Haleellaa Hamaas, Israa'el irratti raawwate duuba jiru kan jedhaman hogganaan Hamaas Yahyaa Sinwaar eenyu?

Yahyaa Sinwaar

Madda suuraa, EPA

Yahyaa Sinwaar ammaaf achi buuteen isaa dhabameera. Dhabamusaa waanti ajaa'iba taasisu loltoonni Israa'el kumaatamaan lakkaa'aman diroonii, meeshaalee elektirooniksii ittiin dhaggeeffatan fi basaastotan deeggaramuun iddoo Yahyaa Sinwaar jiru adamsaa jiraachuudha.

Rifeensa arrii adii cabbii fakkaatuufi nyaara gurraacha qabuun kan beekamu Sinwaar, Gaazaatti hogganaa damee siyaasaa Hamaas Israa'el garmalee adamsaa jirtu keessaa tokko.

Hamaas haleellaa Onkoloolessa 7, 2023 kibba Israa’elitti raawwachuun namoota 1,200 ajjeesee, 200 ol buteef Sinwaar qondaalota Hamaas biroo waliin barbaadamaa jira.

Dubbi himaan Raayyaa Ittisa Israa’el Daani’el Hagaari Onkoloolessaa gara jalqabaa keessa, “Yahyaa Sinwaar gaggeessaa nama jira du’e” jedhee labse.

''Haleellaa jibbinsa kana kan murteesse Yahyaa Sinwaari,'' jedhan Hogganaan Olaanaa Waraana Israa’el Herzii Halevii.

"Kanaaf inni fi warri isa jala jiran hundinuu namoota jiraa du'anii" jedhan Haleviin.

Namoonni warra jiraa du’e jedhaman kunneen hogganaa damee waraanaa Hamaas, Birgeedii Izzeddin al-Qassam Mohaammad Deyif fa'aa dabalata.

Huu Lovaat, Mana Maree Hariiroo Dhimma Alaa Awurooppaa keessatti qorataa imaammataati.

Lovaat akka jedhutti, haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 karoorsuu keessatti Mohaammad Deyif qooda ijoo qaba jedhee amana, sababni isaas dhimmichi opporeshinii waraanaa waan ta'eef.

Garuu Sinwaar "qaama garee haleellaa kana karoorsanii fi akka raawwatamu dhibbaa uumanii ta'uu hin oolle,’’ jedha.

Israa’el hogganaa Hamaas Ismaa’eel Haniyeetti aansee gaggeessaa Hamaas isa lammaffaa kan ta’e Sinwaar, lafa boolla Gaazaa jalatti qootame keessa dhokata jette barbaadaa jirti.

Sinwaar eegdoota isaa waliin iddoon jiru akka hin baramne sodaachuun nama tokkolee wajjiin karaa meeshaalee qunnamtii haasa’uu lagate.

Haala guddinaa fi hidhamuu Sinwaar

Sinwaar nama ganna 61yoo ta'an, maqaa Abu Ibraahim jedhamuun beekamu.

Sinwaar kaampii baqattootaa Kaan Yunis, kan fiixee kibba Gaazaatti argamutti dhalate.

Warrisaa Ashikloon yoo ta'an, bara Filisxeemonni "al-Naqba" ykn bara balaa jedhanii waaman qe’eerraa baqatan.

Bara 1948 Israa'el hundeeffamuu hordofee waraana tureen Filisxeemoonni qe'ee akaakileesaanii dhiisanii jumlaan buqqa'an.

Mana Barumsaa Ijoollee Dhiiraa Sadarkaa Lammaffaa Kaan Yunisitti kan barate Sinwaar, achiis Yunivarsiitii Islaamaa Gaazaatti afaan Arabaatiin digrii jalqabaatiin eebbifame.

Suura daa'imman butamanii hiriira Tel Aviivirratti mul'ifame

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo sanatti Kaan Yunisitti deeggarsi Musliim Biraazerhuud qabu garmalee cima ture jedha Ihuud Yaarii, Waashingitenitti qorataan dhimma imaammataa, namni mana hidhaa keessatti Sinwaar yeroo afur gaafate.

Gareen Islaamistoota "dargaggootaa kaampii baqattootaa keessa turanii fi masjiidota deemaniif sochii guddaa ture" jedha Yaariin.

Gara boodarra Hamaasillee ejjannoo walfakkaataa qabaate.

Sinwaar jalqaba bara 1982, umrii isaa waggaa 19tti "sochii Islaamistoota"deeggarta jedhamuun Israa'eliin kan qabame, achiis bara 1985tti deebi'ee hidhame.

Yeroo kanatti hundeessaa Hamaas, Sheek Ahimad Yaasin biratti fudhatama argate.

Lamaanuu ''baay'ee, baay'ee walitti dhihaatan'' jedhu qorataan olaanaa Inistiitiyuutii Qorannoo Nageenya Biyyaalessaa Tel Aviiv keessatti argamu Koobii Maayikil.

Hariiroon hogganaa dhaabbatichaa waliin qabu kun boodarra Sinwaar sochii kana keessatti xiyyeeeffannoo akka argatu taasise jedha Maayikil.

Hamaas bara 1987 erga hundeeffamee waggaa lama booda dhaabbata nageenya keessoo garee kanaaf sodaachisaa ta'e al-Majid jedhamu hundeesse.

Yeroo sanatti Sinwaar umuriin isaa waggaa 25 qofa ture.

Al-Majd namoota yakka duudhaa cabsu raawwatan jedhamuun himataman adabuu garmalee beekame.

Maayikil akka jedhutti, suuqiiwwan "viidiyoo saalqunnamtii" kuusanirratti xiyyeeffachuusaa dubbata - akkasumas nama Israa'el waliin hojjachuun shakkaman kamiyyuu adamsuu fi ajjeesuun beekama.

Filisxeem keessa suuraa Sinwaar agarsiisu

Madda suuraa, Getty Images

Yaariin Al-Majid namoota Israa'el waliin hariiroo qabaachuun shakkaman heddu ''gara jabumaan ajjeesurratti'' qooda qaba jedhe.

"Garii isaanii ofuma isaatiin ajjeesusaatti ittiin boona wayita anafi namoota birootti himu’’ jedha Yaariin.

Akka qondaaltonni Israa'el jedhanitti, Sinwaar nama basaasummaan shakke obboleessisaa otoo lubbuun keessa jiruu akka awwaalu gochuuni fi lafa akaafaan otoo hintaane fal’aanaan qochisiisuun adabuu boodarra amane jedha.

"Inni nama hordoftoota ofitti naanneessu,-namoota hedduu salphaatti isa sodaataniifi isa waliin wal-dhabuu hinbarbaanne waliitti qaba," jedha Yaarin.

Bara 1988tti Sinwaar loltoota Israa'el lama butee ajjeesuu karoorse jedhame himatame.

Bara sanatti hidhamee, Filisxeemoota 12 ajjeesuun Israa'eliin yakkamaa ta'ee hidhaa umurii guutuun afur itti murtaa'e.

loltuu

Madda suuraa, Getty Images

Turtii mana hidhaa Sinwaar

Sinwaar jireenya umrii ga'eessummasaa keessaa harka caaluuf manneen hidhaa Israa'el keessatti dabarse, bara 1988 hanga 2011tti waggoota 22 oliif hidhame.

Yeroo hidhaa ture keessa gariin kophaatti hidhamee ture, kun ammoo finxaaleessa akka ta’u kan jabeesse fakkaata.

"Humnaan, gara laafina tokko malee aangoo namootatti fe'e," jedha Yaarin.

Hidhamtoota gidduutti geggeessaa ta’ee of muude, qondaalota mana hidhaa waliin hidhamtoota bakka bu’ee mariiif dhiyaatera, hidhamtoota naamusa eegisisa ture.

Mootummaan Israa'el Sinwaar yeroo mana hidhaatti qabu hordofaa ture yeroo ibsu "gara jabeessa, nama ajajuu kan jaalatu, nama dhiibbaa uumuu danda’u fi obsa adda ta’e qabu, haxxee fi namoota biroo to’achuu barbaadu, waan xiqqootti kan gammadu, mana hidhaa keessallee hidhamtoota biroo jalaa dubbii iccitii dhoksuufi dandeettii namoota baayee walittu gurmeessuu qabu" jedhan.

Yaariin amala Sinwaar yeroo dheeraaf irraa deddeebiin hordofaa ture yeroo ibsu, nama rakkoo xiin-sammuu hokkora kakaasu wajjin walqabate qabu ykn saayikoopaatiidha jedhan.

Yaariin waa’ee Sinwaar waantin himuu danda’u saayikoopaatii ta’uusaati jedha.

Yaariin akka jedhutti, Sinwaar "nama garmalee haxxee, qaroo - nama amalasaa mul’isuufi dhoksuulle beeku" jedha.

Sinwaar Israa'el dhabamsiifamu qabdi jedhee yeroo Yaariitti himu, Jiwishoonni Filisxeem keessa jiraachuuf bakka hinqaban jedhee cimsee yeroo dubbatu, "tarii sirraan kan hafe' jedhee qoosa ture."

Sinwaar yeroo hidhamee turetti gaazexoota Israaʼel dubbisuudhaan afaan Ibiruu sirriitti bare.

Yaariin afaan Arabaa sirriitti beeka, Sinwaar garuu yeroo hunda afaan Ibiruu na waliin dubbachuu filata ture jedha.

"Dandeettii Afaan Ibiruu dubbachuu cimsachuu barbaada," jedha Yaariin.

"Eegdota mana hidhaa caalaa nama afaan Ibiruu sirriitti dubbaturraa baruu barbaada natti fakkaata" jedhe.

Sinwaar bara 2011 waliigaltee waljijjirra hidhamtoota Filisxeemootaa 1,027 fi lotuu Israa’el tokkoo Gilad Shaalit jedhamuu, akkasuma hidhamtoota Araboota Isra’eliin walqabatuun hidharraa gadhiifame.

Shaaliit erga obboleessa Sinwaar, kan ajajaa waraanaa olaanaa Hamaas ta'een butamee booda waggoota shaniif booju jala ture.

Yeroo sanarraa kaase Sinwaar loltoonni Israa'el dabalataan akka butaman gaafataa ture.

Adabbii gara jabumaa

Sinwaar hidharraa erga hiikame booda Gaazaatti yeroo deebi'u battalumatti akka hogganaatti fudhatama argate jedha Maayikil.

Gaggeessummaan Sinwaar baay’een kabaja akka hundeessitoota Hamaas keessa nama tokko ta’ee qabuu fi waggoota hedduuf mana hidhaa Israa’el keessatti aarsaa kaffaleen walqabata.

Garuu "namoonni kaan isa sodaatu, Sinwaar nama harkasaatiin nama ajjeese", jedha Maayikil.

"Yeroo tokkotti baay'ee gara jabeessa, hamaa, namoota ofitti hawwachuu danda'u" jedha. "Sinwaar yeroo baayyee nama dudubbatu miti" jedha Yaariin.

"Yeroo ummataaf dubbatu akka nama hiriira mormii keessaa dubbatuu fakkaata" jedha.

Sinwaar battaluma mana hidhaatii baheen Birgeedii Izzedine al-Qassam fi hogganaa olaanoosaa Marwaan Isaa walin hariiroo uume.

Sana booda bara 2013tti miseensa Biiroo Siyaasaa Hamaas kan Gaazaatti argamu ta'uun filatame.

Bara 2017tti ammoo ittigaafatamaa damee siyaasaa Hamaas ta’e.

Obboleessi quxisuun Sinwaar, Mohaammadis Hamaas keessatti qooda guddaa gumaache.

Bara 2014tti Hamaas du’uu isaa otoo hin ibsamiin dura yaalii ajjeechaa Israa’el hedduurraa hafu dubbate ture.

Ergasii gabaasaaleen miidiyaalee, ammallee Mohaammad lubbuun jiraachuu akka danda’u, damee waraanaa Hamaas boolla lafa jalaa keessa dhokatan waliin hidhata qabaachuu mala jedhamee shakkama.

Mohaammad Sinwaar

Sinwaar gara jabinaafi jeeqaa ta’uusaatiin maqaa masoo ijoollee’’qaltuu Kaan Yunis’’ jedhu argateera.

"Inni nama adabbii naamusa gara jabeenyaa murteessu," jedha Yaariin.

"Namoonni Hamaas keessatti isa beeku turan, ammalle isa beeku- yoo Sinwaariif ajajamuu didan lubbuu isaanii qarreerra jirti" jedha.

Bara 2015 ajajaa Hamaas Mahammud Ishitiwi jedhamu kan malaammaltummaa fi saalqunnamtii saala walfakkaataatiin himatame to'annoo jala oolchee, dararee ajjeesurratti ittigaafatamummaadha.

Bara 2018 ibsa miidiyaalee idil-addunyaatiif kenneen, Ameerikaan Imbaasii ishee Tel Aviivirraa gara Yerusaalemitti jijjiiruu isheetiin walqabatee, Filisxiimonni kumaatamaan lakkaa’aman dallaa daangaa Gaazaa fi Israa’el addaan baasu akka cabsanii seenan gorse.

Baruma sanaa yaalii ajjeechaa Abbaa Taayitaa Filisxeemiin Weest Baankiin narratti taasifamerraan hafe jedhee dubbate.

Ta’us Israa’el waliin yeroodhaaf dhukaasa dhaabuu, hidhamtoota wal-jijjiiruu fi Abbaa Taayitaa Filisxeem waliin araara uumuus deeggaree beeka. Mormitoonni kaan Sinwaar ilaalcha giddu-galeessaa qaba jechuunillee qeeqaa turanii jedha Maayikil.

Hidhata Iraan waliin qabu

Namoonni Humna Ittisaa fi Tika Israa'el keessa jiran hedduun wal-jijjiirraa hidhamtootaa keessa Sinwaar mana hidhaatii baasuun dogoggora guddaa ta'uu amanu.

Israa’eloonni gama dinagdee Hamaasiif onnachiftuu yoo kennineef, akkasuma eeyyama hojii dabalataa yoo kennineef Hamaas waraanaa banuuf fedhii dhaba jedhanii amanu turan.

Tilmama kanatu balaa hamtuu hordofsiise.

"Sinwaar akka nama Filisxeem bilisa baasuutti of ilaala -Sadarkaa dinagdee Filisxeem fooyyessuu miti, tajaajila hawaasummaa Gaazaaf wayyeessuu miti," jedha Yaariin.

Bara 2015tti Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa Siinwaar " Shorokeessaa sadarkaa idil-addunyaa" jechuun ifatti moggaaste.

Caamsaa 2021 haleellaan xiyyaaraa Israa’el manasaa fi waajjirasaa Gaazaatti argamurratti xiyyeeffate.

Ebla bara 2022 haasaa karaa TV taasiseen namoonni karaa kamiinuu Israa’el akka haleelan jajjabeesse.

Xiinxaltoonni nama ijoo biiroo siyaasaa Hamaas kutaa hidhannoo Birgeedii Izzedine al-Qassam wajjin hidhata qabu fi haleellaa Onkoloolessa 7 kibba Israa’el keessatti raawwatame hooggane jedhuun.

Sinwaar, hogganaa Hamaas Israa'el barbaaddu

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Onkoloolessa 14 dubbi himaan waraana Israa'el Litenaal Koloneel Richaard Hechit, Sinwaariin "fuula cubbuu ykn hammeenya" jedheen.

Itti dabaluun, "namni sunii fi gareen isaa hundi ija keenya keessa dura jiru. Nama sana ni arganna" jedhanii itti dhaadatan.

Sinwaar Iraanitti dhiyeenya cimaa qaba. Walta'iinsi biyya Shi'aa fi dhaabbata Arabaa Sunnii gidduu jiru ifa miti, garuu lamaan isaaniiyyuu kaayyoo biyya Israa'el balleessanii, Yerusaalem to’annoo Israa'el jalaa "bilisa baasan" barbaadu.

Biyyoonni Arabaa waltumsanii kana hojjechuurratti argamu.

Iraan Hamaas maallaqaan deeggarti, ni leenjifti hidhachiifti, dandeettii waraanaa isaa akka ijaaruufi rookkeetota kumaatamaan lakkaa’aman akka kuufatu gargaarti. Kunis Hamaas magaalota Israa’el haleelurratti akka xiyyeeffachuuf yaadameeti.

Sinwaar bara 2021 haasaa keessatti deeggarsa Iraan kennituuf kanaaf galata guddaa qabaachu ibse.

“Osoo Iraan hin jiraannee diddaan Filisxeemitti mul’atu sadarkaa amma jirurrra qaqqabu ture”jedhe.

Ta'us Sinwaar ajjeesuun Israa'eliif "injifannoo gurra horannaa" ta'a, malee qabatamaan diddaa kanarratti dhiibbaa guddaa hin uumuu jedha Lovaat.

Sinwaar ajjeesuun ifaadha, Hamaasiif kasaaraadha, garuu nama biraatiin bakka buusu, kana gochuufis caasaan jiru jira. Akka Bin Laadin ajjeesuu miti. Hamaas keessa hoggantoonni siyaasaa fi waraanaa olaanoon biroo jiru" jedha Lovaat.

Tarii gaaffiin guddaan kana ta'uu danda'a - Israa'el waraanaa Hamaas dhabamsiisuuf bante yeroo xumurtu Gaazaan maal taati, dhumarratti eenyutu Gaazaa bulcha?.

Gaazaarra rokkeettiin gara Israa’elitti dhukaafamu dhaabbata kan jedhuuf fuulduratti kan waliin arginu ta’a.