Loltuu duraanii Israa'el Hamaas dura dhaabbachuun ollootasaa oolche

Madda suuraa, NIR AM
Guyyaa Sambata barii eddoowwan Israa’el hidhattoota Haamaasiin jalqaba haleellaan irratti baname keessaa tokko, Niir Am kibbutz, bakka jiraattoonni naannichaa lola cimaa gaggeessuun hidhattoota naannoosaanii baasaniidha.
Gaafa Sambataa sa’aatii 12:30 irratti sagalee rasaasaatiin hirribaa dammaquu kan dubbatu Adaam, ‘‘Anis shuguxiikoo, uffatakoo, uffata rasaasa dhorkuufi siijaaraakoo qofaan fudhadhe,’’ jedha. Achiinis kan gara dallaatti dhufu hunda ajjeessuu eegalle.’’
Innis oolchaa ollaasaa Niir Am kibbutz, kan ummannii gara 400 keessa jiraatuufi Gaazaa irraa kiiloomeetira 2 qafa fagaatuutti, goota jedhamuun leeliifamaa jira.
‘‘Sagalee guddiiftuu fudhachuunis, irra deddebiib, ‘eenyumtuu Niir Am hin seenu, eenyumtuu Niir Am hin seenu’’’ jechaan ture.
Adaam gaheessa wagga 46 fi miseensa humna adda duraaniiti. Kanaaf, innis maqaasaa guutuufi fuulasaa agarsiisuu hin fedhu.
Rifeensisaa haadamaafi eenyumtuu isa waliin walitti bu’u hin danda’u. Akka ofiisaa ittisuu danda’u ifa.
Dhiiroota naannichaa gara biraas isatti makamu hima. ‘‘Namoonni nagaa attamiin akka lolan hin beekne garuu kan onnee qaban hedduudha. Lama ykn sadiitu muuxannoo humnoota addaa qaba, kaan garuu …namootuma idilee, IT keessa hojjatan. Namoota idilee garuu baayyee, baayyee adda kan ta’an.’’
Waliin ta’unis gara sa’aatii sadii hanga shanii ni lolan. Adaam sa’aatii lolarra turan sirriitti hin yaadatu, garuu booda keessa tasgabbiin bu’e jedha.
‘‘Nutis wanti hunda waan gaarii ture nutti fakkaate garuu dambalii lammaffaan hidhattoota qawwee matarayeesii hidhataniifi boombii rookkeettiin darbataman 8-10 ta’an dhufan…Isaanis meetira 10-15 nutti dhihoo turan. Anis itti fiigeen itti dhokaasuun ajjeese…mataattan dhokaase.’’
Lola qawwee kana keessatti maaltu sitti dhagahame?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
‘‘Sammuunkoo tasgabbaa’aadha. Ani qabsaa’aadha, nama lolaati, kanan umamee kanumaaf ture,’’ jedhe.
Ummanni Niir Am silaa ni qalamu ture jedha. Isaanis akkuma hawaasa eddoowwan kibbutzim kaaniitti waliin dhaabbatu, yeroo baayyee qonnaadhaaf…
‘‘gara manaatti fiiguun dubartootaafi daa’imman ajjeesu ture. Sanatu akka lolluuf ajjeesnu nu taasise. Eenyumtuu akka kibbutz seenuuf hin hayyamnu. Eenyumtuu hin miidhamnes.’’
Amma jiraattoonni Niir Am hoteela Teel Aviiv keessa jiru. Yoom akka deebii’uu danda’an hin baakan. Adaam muraasni baayyee sodaachu malu jedhee yaadda’a.
Simannaa taasifametti gammadeera. ‘‘Baayyee haala gaariidha, akkuma mana gara biraati,’’ jedha. ‘‘Israa’eloonni hundi uffataafi nyaata nuuf erganiiru.’’
Garuu ammo asittiyyuu, kanneen fidaman hundi haala nagaarra hin jiran. Haasaan gaazexxessaa waliin taasisaa ture keenyasakeekkachiisa haleellaa rookkeettii gara biraatiin adda cite.
Adaamis tasgabbiin gara dahoo, maatiin wal hammatee, daa’imman ammo bahaa jiran nu geese.
‘‘Waan kibba jiraanuuf nuuf kun omaa miti. Kun nuuf waan barameedha,’’ jedha Adaam. Adaam keessattuu tajaajilawwan tikaa haala raaguun haleellichaaf qophaa’u dadhabuusaatti mootummaa qeeqa.
Haleellaa hin eegamiin Hamaas Israa’el irratti baneen hanga ammaatti gara malaaniitu namoonni 2,700 ajjeeffamuun barameera.
Israa’el haleellaa rilleensaa haaloo bahuuf Gaazaa irratti raawwattuun daa’immaniifi dubartoota dabalte, namoonni nagaa 1,400 ol ajjeeffamaniiru.
Gama Israa’elinis namoonni 1,300 ol ajjeeffamanii 150 kan ta’an butamuun hidhattootaan fudhatamaniiru.

Madda suuraa, AFP
Gara fuulduraa maaltu ta’u mala?
Adaam jiraattoonni Gaazaa keessa baayyeen namoota gaarii jireenya sirrii jiraachu barbaadaniidha jedha. Garuu ammoo Hamaas rukutuudhaaf tarkaanfii waraanaa cimaan fudhatamu akka qabaatu barbaada.
‘‘Furmaata walfakkatu qabaachu hin dandeenyu, waan cinaa ta’een barbaada’’ jedha.
Garuu ammo loltoonni Israa’el yoo Gaazaa seenan arguu hin barbaadu jedha. ‘‘Hamaas sana akka goonuuf nu barbaada sababii achitti akka danqaman barbaaduuf. Kun dogongora ta’a.’’
Jiraattoota Niir Am keessaa dargaggeessa qophii muziqaa irra ture tokko qofaatu ajjeeffame Hamaasiin. Adaamiifi humni namoota idilee isaa ollaasaa tikkisaniiru.












