'Mootii basaastotaa' fi dureessi Masrii Israa'el oolchuu himamu eenyu?

Madda suuraa, Getty Images
Walakkeessa jaarraa 19ffaa booda Baha Giddu Galeessaa keessatti sochii siyaasaafi waraana gurguddaatu gaggeeffame.
Dhuma Waraana Addunyaa Lammaffaa (WWII) booda Hitlar warra Yihudiifi saba kaan miliyeena heddu fixuun wal-qabatee bara 1948'tti Israa’el akka biyyaatti hundoofte.
Hundeeffama Israa’elin wal-qabatee waraanni biyyoota Arabaafi Israa’el gidduutti gaggeeffame.
Keessummaa waraanni bara 1967 Waraana Guyyaa Jahaa jedhamuufi kan bara 1973 Waraana Yom Kippur ykn 'The October War' jedhaman wal-duraa duubaan Israa’eliifi biyyoota Arabaa gidduutti gaggeeffame siyaasa Baha Giddu Galeessaa kan jijjiire ture.
Waraanni waggoota 50 dura gaggeeffame hanga ammaa rakkoo siyaasaa hin furamne uumuun ammayyuu waraana Israa’eliifi Hamaas kan Gaazaa bulchu itti jiraniif sababa akka ta’e hayyoonni seenaafi siyaasaa itti walii galu.
Waraana Guyyaa Jahaa (The Six Day War) kan bara 1967 gaggeeffame irratti Israa’el guyyaa odeeffannoo tikaa cimaa qabaachurraa kan ka’e haleellaa dursaa gaggeessiteen biyyoota akka Masirii, Sooriyaafi Joordaan fa’aarratti mo’icha argatte.
Kana qofa osoo hin taane, daangaa ishee bal’ifachuun Masirii irraa gammoojjii Siinaa, Sooriyaa irraa gaarren Goolaan, Yordaanos harkaa Weest Baankiifi Yerusaalem fudhatte.
Kuni ammoo lammiileen Filisxeem hedduun akka baqataniif isaan dirqisiise.
Waggaa jaha booda bara 1973'tti Masiriifi Sooriyaan daangaa bara 1967'tti jalaa fudhatame deeffachuuf haleellaa qindaa’aafi tasaa osoo Israa’el hin eegin irratti banan.
Yeroo kanadha namni lammii Masiriifi basaasaa beekamaa ta’e Ashiraaf Maarwaan odeeffannoo murteessaa Israa’elif qoode.
Odeeffannoo akkamii Israa'eliif kenne?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ragaaleen garaa garaa akka akka agarsiisanitti, Waraanni Yom Kippuur bara 1973'tti gaggeeffame osoo hin eegalin dura, Israa’el waa’ee waraana kanaa odeeffannoo guutuu hin qabdu turte.
Waggaa jaha dura Waraana Guyyaa Jahaan biyyoota Arabaa naannooshee jiran waan mo’atteef, kana booda namni na gaarreffatu hin jiru jettee yaadaa turte.
Masiriifi Sooriyaan garuu daangaa jalaa fudhatame deeffachuuf akkaataa itti Israa’el dagachiisuun waraana gaggeessan karoora qindaa’aa baasan.
Gaggeessitoonni Masiriifi Sooriyaa guyyaa itti Israa’el irratti waraana daguu labsan murteessan. Innis Guyyaa ayyaana waggaa warra Yihudootaa Yom Kippur jedhamuudha.
Ashiraaf Maarwaan yeroo kana Masirii keessatti nama siyaasaa, gorsaa pirezidantii, abbaa qabeenyaa biliyeenaraafi basaasaa beekamaadha.
Addumatti ammoo intala pirezidantii Masirii Gamaal Abdul Naasir kan taate Moonaa Abdul Naasir jedhamtu fuudhuunsaa ammoo gola mana mootummaa keessa akka garaasaatti akka seenu carraa baneef.

Madda suuraa, Getty Images
Dabalataanis, dippilomaatii ta’ee biyyoota akka Saawud Arabiyaafi Liibiyaatti Masirii tajaajileera.
Abbaa qabeenyaa beekamaa ta’uunsaa ammoo garee basaasaa Israa’el Mossad jedhamu wajjin akka walitti isa fidu taasise.
Masiriifi Sooriyaan haleellaa tasaa Israa’el irratti bara 1973 ji’a Onkoloolessaa keessa banuuf akka jiran Ashraaf Maarwaan gurraa qaba.
Waraanni kun eegaluuf guyyaan tokko gaafa hafu Ashraaf daayirektara Mossad yeroo sanaa kan ture Zaavii Zaamiiritti bilbiluun Israa’el irratti waraanni labsamuuf akka jiru gurra buuse.
Odeeffannoo lagachuun gatii Israa'el baasise
Gaafa Onkoloolessa 5, 1973 Ashraaf Maarwaanif koodii “Radiish” jedhu daayirektara Mossad kan ta’e Zaavii Zaamiriif erge.
Koodin kun ‘Waraanni Jalqabuufi’ akka jechuuti.
Zaaviifi Ashraaf Landonitti erga wal-arganii booda, “Dhibbeentaa 99 dhugaa kan ta'e bori waraanni ni eegala... kan eegalu ammoo yeroo wal-fakkaatatti kallattii lamaan yoo ta'u, Masiriifi Sooriyaatu eegala" jedhee Zaavitti akka hime barruun The Times of Israel gabaasee ture.
Zaavii Zaamir hatattamaan “Masiriifi Sooriyaan Yom Kippuur irratti Israa’el irratti waraana banuufi” jechuun gaggeessitoota Israa’el gurra buuse.
Kaabineen Israa’el gaafumasan wal-gahii taa’een, odeeffannoon Ashraaf Maarwaan madaala hin kaasu jechuun murteessan.
Sababni ammoo barumsa sana ji’a jaha dura Ashiraaf odeeffannoo wal-fakkaataa Mosaadiif kennee Masiriifi Sooriyaan Israa’el osoo hin weerariin hafan waan ta’eef akkuma yeroo sanaa ta’a jedhanii shakkan.
Haa ta’u garuu, odeeffannoon inni alanaa Ashiraaf Mosaadiif kenne dhugaa ture.
Yeroo Waraana Yom Kippuur sana Ministeera Ittisaa Israa'el kan turan Mooshee Daayan odeeffannoo kana cichanii morman.
Odeeffannicharratti hundaa'un waraana Israa'el guutummaatti bobbaasuu akka hindandeenye ajajaa walii galaa humna waraanaa biyyattiitti himan.
Sa'aatii itti waraanni ni eegala jedhee tika Israa'elitti hime dursanii Masiriifi Sooriyaan Israa'el irratti haleellaa labsan.
Masiriin loltoota lafoo 100,000 ol, taankiwwaan kumaan lakkaa'aman, artilarii, misaa'ela farra haleellaa qilleensarraa fa'aa fayyadamuun loltoota Israa'el daangaa bo'oo Suwiiz qubatanii turan haleelte.
Sooriyaanis kallattii Kaaba Israa'el haleellaa qilleensarraan haleeluu eegalan.
Israa'el dur humna qilleensasheen dhaadattu, haleellaa kana qolachuuf xayyaarota gara gammoojjii Siinatti ergitu, misaa'eloonni farra haleellaa qilleensarraa Masiriin Raashiyaarraa bittee hidhatte xayyaarota Israa'el rukutan.
Gaggeesitoonni waraanaa Israa’el odeeffannoo Ashiraaf Maarwaan shakkuusaaniin biyyattiin gatii guddaa kaffalte.
Masiriin haleellaa qilleensarraan buufataalee waraanaafi buufata ajaja humna waraanaa Israa'el yeroo haleeltu, humni lafoo kana daheeffachuun salphaadhumatti dahannoo Israa'el bo'oo Kanaalirra cabsuun gammoojjii Siinaa lola bara 1967'tti Israa'el irraa fudhatte seene.
Waraana Yom Kippuur bara 1973'tti gaggeeffameen torban jalqabaatti Israa'el humni waraanaashee garmalee miidhame.
Keessumaa kallattii Kaabaan osoo Israa'el daftee humna eeggataa bobbaasuu baattee, taankiwwan Sooriyaa Gaarren Goolaan jalaa fudhatamee ture deeffachuun Galaana Galiilaa bira gahuuf xiqqoodhumatu isaan hafe ture.

Madda suuraa, Getty Images
Humna eeggataa bobba'eefi dhiyeessii meeshaa waraanaa US taasifteen deeggaramuun torban sadaffaa waraanni itti jalqabetti haleellaa deebisanii qolachuu eegalteen Masiriifi Sooriyaa ofirraa deebiste.
Israa'el Gaarreen Goolaan deebistee Sooriyaarraa fudhachuun hanga ammaattuu kansheee godhattee jirti.
Masirii irraa gammoojjii Siinaa fudhattus, jaarsummaa Ameerikaatin Masiriif deebistee bakkasaa ammoo Masiriin Israa'el akka biyyatti beekamtii kennuuf walii galan.
Israa'el dhumarratti waraana kana qolachuu haa dandeessu malee seenaa keessatti kufaatin tika ishee kan itti mul'ateedha.
Haleellaa Hamaas baranaa fi kan Yom Kippuur maaltu wal-fakkeessa?
Waraana Yom Kippuur bara 1973 gaggeeffameefi haleellaa Hamaas gaafa Onkoloolessa 7 gaggeesse waa hedduutu wal-fakkeessa.
Waggaa 50 dura yeroo Masiriifi Sooriyaan haleellaa tasaa gaggeessan sana Israa'el odeeffannoo icciitii lammiin Masirii Ashiraaf Maarwaan Mosaadiif kenne iddoo itti kennuu dhabuurraa kan ka'e gatii guddaa baaste.
Haleellaa qindaa'aafi tasaa Hamaas gaggeessuusaa guyyaa muraasa dura Hamaas haleellaa gaggeessuuf qophiitti akka jiru Masiriin Israa'el gurra buusuu qondaalli Ameerikaa himaniiru.
Ministirri Muummee Israa'el Beniyaamiin Netaaniyaahu garuu kuni ''kijibadha'' jedhan.
Haleellaawwan waggaa 50 duraafi kan ammaa irratti tikni Israa'el qaawwa guddaa qabaachuufi biyyattiis gatii guddaa baasuu qeeqxonni himu.
Gama biraan ammoo waraanni Yom Kippuuris ta'ee haleellaan Hamaas amma gaggeesse ji'a onkololeessaa yoo ta'u guyyaa Sambataa irrattiidha.
Akka amantii Yihudootatti guyyaan Sambataa kabajamaafi hojiin kamuu itti hin hojjatamneedha.
Halleellaan lamaanuu icciitiinsaa kan eegameefi Israa'el kan dagachiisedha.
Bara 1973'tti yeroo Masiriifi Sooriyaan Israa'el irratti waraana banan, loltoonni Israa'el daangaarra turan baay'ee xiqqaafi dhibbaan kan lakkaa'aman ture.
Haleellaan Hamaas amma gaggeesses Israa'el kan rifachiiseefi tikniifi loltoonni Israa'el eessa dhaqan kan jechisiisedha.
Ashiraaf Israa'eliif akka basaasu akkamitti barame?
Ashiraaf Maarwaan bara 1969 irraa kaasee tika Israa'el wajjin yeroo dheeraadhaaf dhoksaan hojjataa ture.
Ashiraaf tika Israa'el biratti maqaa The Angel jedhamuun beekama.
Tikni Israa'el "nama siree pirezidantii Masiriirra ciisu" akka qabutti abdata ture - nama waan mana mootummaatti gaggeeffamu gurra buusu.
Seenaafi gahee tikaa Ashiraaf Maarwan Waraana Yom Kippuur bara 1973'tti gaggeeffame keessatti qabu kan seenessu fiilmin The Angel jedhullee hojjatameera.
Ashiraaf yeroo dheeraa Landan kan jiraate ta'uusaarraa kan ka'e tika Israa'el wajjiin wal-arguuf haala salphaa uumaaf ture.
Qondaalli siyaasaa Masirii kun Israa'elif akka inni basaasu waggoota hedduuf namni beeku hinturre.
Bara 2002'tti qorataa seenaafi barreessaa kan ta'e Ahroon Bireegmaan Ashiraaf Maarwaan basaasaa beekamaa Israa'eliif hojjataa ture ta'uu ifa godhe.
Gama biraan ammoo bara 2004'tti hogganaa tika waraana Israa'el yeroo waraana Yom Kippuur kan ture Elii Zeyiraanis kitaaba barreessan keessatti waa'ee Ashiraaf Maarwan akka basaasaa gar-lamee (double agent)'tti ibsan.
Keessumaa bara 1969 Masiriin Israa'el weeraruufi jechuun odeeffannoo sobaa kennee Israa'el loltoota eeggataa akka bobbaastu goosiseera jechuun falma.
Hogganaa Mosaad yeroo sanaa kan ture Zaavii Zaamir ammoo Ashiraaf basaasaa gar-lamee osoo hin taane dhuguma Iraa'eliis nama oolmaa guddaa oole jechuun Eli Zeyiraa komata.
Inumaayyuu Ashiraaf Maarwan bara 2007 Landanitti mana jireenyasaa gamoorraa kufee du'ee argamuusaaf sababni qondaaltonni waraanaa Israa'el kanneen akka Elii Zeeyiraa fa'aa icciitii Maarwaan baasuurraa kan ka'eedha jechuun dhaadheessee himataa ture.
Qorataa seenaa kan ta'e Ahiroon Bireegimaan ammoo BBC Radio 4'tti akka himetti, Ashiraaf Maarwaan Waraana Yoom Kippuur irratti sa'aatii waraanni itti eegalu himuu dhiisuusaatin Israa'elin dogoggorsuu hima.
Ashiraaf Maarwaan bara 2002'tti waa'een basaasaa beekamaa ta'uusaa erga ifa ta'ee waggaa muraasa booda bara 2007'tti qe'eedhumasaa Landanitti du'ee argame.
Waa'ee du'asaa ilaalchisee poolisiin Landan qorannoo gaggeessee ragaa tokkollee akka dhabe mana murtiif dhiyeesse.
Manni murtiis du'asaa ilaalchisee ragaan waan hin jirreef 'murtee banaa' (open verdict) jedhee murteesse.
Waa'ee du'asaa ilaalchisee kaan of ajjeesa jedha; kaan immoo ajjeefameetu jedha.
Namoonni akka hogganaa Mosaaad duraanii Zaavii Zaamir, Ashiraaf wajjiin hidhata cimaa qaban ammoo lakki, qondaalonni waraanaa Israa'el icciitiisaa ifa erga godhanii booda balaa ajjeechaaf saaxilamuu falmu.
Ashiraaf Maariwaan basaasaa beekamaa, qondaalaafi gorsaa mootummaa Masirii, dippiloomaatiifi biliyeenara akkasumas basaasaa beekamaa ta'uun yaadatama. Israa'elis Masiriinis akka gootatti ilaalu.
Gama biraan ammoo Mosaad daldala meeshaalee waraanaa seeraan alaa keessatti hirmaachuun maallaqa guddaa argataa akka ture ragaaleen ni agarsiisu.
Finciltoota biyyoota Afrikaa garaa garaa keessa socho'an akkasumas biyyoota Arabaa fa'iif meeshaa waraanaa karaa seeraan alaa dhiyeessun beekama jedhama.
Sababa du'asaa keessaa tokko daldala seeraan alaa kanaan wal-qabachuu mala jedhanii kan falmanis jiru.












