Hamaasiifi Heezboollaa keessaa eenyutu caalaa waraanaa cimaa qaba?

Madda suuraa, Getty Images
Waraanaa Israa’eliifi Hamaas jidduutti mudate hordofuun dubbiftoonni BBC gaaffiilee bu’uuraa kaasu.
Gaaffiilee kanneenis gaazexessitoonni jidduugala Bahaatti argamaniifi dhimma kan itti dhiheenyaan hordofaa jiran akka deebisan taasifameera.
Gara waraanaa addunyaa sadaffaatti geessuu malaa?
Iraan waraana kana keessatti kallattiin yoo hirmaattee fi Ameerikaan deebii kennuuf yoo dirqamte haalli kun gara waraana addunyaa sadaffaatti geessuu malaa?
Gulaalaa BBC Dhimmoota Siyaasa Addunyaa kan ta’e Jeereemii Boowuun, ‘‘natti hin fakkkaatu’’ jedha.
Kanaan dura pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayida, Iraan ykn Heeziboollaan waranaa kana keessatti kallattiin hirmaachu danda’u? jedhamuun gaafatamanii ‘‘hin beeku’’ jedhaniiru.
Ameerikaan ammo waan qophaa'inaaf jecha dooniiwwan jeettiiwwan waraanaa baatan gurguddaa lama gara Galaana Meeditiriyaaniitti dhiyeessite jirti. Kana jechuunis Iraaniif ergaa ifa ta’e dabarsaa jirti jechuudha.
Ergaansaas, ‘‘waraana kanaan Israa’el kan tuqe bunyaan Ameerikaa cimaan irra bu’a’’ jechuudha.
Jidduuggalli Bahaa kan Iraaniifi deeggartoonni ishee akkasuma Ameerikaafi deeggartoonni ishee itti ija walitti baasaa jiraniidha. Qaamooleen lamaanuu waraanicha keessatti kallattiin yoo harka galfatan, waan hordofu malu lamaanuu sirriitti beeku.
Kanaafuu waraana hololaa irra gara waraanaa ifaatti galuu jedhamee eegama.
Israa’el wanti milkeessuu barbaaddu maali?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gaaffii kanaaf deebii kan kennite ammo ammatti kibba Israa’eliitti kan argamtu fi gabaaftuu BBC idil-addunyaa muxannoo bara dheeraa qabdu, Liiz Duseeti.
Waraana kanaan dura turan keessatti Israa’el Hamaas akka dadhabsiiftu, dandeettii rookkeettiiwwan furgugsuusaanii dadhabsisuuf ture. Amma garuu duula Hamaas gutummaatti balleesuu gaggeessaa jirti.
Israa’el Hamaasiin akka garee IS barbadeessuu barbaaddi.
Israa’eel dandeettii caasaa waraana Hamaas barbadeessuu ishee dandeessisu qabdi. Haata’u malee Israa’el Gaazaa keessatti lola lafo yoo eegalte maal akka ishee eeggatu dubbachuun ni ulfaata.
IS'n haala adda ta’een Hamaas dhaabbata bu’uura siyaasaafi hawaasummaa qabuudha. Uummata Filisxeem biratti deeggarsa qaba.
Duulli Israa’el Hamaas dachii irraa balleessuu, hanga ta’e milkaa’u danda’a ta’a. Ulaawwan lafa jalatti Hamaas ijaaree diiguu dandeessi ta’a.
Haata’u malee kutannoo kaayyoof du’u ummaticha keessa jiruu diiguun itti ulfaata.
Hamaas haleellaa bakakkaa sana kan raawwate maal milkeessuuf ture?
Gaaffii kanaaf deebii kan kennee ammoo gabaasaa dhimmoota nageenyaa BBC Firaanki Gaardinariidha.
Dubbi-himaan Hamaas Mohaammad Al-Dayiif tibba lola kana eegalanitti sababa ''Gahe jechuun gahe jechuudha!'' jedhu kennan.
Haleellaan banan kun dubbii barbaachaafi sarbama warri Paalistaayin Gaazaafi Weest Baank harka Israa'elitti argaa jiraaniif deebii laachuuf jedhan.
Xiinxaltootnimmoo tarii sababni biraan ifa hin taane ni jiraata yaada jedhu kennu.
Lolli kun wayita eegalu Israa'eliifi Sawud Arabiyaan hariiroosaanii naga-qabessa gochuuf daandii milkii qabatanii ture.
Kanammoo Hamaasiifi biyyi Hamaasiin deeggartu, Iraan mormaniiru. Sawudiin dubbii daandii qabate kana adda kutteetti.
Kana dabalatee sababootni biroonis jiraachuu malu.
Aanga'oonni Hamaas rifoormii damee seeraa bulchiinsi Netaaniyaahuu baase uummata Israa'el qoqqodaa akka jiru dursanii hubataniiru. Isa kana hammeessuun milkaahaniiru.

Madda suuraa, EPA
Masriin daangaashee maaliif Filisxeemootaaf hin banne?
Musliimonni Masrii miiliyoonaan lakkaawwaman dararaa namoota nagaa Gaazaa furuuf fedha qabaachuu shakkii hin qabu.
Mootummaan Masrii garuu yeroo nagaayyuu karaa ulaa Raafaah Gaazaarraa akka as ce'an hin hayyamu. Hamaas bara 2007tti Gaazaa erga qabatee booda Masriin biyyoota haleellaa jalqabaa Israa'el deeggaran keessaati.
Hamaas Masrii keessa dhaaba socho'u Musliim Biraazeerhuud keessatti hundee qaba. Dhaabni erga hundaa'ee jaarraa tokko guute biyyootaafi hawaasa naannicha jiru bu'uura barsiisa Islaamaan caasessuu barbaada.
Humni waraanaa Masrii ammoo yaada kana ni morma. Pireezidantii Masrii dhaaba kana keessaa filannoo injifachuun aangoo qabatanis aangoorraa buqqiseera.
Mootummaan Masrii amma jiru Hamaas waliin hariiroo ni qaba. Baroota darban ammoo qaama Hamaasiifi Israa'el gidduu deemuudha. Garuu ammoo itti godaanuu Paalistaayinootaa hin fedhu.
UN maaliif jidduu hin seenne?
Israa’el namoota nagaa hedduu ajjeesaa wayita jirtuutti Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii maaliif jidduu hin gallee gaaffiin jedhuuf deebii kan kenne Jeemsi Laandaaliidha. Jeemsi gabaasaa dhimmoota dippilomaatii BBCtti.
Biyyoonni baayyeen Israa’el balaaleeffachuuf kan of qaban sababiin inni tokko, Hamaasiin haleellaan irratti raawwatamee deebii kennaa jiraachusheeti. Ofiishee ittisuudhaaf mirga qabdi kan jedhuudha.
Dararaa namoota nagaa irra gahuu irratti dureewwan biyyoota hedduu Israa’eliif akeekkachiisa akka kennani dubbatu.
Ministirri Mummee UK Riish Suunaak, ''haala miidhaan namoota nagaa irra gahuu itti hir’atu irratti Neetaanyaahuun waliin mari’anneerra,‘‘ jedhan. UN Israa’el haleellaa namoota nagaa irratti raawwattuu haa dhaabdu jechuun akeekkachiiseera.
Israa’el garuu bakkeewwan Hamaas itti argama jette irrattan haleellaa raawwadhaa jira jetti.
Israa’el attamii waa’ee haleellaa Hamaas odeeffannoo hin argatiin hafte?
Kanaan dura Israa’el waa’ee sochii Hamaas hunda akka beektu beeksiisaa turte. Attamiin haleellaa kana dursitee dhabsiisuun dadhabde kan jedhu gaaffiin hedduutu ka'a.
Kanaan dura mootummaan Israa’el wiirtuu to’annoo nageenyaa tokko gaazexessitoota daawwachiisee ture.
Wiirtuun kuni Gaazaa keessatti daqiiqawwan keessatti maal akka raawwatamaa jiru karaa kaameeraawwan dhaabbataniin diirooniifi lafarraa hordofuu kan dandeessiisuudha.
Kanaan alattis namoota odeeffannoo kannaniif kan ummata waliin jiraatan heddu qabdi.
Tarkaanfiiwwan kanaan dura Israa’el fudhataa turteen hooggantoonni Jihaadii Islaamummaa daqiiqaa kamiitti eessatti akka argaman odeeffannoo waan qabaniif tarkaanfii qiyyeeffannaan milkaa’an fudhataa turte.
Israa’el meeshaalee hammayyaa fi caasaa tikaa keessa ta’uunis, Hamaas cabsee seenuun haleellaa raawwachuun qaawwii odeeffannoo jiraachu amanuun ibsa baafte turte.
Haata’utii amma waraanni lafoo Gaazaa yoo seenee boollaa Hamaas keessatti dhokatu hunda faana bu’uun akka barbadeessuu eeggama. Waraanni Israa’el odeeffannoo gahaadha jedhamu qaba.
Humna Heeziboollaa fi kan Hamaas keessaa kamtu caala?
Gaaffii kanaaf deebii kan kenne gabaasaa BBC kibba Liibaanoositti argamu, Hugoo Baacheegaati.
Heezibboollaan Hamaas caalaa cimaa akka ta’e Israa’eloonni ni amanu, ni dubbatus. Kan deeggaramu Iraaniin yoo ta’u, rookkeettiifi misaa’eloota 130,000 akka qabu tilmaamama.
Misaa’elloonnis akka qiyyeeffannaasaanii bira hin dabarreef meeshaaleen hammayyaa kan tolfameefiidha. Isaaniis jidduugala Israa’el qaqabuun miidhaa qaqabsiisuu kan danda’aniidha.
Hamaas garuu dandeettii akkasii hin qabu. Maddeen walabaa lakkoofsi kun ni harbeeffame jedhanis, dursaan Heezibollaa Hasan Nasarlaah loltoota 100,000 akka qaban dubbatu. Heezibboollaan garuu hidhattootta kuma 20-50 akka qabu yaadama.
Haata’u malee baayyeen isaanii haalaan kan leenjii’aniifi kan muxanoo dirree waraanaa qabaniidha. Waraana waliinii Sooriyaa keessattis hirmaataniiru.
Israa’el akka jettuutti Hamaas waliitti qabaatti loltoota kuma 30 ol hin qaba.












