Israa’elii fi Paalastaayiin: Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Israa’eel fi Hamaas gidduutti taasifame maalidha?

Madda suuraa, Getty Images
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Israa’eel fi garee milishaa Paalesitiyaanoota Hamaas gidduu mallattaa’e hojiirra ooleera.
Lola guyyoota 11’f gaggeeffameefi kan milishooti Hamaas itti rookkeettii 4,000 ta'an gara Israa’eelitti yoo dhukaasan, Iraa’eel ammoo Gaazaa keessatti bakkeen 1,500 irratti haleellaa kan itti raawwatte amma akka dhaabbatu taasiseera.
Akka Ministeerri Fayyaa Gaazaa jedhutti, Gaazaa keessatti dubartootaafi daa’imman 100 ol dabalatee, yoo xiqqaate namoonni 243 du’an. Israa’eel garuu hidhattoota 225 ajjeeseera jetti.
Iraa’eel keessatti ammoo daa’imman lama dabalatee, namoonni 12 ajjeefamuu tajaajilli fayyaa biyyattii himeera.
Gadi fageenyi waliigaltee dhukaasa dhaabuu kanaa maali?
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu waliigaltee qaamolee wal-lolan lamaaniin yeroo hin murtoofneefis ta’e yeroo gabaabaaf lola yookaan dhukaasa dhaabuuf kan waliigalamudha.

Madda suuraa, AFP
Seenaa wal-garreffannaa Hamaas fi Israa’eel fi waliigalteewwan dhukaasa dhaabuu mallattaa’an yoo ilaallu, lolli battala tokkotti itti fufuu mala.
Qaamoleen lamaan dhukaasa dhaabuuf kan waliigalan Kamisa darbe sa’aa naannichaatiin sa’aatii 2:00 irrattidha.
Hanga sa’aa sanaattis haleellaan Israa’eel Gaazaa keessatti, dhukaasni rookkeettii Hamaasirraa Israa’eelitti furgugga’aa ture itti fufee ture.
Maalirratti waliigalame?
Odeeffannoo muraasa qofatu ifa ta’e. Adeemsi waliigaltichaas golgaan duuba akkuma itti fufetti jira.
Biyyoonni akka Masriifi Kaataar hirmaataniiru. US fi UN’s akkasuma.
Israa’eel haal-duree tokko malee dhukaasaafi lola dhaabuuf waliigalti, jechuun ibsa kan kenne waajjira MM Israa’el ture.

Madda suuraa, Reuters
Israa’eloonni ‘‘harkasaanii masjiida al-Aqsaa irraa kaasuuf’’ waliigalaniiru jedhe hogganaan Hamaas BBC’tti yoo dubbatu. Masjiidichi bakkeen Jeruusaaleem keessatti ummata Musliimaa biratti kabaja guddaa qaban keessaa tokko yoo ta’u, Israa’eel Paalestaayinoota achi jiraatan buqqisuuf yaalii taasisaa jirti jedhamee himatamti.
Israa’eel garuu ani waan akkasii hin goone jechuun haalti.
Dhimmoota lameen kanatu jalqaba baatii kanaarra lola hamaa sana kaase.
MM Beenjaamiin Netaaniyaahuu akka jedhanitti, haleellaan Israa’eel Gaazaa irratti raawwatte ‘‘milkaa’ina guddaa kan qabudha, morkii Hamaas waliin jirus haalaan jijjiire,’’ jedhani.

Madda suuraa, Getty Images
Gargaarsi namoomaa akka dhaqqabuuf jecha ulaa Gaazaatti galchu bantee jirti, Israa’eel.
Israa’eel keessatti labsiin yeroo muddamaa labsamee bakka hedduutti ka’aa jira. Balalliin xiyyaaraas guyyoota muraasa keessatti itti fufa.
Waliigaltichi hagam tura?
Waliigalteen kun yeroon kan daanga’e miti, dursitoonni biyyootaa abdii yeroo dheeraaf tura jedhu qabu.
Masriin waliigalticha hordofuuf jila lama, tokko Gaazaatti kaanimmoo Teel Aviitti nan erga jettee jirti. Akka gabaasonni jedhanitti, haala waliigaltichi dhaabbiif turuu malu barbaaduufi.
Pirezidantiin US, Joo Baayidan, tarkaanfiin kun jijjiirama fiduuf ‘‘carraa guddaadha’’ jedhani. Ibsi EU irraa ba’emmoo, ‘‘Masrii, UN fi US akkasumas qaamolee kanaaf hojjetan biroos nigalateeffanna’’ jedha.
Hoggantoonni Chaayinaa fi Biriiteenis waliigaltee kana warreen jajan keessaayyu.
Haata’u malee, waliigalteen kun, rakkinoota bu’uuraa Iraa’eel fi Paaletaayin gidduu jiru hin hiiku.
Yaaliiwwan hanga yoonaatti taasifamaa turanis bu’aa waaraa hin fidne.












