Ulaan lafa jalaa Hamaas kan akkamiiti? Israa'el dhuguma balleessuu dandeessii?

Madda suuraa, Getty Images
Israa'el ulaa lafa jalaa (tunnels) Hamaas keessa dhokatuufi tajaajila waraanaa garaa garaaf itti dhimma bahu haleeluu akka eegalte ibsite.
Gaaza lafa baay'ee xiqqaa jirattoonni miliyeena 2 ol keessa jiraataniidha. Akka Israa'el jettutti, Gaazaa lafasaarra namoota nagaa lafa jala ammoo Hamaastu jiraata.
"Lafa Gaazaarra kan jiru uummata nagaa, lafa jala ammoo bakka Hamaas jiraatudha. Amma sadarkaa lammaffa isa ta'e ulaa lafa jala bakka dahannoo Hamaas haleelaa jirra," jedhan dubbi himaan waraana Israa'el.
"Kuni bakka uummanni nagaan Gaazaa keessa buufatu miti. Haamasifi gareewwan shororkaa birootu rokkeettii gara Israa'elitti dhukaasuf, oppireeshinii qindeessufi shororkeessitoota gara Israa'elitti erguuf itti dhimma baha," jedhan.
Gaazaa keessa ulaan lafa jalaa hangam akka jiru hin beekamu. Bara 2021tti walitti bu'iinsa Israa'elifi Gaazaa gidduutti dhalateen ulaa lafa jalaa 100km dheeratuufi wal-xaxaa ta'e haleellaa xayyaaran balleessuu Israa'el beeksiftee turte.
Hamaas akka jedhetti ulaa lafa jalaa tajaajila waraanaa garaa garaaf itti dhimma bahu 500km dheeratu akka qabuufi Israa'el 5% qofa akka balleessite beeksisee ture.
Ulaan lafa jalaa Hamaas itti dhimma bahu kan magaala Landan tajaajilawwan akka geejjiba baaburaaf itti dhimma baatu ni caala. Landan keessa ulaa lafa jalaa 400km dheratutu jira. Kan Hamaas ammoo 500km jechuudha.
Ijaarsa ulaa lafa jalaa Hamaas kan eegale bara 2005 osoo Israa'el loltootashee Gaazaadhaa hin baasin dura.
Waggaa lama booda Hamaas guutummaatti Gaazaa erga dhuunfatee bulchuu eegalee ammoo ijaarsa ulaa lafa jalaa kana ittuma jabeesse.
Daangaa Masirii qofatti gareen Hamaas karaa ittiin meeshaalee garaa garaa kanneen akka boba'aa, meeshaalee waraanaafi meeshaalee daldaalaa dhoksaan gara Gaazaatti seensisu ulaa lafa jalaa 2,500 akka qabutu himama.
Israa'el bara 2010tti karaa daangaa meeshaalen garaa garaa gara Gaazaa akka galu erga hayyamtee as garuu Hamaas ulaawwan lafa jalaa kanatti baay'ee dhimma hin baane.
Masiriinis ulaawwan garichi dhoksaan meeshaalee garaa garaa ittiin galchu kana kaansaa balleessun kaan ammoo lolaa bishaanii gadi itti lakkisuun balleessite.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haamas qofa osoo hin taane gareewwan biroo hidhatanii Gaazaa keessa socho'an ulaa lafa jalaa dabalataa qotuun Israa'el haleelus itti dhimma bahuu eegalan.
Bara 2006tti ulaa lafa jalaa hanga daangaa Isree'el keessa lixutti fayyadamuun hidhattoonni loltoota Israa'el lama ajjeesanii tokko booji'uun waggaa shaniif of-harka tursiisanii ture.
Bara 2013tti ammoo Israa'el ulaa lafa jalaa hidhattoonni Gaazaa itti fayyadamaniifi 1.6km dheeratufi 18m gadi fagaatu argite. Ulaan kun Gaazaa keessaa ka'ee daangaa Israa'el cehuun mandara lammiilen Israa'el keessa jiraatanitti kan fulla'uudha.
Israa'el ula kana bira gahuu kan dandeesse, jiraattonni naannichaa sagalee kana dura hin baramne lafa jalaa erga dhagahanii boodadha.
Yeroo sana Israa'el ulaawwan lafa jalaa hidhattoonni Gaazaa itti fayyadaman 30 balleessuu beeksiftee turte. Garuummoo Hamaas ulaa biraa fayyadamuun haleellaa baneen loltoota Israa'el afur ajjeesee ture.
Hamaas ulaa lafa jalaa Gaazaa keessa jiruufi kan gara Israa'elitti ittiin qaxxaamuree haleellaa gaggeessu bifa garaa garaan akka ijaarutu himama.
Ogeessa lola ulaa lafa jalaa kan ta'an Dr. Raafin Richemond Baaraak, "Ulaan lafa jalaa dangaa ittiin qaxxaamuran fayidaa si'a tokkoo qofaaf kan ooludha- daangaa Israa'el ittiin weeraruuf."
"Ulaan lafa jalaa Gaazaa keessa jiru garuu adda, sababni isaa Hamaas idileedhan itti fayyadama waan ta'eef. Yeroo dheeraa keessa turuufi mijataa akka ta'utti ijaarame" jedhu.
Gaggeessittoonni hidhattoota kanaa ulaa lafa jalaa kan keessa mandheeffachuun oppireeshinii garaa garaa qindeessu. Ulaan lafa jalaa Hamaas Gaazaa keessatti ijaare kun ibsaa, hadiida baaburri irra deemu kan meeshaa bakkaa bakkatti ittiin sochoosaniifi haala mijataan ijaarame akka ta'e ibsu Dr. Raafin.
Hamaas tooftaa waraana ulaa lafa jalaa kana akkaataa itti finciltoonni Siiriyaa magaala Aleeppoo keessatti itti dhimma bahaniifi gareen IS magaala Moosul keessatti itti fayyadamerraa barachuun sirriitti ammayyeessee akka hojjate dubbatu.
Ulaawwan lafaa jalaa kun hedduunsaanii hanga 30cm kan gadi fagaataniifi karaan ittiin seenan ammoo gamoo namoonni nagaan keessa jiraatan ykn masjiid, manneen barnoota fa'aa waan ta'eef arguuf illee rakkisaa taasisa.
Waraanni Israa'el yeroo heddu Haamas kan ittii hadheessu, deeggarsa namoomaa dolaara biliyeenan lakkaa'amu kan uummata Gaazatiif kennamu ulaa lafaa jalaa ittiin ijaarun hojii shororkarra oolcha kan jedhuudha.

Amma Israa'el waraana lafo Gaazaa irratti banuufi jedhamee eegama. Halleellaa qilleensarraan ulaa lafa jalaa kana barbadeessuu eegaleera jettus guutummaatti balleessuun akka hin danda'amne dubbatu ogeessi waraana ulaa lafa jalaa kun.
Akkaatan itti Hamaas garaa Gaazaa jalatti ulaa lafa jalaa ijaare wal-xaxaafi heddu ta'uusaarraa kan ka'e Israa'el waraana lafoo bobaastullee mancaasuf rakkisaa taasisa jedhu.
"Ulaawwan lafa jalaa kaansaanii eessa akka ta'e hin beekamu. Kaan ammoo [balleessuf yeroo jedhamu] miidhan gahu salphaa hin ta'u," jedhu.
Gama biroon ammoo sodaan jiru, yeroo ulaa lafaa jalaa kana mancaasan lubbuun lammiilee nagaas akkasuma manca'uu danda'a kan jedhuudha.
Hanga ammaattuu lammiilen Gaazaa haleellaa qilleensarraan dhuman 1,500 ta'an darbaniiru. Isaan keessaa harki guddaan namoota nagaadha.
"Hamaas namoota nagaa dahannoo godhachuurratti baay'ee beekamaadha. Yeroo Israa'el haleellaa gaggeessuu dhaqxu Hamaas dafee namoonni nagaan gamoorratti akka bahan godha. Israa'el yeroo heddu kana argitee yeroon itti haleellaa gaggeessu dhaqxee deebitu jira," jechuun ulaa kana balleessun lubbuu namoota nagaa hedu akka gaaga'u himu Dr. Raafin.

Madda suuraa, AFP
Gama biroon ulaan lafa jalaa kun loltoonni Israa'el odeeffannoo tikaafi waranaa magaala keessaa gaggeessuu irratti danqaa itti uuma.
"Haamaas waraanni Israa'el ulaawwan kana keessa akka galan erga godhee booda salphaadhumatti dhukaa'wwan kaa'udhaan dhoosuu danda'u. Loltoota ukkaamsanii fudhachuu danda'u," jechuun yaaddoo qaban ibsu.












