Hamaas irra gorun Israa’elitti misaa'ela dhukaasaa kan jiru Hezbollaan eenyu?

Hezbollaa jechuun Paartii Waaqayyoo(Allaah) jechuudha.
Hezbollaan dhaabbata siyaasaa, waraanaa fi hawaasummaa Islaamaa Shi'aa Libaanos keessatti aangoo guddaa qabudha. Gareen kun Israa'el akka diinaatti ilaala.
Garee Hezbollaa Israa'el lafa Musliimaa dhuunfattee jechuun ''lafarraa balleessuuf'' waamicha dhiyeessee ture.
Tibbanas hidhattoota Hamaas tumsuuf rokkeettii gara Israa'elitti dhukaasaa jira.
Ofii Hezbollaan garee akkamiiti?
Gartuun hidhattoota Hezbollaa jalqaba bara 1980 keessa yeroo Israa’el Libaanos qabatte tumsa Iraaniin hundaa’e.
Haata’u malee, hundeen ilaalcha Hezbollaa bara 1960 fi 1970 keessa Islaamummaan Shi'aa Libaanos keessatti dagaagu wajjin hidhata qaba.
Bara 2000 Israa’el Libanos keessaa erga baatee booda Hezbollaan hidhannoo hiikkachuu diduun, damee waraanasaa Fincilaa Islaamaa(Islamic Resistance) cimsachuu ittifufe.
Hezbollaan amma dandeettiin horate hidhannoo waraanni Libaanos bara 2006 duula Israa’el waliin gaggeessetti gargaarame ni caala.
Garichi Libaanos keessatti humna guddaa horateera.
Hezbollaan sirna siyaasaa Libaanos keessattillee sudadaan garee dhiibbaa uumu ijoo ta’eera.
Kaabinee biyyattii keessatti otoo hin hafiin aangoo furtuu ta’e qabate.
Gartuun kun Israa’el fi Jiwishootarratti haleellaa boombii raawwachuu fi shira addaan hin cinne xaxuun himatama.
Biyyoonni Lixaa, Israa’el, biyyoota Arabaa naannoo Galoo Galaanaa Galf fi Liigiin Arabaa, Hezbollaa shororkeessaatti ramadaniiru.
Lammiileen Libaanos muraasnillee Hezbollaa akka qaama tasgabbii biyyattiif balaa ta’etti ilaalan jiru, hawaasa Islaamummaa Shi’aa hordofan keessatti garuu yeroo hunda ni jaallatama.

Madda suuraa, AP

Madda suuraa, AP
'Fincila'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hezbollaan bakki jalqaba itti hundaa'e sirriitti hin beekamu, addaan baasuunillee rakkisaadha.
Garuu, Israa’el Kibba Libaanos weeraruu hordofee mul’ate.
Israa’el bara 1982tti haleellaa hidhattoota Filisxeemirratti raawwataniif deebii kennuuf Libaanos weerarte.
Bara sana hoggantoonni Shi’aa hidhattoota deggaran sochii Amal hogganurraa adda ba’an.
Dhaabbanni Islaamik Amal jedhamu kun Iraanirraa deeggarsa waraanaa guddaa kan argata.
Islaamik Amal, milishoota Shi’aa beekamoo yoo ta’an boodarra Hezbollaa ijaaran.
Gareen Hezbollaa erga ijaarame booda waraana Israa’elii fi michuusheerratti, Waraana Libaanos Kibbaa (SLA), akkasumas haleellaa humnoota alaa Libaanoon keessa tuanirratti banan.
Hezbollaan haleellaa boombii bara 1983 keessa Imbaasii Ameerikaa fi mooraa waraana humna galaanaa Ameerikaarratti dhoohe duuba jiraachuu isaanitu amanama.
Haleellaa sanaan lammiileen Ameerikaa 258 fi kan Faransaay 58 du’aniiru.
Haleellaa sana hordofuun humnoonni nagaa eegumsaa biyyoota Lixaa Libaanos keessaa bahan.
Bara 1985tti Hezbollaan Ameerikaa fi Gamtaa Sooviyeetiin diina qajeelfama Islaamaa ijoo jechuun ifatti labse.
Garee Hezbollaan Israa'el lafa Musliimaa dhuunfattee jechuun ''lafarraa balleessuuf'' waamicha dhiyeesse.
Akkasumas "sirna Islaamaa humnaan otoo hin taane, filannoo kallattii fi bilisaa ummanni gaggeessuun akka fudhatamu" gaafateera.
Waraanni Siiriyaa bara 1990 Libaanositti nagaa erga buuse booda, Hezbollaan riphee loltummaa Kibba Libaanositti gaggeessuu itti fufe.
Garuu siyaasa Libaanos keessattis qooda guddaa gumaachu jalqabe.
Bara 1992 Hezbollaan yeroo jalqabaaf filannoo biyyaalessaarratti karaa milkaa’a jedhamuun hirmaate.
Humnoonni Israa’el bara 2000tti Libaanos keessaa ba’an.
Yeroo sanatti Hezbollaan humnoota Israa’el biyyattii keessaa baasurraatti qooda qaba jedhamee himama.
Gareen Hezbollaa meeshaa waraanaa akka hiikkatuuf dhiibbaa irra qaqqabe dandamachuun kibba Libaanos keessa socho’uu ittifufe.
Hezbollaan yeroo sanatti Israa’el qonna Shebaa fi naannoowwan falmiiin irratti dhiyaatu biroo keessa socho’uu ittifufte sababaatti jedhee himate.
Bara 2006 hidhattoonni Hezbollaa haleellaa daangaa biyyoota lamaniirratti bananiin loltoonni Israa’el saddeet ajjeefamuufi lama butamuu booda Israa’el haleellaa guddaa bante.

Madda suuraa, Getty Images
Xiyyaaronni waraanaa Israa’el iddoowwan Hezbollaan deeggarsa guddaa qabu Kibbaa fi handaara kibba Beerut boombiin haleelan.
Hezbollaanis gamasaatiin rookkeettii 4,000 gara Israa’el dhukaase.
Waraana guyyoota 34’f gaggeeffame kanaan lammiileen Libaanos 1,125 ol du’an.
Irra caalaan namoota du’anii lammiilee nagaa yoo ta’an, akkasumas loltoonni Israa’el 119 fi lammiileen nagaa Israa’el 45 du’aniiru.
Hezbollaan waraana sanarraa otoo guutummaatti hin diigamiin hafe.
Ergasii meeshaa waraanaasaa fooyyessee qabaachuun loltoota haaraa hedduu filate.
Naannoo daangaa Libanos fi Israa’el nagaa eegdota Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi waraana Libaanosiin to’atamaa jiru sanarratti balaa guddaan hin mul’anne ture.
'Mul'ata siyaasaa'
Bara 2008tti mootummaan Libaanos kan biyyoota Lixaatiin deeggaramu neetworkii telekoomii dhuunfaa Hezbollaa cufee, hogganaa nageenyaa buufata xiyyaaraa Beerut hidhata garicha waliin qabu aangoorraa kaase.
Hezbollaan magaalaa guddoo biyyattii harka caalu qabachuun, akkasuma gareewwan Sunniirratti lola banuun deebii laate.

Madda suuraa, Reuters
Walitti bu’iinsi gareen walqooduun raawwatame lubbu namoota 81 dabarsuun Libaanoon qarree wal-waraansa haaraatti geesse.
Sana booda waliigaltee mootummaa waliin aangoo qooddannarratti mallatteeffame Hezbollaa fi michoonni isaa murtii kaabinee kamiyyuu geeddaruu akka danda’an aangoo kenneef.
Filannoo bara 2009 irratti Hezbollaan teessoo paarlaamaa 10 argachuun mootummaa waloo hundeeffame keessatti hafe.
Dhuma bara sanaarratti barreessaa olaanaan Hezbollaa Sheek Hasan Nasrallaa sanada siyaasaa haaraa ''mul'ata siyaasaa''Hezbolaa ibsu baasan.
Bara 2011 Hezbollaan fi michoonni garichaa mootummaa waloo Saad Hariiriin durfamu, kan Sunni-Sa’udiin deeggaramu akka diigamu dirqisiisan.
Waraanni Siiriyaa keessatti hammaataa yeroo adeeme hidhattoonni Hezbollaa kumaatamaan lakkaa’aman pirezidaantii Siiriyaa Bashar al-Asad tumsuuf kan dhaqan yoo ta’u, humnoonni mootummaa deggeran lafa finciltootaan to'atame, daangaa Libaanosirratti akka deebifatan gargaaruu keessatti gahee murteessaa ta’e qabu.
Hezbollaan waraana Siiriyaa keessatti hirmaachuun garuu Libaanos keessatti waldhabdee gartuu garaa garaa gidduutti kaase.
Jalqaba bara 2016tti biyyoonni Galoo Galaanaa Galfii fi Liigii Arabaa Hezbollaa ''gocha diinummaa raawwachuun himachuun garee shororkeessatti ramaduutu yaadatama.












