatti argaman keessaa Piyeetaa kan jedhamu baay'ee beekamaadha.

Hojii harkaa Piyeetaa jedhamu kun Yesuus Kiristoos erga du'ee booda fannoorraa buufamee osoo hin awwaalamin dura Maariyaam baattee osoo jirtuu kan agarsiisu dhagaa marbiliitiin kan hojjatee akkaan miidhaguudha.

Bataskaanichi kutaawwaniifi chaappiloota heddu kan qabu yoo ta'u, holqi ykn iddoon awwaalaa phaaphaasotafi namoota beekamoo hedduu keessatti argamu.

Bakki kun the Vatican Grottoes jedhamuun beekama. Kuni kutaa lafaa jalaatti kan argamu yoo ta'u, phaaphaasiwwan 91 dabalatee namoonni bebbeekamoon 100 ta'an achitti awwaalamaniiru.