Yaasir Arafaat: badhaafamaan Nobeelii Nagaafi gaggeessaan duraanii Filisxeem maalin yaadatama?

Madda suuraa, Getty Images
- Barreessaa, Hiikaa Fiixasaa
- Gahee, Gaazexeessaa
Kanneen isa deeggaran biratti nama kaayyoo qabsoo uummata Filisxeem galman gahu, ijaafi gurra uummata Filisxeem jedhamuun beekama. Hedduun dhimma uummata Filisxeem addunyaatti beeksisuuf nama gita hin qabne jechuunis isa yaadatu.
Warra isa mormaniifi du’aaf isa barbaadan kan akka Israa’el biratti ammoo uummata Filisxeem abidda keessatti dhiisee nama du’e, ‘shororkeessaa’ uummata isaa hale jechuun seenaa isaa himu.
Ofii Yaasir Arafaat kan qabsaa’afii ture uummata Filisxeemifi warra wajjin wal-lolaa ture Israa’el biratti akkamitti yaadatama? Waa’ee du’asaatiihoo waanti barame jiraa?
Waa’en wal-dhabdee Israa’elifi Filisxeem walakkaa jaarraa ol-lakkoofsiseefi qabsoon uummata Filisxeem yoo ka’u, maqaan Yaasir Arafaat biraa hin hafu.
Filisxeemonni hedduun akka hambaa biyyoolessaatti isa ilaalu. Kaan ammoo ‘abbaa uummata Filisxeem’ jedhanii waamu.
Walakkeessa jaarraa 20ffatti Israa’el akka biyyatti hundaa’un wal-qabatee lammiilee Filisxeem kuma dhibba heddu qe’eesaanirraa buqqa’aniif mirgisaanii akka kabajamuufi qe’eesaanitti akka deebi’aniif qabsaa’uu eegale.
Qabsoo hidhannoo gaggeessufi warraaksa uummataa akkasumas adunyaarratti hokkaraafi xayyaarota sivilii butuu keessatti shoora gaggeessummaa taphateen maqaansaa addunyaarratti akka malee beekame.
Ka’uumsa Yaasir Arafaat
Yaasir Arafaat Hagayya 24, 1929 magaala guddoo Masirii kan taate Kaayirootti akka dhalate ragaalen ni agarsiisu. Inni garuu Yarusaalem keessatti akka dhalate dubbata ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Umurii dargaggummaa yeroo Kaayirootti baratuu kaasee kaayyoo uummata Filisxemif nama dubbatuufi qabsaa’u ture.
Gara jalqabaarra yaadisaa gara dhaaba Masirii Musliim Biraazarhuud jedhamuut luuccaffatee ture. Boodarra lammiilee Filisxeem bara 1948 qe’eessaanirraa buqa’an qe’eetti deebisuuf qabsoo hidhannootti gale.
Waraana Addunyaarratti Yihuudoonni miliyeena 6 ta’an Awurooppaa keessatti Zaazidhaan waan ajjeefamaniif lafa keenya ganamaatti gallee biyya mataa keenyaa hundeessina kan jedhuun Yihoodoonni heddu gara Filisxeemitti godaanuu eegalan.
Lakkoofsi Yihudoota Awuroopparraa gara Filisxeem godaananii Yihudoota dur Filisxeem keessa jiraataa turanirra harka hedduun kan caalu ture. Yihudoonni Awuroopparraa dhufaniifi kan dur achi turan of gurmeessun humna waraanaa “Haganaa” jedhamu ijaarrattan.
Godaansi Yihoodoonni Awuroopparraa gara Filisxeemitti taasisan warra Filisxeem biratti yaaddoo uume. Kanarraa ka’uun hawaasa lamaan gidduutti yeroo heddu walitti bu’iinsi akka tureefi yeroo sana Filisxeem bulchaa kan turte Ingiliziin hokkara kana to’achuun humnasheetii ol akka ta’etu himama.
Rakkoo kana furuuf Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) Filisxeem bakka lamatti akka hiramtu murteesse. Murtee kana warri Yihudootaa yoo fudhatan Filisxeemonniifi biyyoonni Arabaa heddu hin fudhanni.
Murtee UN hordofee Irsaa'el bara 1948tti akka biyyaatti hundoofte. Hundeeffama Israa'el hordofee waraanni Israa'elifi Arabootaa eegale. Waraana kana hordofee lammiilen Filisxeem walakkaa miliyeenaa ol ta'an qe'eesaanirraa buqqa'uun godaansaf saaxilaman.
Lammiilee Filisxeem qe'eesaanirra buqqa'aniif falmuuf jecha Yasir Arafaat qabsootti makamuun bara 1950oota keessa dhaaba siyaasaa Faataa jedhamu hundeesse.
Haleellaa garaa garaa Israa'el irratti gaggeessus itti fufe. Keessumaa waraana Arabootafi Israa'el bara 1967tti gaggeeffameen Israa'el waraana biyyoota Arabaarratti olaantummaa erga argattee booda, Yaasir Arafaat qabsoon uummata Filisxeem biyyoota Arabaarratti hirkachuu akka hin qabne murteesse.
Uummanni Filisxeem of danda'ee hidhatee qabsaa'uu qaba jechuun sochii gaggeessaa ture.

Madda suuraa, Getty Images
Yaasir Arafaat fi Dhabbata Bilisummaa Filisxeem (PLO)
Yaasir Arafaat Faataa hundeessun sochii hidhannoo erga eegalee booda, bara 1969tti Arafaatifi dhaabni isaa Dhaabbata Bilisummaa Filisxeem (PLO) to'atan. Yaasir Arafaat fa'aa dhaabbaticha osoo hin to'atin waggaa afur dura PLO kan hundeesse Liigii Arabaa akka ta'etu himama.
Baruma sana keessa Yaasir Arafaat gaggeessaa koree giddu galeessaa PLO ta'uun filatame. Jalqabarra Joordan keessa buufatee kan ture PLOn, bara 1970tti qaamolee nageenyaa Jordaan walitti bu'uun namoonni heddu du'uu hordofee Mootin Jordan dhaaba PLO Joordan keessaa hari'an.
Murtee Joordan kana hordofee Yaasir Arafaat hidhattoota PLO qabatee Libaanos keessa qubsiise. Hidhattoonni Filisxee garaa garaa Israa'el irratti haleellaa dhoksaa gaggeessuu, xayyaara sivilii ugguruun kallattii jijjiirsisuufi haleellaa boombii garaa garaa raawwachuu eegalan.
Dhaabni PLO haleellaa garaa garaa Isra'el irratti gaggeessuu eegale. Keessumaa haleellaa Oloompikii Muunik irratti hidhattoonni Filisxeem gaggeessaniin atileetonni Israa'el 11 hoteela keessatti ajjeefamuu hordofee Yaasir Arafaat caalmatti gurra addunyaa argachuu eegale.
Yaasir Arafaat haleellaa namoota nagaa Israa'el irratti gaggeeffamuufi shorkeessummaa akka hin deeggarre dubbataa ture.
Bara 1974tti Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii Dhaabbanni Bilisummaa Filisxeem (PLO)n dhaaba kaayyoo uummata Filisxeem kan bakka bu'u ta'uusaa murteessu, Arafaat galma UNtti argamuun yuunifoormii waraanaa uffatee haasaa taasise.

Madda suuraa, Getty Images
Haasaa taasise keessatti, "Har'a harka tokkotti qawwee baadhee, harka tokkotti nagaa [baala muka ejersaa] baadhee dhufeen jira. Nagaan harka koorraa akka hin kufne gochuu qabdu" jechuun dubbate.
Kanaanis beekmatiin Yaasir Arafaatifi PLO baay'ee dabalaa deeme.
Gama biraan ammoo biyyoota Afrikaafi kaan keessatti finciltoota garaa garaa waajjin qunnamtii cimaa akka qabutu himama. Gaggeessitoota biyyoota garaa garaa birattis nama fudhatamummaa guddaa qabu ture.
Pirezidaantii duraanii Afrikaa Kibbaa Neelsan Mandeellaa dabalatee gaggeessitoota akka Mohammad Gadaafii waliin illee hidhata cimaa qaba jedhama.

Madda suuraa, Getty Imgaes
Xalayaa Yasiir Arafaat dhiigasaatin barreesse
Yasiir Arafaat uummta Filisxeem bara 1948tti qe'eesaanirraa buqqa'an lafasaanitti deebisuuf qabsoo hidhannoon Israa'el loluuf yeroo murteessetti, meeshaalee waraanaa yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaa gammoojjii Siinaa keessatti hafan walitti funaannachuun akka eegale innuu dubbataa ture.
Yaasir Arafaat Masirii wajjin hidhannoo cimaa qaba. Kaayirootti dhalatee barachuu qofa osoo hin taane, yeroo Israa'elifi Masiriin bo'oo Siwiiz irratti wal-lolan Masirii waliin hiriirun lolaa akka ture ragaalen ni agarsiisu.
Yaasir Arafaat bara 1953tti qondaala waraanaa olaanaa Masiriif xalayaa dhiiga isaatin barreesse akka ergetu himama.
Xalayaan inni Jeneraala Masirii Muhaammad Naguyibiif erge jecha sadi qofa kan qabuudha. Innis, "Filisxeem hin dagatin" kan jedhu ture.
Yasii Arafaat gaggeessaa siyaasaa qofa osoo hin taane, ogummaa waraanaa cimaa ta'es qaba. Keessumaa meeshaalee waraanaa akka fanjiifi dhootuwwan garaa garaa irratti muuxannoofi ogummaa cimaa qabaachunsaa qaama waraanaa dhaaba Faataa kan ta'e al-Asiifaa keessatti gaggeessaa olaanaa ta'uun haleellawwan garaa garaa Israa'el irratti akka gaggeeffamu isa gargaarera.
Hojiin al-Asiifaa inni guddaan biyyoota akka Jordaan, Libaanonfi Sulula Gaazaa irraa ka'uun Israa'el irratti haleellaa tasaa gaggeessudha. Kanas bara 1965 irraa kaasee eegale.
Jiruu baqaafi qophummaa
Bara 1974tti Yaasir Arafaat kora Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti argame haasaa taasiseen gama dipilomaasitiin qalbii addunyaa hawwate.
Gama biraan Yaasir Arafaatin kan hogganamu PLOn Jordaan keessaa erga hari'amee Libaanon mandheeffatee Libaanos keessatti cimaa deemun Israa'el yaaddesse.
Hidhattoonni Dhaabbata Bilisummaa Filisxeem (PLO) Libaanos irraa ka'uun haleellan garaa garaa Israa'el waan gaggeessaniif Israa'el garicha balleessuf bara 1982tti Libaanos weerarte.
Weerarri Israa'el Libaanos irratti gaggeessite ammas Yaasir Arafaat baqaaf akka isa saaxilamu isa taasise.
Daangaa Israa'el irraa fagaatee gara biyya Kaaba Afrikaa taate Tuniziyaatti baqate. Erga Israa'el PLO Libaanon keessaa hariitee Yaasir Arafaat biiroo muummee dhaabichaa Tunisitti jijjiiree Yaasir Arafaatis ta'ee PLOn dhageettin isaan qaban gadi bu'uu eegale.
Bara 1987tti Warraaksi lammiilen Filisxeem kaasa kan Intifada jedhamu Yaasir Arafaat deebi'ee akka gurra addunyaa argatu isa taasise.
Waraakksa lammiilen Filisxeem Gaazafi Weest Baankitti gaggeessan kanaan Yaasir Arafaat tarsiimoo qabsoo akka jijjiire agarsiise.
Baha giddu galeessaa keessatti Yihudoota dabalatee lammiilen nagaan waliin jiraachuu akka qabaniifi "shorokeessummaa" akka hin deeggare ifatti labse.
Jiruu baqaa waggaa 27 boodaa Gaazatti deebi'e
Israa'elifi Filisxeem gidduutti Waliigalteen Osloo bara 1993tti mallattaa'uu hordofee Yaasir Arafaat jiruu baqaa waggaa 27 booda Gaazatti deebi'e.
Akkaataa walii galtee kanaatti Israa'el Sulula Gaazaa qabattee turte akka gadi dhiiftee baatu, Weest Baankifi Gaazan ofiin of-bulchan yoo ta'u, gama PLOn ammoo haleellaa Israa'el irratti gaggeessuu dhaabee Israa'elif beekamtuu akka kennu kan jedhan fa'a.

Madda suuraa, AFP
Walii galtee kanaan Muummen Ministeeraa Israa'el kan turan Yisaaq Raabiinifi Pirezidaantii Dhaabbata Bilisummaa Filisxeem (PLO) kan ture Yaasir Arafaat jaarsummaa Ameerikaatin harka wal-fuudhanii nagaa labsan.
"Murteen ulfaatan irratti walii galle cimina guddaa kan gaafatu ture," jechuun dubbate Yaasir Arafaat.
Yisaaq Raabin ammoo, "Nuti uummata Filisxeem kan lolle har'a sagalee keenya gudifnee dhiigafi imimmaan dhangalaasun haa dhaabbatu isiniin jenna" jechuun dubbatan.
Walii galteen kun erga mallattee booda, akkaatuma walii galtichaan Weest Baankifi Gaazaa keessatti uummanni Filisxeem ofiin of-bulchuuf filannoo gaggeessen harka guddan Yaasir Arafaat pirezidaantii gochuun filate.
Badhaasa Nobeelii
Walii galtee nagaa Israa'elifi PLOn gidduutti akka mallattaa'uf kutannoo agarsiisaniifi shoora taphataniif gaggeessitoonni Israa'el lamaafi Yaasir Arafaat bara 1994tti Badhaasa Nobeelii argatan.
Israa'el irraa Muummee Ministeeraa Yisaaq Rabiinifi Ministeera Dhimma Alaa kan ture Shimoon Pereez badhaasa kana Yaasir Arafaat waliin qooddatan.

Madda suuraa, Getty Images
Koree Badhaasa Nobeelii keessaa namni tokko Yaasir Arafaat badhaasa kana argachuu hin qabu jechuun mormuun koree kan keessaa of baasee ture.
Sababni ammoo Yaasir Arafaat namoota nagaarratti "shorokaa, haleellaafi hiraarsaa" nama gaggeessaa ture kan jedhuudha.
Hanga bara 1994tti Badhaasni Nobeelii nama sadiif walitti kennamee hin turre, koree Badhaasa Nobeelii keessaas namni mormii dhageessisee keessaa of hin baasne.
Yaasir Arafaat Israa'elif Filisxeem gudduutti nagaan akka bu'uuf walii galtee Osloo mallatteessee gaggeessaa Filisxeem ta'us, haleellaa hidhattoonni Hamaasifi Islaamik Jihaad Israa'el irratti gaggeessan dhaabsisuu hin dandeenye jedhamuun komatamaa ture.
Yaasir Arafaat maaltu ajjeese?
Yaasir Arafaat bara 2004tti umurii ganna 75tti dhibee tasaa isa qaberraa danda’machuu dadhabee du’e.
Akkuma dhukkubsateen doktoroonni ciccimoon biyyoota akka Masiriifi Morookoorraa dhufanii akka yaalan godhamus bayyanachuu hin dandeenye.
Haati warrasaa nama lammii Faransaayi ta’uusheerraa kan ka’e waldhaansi cimaan akka godhamuufif dhumarratti gara Faransaayi geeffamee turus baay’ee osoo hin turin achumatti du’e.
Yaasir erga du’ee booda miidiyaan Aljaziiraa bara 2012tti dookumentarii “Eenyutu Yaasir Arafaat Ajjeese?” jedhu hojjateen keemikaalli polonium-210 jedhamu hangi isaa guddaa ta’e qaama isaa keessatti argamee akka ture ifa godhe.
Gabaasa kana hordofuun haati warraa Yaasir Arafaat lammii Faransaayi taate, Suhaa Arafaat, reeffi abbaa warraashee bahee qorannoon akka gaggeeffamuuf gaaffii dhiyessite.
Yaasir Arafaat reeffisaa waggaa saddeet booda awwaala keessaa bahee qorannoon akka irratti gaggeeffamuuf murtaa’e.
Qorattoonni Faransaayi, Siwiizarlandfi Raashiyaa reeffa Yaasir Arafaat irraa sumuda fuudhun qorannoon akka gaggeeffamu murtaa’e.
Qorattoonni Siwiizarlad hangi keemikaala poloniyeemii guddaan qaama isaa keessatti argamuu ifa godhan. Garuu Yaasir Arafaat kanaan du’eef dhiiseesaa akka hin beekne ibsan.
Qorattoonni Raashiyaa Yaasir Arafaat summaa’ee hin dunee yoo jedhan, kan Faransaayi ammoo keemikaalli poloniyeemii qaamasaa keessatti argame kan summeeffame osoo hin taane wantotuma naannoo keessatti argaman irraa akka ta’e ibsan.
Lammiilen Filisxeem hedduunsaanii du’a Yaasin Arafaat keessaa kan harka qabu Israa’el akka ta’e dubbatu.
Israa’el himannaa kana hin fudhattu. Akka Israa’el jettutti, Yaasir Arafaat yeroo du’u sana dhiibban inni siyaasa Filisxeem keessatti qabu baay’ee xiqqataa dhufuufi sababa isarratti xiyyeeffattuuf akka hin qabnetu ibsama.
Yaasir Arafaat qabsoo waggaa dheeraa booda Israa’el wajjin nagaa buusun mirgi uummata Filisxeem akka kabajamuuf walii galtee Osloo bara 1993tti Israa’el wajjin mallatteessus, hanga ammaa rakkoon Israa’elifi Filisxeem gidduu jiru guutummaatti furmaata hin arganne.












