Masjiida al-Aqsaa: Waa'ee hambaa seena qabeessaafi falmisiisaa ta’e kana beektuu?

Musliimonni Haraam al-Shariifitti yeroo sagadan

Madda suuraa, EPA-EFE

Bakki Masjiidi al-Aqsaa itti argamu bakka sagadaa hawaasi Musliimaa, keessumaa Filisxeemonnii fi hordoftoonni amantaa Judaayizimii abbummaaf irratti wal-falmaniidha.

Akka gabaasa Rooyitarsitti bakki hambaa seenaa ta'e kun maqaalee garaa garaan beekama. Hawaasa Musliimaa biratti al-Haraam al-Shariif, Haraam al-Shariif, al-Aqsaa jedhamuun beekama.

Yihudoonni ammoo Har ha- Baayit, Beta Mekdesh jechuun waamu. Akkasumas Dom of the Rock jedhamuunis ni waamama.

Haraam al-Shariif ykn Tempil Maawunt Yerusaalem keessatti argama.

Hordoftoota amantaa Islaamaa biratti Nabiyyuu Mohaammad (SAW) bakka kanaa gara samiitti ol-fudhatame ilaalchi jedhu baramaadha.

Yihudoonni ammoo bakka manni qulqullummaa Salamoon tokkoffaafi lammaffaan tureedha jedhanii waan amananiif iddoo guddaa itti kennu.

Waggoota hedduuf Israa’elifi Filisxeemota gidduutti iddoo wal-falmii, yeroo kaan ammoo walitti bu’iinsaa ta’aa tureera.

Hubachiisa: Barreeffama kana keessatti Haraam al-Shariif, Masjiida al-Aqsaa, Tempil Maawunt, Dom of the Rock jechoonni jedhan ilaalcha hawaasa Musliimaafi Yihudootaa irratti hundaa'un fayidaarra oolaniiru. Al-Aqsaafi Dom of the Rock waanuma tokko ibsu. Haraam al-Shariifi Tempil Maaawunt guutummaa mooraa masjiidichi keessatti argamu ibsu.

Haraam al-Shariif magaala Yerusaalem durii (Old City) keessatti kan argamu yoo ta’u, masjiidota lamatu mooraa kana keessatti argama: Majiida Dom of the Rock fi Masjiida al-Aqsaa ykn Qiblii.

Keessumaa Masjiidi Dom of the Rock gubbaansaa halluu warqee qabu miidhaginasaatin fageenyarraa mul’achuun beekama.

Akka gabaasa Rooyitarsitti Haraam al-Shariif hawaasa Musliimafi Yihudootaa biratti maqaa garaa garaan beekama.

Yihudoonni Tempil Maawunt ykn Har ha- Baayit jechuun waamu.

Hawaasa Musliimaa biratti ammoo Al-Haraam al-Shariif, Haraam al-Shariif ykn Noobil Saankichuwarii, Dom of the Rock, Masjiida al-Asqaa fa’aa jedhamuun beekama.

Masjiidi al-Asqaa maalif falmisiisaa ta’e?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Masjiidi al-Asqaa Yerusaalemitti argamu Filisxeemota qofaaf osoo hin taane hawaasa Musliimaa addunyaarra jiraniif Makkaafi Madiinatti aanun iddoo qulqullaa’aa sadaffaa ta’ee dhaabbata UNESCOtti galmaa’era.

Mooran Haraam al-Shariif ykn Tempil Maawunt guutummaansaa hektaara 13.5 ta’ee masjiidota lamatu keessatti argama.

Masjiidi lammaffaan Haraam al-Shariif keessatti argamu Dom of the Rock yoo ta’u miidhagina hawwataa ta’e qabachuun beekama.

Yihudoonnis akkuma Musliimotaa mooraa Haraam al-shariif akka iddoo qulqullaa’atti ilaalu- keessumaa bakka Masjiidi Doom of the Rock irratti ijaarame.

Manni Qulqullummaa Salamoon kan Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame osoo hin diigamin dura bakka masijiidi kun jiru ture jedhanii amanu.

Ragaan marsariitii Yuunivarsiitii Harvard irratti ibsame akka agarsiisutti, Manni Qulqullummaa Salamoon ijaarsise Dh K D bara 586tti Baabiloonin diigamee mootummaan Yihudaa [Yerusaalem] keessaa bittime.

Bara Qiiros mootii Baabiloon ta’etti, Yihudoonni Yerusaalemitti akka deebi’an hayyamuufin Manni Qulqullummaa lamaffaan bakkuma inni duraa diigametti ijaarame.

Ragaalen akka agarsiisanitti jaarraa 1ffaa keessa Waraana Yihudootafi Impaayera Roomaa ykn Diddaa Yuhudootaa Jalqabaa (First Jewish Revolt) gageeffameen Dh K B bara 66tti Yihudoonni Yerusaalem to’atan.

Baay’ee osoo hin turin bara 70tti warri Roomaa Yerusaalem deebisanii to’achuun Mana Qulqullammaa Yihudootaa diiganii balleessan.

Kanaaf warri Yihudootaa mooraa Haraam al-Shariif keessatti kan argamu Masjiidi Dom of the Rock bakka Manni Qulqullummaa Dh K B bara 70tti Impaayera Rooman diigame irratti ijaarame jedhanii amanu.

Gama biraan ammoo Masjiida Dom of the Rock adda kan godhu walakkaa isaatti dhagaa guddaatu taa’ee argama.

Dhagaa guddaan masjiidicha keessa jiru bakka itti Abrahaam ajaja Waaqayyootin ilma isaa Isiyaaq itti aarsaa gochuuf dhiyaate jechuunis amanu warri Yihudootaa- Macaafa Qulqulluu keessatti Abrahaam ilmasaa Yisihaaqin Tulluu Mooriyaarratti aarsaa gochuuf fuudhee tullicharratti akka ol bahe ni ibsa.

Dabalataanis Manni Qulqullummaa Salamoon jalqabaa mootii Baabiloonin, kan lammataa ammoo warra Roomatiin diigamuusaas Macaafa Qulqulluu keessatti barraa’era.

Manni Qulqullummaa kun bakka Masjiid al-Aqsaa jiru turuufi dhiisuusaa garuu waanti ifa ta’e hin jiru.

Dhaabbanni Temple Institute jedhamuufi Manni Qulqullummaa sadaffaan akka ijaaramuuf hojjatu fuula marsariitii isaa gubbatti akka ibsetti Manni Qulqullummaa bakkuma amma masjiidi jiru ture jechuun falma.

Kanaaf jecha hordoftoonni amantaa Judaayizimii hordofan yeroo garaa garaatti mooraa Masjiida al-Aqsaa seenun, Filisxeemota wajjin walitti bu'iinsifi wal-gaarreffannaan yeroo garaa garaatti mudataa ture.

Masjiidi al-Aqsaa yoom ijaarame?

Masjiidi al-Aqsaa jaarraa torbaffaa keessa bara Kaalifeetii ykn bulchiinsa Umayyad akka ijaarame ragaalen seenaa ni agarsiisu.

Yuunivarsiitin Betlehem fuula marsariitii isaarratti akka ibsetti masjiidi Dome of the Rock jaarraa torbaffaa keessa DhKB bara 688 hanga 691tti ajaja kaaliif Abd al-Maliik ibin Maaruwaanin ijaarame.

Akka gabaasa Rooyitarsitti ammoo Masjiidi al-Aqsaa ykn Qiblii, masjiidi lammaffaan mooraa Haraam al-Shariif ykn Tempil Maawunt keessatti argamu, masjiidi Dom of the Rock erga ijaaramee waggoota 14 booda ijaarame.

Ragaan yuunivarsiitichaa akka agarsiisutti bulchaa kaalifeetii Umayyad kan ta'e Abd al- Maliik masjiidicha kan ijaarsiseef Nabiyyuu Mohaammad (SAW) bakka masjiidichi itti ijaaramerraa gara samiitti ol fudhatamuusaa yaadachuufi.

Waraana Kiruuseedii gaggeeffame irratti Kiristaanonni bara 1099tti Yerusaalemiin Musliimota harkaa yeroo baasan Haraam al-Shariif ykn Masjiida al-Aqsaas to'atanii akka turan gabaasni Rooyitarsi kun ni ibsa.

Dhaabbati Jewish Virtual Library jedhamu marsariitii isaarratti akka ibsetti, bara 1187tti Salahaddin Yerusaalem loltoota Kiruseedii harkaa baase.

Masjiidi Doom of the Rock mooraa al-Aqsaa ykn Haraam al-Shariif keessatti argamu kun gubbaansaa (the dom) halluu warqee waan qabuuf miidhagina hawwataa qaba.

Gubbaan isaa jalqaba warqeerraa akka hojjatametu himama; boodarra baaxinsaa waan diigameef bara 1022tti Kaalifeetii Faatimid kan ture Al-Zahiir ijaarsise.

Haraam al-Shariif ykn Tempil Maawunt yeroo heddu bakka muddamni itti mudatu akkuma ta'e gaggeessitoota biyyaafi abbootii amantiis keessummeessaa ture.

Duree Waldaa Kaatolikii kan ta'an Poop Firaansis daawwaannaa Baha Giddu-galeessatti taasisaniin Caamsaa 24, 2014 Masjiida al-Aqsaa daawwataniiru.

Daawwaannaasaanii kanaan hordoftoonni amantii hundaa "haqaafi nageenyaf jecha waliin hojjadhaa" jechuun ergaa dabarsan.

Duree Waldaa Katolikii kan ta'an Poop Firaansis kophee isaanii baafachuun Masjiida Dom of the Rock seenanii daawwataniiru.

Poop Firaansis abbootii amantaa Islaamaa yoo dubbisan

Madda suuraa, Getty Images

Muftii Yerusaalem wajin wal-arguunis waliin dubbatanii ergaa dabarsaniinis Kiristaanonni, Musliimonnifi Yihudonni "akka obbolaatti wal-jaaladhaa" jechuun dhaaman.

Poop Firaansis al-Aqsaa daawwachuu erga xumuranii booda bakka Yihudoonni itti sagadan, mooraa al-Aqsaa ykn Haraam al-Shariif duuba jiru, Wailing Wall jedhamutti kadhannaa gaggeessan.

Waraanni Guyyaa Jahaa (The Six Day War) waa’ee Majiida al-Aqsaa akkamitti jijjiire?

Hanga bara 1967 Waraanni Israa’elifi Arabootaa ykn Waraanni Guyyaa Jahaa gaggeeffamutti Majiidi al-Aqsaa waggoota 800 kan ta’uuf bulchiinsa Sulxaanota Arabaa garaa garaa jala ture.

Waraana Guyyaa Jahaa siyaasa Baha Giddu-galeessaa jijjiire irratti Israa’el olaantummaa argatteen magaala Yerusaalem dabalatee Weest Baank Yordaados irraa fudhatte.

Sulula Gaazaa fi Gammoojjii Siinaa Masirii irraa yoo fudhattu, gaarren Goolan ammoo Sooriyaa irraa fudhatte.

Waraana kanaan loltoonni Yordaanos magaala Yerusaalemiifi Weest Baank gadhiisanii yoo bahan Israa'el Masjiida al-Aqsaa dabalatee guutummaa Yerusaalem to'atte.

Loltoonni Israa'el al-Aqsaa yeroo to'atan

Israa'el magaala Yerusaalem to'attus Yordaanos wajjin walii galtee gooten bulchiinsa Masjiida al-Aqsaa ykn Haraam al-Shariif dhaabbata Yordaanos (Jordanian Islamic Trust) Waqf jedhamutti kennite.

Akkaataa walii galtee kanaatti hordoftoota amantaa Islaamatiin alatti eenyuyyuu mooraa Masjiida al-Aqsaa seenee kadhannaa ykn sirna amantaa gaggeessuu hin danda'u.

Haa ta'u, garuu Yihudoota dabalatee hordoftoonni amantaa biraa kamuu seenanii daawwachuu ni danda'u.

Kunis, aakkaataa sagantaafi qajeelfama dhaabbanni Waqf, kan iddoo hambaa seenaa ta'e kana bulchuuf itti gaafatamummaa qabu, baasun kan ta'uudha.

Masjiida al-Aqsaa hambaa seenaa ta'ee UNESCOtti galmaa'e kana bulchuuf, haaressuuf akkasuma hojiilee amantaa Islaamaan wal-qabatan biroo gaggeessuf itti gaafatamummaa guutuu kan qabu dhaabbata Yordaanos kan Waqf jedhamuun beekamu kanaadha.

Israa'el itti gaafatamummaanshee nageenya mooraa masjiidichaa eegsisuudha.

Akkaataa walii galtee Israa'elifi Yordaanositti hordoftoota amantaa Islaaman alatti hordoftoonni amantaa biroo mooraa Masjiidichaa seenanii kadhannaa gaggeessun dhorkaa ta'us, Yihudoonni amantaa Judaayizimii hordofan 'nuufis iddoo mana qulqullummaati' jechuun yeroo garaa garaa seenanii kadhannaa taasisu.

Kanarraa ka'uun yeroo addaa addaatti mooraa Masjiida al-Aqsaa keessatti poolisiifi Filisxeemota gidduutti hokkorri ka'aa ture.

Waraana Guyyaa jahaa booda sochiin hordoftoonni amanataa Judaayizimii bakkichatti taasisan dabalaa dhufuurraa kan ka'e walitti bu'iinsi yeroo garaa garaatti mudatu dabalaa deemera.

Keessumaa bara 2021tti hokkara Masjiida al-Aqsatti mudate sababeeffachuun Israa'e Hamaas wajjin lola guyyaa 10 gaggeessitee ture.

Bara 2000tti ammoo muummicha ministeera duraanii Israa'el kan ture Ariyaal Shaaron, miseensota parlaamaa Israa'el wajjin ta'uun mooraa Masjiida al-Asqaa daawwachuurraa kan ka'e Filisxeemonni mormii guddaa kaasan.

Mormiin sun guddatee warraaqsi Second Intifada jedhamu ka'e. Warraaqsi kun Filisxeemota biratti al-Aqsa Intifada jedhamuun beekama- mormii Masjiida al-Aqsatti ka'een waan ta'eef.

Warraaqsi Filisxeemotaa Lammaffaan (Second Intifada) akka eegalu Israa'el itti karoorsitee akka gootetti xinxaaltonni ilaalan jiru.

Sababni isaan dhiyeessan ammoo Walii-galtee Osloo akka hin milkoofne gochuufi kan jedhuudha.

Walii-galteen Osloo (Oslo Accord) Caamsaa 4, 1994tti Israa'elif Dhaabbanni Bilisummaa Filisxeem (PLO) waliif mallatteessan, hidhattoonni Filisxeem haleellaa Israa'el irratti gaggeessan dhaabanii Israa'el akka biyya taate fudhachuu kan jedhu yoo ta'u, gama Israa'elin ammoo Filisxeem biyya walabaa akka taatus haala aanjessuu of keessaa kan qabuudha.

Haa ta'u garuu Israa'el qubsuma Weest Baankitti gaggeessitu dhaabuu, Baha Yerusaalem magaala guddoo Filisxeem akka taatu hayyamuufi lammiilen Filisxeem buqqa'an qe'eesaanitti haa deebi'an kan jedhu fa'aa hojiirraa oolchuu waan hin feenef diddaan akka ka'u goote kan jedhan jiru.

Akka namoonni kun jedhanitti Ariyaal Sharoon, yeroo sana mormituu kan ture, mooraa al-Aqsaa akka daawwatu gochuun Filisxeemonni aaranii waraana keessa akka seenan gochuuf kan karoorfameedha.

Yihudoonni leellistoota ta'an (Ultra Orthodox Jews) siyaasatti seenuun Masjiida al-Aqsaarratti dhiibbaa maal fiduu mala?

Yeroo ammaa Israa'el bulchaa kan jiru paartin Liquud, paartiin muummicha ministeeraa Beenjaamin Netaniyahuu, Yihudoota ilaalcha finxaalessummaa qabu jedhaman kan of keessatti hammate ta'uunsaa muddama mooraa al-Aqsaa keessa ture caalmatti hammeessaa jira.

Hordoftoota Ultra Ortodhox keessa kan ta'aniifi Ministeera Nageenya Biyyoolessaa Israa'el kan ta'an Itaamar Been Gaaviir baruma kana mooraa masjiida al-Aqsaa daawwachuunsaanii Filisxeemotaafi hawaasa Musliimaa heddu dheekkamsiisee ture.

Itaamar Been Gaaviir Yihudoonni bakka Masjiidi Dom of the Rock jiru ykn Tempil Maawunt deemanii sagaduf mirga guutuu qabu kanneen jedhan keessayi.

Kana qofa osoo hin taane, siyaasa Israa'el keessatti aangoo dhiibbaa gaggeessuu danda'u harkaa qabu.

Bulchiinsi muummee ministeeraa Beniyaamin Netaaniyaahuu Yihudoota leellistoota ta'aniin kan marfameedha jedhamuun hamatama.

Kanaaf ammoo ragaan dhiyaatu, Beeniyaamin Netaaniyaahun aangoo qabatanii guyyaa shan booda ministirri Nageenyaa Itaamar Been Gaaviir Masjiida al-Alqsaa daawwachuusaaniti.

Gaggeessaa paartii Otzma Yihudit (Jewish Power) kan ta'e Itaamar Been Gaaviir yeroo dheeraf seera Yihudoonni Tempil Maawunt deemanii kadhannaa akka hin gaggeessine dhorku jijjiiruf akka qabsaa'an dubbataa turan.

Qondaalli nageenyaa olaanan kun yeroo masjiidichatti daawwannaa gaggeessan sana, "Tempil Maawunt nama hundaafuu banaadha" jechuun fuula X irratti barreessan.

Itaamar Been Gaaviir yeroo al-Aqsaa daawwatu

Madda suuraa, @ITAMARBENGVIR

Ministeerri Nageenya Biyyoolessaa Israa'el mooraa Masjiida al-Aqsaa seenuu hordofee qondaaltonni Filisxeem hedduun balaaleffachuun ibsa baasan.

Muummichi Ministeeraa Filisxeem Mohaammad Shtayyeh "weerara Masjiida al-Aqsaa gara iddoo sagadaa Yihudootatti jijjiiruf godhame akka karaatti hafu" jechuun waamicha taasisan.

Hamaas, kan amma Israa'el wajjin waraanatti jiru, daawwaannaa Been Gaavir Masjiida al-Aqsaatti taasisan "yakka" jechuun bakkichi kan "Filisxeemotaa, Arabaafi Muslimotaa ta'ee akka itti fufu" ibse.

Yordaanos gamasheen gochaa qondaalli Israa'el godhan kanatti dheekkamuun ambsaaddara Israa'el waamun dhimmicharratti haasofsiifte.

Ibsa Hamaas baase ilaalchisee Been Gaavir, Ministirri Nageenyaa Israa'el, X irratti akkas jechuun barreessan: "Mootummaan Israa'el ani miseensa itti ta'e kamiyyuu dhaabbata gatii hin qabneefi shororkeessaa nama ajjeesu [Hamaas] kanaaf gadi jedhu hin jiru...

"Hamaas, sodaachisa isaatin kanan rifadhu yoo itti fakkaate, yeroon akka jijjiirameefi Yerusaalem keessa mootummaan akka jiru baruu qaba."

Hamaas haleellaa Onkoloolessa 7, 2023 Israa'el irratti gaggeessef sababoota dhiyeessu keessaa tokko Israa'el bakka sagadaa Filisxeemonniifi Musliimonni iddoo qulqullaa'atti ilaalan irra deddeebin dhiibbaa irratti gaggeessafi Yihudoonni leellistoota ta'an akka seenan gochaa jirti kan jedhuudha.