BBCn maaf Hamaas 'shororkeessadha' jedhee waamuu dide?

Gaazexeessaa BBC

Qondaaltonni mootummaa, gaazeexaawwaan, barreessitoonniifi namoonni kaan BBCn maaliif Hamaas 'shororkeessadha' jedhee hin waamu jedhanii gaafatu.

Keessumaa erga gaafa Onkololeessa 7 gareen Hamaas daanga Israa'el seenuun haleellaa gaggeessee as gaaffin kun irra deddeebin dhiyaata.

Deebin gaaffii kanaa duudhaa BBCn gaafa hundeeffamu qabatee ka'een kan wal-qabatuudha.

Jechi 'shororkeessaa' jedhu jecha ulfaatafi kan namoonni waanta fudhachuuf isaanitti ulfaate ittiin ibsuuf itti fayyadamaniidha. Namoonni eenyu akka deeggaruu qabaniifi mormuu qaban, eenyu balaaleffachuufi jajuu akka qaban itti himuun gahee BBC miti.

Ebelu gaaridha, ebelummoo badaadha jechuun hin gorsu. Fakkeenyaf, mootummaan yoo Hamaas shororkeessadha jedhee balaaleffate, mootummaan shororkeessaa jedhee balaaleffachuusaa ni gabaasa malee ofii Hamaas shororkeessadha hin jedhuun.

Mootummaan maalif shororkeessaa akka jedheen isatu beeka. Yeroo keessummoota affeerree dubbisnus Hamaas shororkeessadha yoo jedhan, akka isaan jedhanitti jennee dhiyeessina.

Asitti qabxiin ijoon, nuti ofii keenyan ebelu shororkeessadha hin jennu. Hojiin keenya dhugaa jiru hordoftoota biraan geenyee isaan ofii isaanii akka murteessan gochuudha.

Taatee mudate sana "haleellaa, ykn ajjeechaa" jedhanii waamun waanuma sirriidha, sababni isaa sanumatu raawwate waan ta'eef.

Namni kamiyyuu [Isra'el keessatti] haleellaa Hamaas gaggeessen namoonni nagaan festibaala muuziqaa hirmaachaa turan yeroo ajjeefaman, keessumaa ijoollen, daa'imman gaafa ajjeefaman sirriidha jedhee falmuu hin danda'u.

Joon Simson
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gaazexeessaa gameessa BBC kan ta'e Joon Siimsan qajeeltoo BBCn hordofu muuxannoosaa bara dheeraa waliin wal-qabsiisun ibsa.

Waggoota 50 darbaniif taatewwan Baha Giddu Galeessaa yeoon gabaasaa ture, haleellawwan akka amma Israa'el keessatti gaggeeffamee argaan ture.

Haleellaa qilleensarraafi artilarii Israa'el Libaanosiifi Gaazatti raawwataa turte booda waanta uumamu ija koon argaan ture. Wantoonni suukaneesson akkasii waggaa hedduus sammuu keessaa nama hin badan.

Kana jechuun garuu qaamni kun ykn sun shororkeessadha jechuu jalqabna jechuu miti. Akkas taanan itti gaafatamummaa loogirraa bilisa ta'uu keenya dhiifnee garee tokko qabanna jechuudha.

Yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatuu BBCn Naazidhaan 'seexana' jedhee akka hin waamne dhorkamee ture. Yeroo sana Naazidhaan 'Diina' jedhee ibsa ture BBCn.

Sanadi ittiin bulmaata BBC aarii ykn miira keessanii galanii tokkorra goruu tasumaa hin hayyamu. Yeroo hundummaa miirafi waanta uumameen gaggeeffamuu osoo hin taane tasgabbii irratti hundaa'uu ajaja.

BBCn garee tokkorra goree garee biraa hin xureessu. Jechoota akka "seexana" fa'aa jechuun namuummaa namaa xiqqeessan hin fayyadamu. Waa'ee "shororkeessitootaa" hin haasa'u.

BBC qofa osoo hin taane dhaabbileen miidiya idila adunyaa qajeeltoo kana hordafanis jiru. BBCn addatti xiyyeeffannoo kan argatuuf gama tokkoon namoota siyaasafi miidiyaarraa qeeqni waanmudatuuf yoo ta'u gama biraan ammoo ijjannoo 'loogirraa bilisa ta'uu' jedhutti cichee waan hafeefi.

Kanaafidha namooonni heddu addunyaa guuturraa qabiyyee BBC kan dubbisan, daawwataniifi dhaggeeffataniif.