Hagiyaa Soofiyaa: Bataskaanni waggaa 1,500 akkamiin Masjiidatti jijjiirame?

Haagiyaa Soofiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Haagiyaa Soofiyaa bataskaana Ortodoksii ta'ee bara 537tti ijaaramee waggaa kuma tokko booda masjiidatti jijjiirame

Ijaarsi waggaa miliniyeemii tokkoof walakkaa kun miidhagina magaalaa Istaanbul jedhamuun beekama. Bakka amantiiwwan gurguddoo addunyaa lamaan: Kiristaanummaafi Islaamaa walitti fiduudhas jedhama.

Iddoowwan seena qabeeyyii Turkiin qabduufi UNESCO irratti galmaa'an keessaa Haagiyaa Soofiyaan tokkoodha.

Hanga Impaayerri Otomaan Turkii mo'utti Haagiyaa Soofiyaan waggaa kuma tokkoof Bataskaana Ortodoksii ture.

Sana booda waggaa 500 kan ta'uuf masjiida ta'uun tajaajileera.

Bara 1934tti murtee mootummaan Turkii dabarseen Haagiyaa Soofiyaan Masjiidarraa gara muuziyeemitti jijjiirame.

Hanga bara 2020tti waggoota 86f muuziyeemii ta'ee daawwattoota addunyaaf banaa ta'uun tajaajilaa ture.

Waggaa afur dura bara 2020 manni murtii olaanaa Turkii murtee bara 1934 Haagiyaa Soofiyan Masjiidarraa gara muuziyeemitti akka jijjiiramu godhe "seeraan ala" jechuun gara Masjiidatti akka deebi'u murteesse.

Pirezidantin Turkii Raajib Xaayib Erdogaanis murtee mana murtii kan deeggaru ajaja pirezidaantummaa mallatteessan- Haagiyaa Soofiyaan masjiida akka ta'u.

Hagiyaa Soofiyaan akkamiin kirkira lafaa gurguddaa yeroo garaa garaatti Turkii mudaterraa hafe? Ijaarsi seena qabeessi hambaa UNESCO ta'e kana maaltu adda godha? MaalIif masjiidatti jijjiirame? kan jedhuufi waa'ee Hagiyaa Soofiyaa wantoota seena qabeessa ta'an kanneen muraasa haa ilaallu.

Istaanbul bakka Awurooppaafi Eshiyaan itti wal-quunnaman

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haagiyaa Soofiyaan wiirtuu Impaayera Biizaantaayin kan taate magaalaa yeroo sana Konistaantinooppil, amma Istaambul jedhamte, keessatti ijaarame. Istaambul magaalaa Awurooppafi Eshiyaa wal-qunnamsiistu jedhamuun beekamti.

Hagiyaa Soofiyaan magaalaa wiirtuu bulchiinsa Impaayera Bizaantaayin taate, Istaambul keessatti ijaaramuunsaa iddoo guddaa akka argatu isa taasisa.

Impaayerri Roomaa lixaafi bahatti erga gargar cabee booda, Imbaayerri Bizaantaayin, Impaayera Romaa isa Bahaa jedhamuunis kan beekamu, waggoota hedduuf dandamatee ture.

Jaarraa 6ffaa keessa yeroo bataskaanni kun ijaaramu mootii Impaayera Bizaantaayin kan ture Jaastiiniyaan I dha. Mootiin kun Hagiyaa Soofiyaa amma jiru kana bifa adda ta'een osoo hin ijaarsisin dura bataskaanonni lama Istaambul keessatti ijaaramanii manca'aniiru.

Gabaasi Yuunivarsiitii Harvaard akka agarsiisutti, jalqaba jaarraa 4ffaa keessa Haagiyaa Soofiyaan kateediraalii Konistaantinooppil akka ta'uuf ilma mootii Konistaantinooppil kan ta'e mootii Konistaantiyes ijaarsisee ture.

Gubbaansaa mukaan waan ijaarameef balaa abiddaa mudateenb gubate.

Jalqabarra maqaan bataskaanichaa "Megale Eklesia" (Waldaa Guddicha" jedhamuun akka beekamutu himama.

Ragaaleen akka agarsiisanitti, maqaan Hagiyaa Soofiyaa jedhu bataskaanichatti kan mogga'e bara 430 keessa.

Ijaarsi bataskaana Hagiyaa Soofiyaa inni jalqabaa bara 404tti yoo manca'u kan lammataa ijaaramee bara 415tti baname. Innis Diddaa Niqiyaa jedhamee beekamu Konistaantinooppil keessatti ka'een guutummaan akka manca'e ragaan Yuunivarsiitii Harvaard ni agarsiisa.

Ijaarsi Hagiyaa Soofiyaa inni sadaffaafi umurii waggaa 1,500 qabu- hanga ammaa jiru- Mootii Jastiiniyaan I jedhamuun akka ijaaramu ta'ee bara 537tti xumuramee tajaajila bataskaanaf banaa ta'e.

Jastiiniyaan bataskaanni inni akka ijaaramu ajaje gaafa xumuramee seenee argu akkas jechuun dubbate: "Yaa Salamoon, [mana qulqullummaa] kan ati ijaarte caalun ijaare!"

Mana qulqullummaa Yihudootaa mootin Baabiloon diige kan ijaare mootii Salamoon akka ta'e Macaafa Qulqulluu keessatti ibsameera.

Bataskaanarraa Masjiidatti maaf jijjiirame?

Hagiyaa Soofiyaan hanga Impaayera Otoman Turkiin qabamee masjiidatti jijjiiramutti, bataskaana akka addunyaatti guddaafi ogummaa addaan ijaarameedha jedhama.

Ogummaan ittiin ijaarame adda ta'uu agarsiisuf maqaan "Hagiyaa Soofiyaa" jedhamu moggaafame. Hagiyaa Soofiyaa jechuun "Ogummaa Waaqarraa Dhufe" (Holy Wisdom) jechuudha.

Impaayerri Otoman Turkii magaala Istaambul ykn Konistaantinooppil to'achuun giddu gala bulchiinsa isaa godhate.

Fakkiiwwan amantaa Kiristaanaa mul'isan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Fakkiiwwan bara Impaayera Bizaantaayin harkaan kaafaman kan Hagiyaa Soofiyaa keessatti argamu

Haagiyaa Soofiyaanis waggaa 1000 booda bara 1453tti yeroo Sulxaanni Impaayera Ottoman Turkii Mohammad II Impaayera Bizaantaayin injifachuun magaalaa Konistantinooppil qabate masjiidatti jijjiirame.

Magaalattii akkuma to'ateen solaata guyya Jimaataa bataskaana Hagiyaa Soofiyaa keesatti sagade.

Sulxaan Mahamamaad II bataskaana Hagiyaa Soofiyaa gara masjiidatti geeddaruun magaalaa wiirtuu amantaa Kiristaanaa turte, Konistaantinooppil, magaalaa guddoo Impaayera Turkii godhe.

Achi buufachuun bulchiinsa isaa Baha Giddu Galeessa, Kaaba Afrikafi biyyoota Awurooppaa tokko tokkotti babal'ise.

Hagiyaa Soofiyaan waggoota 500 itti aananiif masjiida ta'uun hawaasa Musliimaa tajaajile.

Warri Otoman Turkii ijaarsa bataskaanichaa akkuma jirutti osoo hin tuqin bobbocawwaniifi fakkiiwwan amantaa Islaamaa agarsiisan itti dabalan. Masjiida akka fakkaatuf minaaraa (minarets) itti dabalan.

Keessoo bataskaanichaa warqeen lommoxameefi fakkiiwwan ergamootaafi kaan agarsiisan barreeffamootafi fakkiiwwan amantaa Islaama agarsiisaniin bakka buufaman.

Gaggeessaa Turkii ammayyaa jedhamuun kan beekamu Kamaal Ataturk bara 1934tti Hagiyaa Soofiyaa gara Muuzeyeemitti jijjiirun nama hundumaaf banaa akka ta'u godhee ture.

Impaayeerri Turkii akkuma kufeen Turkii ammayyaa ijaarun bulchiinsi seekularii akka ijaaramuuf Kamaal Ataturk gahee guddaa nama qabuudha jedhama.

Haagiyaa Soofiyaanis masjiidarraa gara muuziyeemitti akka jijjiiramu gochuunsaa Turkiin amantaa hundumaa biyya wal-qixa ilaaltu akka taate agarsiisuf akka ta'etu himama.

Kamaal Ataaturk Hagiyaa Soofiyaan gara muuziyeemitti akka deebi'u yeroo murteessu, fakkiiwwan ergamootafi wantoonni keenyaniifi baaxii irratti faayaman kan duraan dhokfamanii turan akka mul'atu gochuun daawwattoota addunyaarraa garas imalaniif banaa taasise.

Hagiyaa Soofiyaan ijaarsawwan bara sirna bulchiinsa Roomaa ijaaraman keessaa balaa heddu dandamachuun hafan qubaan lakkaa'aman keessaa tokko.

Dizaayiniin, galteewwan ijaarsaf oolaniifi akkaataan itti faayame, ijaarsawwan bataskaanafi masjiidota sana booda turaniif fakkeenya guddaa akka ta'etu himama.

Jabinni ijaarsichaa ammoo balaa kirkira lafaa ciccimaa lubbuu namoota hedduu galaafatee gamoowwan heddu mancaase Turkiifi naannoosheetti yeroo garaa garaatti mudateen homaa osoo hin ta'in hafuu dandeera.

Keessumaa kirkira lafaa bara 1999 Turkiitti namoota 20,000 ta'an ajjeessee gamoowwan heddu yoo jijjigsu, Hagiyaa Soofiyaan homaa hin ta'in hafe.

Hagiyaa Soofiyaan muuziyeemirraa Masjiidatti deebi'uu

Hagiyaa Soofiyaan kaateediraalii ykn bataskaana Impaayera Bizaantaayin ta'ee ijaaramee waggaa 1000f bataskaana Ortodoksii Bahaa (Eastern Orthodox) ta'ee tajaajilaa ture. Impaayerri Otoman Turkii humnaan qabatee masjiidatti erga jijjiiramee waggaa 500 booda muuziyeemii ta'uun daawwannaaf banaa akka ta'u godhame.

Bara bulchiinsa pirezidaant Xaayib Erdogaanitti deebi'ee gara Masjiidatti akka jijjiiramu taasifame.

Hordoftoonni amantaa Islaamaa yeroo Hagiyaa Soofiyaa keessatti sagadan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bara 2020tti gara masjiidatti erga jijjiiramee booda namoonni yeroo keessatti sagadan

Manni murtii biyyattii murtii Kamaal Ataaturk bara 1934tti Hagiyaa Soofiyaan muuziyeemii akka ta'u murteesse haquun masjiidatti akka jijjiiramu godhe. Pirezidaantin Turkii Xaayib Erdoganis yeroo Hagiyaa Soofiyaan masjiidatti jijjiiramu bakkichatti argamuun sagadan.

Turkiin biyya amantaa hundaa wal-qixa kabajjuufi seekularii taatedha jedhamtus, Xaayib Erdogaan garuu ilaalcha leellistummaa gaggeessudhaan hamatamu.

Bulchiinsi isaanii bara 2020tti Haagiyaa Soofiyaan masjiidatti akka deebi'u gochuun hordoftoota amantaa Kiristaanaafi Turkii keessatti kanneen mootummaan ilaalcha amantaarraa bilisa ta'uu qaba jedhan biratti mormii cimaa kaasee ture.

Hagiyaa Soofiyaa akka hambaa seenatti kan galmeesse UNESCOn dursee tarkaanfii Turkii kana balaaleffatee ture.

Biyyoonni hordoftoonni amantaa Ortodoksii itti heddummatan kanneen akka Raashiyaa, Giriikii fa'aa Hagiyaa Soofiyaan hambaa Kiristaanummaa ofirraa qabu masjiidatti jijjiiramuusaatti akka gaddan ibsuun Turkiin tarkaanfii fudhatte akka keessa deebitu gaafatanii ture.

Pirezidaantin Turkii murteesaanitti cichuun biyyattiin mirga birmadummmaa qabdutti fayyadamuu himanii ture. Hagiyaa Soofiyaan daawwattoota Musliimaa, Kirtaanaafi kaanifis banaa ta'ee akka itti fufu kaasanii ture.

Haa ta'u garuu yoo saganni gaggeeffamutti fakkiiwwaniifi bobboci keessoo ijaarsichaa Kiristaanumaan waan wal-qabatu mul'isan akka haguugaman taasifame.

Turkiin bara 2020 Hagiyaa Soofiyaa gara masjiidatti erga deebistee waggaa afur keessatti daawwattoonni miliyeena 25 ta'an masjiidicha daawwachuu miidiyaan Turkii Anadolun gabaasee ture.

BBC

Seenaa akkanaaf BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.