Gaggeessitoonni Hamaas Israa'el hirriba dhorkan eenyu fa'i?

Gaggeessitoota Hamaas

Gareen Hamaas guyyaa Onkoloolessa 7,2023 haleella qindaa'aa Israa'el irratti banuusaa hordofee, hedduunis gaggeessitoonni garee Hamaas kanaa enyudha? jedhu keessaa jiru.

Gaggeessitoonni Hamaas kan Gaazaa bulchuu, yeroo heddu miidiyaatti gaafa dhiyaatan fuulasaanii haguuggataniiti. Kunis ajjeechaa Israa'el irratti raawwatu jalaa miliquufiidha.

Haleellaan Hamaas tibbana Israa'el irratti gaggeesse qindaa'aafi sirriitti kan itti qopha'ame ta'uusaarraa kan ka'e, Israa'el iyyuu baay'ee rifachiise. Oppireeshinii kana qindeessuufi raawwachiisuu duuba jiru jedhamanii kan yaadaman gaggeessitoonni Hamaas eenyu fa'i isaan garuu?

Mohaammad Daayif

Mohaammad Daayif

Mohaammad Daayif al-Masrii maqaa qabsooo "Abu Khaliid" ykn "al-Dayiif" jehamuun kan beekamu yoo ta'u, ajajaa garee waraanaa Hamas al-Qasiim Birgeed jedhamuuti. Bara 1965'tti Gaazaa keessatti dhalate.

Filisxeemota biratti nama jabaa jedhamuun yoo beekamu, Israa'el birratti ammoo "Ergamaa Du'aa" ykn "Adurree lubbuu sagal qabdu" jedhamuun beekama.

Yuunivarsiitii Islaamaa Gaazatti gosa barnoota baayolijiin digrii jalqabaa kan barate yoo ta'u, turtiisaa yuunivarsiitii keessatti hog-barruufi aartidhaaf jaalala addaa qaba ture.

Bara 1989tti Daayif garee waraana Hamaasiif hojjata jedhamee Israa'el to'achuun ji'a 16'f hiitee turte.

Yeroo mana hidhaa turetti, namoota akka Zakaariyaa al-Shorbaagii, Saalaa Shihaddii wajjin ta'uun garee waraana Israa'el booji'u kan amma al-Qasiim Birgeed jedhamu hudeessuuf waliigalan.

Dayiif erga mana hidhaatii bahee booda garee hidhattoota al-Qasiim Birgeed hundeesse.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ulaa lafa jalaa hidhattoonni Hamaas gara daangatti ittiin cehuun haleellaa gaggeessanniifi tarsiimoo rokkeettiwwan heddu si'a tokkotti gara Israa'elitti dhukaasuu namni qindeesses Mohaammad Dayiif akka ta'etu himama.

Hamaasiif boombii kan hojjatu Yahyaa Ayaash [Israa'elin] erga ajjeefamee booda kana haaloo bahuuf haleellaa boombii konkolaataa geejjibaa irratti bara 1996 gaggeeffamee lammiilee Israa'el 60 fixee fi bara 1990 lammiilee Israa'el sadi butamanii ajjeefamaniif itti gaafatamummaa kan fudhatu Mohaammad Daayif akka ta'e himatti Israa'el.

Bara 2000tti Israa'el Daayif to'attee turtus, Warraaqsa Filisxeemotaa Lammaffaa (Second Intifada) dhohuun wal-qabatee miliqee ture. Ergasii eessa akka bu'e hin beektu Israa'el.

Yaaliin ajjeechaa cimaa ta'e bara 2002tti irratti raawwatus akka carraa miliquu danda'eera. Garuu yaalii ajjeechaa kanaan ijasaa tokko dhabeera.

Israa'el yaalii ajjeechaa yeroo garaa garaa irratti raawwateen harkisaafi miillisaa rukutamee dubbachuullee akka rakkatu ibsite.

Waraana Israa'elifi Hamaas bara 2014tti guyyaa 50f gaggeeffameen Israa'el Gaazaa weerartus Mohaammad Daayif ajjeesuu hin dandeenye. Haaadha manaafi ijoolleesaa lama garuu ajjeestetti.

Maarwaan Isaa

Marwaan Isaa

Madda suuraa, Media Sources

Umurii ijoollummaasaatti Hamaasitti kan makamee Maarwaan Isaa maqaa bira "Nama hin Beekamne" jedhamuun beekama. Mohaamad Daayif wajjin koodeedha. Izzi Addin al-Qasiim Birgeetti ajajaa ittaanaa yoo ta'u, miseensa biiroo waraanafi siyaasaa Hamaasiti.

Yeroo Warraaqsa Jalqabaa (First Intifada) sana Israa'elin qabamee waggaa shaniif hidhamee ture. Nama gamnaafi abdii hin kutanne ta'uunsaa Israa'el kan yaaddesse yoo ta'u, "nama pilaatika sibiilatti jijjiirudha" jechuun ibsiti.

Erga mana hidhaa Israa'elii bahees gaggeessitooni Filixeemis waggaa sadiif isa hidhanii tura. Ergasii booda garee garee waraanaa al-Qasiim Birgeed hundeessuu keessattis shoora guddaa taphateera.

Hamaas keessatti gahee qaburraa kan ka'e namoota Israa'el barbaaddu keessaa tokko ture. Bara 2006tti gaggeessitoota akka Mohaammad Daayof fa'aa waliin osoo wal-gahiirra jiruu Isra'el yaalii ajjeechaa irratti gaggeessitee madaa'us akka Israa'el yaadde du'uu hin dandeenye.

Bara 2014fi 2021 Israa'el mana jireenyasaarratti haleellaa qilleensaa gaggeesitus isa osoo hin taane obboleessa isaa ajjeefte.

Haleellaa amma Hamaas Israa'elirratti gaggeesse fi kana dura yeroo garaa garaatti raawwate keessaa harka dheeraa akka qabutu himama.

Yaahyaa Siinwaar

Yaahyaa Siinwaar

Madda suuraa, Getty Images

Maqaabsaa guutun Yaahyaa Ibraahim al-Siinwaar jedhama. Gaazatti Itti Gaafatama Biiroo Siyaasaa Hamaas yoo ta'u, bara 1962tti dhalate.

Tika gare Hamaas hundeessun beekama. Biiron tikaa Hamaas inni hundeesse "Majiid" jedhamuun kan beekamu yoo ta'u basaastota Israa'el irratti qorannoo gaggeessufi tika keessoo Hamaas irratti xiyyeeffata.

Yaahyaa Siinwaar yeroo garaa garaatti hidhaa kan saaxilame yoo ta'u, dhumarratti Israa'el hidhaa umurii guutuu itti murtee turte.

Haata'uu garuu, loltuu Israa'el garee Hamaasin butamee ture Gil'aad Shaalit jedhamu gadi lakkisiisuf jecha Israa'el Yaahyaa gadi lakkifte.

Bara 2015tti Ameerikaan Yaahyaa galmee shororkeessitoota addunya barbaadaman keessatti dabalte.

Waggaa lama booda bara 2017tti ammoo Ismaa'el Haniyyaa bakka bu'uun Yaahyaa Siinwaar gaggeessaa olaanaa Hamaas ta'uun filatame.

Abdullaahii Baarguutii

Abdullaahii Baargutii

Madda suuraa, AFP

Abdullaahin bara 1972tti Kuweetitti dhalate, Yordaanos keessas jiraateera. Elekitirikaal Injinaringiidhaan Kooriyaa Kibbaatti digrii jalqabaa barachuu eegalee ture.

Baruumsi isaa kun ammoo ogeessa fanjii beekamaa isa taasisus baruumsa isaa hin xumurre. Boodarra gara Filisxeem deemun fanjii hojjachuu eegale.

Guyyaa tokko ilma adadaa isaa kan ta'e Bilaalii bakka fagoo Weest Baankiitti argamutti geessuun hanga oggummaa fanjii hojjachuu qabu itti agarsiseetti, akka inni fanjii hojjachuu danda'u omtu hin beeku ture.

Isaan booda Biilaal waan arge hoogganaa isaatti hmuun Baarguutiiniin wal barsiisee, achiin gara al-Qasiim Birgeeditti akka dabalamu godhame.

Isaan boodas gariichaaf fanjiifi wantoota fanjiif fayyadan hojjate. Baarguuti man-kuusaa magaala keessa jiraatuutti argamutti warshaa addaa meeshaalee tajaajila waraanaaf ooluu oomishuu dhaabeera.

Waggaa 20 dura du'a lammiilee Israa'eelif sababni isa jedhamuun mana murtiitti dhiyaatee hidhaan umurii guutuu 67fi hidhaan waggaa 5,200 itti murtaa'e.

Kuni addunyaarratti hidhaa waggaa dheeraa jedhamuun beekama.

Adbullaahii Baarguutii qophaasaa adda bahee hidhamuurraa kan ka'e diddaa nyaataa taasisuun mormii waan gaggeessef qophaa hidhamuunsaa hafe. Mana hidhaa osoo jiruu kitaaba "Mootii Dukkanaa" jedhu barreessuusaarraa kan ka'e maaqaan masoo isaas "Mootii Dukkanaa" jedhamee beekama.

Kitaaba mana hidhaa taa'ee barreesse kana keessatti hiriyoota isaa waliin ta'uun akkamitti dhoksanii fanjii daangaa Israa'el akka seensisan, haleellaa gaggeessaniifi seenaa jireenyasaa barreessera.

Ismaa'el Haniyyaa

Ismaa'el Haniyyaa

Madda suuraa, Reuters

Ismaa'el maqaa masoo Abu al-Abiid jedhamuun beekama. Innis gaggeessaa siyaasaa olaanaa Hamaas keessaa tokkodha.

Mana hidhaa Israa'el daangaa Israaeelii fi Libaanositti argamu bakka namni hin jiraanne keessatti haala rakkisaa keessatti dabarseera.

Erga mana hidhaatii bahee Gaazaatti deebi'uun biiroo gaggeessaa hafuuraa Hamaas kan ta'e Sheek Ahimad Yaasinitti gaggeessaa ta'ee muudame.

Gaggeessummaafi dandeettinsaa cimaa deemnan Ministeera Muummee ta'ee filatamuurra gahe.

Walitti bu'iinsa torbee tokkoof Hamaasiif Faataa gidduutti gaggeeffameen al-Qasiim Birgeedirraa namoonni heddu du'anii booda bakka bu'oota paartii Pirezidaant Mohaammad Abbaas- paartii Faataa- Gaazadhaa waan har'ieef, Mohaammad Abbaas ammoo aangoo Ministeerra Muummerraa Ismaa'el Haniyyaa hari'an.

Yeroo hari'amu sana reefu waggaa tokkoof Ministeera Muummee ta'ee tajaajila ture. Boodarra ammoo Faataa wajjin araara buusuf yaalii garaa garaa gochaa ture.

Bara 2017'tti gaggeessaa biiroo siyaasaa Hamaas ta'ee kan muudame yoo ta'u, waggaa itti aanu ammoo Ameerikaan shororkeessaa addunyaa jechuun galmeessite.

Kaalid Meeshaal

Kaalid Meeshaal

Madda suuraa, AFP

Kaalid bara 1956tti Weest Baankitti kan dhalate yoo ta'u Kuweetitti baruumsa hanga sadarkaa lammaffaa hordofe.

Kaalid Meeshaal maqaa masoo Abu al-Waliid jedhamuunis ni beekama. Hamaas warra hundeesse keessaa tokko yoo ta'u, waggaa kudhan kan ta'uuf gaggeessaa biiroo siyaasaa Hamaas ta'uunis tajaajileera.

Bara 2004tti Sheek Ahmad Yaasin du'uu hordofee bakka bu'uun gaggeessaa ta'e.

Muummen Ministeeraa Israa'el Beeniyaamin Netanaahoon dhaabbata basaasa Israa'el Mossad, Kaalid Meeshaal akka ajjeesuf kallattiin ajaja kennaniifii ture.

Kanarraa ka'uun bara 1997tti yaalin ajjeechaa irratti gaggeeffamee ture. Miseensonni Mossad lama paaspoortii sobaa kan Kanaadaa qabachuun bakka Kaalid jiru Yordaanos magaala Amaan deemun Kaalid summeessanii ture.

Haa ta'u garuu miseensonni Mossad kun aangawoota Yordaanosiin waan to'atamaniif Mootin Yordaanos dheekkamuun Israa'el talaallii Kaalif Meeshal fayyisu kennitu, dinnaan miseensota tikaa Israa'el to'annaa Yordaanos jala jiran akka ajjeeftu akeekkachiisan.

Beeniyaamin Netanaahon qoricha Kaalif Meeshal fayyisu erguu didanii ture, boodarra pirezidaantin Ameerikaa yeroo sanaa Biil Kiliintan gidduu seenun Israa'el talaallii summii sana fashalsu akka ergituufi lubbuu Kaalid oolchitu taasisan.

Mohaammad Zahaar

Mohaammad Zahaar

Madda suuraa, Getty Images

Mohaammad Zahaar abbaansaa nama Filisxeem yoo ta'u haatisaa immoo nama Masiriiti. Bara 1945tti Gaazaa keessatti dhalate.

Baruumsa isaa ogummaa fayyaa ijaatin, digrii lammaffaa ammaoo ogummaa baqaqsanii yaalutiin Kaayirootti barate.

Ijjannoo siyaasaa hordofuun Israa'el hanga isa hariitutti, hospitaalota Gaazafi Haan Yuunus keesa jiranitti doktara fayyaa ta'ee tajaajilaa ture. Warra Hamaas hundeessan keessas tokko akka ta'etu himama.

Hamaas erga hundeeffamee ji'a jaha booda, Mohaammad Zahaar to'atamee ji'a jahaaf hidhamee ture.

Bara 2005tti filannoo mana maree gaggeeffameen Hamaas sagalee olaanan mo'achuu hordofee lolli Filisxeemota bakka lamatti qoode dhalate. Mohaammad Abbaas, Ministeer Muummee kan ture Ismaa'el Haniyyaa hanga aangorraa har'ianitti Mohaamaad Zahaar Ministeera Dhimma Alaa ta'uun muudamee ture.

Bara 2003 Israa'el Mohaammad Zahaar ajjeesuf boombii 500kg ulfaata jedhamu xayyaara waraanaa fayyadamuun manasaarratti darbattee turtus Mohaammad Zahaara miidhaa xiqqaan jalaa miliqee obboleessi isaa hangafaa du'e.

Bara 2008 ammmoo ilmi isaa miseensa al-Qasiim Birgeed ta'e haleellaa Israa'el Gaazaa irratti gaggeessiteen du'ee ture.

Mohaammad Zahaar beekaafi ogummaa barreessuu akka qabutu himama. Quraanan wal-qabsiisun barreeffamoota rakkoo hawaasaa furan barreessun beekama.