Meeshaaleen Israa'el misaa'ela Iraan ittiin ofirraa qolattu maali?

Meeshaan kuni Iron Dome jedhama

Madda suuraa, Getty Images

Israa'el fi Iraan haleellaa jajjabaa walirra dhaqqabsiisuu itti fufaniiru.

Israa'el waggootaaf haleellaa gama qilleensaan Hamaas, Hezboollaa, Huutiis ta'e Iraan irraa itti dhukaafamu qolachuuf meeshaa tolfatte qabdi.

Meeshaawwan kanneen bira darbuun haleellaan darbee darbees raawwatu, ammallee biyyattiin itti dhimma bahaa jirti.

Meeshaawwan kuni maali?

Sirniwwan ittisa qilleensaa Israa'el misaa'eloota dhufan olka'iinsaa fi fageenya adda addaa irratti akka addaan kutuuf kan qophaa'edha.

Gaachanni misaa’ela Israa’el keessaa baayyee beekamaa kan ta’e Iron Dome, rookkeetota fageenya gabaabaa, akkasumas dhokaasaa fi mortaaroota, fageenya kilometira 4 hanga kilometira 70 gidduutti misaa’ela dhukaafaman addaan kutuuf kan yaadamedha.

Sirnawwan ittisa qilleensa israa'el
Ibsa waa'ee suuraa, Sirnawwan ittisa qilleensa Israa'el

David’s Sling rookkeetota fageenya dheeraa, misaa’ela kiruuzii fi misaa’ela baalistikii fageenya giddu galeessaa ykn dheeraa fageenya hanga km300 irraa haleeluuf kan yaadamedha.

Xiyyaa 2 fi Xiyyaan 3 bakka fageenya hanga kiloomeetira 2,400 irratti argamu kamiyyuu irratti misaa'ela baalistikii fageenya giddu galeessaa fi dheeraa irraa kan ittisudha.

Israa'el sirnawwan ittisa misaa'elaa ishee hundatti fayyadamuun misaa'eloota gara 180 Onkoloolessa 1, 2024 Iraaniin irratti dhukaafamee, muraasni isaanii daangaa Israa'el keessa qubate, akka irraa ittisuuf akka ooluu kan yaadamedha.

Iraan akkasumas baatii Eblaa keessas misaa'elaafi diroonii dhibbaan lakkaa'aman Israa'el irratti dhukaasuunshee ni yaadatama.

Misaa'el dhoka'u

Madda suuraa, Getty Images

Iron Dome attamiin hojjata?

Iron Dome sirna ittisa qilleensaa addunyaa irratti lola irratti qoratame kan ta’edha. Sababiin baayyina misaa'eloota waggoota dhiyoo asitti Hamas fi gareewwan hidhattoota biroo Gaazaa keessatti argaman, akkasumas Hezbollaa Libaanos keessatti argamu irraa Israa’el irratti dhukaafamaniitin milkaa'inni sirna ittisa kanaa hubatameera.

Baatiriiwwan Iron Dome guutuu Israa'el keessa kaa'aman jiru. Tokkon tokkoo baatirii kanaatiis meeshaa dhukaasuu (launchers) sadii ykn afur kan of keessaa qabu yoo ta'u, tokkoon tokkoon isaaniis misaa'ela kan gara biraarraa dhukaafamu fashaleessan (interceptor) 20 of keessaa qabu.

Sirna ittisa haleellaa qilleensaa

Iron Dome rookkeetota gara biraa irraa gara biyya keessaa dhufan raadaraan adda baasuun hordofee kanneen kamtu naannoo uummanni itti baay'atu irratti kufuu akka malu tilmaama.

Sana boodas, warrii kaanii ofumaan lafarratti akka kufan taasiisuun, rookkeetota kaan irratti ammoo misaa'ela dhukaasa.

Raayyaan Ittisa Israa’el (IDF) duraan sirni ittisaa Iron Dome kun rookkeetota inni irratti xiyyeeffate keessaa %90 akka makse hime ture. Misaa'eloonni isaas "Tamir" jedhamanis tokkoon tokkoonsaanii gara doolaara kuma 50 akka baasu yaadama.

Sirni kun ''Waraana Gannaa" bara 2006 Israa'elii fi Hezbollaa gidduutti taasifameen booda kan hojjatamedha.

Yeroo sanattis gareen hidhattoota Libaanos keessa jiraatan kunneen gara Israa’elitti rookkeetota kuma 4tti dhiyaatan dhukaasuun miidhaa guddaa geessisuun lammiilee hedduus ajjeessanii ture.

Misaa’eloonni farra misaa’elaa Israa’el haleellaa Iraan Onkololeessa 1, 2024 itti dhukaafame wayita ittisuutti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Misaa’eloonni farra misaa’elaa Israa’el haleellaa Iraan Onkololeessa 1, 2024 itti dhukaafame wayita ittisuutti

Sirni Iron Dome kunis dhaabbilee Israa'el Raafaa'eel SirnawwanIttisaa Fooyya'an (Advanced Defense Systems) fi Indastirii Eroospeesii Israa'el (Israel Aerospace Industries)tiin kan dizaayiniin godhame fi deeggarsa Ameerikaa muraasaan, bara 2011 hojiirra oolfame.

Yeroo jalqabaaf baruma sanatti lola irratti kan itti fayyadamame yoo ta'u, rookkeettii Gaazaa irraa dhukaafame kuffiisee ture.

Erga Onkololeessa bara 2023 eegalee, misaa’eloonni Iron Dome rookkeetiiwwan kuma kudhaniin lakkaa’aman kan Hamaasii fi gareewwan hidhattoota biroo Gaazaa keessaa irraa dhukaafaman to’ateera.

David’s Sling akkamitti hojjeta?

David's Sling, afaan Ibrootaatiin "Magic Wand" kan jedhamu, misaa'ela hanga fageenya kiiloomeetira 300 irratti addaan kutuu danda'a.

Innis Sirnawwan Ittisa Fooyya'aa Raafaa'el (Rafael Advanced Defense Systems) Israa’el fi Raytheon dhabbata US waliin ta'un kan hojjetame yoo ta’u, bara 2017 hojii eegale.

Shaakala humnoota waraanaa Israa'el irratti misaa'ela David's Sling furguggisu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, David's Sling kun baalastiki miisaa'eelii ol fageenya jidduugaleessa irratti rukutee fashaleessuuf tajaajila
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Misaa'eloonni isaa "Stunner" jedhaman misaa'eloota balistikii fageenya gabaabaa, giddu galeessaa fi fageenya dheeraa olka'iinsa gadaanaa irratti akka rukutee kuffiisuuf kan hojjetamanidha. Akkuma Iron Dome, David's Sling's misaa'ela naannoolee ijaarame balaadhaaf yaaddoo ta'an qofarratti xiyyeeffata.

David's Sling fi Iron Dome lamaan isaaniituu xiyyaarota, diroonii fi kiruuzi misaa'ela akka adda kutaniif kan qophaa'anidha.

Tokkoon tokkoon misaa'ela David's Sling kanaas gara doolaara miliyoona 1 baasisa.

Israa'el sirni kana baatii Fulbaana bara 2024 keessaa misaa'ela balistikii Hezbollaadhaan Libaanos irraa dhukaafame kuffisuuf itti fayyadamamaa ture.

Raayyaan Ittisa Israa'el (IDF)n akka jedhetti, misaa'ela balistikii fageenya gidduu galeessaa Qadr-1 kan Iraaniin hojjatame fi fageenya giddu galeessaa, mataa waraanaa kg700 hanga kg1,000 baachuu kan danda'udha.

Hezbollaan misaa'elli kun waajjira muummee Moasaad kan Teel Aviiv irratti kan xiyyeeffate ta'us, IDF ammoo gara naannoo mana jireenyaatti qajeelaa akka ture ibse.

Akkasumas, Caamsaa bara 2023 wayita gareen hidhattootaa Jihaad Islaamummaa Filisxeem Gaazaa keessaa misaa’ela 1,100 ol Israa’el irratti furguggisaniitti faayidaarra oolfamee ture. Israa'el rookkeetota balaa ta'uuf turan keessaa %96 akka kuffifte dubbatti.

Misaa'eloonni sirna Xiyyaa akkamitti hojjetu?

Xiyyaa 2 (Arrow 2)misaa'eloota balistikii fageenya gabaabaa fi giddu galeessaa yeroosaan qilleensa gubbaa, gara km50 lafa irraa ol balali'an balleessuuf kan qophaa'edha.

Sirni kunis bara Waraana Galoo Galaanaa Jalqabaa bara 1991n booda, yeroo Iraaq misaa'ela Scud kan Sooviyeetiin hojjetame hedduu gara Israa'elitti dhukaaste hojiinsaa eegalame. Bara 2000tti ammoo gara tajaajilatti seene.

Fageenya km500 irratti misaa'ela adda baasuu danda'a. Fageenyaan wal bira qabamee yoo ilaalamu, bakka irraa furgugfaman irraa fageenya gabaabaa irratti - fageenya hanga km100tti addaan kuta.

Misaa'eloonni isaas saffisa sagalee dachaa sagal kan deeman yoo ta'u, yeroo tokkotti hanga bakka qiyyeeffannaawwan 14tti dhukaasu danda'a.

Xiyyaan 2 yeroo jalqabaatiif bara 2017tti lola irratti akka itti fayyadame himama. Kunis, misaa'ela Sooriyaa lafa irraa gara qilleensaatti dhukaasu (surface-to-air missile) kuffisuuf faayiidaarra oole.

Xiyyaa-2 bara 2004 keessaa US'tti yaaliif furgugfame
Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaa-2 misaa'eloota qilleensa gubbaa lafaa keessa jiran akka addaan kutuuf kan qophaa'edha

Arrow 3 jalqaba bara 2017 keessaa hojiirra kan oolfame yoo ta'u, innis misaa'eloota balistikii fageenya dheeraa kanneen gubbaa arkii isaanii, naannawa lafaatiin alatti imalan akka addaan kutuuf kan qophaa'edha. Innis fageenya km2,400 qaba.

Yeroo jalqabaatiif bara 2023 lola irratti kan itti fayyadamame yoo ta’u, misaa’ela balistikii finciltoonni Huutii Yaman keessa jiran, magaalaa qarqara galaanaa Eilaat, kan kibba Israa’el irratti dhukaasan to’achuuf faayidaarra oolfame ture.

Sirni kunis dhaabbata mootummaa Israa’el Aerospace Industries jedhamu kan hojjatame yoo ta’u, dhaabbata Ameerikaa Boeing jedhamu irraa gargaarsa argateera.

Sirni Thaad US keessatti hojjetame akkamitti hojjeta?

Haleellaa Iraan dhiheenya raawwatte hordofuun, Ameerikaan baatirii misaa’ela Ittisa Naannoo Olka’iinsa Olka’aa (Thaad) kan ta’e, Israa’eliif akka dhiyeessitu ibsite.

Waldhabdeen Onkoloolessa bara 2023 akkuma jalqabee yeroo muraasaan booda baatirii Thaad gara naannoo Baha Giddu Galeessaatti bobbaafte.

Misaa'eloonni Thaad haaluma David's Sling wajjin wal fakkaatuun akka hojjetaniif kan qophaa'an yoo ta'u, misaa'eloota diinaa sadarkaa balalii isaanii isa dhumaairratti, ykn fageenya maayilsii 93-125 (km150-200) irratti addaan kutu.

Thaad missile launch

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Misaa'eloonni Thaad misaa'eloota diinaa qilleensa lafaa fi hawaa keessaa akka rukutaniif kan qophaa'anidha

Misaa'ela diinaa qilleensa lafaa ykn hawaa keessatti addaan kutuu ykn fashaleessuu danda'a.

Baatiriiwwan Thaad akkaataa idileetti dhukaaftoota (launchers) ja'a kan of keessaa qaban yoo ta'u, tokkoon tokkoon dhukaaftuu ammoo misaa'ela saddeet of keessaa qaba. US kan gara Israa'elitti ergamaa jirtuu kana akka hojjetan garee hojjettootaa waliin ergiti.

Humni waraanaa Ameerikaa bara 2015 irraa eegalee Thaad fayyadamaa kan ture yoo ta’u, Ameerikaan sirna kana Sa’udii Arabiyaa fi Yunaayitid Araab Emireets lamaanitti gurgurteetti.