Deevid Bengooriyoon: Ministeera Muummee Israa’el jalqabaa Yihudoonni akka biyya qabaatan godhe eenyu?

Madda suuraa, Getty Images
Israa’el akka biyyaatti erga hundooftee waggaa 77 hin caalu. Waraanni Addunyaa Lammaffaan bara 1945tti dhuma argateefi bulchiinsi Hitlar Yihudoota miliyeena 6 ta’an irratti duguuggaa sanyii raawwachuun ammoo Yihudoonni biyya mataasaanii akka hundeessaniif carraa guddaa baneef.
Yihoodoonni biyyoota Awurooppaa keessatti haleellaafi jibba sanyummaa irra gahu baqataa turaniifi Waraana Addunyaa Lammaffaa boodas kanneen duguuggaa sanyiirraa hafan biyya keenya jalqabaa bakka jedhanii yaadan Filisxeemitti godaanuu eegalan.
Kuni ammoo bara 1948tti biyyi Israa’el jedhamtu akka hundooftuf sababa ta’e. Israa’el biyya taatee akka hundooftuf kanneen adda dureen harka lafa jalaan hojjataafi qophaa’aa turan keessaa tokko Deevid Bengooriyooni.
Ofii Israa’el akka biyya taatuf namni ifaajee guddaa baasun himamu Israa’elootafi kaan biratti akkamiin yaadatama?
Deevid Bengooriyoon bara 1886tti Pooland keessatti dhalate. Bara 1906tti maatii isaa waliin Filisxeem kan yeroo sana Impaayera Otomaan Tarkii jalatti bulaa turtetti maatii isaa waliin baqachuun hojii qonnaarratti maatiisaa waliin bobba’e.
Hadaduma guddachaa deemu ilaalcha Zayaanizimii hordofuu eegale. Kunis Israa’el yeroon booda biyya taasisuufi kanaaf ammoo qophiilee barbaachisan dursanii raawwachuu kan jedhu ijoollummaa kaasee hordofuufi irratti hirmaachuu eegale.
Akka falaasama Bengooriyoonitti Zayaanizimii jechuun ‘hojiidhan lafa deebisanii fudhachuu’ kan jedhuudha.
Ilaalcha Zayaanizimiifi sochii siyaasa Soshaalizimii inni hordofurraa kan ka’e bara 1915tti bulchiinsa Otoman Turkiitin Filisxeem keessaa hari’amee Niwu Yoorkitti baqachuun sochii Zayaanizimii- kan Filisxeem keessatti biyya Israa’el ijaaruu jedhu itti fufe.
Kufaatii Impaayera Otoman Turkiifi Ijaaramuu humna Israa’el
Bara 1917tti Biritiish Filisxeema Impaayera Otoman Turkii irraa fudhachuun bulchuu eegalte. Kuni ammoo Yihudoonni biyyota Awurooppaa garaa garaa irraa dhufanii Filisxeem keessa akka qubataniif carraa guddaa baneef.
Filisxeem bulchiinsa Biriitish jala gaafa galtu Deevid Beengooriyoon ilaalcha biyya Israa’el hundeessuu ganama qabatee bahe fudhatee bara 1917tti Filisxeemitti deebi’e. Baruma kanas gaaéla dhaabbatee bultii ijaarrate.
Biyyi Israa’el hundaa’uu kan dandeessu humna hojjatu uumudhaani jedhee waan amanuuf akkuma Filisxeemitti deebi’een Federeeshinii Walii-galaa Hojjattootaa (General Federation of Labour) hundeesse.
Akkuma yaade, Yihoodoonni Filisxeem keessa turaniifi garasitti baqatan qonnaafi hojii garaa garaa irratti bobba’uusaanin Israa’el biyya taatee akka hundooftufi erga biyya taatees guddina biyyattii keessatti shoora guddaa taphate.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Biyyoota Awurooppafi US keessatti ilaalcha Zayaanizimiif duula guddaa akkuma taasisaa ture, Deevid Bengooriyoon Filisxeem keessatti humni hidhatee Yihudoota tiksu akka hundaa’uf jajjabeessaa ture.
Bara 1930 irraa kaasee Filisxeem keessatti Yihudoonni leenjii loltummaa akka fudhatan gochuun humna Haganaa jedhamu hundeesse. Humni gaafa Israa’el biyya taatu, Humna Ittisaa Israa’el jedhamuun moggaafame.
Jarman keessatti Hitlar aangoo qabachuufi piroppaagaandaa jibba Yihudootaa eegaluufi biyyoota Awurooppaa sodaachisuu gaafa eegalu, Biritiish humni Naazii Baha Giddu-galeessaa keessatti dhiibbaa akka hin taasifneef Yihudoonni akka ishee cinaa hiriiran gafatte.
Yeroo kanatti Yihudoonni heddu gara Filisxeemitti baqachuun lammiilee Filisxeem irraa lafa bituun qabeenya heddu horachaa harka lafa jalaan ammoo humna waranaa Haganaa jedhamu ijaaraa turan.
Biritiish bara 1939tti labsii baasten godaansi Yihoodoonni Awuroopparraa gara Filisxeemitti taasisan waggoota shanana dhufanitti 70,000 akka hin caalle uggura keesse. Gama biraan ammoo Yihudonni Filisxeem keessa jiraatan akka ishee cinaa hiriisun waraana Hitlar lolaniif waamicha dhiyeessite Deevid Bengooriyoon gammachuun fudhate.

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo sana ajajaa Humna Haganaa kan ture Deevid Bengooriyoon loltoonni Haganaa 32,000 ta’an waraana Biritiish cinaa hiriirun leenjii fudhatanii akka lolan galmeessise.
Kana gochuunsaa Biritiishif dhimmee osoo hin taane, waa lamaaf ture: leenjiifi gahuumsa waraanaa Biritiish irraa argamuun deebisee humna Biriitish lolee Filisxeem keessaa baasufi mormii Filisxeemota irraa gara fuulduraatti yeroo biyya Israa’el ijaaran isaan mudatu haleeluf kan kaayyeffateedha.
Waraanni Addunyaa Lammaffaa Israa’el biyya akka taatuf akkamitti gargaare?
Jarmanitti Paartin Naazii Adoolf Hitlariin gaggeeffamuaangotti dhufuu hordofee haleellafi jibbi Yihudoota biyyattii keessa jiranirratti hammaachuu eegale.
Kanarraa ka'uun Yihudoonni heddu 'biyya keenya ganamaa' jechuun gara Filisxeemitti godaanuu eegalan.
Addumatti ammoo Hitlar biyyoota Awurooppaa heddu weeraree Jarmaniifi biyyoota akka Pooland fa'aa keessatti Yihudootarratti duguuggaa sanyii raawwachuu eegaluunsaa Yihudoonni heddu 'biyya mataa keenyafi mootummaa ofii keenyaa nu tiksu qabaachuu qabna' ilaalcha jedhu kan duraanuu sochii Zayaanizimiin leellifamaa ture caalmatti akka fudhatan isaan dirqisiise.
Yeroo Waraanni Addunyaa gaggeeffama jirutti milishoonni Deevid Bengooriyoon bara 1930oota keessaa eegalee ijaaruu eegale Biritiish cinaa hiriiranii loltoota Naazii loluu cinaatti meeshaalee waraanaa gara Filisxeemitti galchuun of-ijaarafi biyya gara fuulduraatti ijaaraniif of-qopheessaa turan.
Waraanan of-ijaaruu cinaatti Yihuudonni duguuggaa sanyii Naazin irratti bane jalaa baqatanii gara Filsixeemiti akka godaananiif dhaabbata dhoksaan isaan fidu Jewish Agency jedhamu hundeesse.
Waraana Addunyaa Lamaffaa booda hidhattoonni Haganaa kan Deevid Bengooriyoon hogganu bulchiinsa Biritiish irratti haleellaa garaa garaa raawwachuu eegalan.
Deevid Bengooriyoon fa'aa humna jabeeffataa deemufi godaantonni Yihudoonni dhoksaan Filisxeemitti taasisan hammaataa deemun Filisxeemota heddu yaaddesse. Walitti bu'iinsi bakkeewwan garaa garaatti mudachuu eegale.
Bulchiinsi Biriitish walitti bu'iinsa Filisxeemotafi Yihodoota gidduutti gaggeeffamu akkasumas hidhattoonni Haganaa waraana Biriiten irratti raawwatu dhaamsun hojii manaa guddaa itti ta'e.
Humni Haganaa wiirtuu ajaja humna Biritiish Yerusaalemitti argamu boombin haleelun loltoota heddu ajjeesun bulchiinsa Biriitishitti yaaddoo guddaa uume.
Murtee Filisxeem biyya lamatti hiruufi dhalachuu Israa'el
Biritiish hokkaraafi haleellaa hidhattoonni Haganaa gaggeessan to'achuun humnaa ol itti taanan Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) murtee akka irratti laatuf iyyatte.
Korri Walii Galaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Sadaasa 29, 1947 Filisxeem biyya lamatti gargar akka hirmatu murteesse: Biyya Yihudootafi Biyya Filisxeem.
Murtee UN kana Deevid Bengooriyoon fa'aa waggootaf irratti hojjataa turan waan ta'eef gammachuun simatan. Filisxeemonniifi biyyoonni Arabaa garuu murtee Filisxeem iddoo lamatti hiruu kan ni morman.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii Filisxeem bakka lamatti akka hiramu murteessuu hordofee Caamsaa 14, 1948tti Israa'el biyya walabaa ta'uushee Deevid Bengooriyoon labse.

Madda suuraa, Getty Images
Deevid Bengooriyoon Muummee Ministeeraa Israa'el jalqabaa ta'uunis filatame. Israa'el biyya walabaa taúushee labsuu hordofee biyyoonni waraanni Israaélifi biyyoota Arabaa gidduutti eegale.
Israa'el osoo biyya hin ta'in dura waggootaf humna waraanaa Haganaa jedhamu ijaaraa ture waan ta'eef biyyoota Arabaarratti olaantummaa argatan.
Lammiilen Filisxeem 700,000 ta'an haleellaa hidhattoonni Haganaa kan booda Humna Waraana Israa'elitti jijjiirame, gaggeessaniin qa'eesaanirraa baqatan.
Lammiilen Israa'el hedduun Deevid Bengooriyoon akka abbaafi nama biyya walabaa isaanif hundeessetti fudhatu.
Ministeera Muummee Israa'el 9ffaa fi bara 1948tti gargaaraa Bengooriyoon kan ture Shimoon Pereez BBCtti dubbatee himee akka turetti, Deevid Bengooriyoon nama abjuun Yihudootaa akka dhugoomuf dhamaa tureedha.
"Inni aduun baatee hamma lixxutti waa'ee uummata Yihudiifi biyya Israa'el yaaduu malee jiruu dhuunfaasaa hin yaannedha. Nama kutannoo addaa qabuufi itti gaafatamummaa seenaa fudhatee bahateedha," jedhuun ibse.
Yihooda addunyaarratti faca'aniif biyyi keenya jedhan ni barbaachisa sochii jedhu kan hundeessitoonni Zayaanizimii kanneen akka Tewodor Herzil fa'aa eegalan dhugoomsuu keessatti Deevid Bengaariyoon gahee guddaa akka taphatetu himama.
Hundeeffamuu Israa'el bara 1948 kaasee hanga bara 1963tti Ministeera Muummeefi Ministeera Ittisaa ta'uun tajaajile.
Gidduun ammoo bara 1953tti aangoo gadhiisuun Gammoojjii Negevitti galee dargaggoonni gammoojjii gara magariisatti jijjiiranii akka biyyattii misoomsaniif fakkeenya ta'e.
Boodarra siyaasatti deebi'uun bara 1955tti Ministeera Ittisaa ta'uun muudamee, filannoo barasuma gaggeeffameeb Ministeera Muummee ta'uun filame.
Waraana Israa'elifi Araboota kan bara 1948fi 1956 keessatti biyyattii kan gaggeesse Deevid Bengooriyooni.
Legaasii Deevid Bengooriyoon
Ilaalcha siyaasa Soshaalizimii kan dhaadhessu Deviid Bengooriyoon Yihoodota biyya garaa garaa, afaan, amantiifi aadaa garaa garaa qabatanii gara Filisxeemitti godaanan walitti fidee biyya mataasaanii akka hundeessan gochuu keessatti gaggeessummaafi dandeettii cimee akka agarsiisetu ragaa bahamaaf.
Osoo Israa'el biyya taatee hin hundaa'in duraa kaasee Yihoodoonni mandara (Kibuutis)dhaan ijaaramanii hojii qonna ammayyaafi lafa gammoojjii misoomsuu akkasumas ogummaa garaa garaan gumaata akka godhan taasisuurratti hojii guddaa akka hojjatetu himama.
Gama biraan ammoo bara 1948tti yeroo Israa'el gaggeessummaa isaa biyya taatu, waraana gaggeeffameen lammiilen Filisxeem walakkaa miliyeenaa ol ta'an qe'eesaanirraa akka buqqa'aniiru.
Waraana Guyyaa Jahaa (The Six Day War) bara 1967tti gaggeeffameen Israa'el Gammoojjii Siinaa dabalatee biyyoota akka Sooriyaafi Joordan irraa lafa guddaa fudhattee daangaashee ballifattee turte.
Yeroo sana Deevid Bengooriyoon Israa'el lafa Yerusaalemin alatti lafa biyyoota biraarraa humnaan fudhattee qabattee turuun gatii ishee baasisa jechuun falmaa ture.
Olaantummaa Israa'el biyyoota Arabaarratti argatteen of-jajuunshees booddee daguu keessa galchee balaaf ishee saaxila jechuunis raagaa ture. Akkuma Deevid Bengooriyoon jedhe Masiriifi Sooriyaan waliin ta'uun bara 1973tti waraana tasaa Israa'el irratti bananuun biyyattiin gatii guddaa baaste.
Deevid Bengooriyoon bara 1970tti siyaasa keessaa soorama bahe. Inni Soorama bahee waggaa sadi booda bara 1973tti waraanni Yom-Kippur (The October War) jedhamu baname.
Bengooriyoon baruma Waraanni Arabaafi Israa'el 4ffaan eegale bara 1973tti umurii ganna 87tti tasa du'e.
Labsiiwwaniifi dhaabbilee hanga har'aa Israa'el ittiib bulaa jirtu tolchuu keessatti Deevid Bengooriyoon gahee guddaa baheera.
Israa'el akka biyya taatu gochuu qofa osoo hin taane, lammiilen Israa'el waggaa 18 olii tajaajila waraanaa akka kennan gochuu, dhaabbata Yihudoonni biyyoota addunyaarraa Israa'elitti akka deebi'an godhu Jewish Agency jedhamu hundeessuu, qonna ammayyaa babalísuufi kanneen biroo hedduun yaadatama.
Oolmaa inni biyyattiif godhe yaadachuuf jecha yeroo ammaa Israa'el keessatti buufata xayyaaraa, yuunivarsiitifi dhaabbileen garaa garaa maqaa Deevid Bongooriyoonin moggaániiru.












