Hamaas attamiin funyaan Israa'el jalatti leenjiisuun humna cimaa ijaarrachuu danda'e?

Hamaas shakala irra ta'anii

Madda suuraa, Telegram

Gareen Filisxeem shan erga bara 2020 asitti leenjiiwwan loltummaa fudhachaa turan haleellaa Onkololeessa 7 Israa’eel irratti raawwatametti akka hirmaatan xiinxalli BBC mul’iseera.

Gareen kuni Gaazaa keessatti ulaa lafa jalaa dhiheenya daangaa Israa’eel irraa kiiloomeetira tokko irratti qopheesse kan yeroo haleellaa sanaa dhimma itti bahame karaa miidiyaa hawaasummaa qoodee ture.

Yeroo shaakalaa kanattis namoota ukkaamsanii butuu, haleellaa tasaa raawwachuu fi waraana Israa’eel rifaasisuu irratti hojjechaa ture. Gocha akkasii kana haleellaa Onkololeessa 7 dura hanga guyyaan 25 hafutti itti ture.

BBC’n ragaalee haala itti Hamaas hidhattoota Gaazaa keessaa tokkoomsuun waraana cimaa ijaaree fi haleellaa naasisaa Israa’eel irratti raawwachuun qaxanicha gara waraanaatti seensise walitti qabeera.

Mallattoo Tokkummaa

Muddee 29, bara 2020 hogganaan waliigalaa Hamaas Ismaa’el Haniyeh maqaa iccitaawaan gartuuwwan ciccimoo afur moggaafaman keessaa tokko ifoomsan. Gareewwaan hidhatani Gaazaa keessatti bakka bakkatti qoqodamanii turaniif ‘ ergaa cimaa fi mallattoo tokkummaa’ kan kaa’e.

Gareewwan Gaazaa keessatti hidhatanii socho’aa turan keessaa cimaa kan ta’e Hamaas, humnoota Filisxeem keessatti hidhatanii socho’aa turan 10 ta’an bakka tokkotti fiduun ‘kutaa opereeshinii waloo’ jechuun qindeesse.

Caaseffamni kunis bara 2018 kan bu’uureffame yoo ta’u humnoota Gaazaa keessatti hidhatanii socho’an ajaja giddu galeessaa tokko jala galchuufi.

Bara 2018 dura Hamaas karaa ifa ta’een garee ‘Palestinian Islamic jihad’ yookan PIJ jedhamanii fi Hamasitti aanee garee hidhataa cimaa ta’e waliin qindoomina uumee ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gareen PIJ kunis akkuma Hamaas UK dabalatee biyyoota birootti shororkeessaa jechuun kan farrajamedha.

Hamaas saniin duralleen gartuuwwaan hidhatan biroo cinaa hiriiruun lola gargaaraa turulleen halli bara 2020 garuu gartuuwwan filisxeem keessaa tokkummaa waloo jabeeffaachaa jiraachuu piropogaandaa guddoo kan uumedha.

Hogganaan Hamaas, waliigalteen jalqabaa gartuuwwan hidhatan qindoomuuf uuman kuni ‘ Qophaa’ummaa fulla’aa’ gartuuwwan hidhatan gidduuti jechuun ibsan.

BBC’n Garee PIJ dabalatee gareen hidhattootaa 10 Hamaas cinaa hiriiruun shaakala gochaa wayita turan kan mul’isu ragaa Telegram irratti qoodame argateera.

Haleellaa onkololeessa 7, Israa’eel irratti raawwatame hordofees gareewwan kana keessaa shan karaa vidiyootiin haleellaa kanatti hirmaachuu yoo himan sadii ammoo ergaa barreeffamaa Telegram irratti qoodaniin haleellaa kanatti hirmaachuu ibsan.

Gaheen gartuuwwan kunneenii ifatti mul’achuu kan eegale Hamaas dubartootaa fi daa’imman Haaleellaaa Onkololeessa 7 irratti butee fudhate akka gadhiisuuf dhiibbaan erga cimaa dhufeen booda.

Gartuuwwan sadii PIJ, Birgeediin Mujahideen fi Aal-Nasser Salah al- Deen haleellaa sanarratti namoota ukkaamsanii fudhatan akka qaban himaniiru.

Gareewwan shan hiraachuuf ragaa

Gartuuwwan Haleellaa Hamaas cinaa hiriiran kunneen dhimma Islaamummaa fi walabummaa amantii akkasumas ilaalcha biyyoota alaatiif qaban irratti yaadama adda addaa qabaatanilleen Israa’eel haleeluuf garuu hunduu waliigalu.

Hamaas irra deddeebiin akka ibsaa turetti gartuuwan Gaazaa keessa jiran tokkummaa akka qabanii fi Israa’eel Haleeluu irratti ilaalcha walfakkaataa qabaachuu eeru.

Ragaan tokko komaanderri waraanaa fuulasaa dhokse shaakala yeroo taasisu mul’isa. Loltoonni haalan hidhatanii fi taankii waraanaa alaabaa Israa’eel qabu unkuteessuun namoota keessa turan akka hidhamaatti qabuun lafarra harkisanii fi gamoowwan diigan mul’ata.

Haleellaa Onkololeessa 7 irrattis ragaan shaakala irratti mul’ate kuni qabatamaan yoo hojiirra oolu viidiyoon ni mul’isa. Toftaan leenji’an kuni loltoota booji’uu fi namoota nagaa qiyyaafachuun namootni 1,200 yoo ajjeefaman 240 ammoo butamanii fudhatamaniif gargaare.

Kutaa odeeffannoo shaakala jalqabaa keessaa ajajame

Madda suuraa, TELEGRAM

Addunyaatti himuu

Dameen biraa lammeessoofi cimaan ammoo waggaa tokko booda kan ta’edha.

Ayman Nofal, Komaanderri Birgeedii Izzedine- al Qassam, kaayyoon shaakala waraanaa Muddee 26 bara 2021, ‘ tokkummaa gartuulee warraaqsaa akka hin sochoonetti dhaabuudha’ jedhanii ture.

Kaayyoon isaanii ‘ Dallaan ijaaranii fi hojiin injinariingii isaan naannoo Daangaa Gaazaatti hojjetan akka isaan hin baraarre diinatti himuudha’ jedhan.

Ibsi biraa Gareen Hamaas baase waraanni waloo Gaazaa keessaa ‘ lafa olla Gaazaa jirtu dhabamsiisudha’ kan jedhe yoo ta’u kuni jecha ittiin garichi Israa’eel ibsudha.

Shaakalli waloo gareewwan Gaazaa keessaa kuni muddee 28, bara 2022 kan itti fufe yoo ta’u shaakala kanarratti loltoonni yeroo gamoowwan mancaasanii fi taankii dhabamsiisan mul’isa.

Yeroo shaakalli kuni taasifamuun Israa’eel gabaasni gahu, ejensiiwwan basaasaa ciccimoodhaan hordafamaa jiraachuu dhabuun isaa waan amanuuf nama rakkisu ture.

Taankiiwwan Israa'el

Humni waraanaa Israa’eel isaan dura shaakala garee Hamaas kana dhabamsiisuuf haleellaa xiyyaaraa raawwatee ture. Eebla 2023 bakka shaakala Hamaas cimaa ta’e boombiidhaan barbadeessanii ture.

Haleellaa sanaan dura dubartiin basaasaa Israa’eel kan naannoo daangaa Gaazaa hojjettu haala hin baratamneen sochiin diroonii akka turee fi Hamaas dirooniiwwan Kanaan bakkeewwan murteessoo ilaalaa jiraachuu shakkuun gabaastee ture

Garuu akka miidiyaaleen Israa’eel gabaasanitti diroonotni kunniin qolatamaniiru.

Gaazaa keessatti iitti aanaa ajajaa waraanaa Israa’eel kan turan Birgaader Jeneraal Amir Avivi akkas jechuun BBC tti himan: “ Shaakalawwan basasaa hedduutu shaakala kana keessatti kennamaa ture. vidiyoowwan gadhiifamaa turan. kuni kan ta’aa ture dhiheenyuma dallaa Israa’elitti” jedhan.

Garuu yeroo waraanni waa’ee ta’ii kanaa dhagahutti waan ta’aa jiruu fi leenjii kennamaa jiru beekuu hin dandeenye jedhan.

Humni ittisaa Israa’eel Nofal, ajajaa olaanaa waraana Hamaas kan Onkololeessa 17, 2023 dhabamsiisuu hime.

Loltoota Israa'el

Bakka ifa ta’e dhokachuu

Hamaas toftaan haleellaa isaa kuni akka milkaa’uuf karaa fagoo deeme. Bara 2022 loltoonnisaa buufata waraanaa Israa’eel kan fageenya 2.6km irratti argamuu fi waraana Israa’eeliin too’atamu akka bakakkaa itti buusan shaakalsisie.

BBC’n lafa Kaaba Gaazaatti argamu kana haala teessuma lafichaa adda baasuun bira gaheera. Hanga Sadaasa 2023 bakki kuni kaartaa irratti seerumaan mul’ata.

Baakki leenjii kuni fageenya 1.6km taaworii Israa’eel ittiin daawwattu irraatii argama. Israa’eel elementoota nageenyaa kana ijaaruuf doolaara miliyoonaan lakkaa’amu itti baste.

Bakki dhoksaa leenjii kuni meetira hedduu lafa jala waan ta’eef sakattoo Israa’eeliif waan akka salphaan argamu miti. Ta’ulleen aarri laficha keessaa bahu inuma mul’ata.

Hamaas bakka kana bakka leenjii gamoo akkaataa itti unkuteessan, namoota butanii fuudhanii fi ittisawwan nageenyaa cabsanii akkaataa itti seenan itti leenjisa.

BBC’n ragaalee bakka leenjii 14 bakka adda addaa Gazaa keessa jiran adda baasuuf odeeffannoowwan eenyumaafuu ifaa tahan, suuraaawwan saatalaayitii dabalatee fayyadameera.

Inumaa yeroo lama bakka dhiheenya dhaabbata gargaarsaa kan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irraa fageenya 1.6km dhihoo ta’etti leenjiseera. Kuni dudduuba ragaa isaan muddee 2022 gadhiisan irratti ifaan mul’ata.

Bakkeewwan qubannaa Israa'elootaa fakkeeffame

Lafoo, Galaanaa fi Qilleensarra…

Fulbaana 10 bara 2023 gareen ‘Joint committee Room’ jedhamu kuni telegram isaa irratti loltoota uffata waraanaa uffatanii fi meeshaalee waraanaa fi basaasaa qarqara Gaazaatti mijeessaa jiran gadhiisee ture.

Guyyoota lama booda ammoo gartuu afreessoon shaakala waraanaasaa agarsiise. Onkololeessa 7 ammoo toftaawwan waraanaa haleellaa tasaa kanarratti hojiirra oolan hundi shaakala dursaa taasifaman.

Loltoonni konkolaataa piikaappii Toyoottaa adii kan walfakkaatan oofaa kibba Israaleen keessa yeroo garmaaman mul’ate.

Vidiyoowwan piropogaandaa loltoonni yeroo gamoowwan dhabamsiisan, bidiruuwwaniin bishaan jala balali’an fi kanneen biroo hedduun agaarsiisafamaa turan.

Hamaas leenjiiwwan Doqdoqqee fi paaraalaander garuu hojii piropogaandaa kanaaf hin maxansine.

Viidiyoon Leenjii haleellaa gaafa onkololeessa 7 guyyoota sadii booda gadhiifame dallaan yeroo diigamee doqdoqqeewwan keessa darbanii fi gara hawaasa kibba Israa’el ittiin deeman mul’isa.

Eddoowwan leenjii Hamaas

Vidiyioon guyyaa haleellaa Sanaa gadhiifame akka mul’isutti hidhattoonni Hamaas paaraalaanding, waan akka xiyyaaraa balali’u irraa yoo qubatan mul’isa. Bakki isaa akka adda bahetti bakkichi Rafah, kibba Gaazaati.

BBC’n akka adda baafatetti viidiyoowwan shaakalaa kuni Hagayya 25, 2023 dura kan waraabaman yoo ta’u kompitara keessa maqaa ‘Eagle Squadron’ jedhuun olka’amee ture.

Hamaas maqaa kana garee humna qilleensaasaatif fayyadama. Hojii paaraalaandingii kana waggaa tokkoo oliif akka irratti hojjetes hima.

Onkololeessa 7 dura Hamaas Gaazaa keessaa loltoota 30,000 akka qabu gabaasni humna ittisaa Israa’el kan mul’isu. Isa malees Hamaas garee xiqqaa kana keessaa loltoota hedduu qopheessuu akka danda’us himama.

Loltoota Hamaas

Madda suuraa, TELEGRAM

Hamaas osoo qaamoleen biraa isa hin deeggarinuu Filisxeem keessatti qaama hidhate isa cimaadha.

Humni ittisaa Israa’eel haleellaa Onkololeessa 7 kanarratti loltoonni garee biraa 1,500 akka itti makaman tilmaamee ture. lakkoofsi kuni hanga 3,000 akka ta’u kan tilmaamanis jiru.

Kanas ta’e sana, garee hidhatanii Gaazaa keessa socho’an irraa haleellaa sanarratti kan hamaas tumsanii hirmaatan lakkoofsisaanii muraasa. Lakkoofsa isa sirrii adda baasuun garuu uilfaataadha.

Haleellaa Hamaas Onkololeessa 7,2023 Israa’eel irratti raawwatame kana hayyoonni yaada adda addaa kennu. Dhimma Hamaas ii fi Gaazaa barreeffama kanarratti ka’e yaada kan gaafatame humni ittisaa israa’eel , “ammatti yaaddoo haleellaa qaama shororkeessaa kanaa dhabamsiisuu irratti fuulleffanna. Waa’ee hanqina turee yeroo itti aanu kan ilaallu taha” jedhe.

Wayita loltoonni Hamaas dallaa cabsanii galan