Hidhamtoonni Filisxeem Israa’el akka gadhiiftu eegaman eenyu fa’i, ofii meeqatu hidhamee jira?

Madda suuraa, Getty Images
Israa’eliifi Hamaas hidhamtootaafi kanneen butaman wal jijjiruufi guyyaa afuriif dhukaasa dhaabuufis waliigalteerra gahaniiru.
Dhukaasa dhaabuufi hidhamtootaafi namoota butaman muraasa wal jijjiruun kunis Jimaata har’aa akka eegalu Kaataar beeksiifteti.
Israa’el maqaa hidhamtoota Filisxeem hiikamuu danda’an 300 maxxansiteetti. Isaa keessaas irra caalaan kan umuriinsaanii wagga 17 fi 18 jidduutti argaman yoo ta’an, waliigalatti waggaa 14- 59 kan ta’aniidha. Isaan keessaas hidhamtoonni 274 dhiiroota.
Tarreen maqaa namoota kanneenis kan maxxanfame sababii adeemsa seera Israa’el keessaatiin. Hidhamaan tokko osoo gadi hin lakkiifamiin dura lammiileen Israa’el maqicha ilaaluun akka mana murti waliigala biyyattiitti ol iyyataniif sa’aatiin 24 kennamuuf qabaata.
Marsaa jalqabaatiin Hamaas guyyaatti namoota 12 gadi lakkiisuudhaan, waliigalatti guyyoota afur keessatti dubartootaafi daa’imman 50 butaman gadhiisa. Israa’el ammoo Filisxeemoota 150 hidhaa gadhiifti.
Marsaa lammaaffaadhaan dhukaasni guyyaa tokkoo hanguma dheereeffamu, namoota butaman keessaa 10 gadhiifamu. Hamaas yoo namoota ’50 ta’an’ gadhiisee Israa’elis Filisxeemoota ‘hanga 150’ ta’an gadhiifti.
Waliigaltee jaarsuummaa Kaataariin taasifamee kanas dureewwan addunyaa gammachuun simataniiru.
Gareen Hamaas kan Gamtaa Awurooppaa, UK fi Ameerikaadhaan shororkeessummaan farajjame haleellaa Onkololeessa 7, 2023 Kibba Israa’el irratti baneen namoota 1,200 ta’an ajjeessuun kan 200 ol ta’an butee fudhate.
Erga sanaan booda ammoo Filisxeemoonni Gaazaa keessa jiraatan 14,000 ol ta’an haleellaa qilleensaa fi duula lafoo Israa’el gaggeessaa jirtuun ajjeeffamaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Seenaa hidhamtoota wal jijjiruu
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Israa’el hidhamtoonni Filisxeem 300 hiikamuu danda’u jetteen balleessaafi yakka raawwataniiru jettees tarreessitee jirti.
Haaluma kanaanis yaalii ajjeechaa, boombii darbachuu, fanjii ykn dhootuuwwan gara biraa tolchuu, dhagaa darbachuu, dhaabata diinaa waliin quunnamtii qabaachu, miidhaa qaamaa cimaa qaqabsiisuufi qabeenyaa lammiilee gubuudhaan kan hidhaman ta’uu beeksiifte.
Haala wal jijjirraa hidhamtootaa kana duraatiin adda ta’een namoota amma itti dabalaman keessaa tokkoonsaanituu himannaan ajjeechaa lammiilee Israa’el irratti hin dhiyaanne.
Onkololeessa 2011 yeroo loltuun Israa’el Giilaad Shaaliit kan mana hidhaa Hamaas keessa wagga shaniif ture gadhiifameetti, wal jijjirraan hidhamtootaa guddaan taasifamee ture.
Haaluma waliigaltee Israa’eliifi garee hidhattootaa jidduutti taasifameen, hidhamtoonni Filisxeem 1,027 gadhiifamaniiru.
Hidhamtoota gadhiifaman keessaa muraasni isaanii kan himannaan yakka ajeechaan himataman yoo ta’an, dursaan Hamaas Gaazaa keessa kan ta’eefi kan Israa’el haleellaa Onkololeessa 7 raawwatameef itt gaaftamaa taasifte Yaahiyaa Siinwaar keessatti argama.

Madda suuraa, Getty Images
Akkasumas Amajjii 2004ttis wali jijjirraan hidhamtoota hedduun raawwatmmeera. Dhaabbanni hidhattootaa teessoo isaa Liibaanus taasifateefi Iraaniin deeggaramu Hizboollaa waliin waliigaltee taasifameen, Israa’el Filisxeemoota fi hidhamtoota lammiilee biyyoota Arabaa gara biraa 436 wal jijjirteeti.
Haalli kunis daldalaa lammii Israa’el Elhaanaan Taanenbaam jedhaman bara 2000tti eegdoota daangaatiin butamaniifi reeffii loltoota Israa’el du’an sadii akka deebii’uuf karaa baneera.
Lakkoofsi hidhamtootaa dabalaa jira
Dhaabbanni Mirga Namoomaa Filisxeem Adaamiir akka jedheetti, lakkoofsi Filisxeemoota mana hidhaa Israa’eliitti argaman dabalaa jira. Hanga Sadaasa 6tti qofa Filisxeemoota 7,000 manneen hidhaa Israa’el keessatti argamu.
Kunis dubartoota 80 fi daa’imman umuriinsaanii waggaa 18 gadi ta’an 200 kan hamamatudha.
Hamaas haleellaa Israa’el irratti raawwateen booda Filisxeemoonni 3,000 ol hidhamaniiru jedhaa dhaabbanni mirgaaf falmu kun.
Israa’el Adaameerii dabalate gareewwan mirga Siviilii Filisxeemotaa ‘shororkeessaa’ jechuun farajjee jirti. Gareewwan Biyyoota Gamtoomaniifi gareewwan mirga namooma idil-addunyaa garuu firajaa kana hin fudhatan.
Dhuma baatii Fulbaaba bara 2023tti, tajaajilli mana sirreessaa Israa’el ijoollee Filisxeemootaa 146 mana hidhaatti ykn mana sirreessaatti sababii ‘nageenyaaf’ jechuun ibseef hidhee akka ture dhaabbanni Mirga Namoomaa Israa’el- Betsaleem ibseera.
Haaluma walfakkaatunis, ijoolleen Filisxeem 34 seeraan ala Israa’el keessatti waan argamaniif to’annoo jala oolfamanii akka ture tajaajilichi dabaluun ibseera.

Madda suuraa, Reuters
Dhaabbanni mirgaaf falmu Filisxeem kan biraa, Kilabiin Hidhamtoota Filisxeem haleellaa Hamaasiin as hidhamtoonni jaha mana hidhaa Israa’el keessatti du’usaanii ibseera.
Kanneen du’an keessaa shanan isaanii kan Onkololeessa 7 booda hidhaman ture.
Himannaanis murteenis hin jiru
Israa’el adeemsa namni tokko osoo himannaa irratti dhiyaate hin dhagahiin ykn mana murtiitti hin dhiyaatiin hidhamuu itti danda’u ‘hidhaa bulchiinsaa’ jedhamu qabdi.
Kanaanis kan hidhaman irra caalaansaanii Filisxeemoota.
Dhaabbanni Mirga Namoomaa israa’el Haamookdi akka jedheetti, Filisxeemoonni 2,070 Israa’el keessatti hidhamtoota bulchiinsaa turan. Lakkoofsi kun tibba haleellaa Hamaasittti 1,319 ture.
Daarektarri Olaantuun Haamokdi, JeesikaaMoonteel waliigalticha gammachuun fudhatan.
‘‘Namoota danqanii qabuun mataasaatiin seeraan ala, yakka waraanaatis. Haamaasis kanneen bute haal-duree tokko malee hundaa gadi dhiisuu qaba,’’ jechuun ibsaan dubbatan. ‘‘Kaayyoo kana galmaan gahudhaafis Israa’el hidhamtoota hiikuu qabdi’’ jedhan.
Haala waliigaltee Israa’eliifi Hamaasiitti dubartoonnii fi daa’imman Filisxeemootaa hidhaa bulchiinsaarratti argaman akka hiikaman dubbataniiru.
‘‘Namoonni kunneen haalduree tokko malee gadi dhiifamu qabaatu. Kanaafu waliigalteen namoota Israa’elii butamanii fi Filisxeemoota hidhaa bulchiinsarra jiran hiikuuf taasifame kan nama gammachiisuudha.’’

Madda suuraa, EPA
Qeequmsa Biyyoota Gamtoomanii
Dhaabbanni Biyyoota Gamtooman (UN) waggoota darban keessa Israa’el irratti qeequmsa olaanaa kaasaa ture. Filisxeemoonni ‘‘wareera Israa’el’’ jalatti ‘‘dhabiinsii bilisummaa tarsimowaa fi bal’aan’’ isaan mudateera jedhe.
‘‘Bara 1967 irraa kaasee, daa’imman dabalatee, Filisxeemoonni 800,000 ol seeroota loltoota Israa’eliin labsaman, hojiirra oolfamanii fi seerota abbaa irree muraasaan hidhamaniiru,’’ jechuun ibste Firaanchaskaa Albaaniiz gabaasashee addaa bulchiinsa Filisxeem bara 1967 kaasee qabame ilaalchisuun dhiyeessiteen.
Weesti Baanki weeraramte akka daawwattuuf hayyamamuuf baattulleen, gara Yoordaanoos ilaluun baatiiwwan jahaa oliif af-gaaffii akka taasifte dubbatti.
Israa’el gabaasicha kufiisuun alattis, kaayyoon ishee addatti ‘‘Israa’eliifi lammiilee Israa’el irratti loogii raawwachuudha’’ jette.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomaniifi Dhaabbanni Seev Z Childiran jedhamu, wagga waggaan ijoolleen Filisxeem 500-700 ta’an gara mana hidhaa loltoota Israa'el seenuu jedhan.












