Haleellaa Hamaasiin guyyoota dura Masriin Israa'el akeekkachiifte ture - US

Gaazaa keessatti man gubachaa jiru

Madda suuraa, EPA

Hamaas daangaa ce'ee Israa'el irratti haleellaa banuu guyyoota sadii dura Masriin dhaamsa of eegannoo Israa'eliif ergitee turee jedhan dura taa'aan Koree dhaabbii koongireesii US.

Dura taa'aa koree dhaabbii dhimmoota haajaa alaa kan ta'an Mikaa'eel Maak Kool ergaan of eeggannoo kun ergamee akka ture gaazexessitootatti himan.

Ministirri Muummee Israa'el Beenjamin Netaaniyaahuun garuu gabaasa akeekkachiisa argataniiru jedhu kanaan ''oduu sobaa'' ittiin jedhaniiru.

''Masriin haleellaan akka kanaan akka mudachuu maluu Israa'eeliin akeekkachiisuu ni beekna'' jedhan Maak Kool marii cufaa odeeffannoon tikaa rakkoo gidduugala bahaa keessa jirurratti xiyyeefate xumuranii yoo bahan. Yaada isaanii kana waabeffatee kan gabaase AFP dha.

''Icciitiwwan kaanitti badaa seenuu hin barbaadu, garuu ammoo akeekkachiifni kennamee ture jedhan Kongireesii US keessatti bakka bu'aa warra Rippaablikaanii kan ta'an Maak Kool.

Itti dabaluunis ''gaaffiin jiru sadarkaa kamitti kan jedhuudha'' jedhan.

Hojjetaan tikaa Masrii tokko torban kana keessa yaada Asoosheetiid Pireessiif kenneen Masriin irra deddeebiin wanti guddaan Gaazaatti karoorfamaa akka jiru Israa'elitti himamuu dubbatan.

''Haalli hamaan akka dhalatu, yeroo dhiyootti akka ta'u, guddaas akka ta'u isaan akeekkachiifnee ture. Akeekkachiisa kana ni tuffatan'' jedha qondaalli tikaa Masrii eenyummaan isaa akka ifa godhamu hin feene.

Aanga'oonni Israa'el haleellaa Gaazazan akka itti qophaa'aa jiru itti himne tuffachuun Weestibaankirratti xiyyeefatan jedha qondaallu Kaayeroo kun.

Faayinaanishaal Taayimsii maddeen dhimmicha quba qaban lama waabeffatee akka gabaasetti ammoo odeeffannoon tikaa jabaan haleellaan adda bahee ture akka hin jirre gabaase.

Neetaaniyaahuun Roobii darbe yaada dursee akeekkachiisni biyyasanaii qaqqabee ture jedhu irratti kennaniin''guutummaatti oduu kijibaati'' jedhan.

Masrii kan daa gangaashee Gaazaa keessa darbuu yeroo hedduu Israa'eliifi Hamaas gidduutti akka jaarsaa tajaajilti.

Hidhattootni Hamaas 1,500 ta'an Sanbata darbe karaa daangaa Gaazaa kanaan haleellaa qindaa'aa lafoo, qilleensaa fi galaanaa raawwatan.

Haleellaa Hamaas Sanbataa qabee raawwateen Israa'eloonni du'an 1,200 gahaniiru. Namootni haleellaa Israa'eeliin Gaazaa keessatti ajjeefamaniis kuma tokkoo ol darbaniiru.

Israa'el ergasii bakkeewwan Hamaas itti fayydamuu adda baasuun haleelaa akka jirtu himtus Gaazaa keessa lammiileen nagaa heduun ajjeefamaniiru. Amma ammoo tajaajilli ibsaas adda citeera. Magaalaan Gaazaas marfamtee haleellaa jala jirti.