Mohaammad Deyif: Hogganaa Hamaas abbaa qaroo tokkichaa, Israa'el ajjeesuuf dhamaatee dadhabde

Mohaammad Deyif (suuraa faayilii)

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Israa'eliin komaandara ga'umsa qabu kan jedhame Mohaammad Deyif waggootaaf Gaazaa keessa socho'aa jira
    • Barreessaa, Joshua Nevett
    • Gahee, BBC News

Ji'a kana sagaleen hidhataa Paalestaayiin iyyee Israa'el akeekkachisuu gara Israa'elitti ergamee ture.

Sagalee kun Israa'el fedha Hamaas hin guuttu taanaan ''gatii guddaa baasti'' jedhee akeekkachisa ture. Hamaas gartuu hidhattoota Islaamaa Ulaa Gaazaa bulchaa jiraniidha.

Sagaleen doorsisaa sun immoo kan hogganaa Hamaas beekamaa Israa'el adamsitee ajjeesuuuf si'a hedduu isa barbaadaa turte, Mohaammad Deyifidha.

Deyif nama Israa'el ajjeesuuf hunda caalaa barbaaddudha. Namni kuni ganna torba keessatti yeroo jalqabaaf Israa'el akeekkachise.

Akeekkachisni Deyif wayita fudhatama dhabetti walitti bu'insi Israa'eliifi Gaazaa gidduutti guyyoota 11'f otoo dhukaasni hin dhaabatiin itti fufe.

Lola sanaan Gaazaatti yoo xiqqaate namoonni 242 ajjeeffamaniiru, Israa'elittis namoonni 13 ajjeefamaniiru.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii akka jedhutti namoota ajjeefaman keessaa 129 namoota nagaadha.

Waraanni Israa'el hidhattoota 200 ajjeesuu hime; Hogganaan Hamaas Yaahiyaa Sinwaar hidhattootni ajjeefaman 80 hin caalan jedha.

Deyif sarara dhukaa'aatii hin fagaanne ture, garuu hidhattoota ajjeefaman keessa maqaan isaa hin turre.

Dubbi himaan Humna Ittisa Israa'el Hidahi Zilbermaan, ''tarkaanfii waraanaa fudhanne kessatti Mohaammad Deyif ajjeesuuf yaallee turre'' jechuun barruu Niwuyork Taayimsitti himaniiru.

Lola sana keessatti yoo xiqqaate yeroo lamaaf Deyif ajjeesuuf yaalameera jechuun qondaalli waraanaa biyyattii kun BBCtti himan.

Hidhataan Hamaas Deyif ganna 20 keessatti yoo xiqqaate marroo torbaaf yaalii ajjeechaarraa lubbuun hafeera.

Qoosaa ykn taphni akka adurreef hantuutaa fakkaatu kun dheerachuun Waraana Israa'el danuu aarse.

Israa'el lola tibbana kanaa keessatti gaggeessitoota olaanoo Hamaas hedduu ajjeesuuf karoorfattees turte.

Xiinxalaan dhimmoota tasgabbii Baha giddugaleessaa Maatiw Leviit ''namoota waraana Hamaasiif hedduu barbaachisoodha jette amantu Israa'el ifatti maqaasaanii tarreeffatte qabdi'' jedhee BBCtti hime.

''Namoota kana keessaa jalqabaarratti Mohaammad Deyif maqaan isaa tarreeffameera.''

'Keessummaa' Ulaa Gaazaa

Waa'ee Deyif waanti beekamu yoo jiraate, harki caalaan gabaasa miidiyaalee Israa'elifi Paalestaayiin irraa kan argamaniidha.

Miidiyaaleen kun akka jedhaniitti, Deyif dawoo baqattoota Gaazaa Kaan Yuunis jedhamu keessatti bara 1965tti dhalate.

Yeroo sanatti Gaazaan Masrii jala turte. Maqaan yeroo inni dhalatu moggaafameef Mohaammad Diyaab Ibraahim al-Masrii ture.

Haa ta'u malee, boodarra maqaan Deyif jedhamuun waamamuu eegale. Deyif jechuun afaan Arabaatiin ''keessummaa'' jechuudha.

Akkatti walitti bu'iinsa Israa'eliifi Paalestaayiin keessatti guddate garuu waanti danuu beekamuu dhabus, lolli kun Baha giddugaleessaatti godaannisa hin dagatamne olkaa'era.

Deyif Hamaas wayita hundeffamu dargaggeessa kan ture yoo ta'u, bara 1980 gara xumuraa keessa gartuu hidhattootaa kanatti dabalame.

Deyif diddaa hidhannoon Israa'elirratti gaggeeffamu kutannoon itti hirmaate, otoo hin turiin gaggeessummaa hidhattoota Hamaas birgeedii Izzeddini al-Qaasim jedhamu keessatti beekamtii guddoo argate.

Gorsaan dhimma shororkeessummaa duraanii Dippaartimentii Ameerikaa Levit' 'qondaaalota Hamaas keessaa Deyif nama garee kanatti baayyee cichuu akka ta'etti ilaalama'' jedha.

Akka Levit jedhutti, Deyif gaggeessitoota Hamaas muraasatti dhiyaata ture.

Gaggeessitoota hidhattoota kanaaf boombii tolchuufi ''injinara beekamaa'' Yehiyaa Ayyaash jedhamuun waliin waliitti dhiyaatu ture.

Ayyaash bara 1990 keessa haleellaa boombii konkolaataa baasii tokkoorratti lubbuu namoota hedduu dabarse qaqqabsiisuutti hidhata qaba.

Bara 1996 Israa'el erga ajjeeftee boodas garuu haleellaan boombii biraan konkolaataa baasii biraarra qaqqabeera.

Ayyaash jalatti kan leenji'e Deyif haleellaa haaloo bahiinsaa Israa'el qindeessuudhaan nama himatamuudha.

Gochoonni kun Deyif akka beekamuufi sadarkaa qabaatu taasisaniiru.

Bara 2002 hogganaa Hamaas Salaah Shehadehi ajjeefamuu jedhamu hordofee hogganaa gartuu kanaa ta'uun bakka isaa bu'e.

Akka hogganaattis qofaa miti, Deyif meeshaalee waraanaa Hamaas ittiin beekamu rokkeettiiwwan Qasaam jedhaman hojjachuu keessatti abbummaan nama maqaan isaa eeramudha.

Kana malees, neetiwoorkii boolla lafa jalaa (tunnels) Gaazaatti ijaarsiisera.

Deyif boolla lafa jalaatti ijaarsise kana keessaa harka caalu hin bahu, waraana Israa'el weerarsiisa, akkasumallee tarkaanfii waraaanaa Hamaas fudhatu iddoo dhoksaa kana keessaa qajeelcha.

''Adurree lubbu sagal qabdu'

Deyif lafa jala (raadariin ala) turuun isaaf dhimma jiraachuu ykn du'uuti. Bara 2000 keessa yaalii ajjeechaa Israa'el yeroo afur irraatti yaalame jalaa miliqeera.

Haleellaa kanaan madaa'era, yeroo hedduu madaa'es ture.

Haleellaa Israa'el irratti raawwatteen ijasaa, miilaafi harka dhabuusaa gabaasni Israa'el kan agarsiisu.

Itti - gaafatamaan Tika-Humna Ittisa Israa'el duraani akka jedhutti, Deyiif haleellaa xiyyaaraa Israa'eliitiin mana miseensa Hamaas tokkotti bara 2006 taasifameen hedduu mada'uusaa ragaa qabna jedhanii turan.

''Namoonni hedduun haleellaa irra qaqqabe booda akka hogganaatti deebi'ee ni dalaga jedhanii hin yaadne'' jedha Jeneraalli Israa'el sooramaan gaggeeffaman tokko BBCtti wayita himan.

''Taatullee miidhamarraa bayyanateera. Yoo ijakee dhabde, ijuma kee dhabde.''

Haleellaa itti hammaate jalaa otoo hin du'iin hafuun isaa beekamtii akka argatu taasisuun diinotasaa gidduutti maqaa masoo ''Adurree lubbuu sagal qabdu'' akka qabaatu taasiseera.

Marroo shanaffaaf yaaliin ajjeechaa Deyif kan mudate bara 2014 wayita Israa'el tarkaanfii waraanaa Gaazaarratti fudhatte ture.

Israa'el haleellaa xiyyaaraa mana Sheek Radwaan, ollaa Gaazaatti argamutti haadha warraasaa Widaad fi ilma Deyif ajjeesuutu yaadatama.

Yeroo sanatti Israa'el Deyif ajjeefameera jette yaaddii ture, taatullee yeroo sanatti mana haleelame keessa hin turre.

Battaluma sana Hamaas Deyif ''lubbun jira, waraana Hamaas isatu dursaa jira'' jedhee ibse.

Ogeeyyiin dhimma basaasaa akka jedhanitti, Deyif dandeettii Waraanaa Israa'el jalaa miliquu kan horate tarii meeshaalee teeknoloojii qunnamtiitti fayyadamuu dhiisuu isaatiin ta'uu hin oolle jedhu.

''Yoo bilbilaafi kompitaratti hin gargaaramtu ta'e, karaa tajaajila basaasaa jabanaatiin iddoo jirtu akka hin baramne rakkisaa taasisu mala'' jedhu Abba Levit.

Yeroo lola tibbanaa manneen dhibbaan lakkaa'aman Gaazaa keessa jijjigani

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Yeroo lola tibbanaa manneen dhibbaan lakkaa'aman Gaazaa keessa jijjigani

Hogganaan Basaasaa Israa'el, boollii Hamaas qotate gadi fagaachuufi tooftaa basaasaa barri irra darbetti gargaaramuun, namoonni nagaan haleellaa keessatti miidhaaaf saaxilamoo ta'uufi meeshaalee waraanaa hojjachuu diduufi sababoonni biroos yaaliin ajjeechaa sun akka hin milkoofne taasisuu mala jedhan.

''Addatti' gahee addaa nama qabu

Lolli goolabamuu guyyaa tokko dura qondaalli olaanaan Hamaas Asoosheetiid Pireesitti akka himetti, Deyif tarkaanfii waraanaa Gaazaa qindeessaa ture.

Erga dhukaasni dhaabbate boodas hogganuu akka itti fufetu amanama.

Qondaalli Humna Ittisa Israa'el tokko BBCtti akka himanitti, dhimma Deyif ilaallaturratti Israa'el tattaaffii eegalte ammas itti fufteetti jedhan. Taatullee ergama kanarratti odeeffannoo bal'aa kennurra of qusaniiru qondaalii kun.

Aab Levit Israa'el irratti qiyyaafachuun waan ajaa'ibaa mitii jedhan.

Haa ta'u malee, yaalii ajjeechaa Israa'elirraa amma yoonatti hafuun waan Deyif wajjin walqabatee himamu ittuu ol guddisaa jedha.

Levit Israa'el du'a Deyif arguu kan barbaadduuf durii qabee amma yoonatti gaggeessaa Hamaas lubbuun hafe ta'uusaati jedhan.

Levit akka jedhanitti gaggeesitoota Hamaas wayita hundaa'u jalqabaarra kaasee amma yoonatti kan lubbuun jiran muraasa qofa.

''Gama kanaan nama addaati'' jedhan Levit. Waanti dhimma Deyif adda godhu kan biraan hogganaa iccittiin otoo eenyummasaasaa hin beekamne ta'uusaatii jedhan.

Daandii Gaazaarrattillee otoo hin hafiin namoota muraasa qofaatu isa beeka. Namoonni muraasni waa'ee loltummaasaati jaalatan tarii haasa'u malu.

Ragaalee sassaabaman bu'uureffachuun Aab Levit ''Paalisteenoonni hundi hidhattoota Hamaas baayyeesaanii hin jaalatanii'' jedha.

Dhukaasni gartuu wal lolan giddutti wayita dhaabachuun barame Paalisteenoonni muraasni maqaa Deyif waamuu hin dhiisani.

''Dhiigaaf lubbuu keenyaa lubbuu kee baraarra Deyif'' jedhanii namoonni muraasni Gaazaa burkutoofte gidduu dhaabatanii isa faarsu.