Hogganaa Olaanaa Iraan: Eenyutu Ayaatolaah Alii Kaameeni dhaala laata?

Ayatollah Ali Khamenei speaks in Tehran, Iran, on 3 November 2020

Madda suuraa, EPA

Odeeffannoon dhiheenya keessa haala fayyaa Hogganaa Olaanaa Iraan Ayaatolaah Ali Kaameen irratti bahaa jirani, gaaffii osoo isaan sababii dhukkubaatiin ykn boqachuun biyya hogganuu dadhabanii, eenyutu isaan dhaalala laata jedhu kaasaa jira.

Maanguddoo umrii waggaa 81fi biyyatti keessatti abbaa aangoo siyaasaa olaanaa biyya baha giddu-galeessaa kan ta'an kana namni dhaalu Iraan, naannichaafi addunyaa hundaaf dhimma murteessaadha.

Ofii hogganaa Olaanaan attamiin filatama?

Hogganaa Olaanoo Ayaatolaah Kaameeneen erga Warraaqsi Islaamummaa gumii ekispartootaa kan miseensa dureewwan amantaa 88 qabuun filatamanii erga bara 1979 as nama lammataati.

Miseensoonni gumii kanaas waggaa sadeetiin lammiilee Iraaniin filatamu.

Haata'u malees kaadhimamtoonni jalqaba koree Mana Maree Eegdootaa (Guardian Council) jedhamanii mirkaneeffamu qabaatu.

Miseensoonni mana Maree Eegdootaa mataansaanii karaa kallattiin ykn al-kallattiitiin Hogganaa Olaanaadhumaan kan filatamaniidha.

Kanaafu Hogganaa Olaanaa qaamoolee lamaan irratti dhiibbaa ni qabaatu. Waggoottan 30n darbaniif, Ayaatolaah Alii Kaameene nama isaan bakka bu'u haala filannoo irratti gumiichi qajeelfama isaanii hordofuun nama ejjannoosaanii qabu akka filatan mirkaneessaniiru.

Members of Iran's Assembly of Experts attend a session in Tehran on 12 March 2019

Madda suuraa, AFP

Hogganaa Olaanaan tokkicha filatamnaan hanga lubbuun jirutti aangoorra tura.

Akka heera Iraaniitti, Hogganaan Olaanaan nama sadarkaa amantaa Islaamaa Shii'aan sadarkaa olaanaa irra gahe (ayaatolaah) ta'u qabaata. Garuu wayita Ali Kaameem filatamaniitti sadarkaa olaanaa sanarra (ayaatolaah) hinturre. Kanaafuu akka hojii fudhataniif jecha jijjiramni seeraa taasifamee ture.

Kanaafuu, ammas haaluma siyaasaa yeroo filannoon hagganaa olaanaa itti filatamutti jiru irratti hundaa'uun ammas jijiramni seeraa taasifamuuf ni danda'ama ta'a.

Innis maaliif barbaachiisaa?

Iraan keessatti Hogganaa Olaanaa aangoo jabaa isa dhumaa qabu.

Dhimmoota murteessoo ta'an irrattiifi imaammatawwan sirreessuu akkasumas addunyaa biraa waliin walitti dhufeenya jiruurratti murtee isa dhumaa kan dabarsaniidha.

Iraan biyyoota addunyaa keessaa biyya Shii'aa cimtu fi bara oggansa Alii Kaameeneetti biyya olaantummaa ishee Jidduugala Bahaa keessatti babalifachuuf yaalaa turteedha.

Gumii irratti Amajii 9, 2020

Madda suuraa, Anadolu Agency

Du'atiin hogganaa kanaas adeemsa seenaa naannichaa irratti jijjirama fiduu qofa osoo hintaane, kan addunyaa maratti dhagahamuudha.

Hatakaaroon Iraaniifi Ameerikaa fi Israa'el jidduu, fakeenyaaf, jibbaa dhunfaa Ayaatoolaah Kaameenee biyyota lamaaniif qabanii cimee gara waldhabdee fi tasgabii dahbiinsa baroota dheeraa irra qaqabe.

Haata'u malee, adeemsa dhaala aangoo kanaan eenyumtu aangootti dhufulleen sarara isaanii kan hordofu ta'a.

Eenyutuu Hogganaa Olaanaa ittaanu ta'u danda'a?

Dameewwan siyaasaa Riippablika Islaamaa haala dhaala aangoo ittaanuu sirreessuuf fedhii qabu.

Garuu ammoo, rakkina ittisuun akka abbaa aangootti kan socho'u danda'u qaamni aangoo tokkolleen hinjiru.

Haggannaa isaan dura tureetti hir'ina amanamummaa walfakkaatu qabaatan illeen Ali Kaameemee garuu karaa amantaa walitti dhufeenyaa dhunfaa qabaniitiin dhiibbaa isaanii cimfatana.

Warreen dhunfaan walitti dhufeenya qaban kunneenis baayyeen kan humna aangoo Iraan, Eegdoota Waraaqsaa keessa jiraniidha.

Iranian Revolutionary Guards commander Major General Hossein Salami speaks during a pro-government rally in Tehran on 25 November 2019

Madda suuraa, AFP

Egdoonni Warraaqsaa kan kaadhimamaan isaan sirrii miti jedhanii yaadaan Hagganaa Olaanaa akka hintaaneef kan dhorkuuf yaalan ta'a.

Tarreen namoota olaanoo icciitiin qabamuu ilaalchiisee odduun deemaa jiraatulleen, eenyuu fa'i achirratti akka tarreeffaman ilaalchiisee kan beekuu ykn beekuuf kan gaafatee garuu hinjiru.

Maddeen akka jedhaniitti, kaadhiimamaa Alii Kaameeneen filatamu ilmasaa Mojtaabaa ykn Duree Haqaa Ibraahiim Raa'isii ta'u danda'u. Kunis dhugaa yoo ta'e kan madaallii kaasu malu ta'a.

Mr Raa'isii dura kan aangoorra turan Saadeeq Laarijaanii fi pirezidaantiin ammaa Haasaan Ruuhaaniin lamaanuu Hoggaanaa Olaanaa ittaanu ta'uuf fedhii akka qaban amanama.

Mojtaabaa Kaameemee eenyuu?

Mojtaba Khamenei (C), son of Iranian Supreme Leader Ayatollah Ali Khamenei, is pictured during a protest marking the annual al-Quds Day in Tehran, Iran (31 May 2019)

Madda suuraa, DPA/Alamy Live News

Ilmi Hoggaanaa Olaanaa kan umuriin 51 nama duuba ta'uun hojjataniidha.Isaanis magaalaa amantaa Maashhaad keessatti kan dhalataniifi akkuma abbaa isaanii ogganaa amantaati.

Mojataabaa ammoo hubannoo keessa kan gale tibba tarkaanfii hokkora mormii filannoo pirezidaantummaa bara 2019 hordofee umame tureen. Tarkaanfii cimaa fudhachu akka danda'u itti amanamee ture.

Alii Kaameenee mootii ta'u baatan illeen haaluma salphaanii kan ilmasaanii Mojtaabaaf gonfoo dabarsan miti. Ilimsaanis aangoo isaanii keessatti, waajira Hogganaa Olaanaa cimaa kana gargaarummaan gara duubaa ta'uun hojjatuu dabalee aangoo cimaa qaba.

Innis yoo deegarsa Eegdoota Warraaqsaa argate, isaanis adeemsi filannoo seeraa akka isaaf ta'u dhiibbaa taasisuu danda'u.

Ibraahim Raa'iisii eenyuu?

Iranian Judiciary chief Ebrahim Raisi addresses foreign ambassadors in Tehran, Iran (24 June 2019)

Madda suuraa, AFP

Gahees duree amantaa waggaa 60 kunis kan dhalatan Maashhad keesstti.

Innis Ayaatolaa Kaameenee dhaaluudhaaf kaadhimamaa gaarii akka ta'e amana.

Akka Hogganaa Olaanaa ittaanu ta'uuf yaada qabu takkaa oduu deemaa jiruu mormees hinbeeku. Adeemsii isaa baayyeenis akka gahee samaaf qophaa'aa jiruu mul'isu.

Innis haqa keessatti aangoowwan hedduu qabatee jira. Ammas ittaanaa ogganaa Gumii ekspartootaati.

Haa ta'u seenaan mirga namoomaa, keessattu gaheen inni ajjeechaa jumlaa hidhamtoota siyaasaa bara 1988 tiin deeggarsa ummataa ni dhaba. Garuu filannoo pirezidaantummaa bara 2017 dhabulleen, Hogganaa Olaanoon akka duree haqaatti mudaniin.

Erga itti gaafatamummaa fudhataniin asis, midiyaalee irratti mul'achuu kan baayyisuun ''malaamaltummaa irratti qabsoo'' jechuun duula eegalan.

Akkuma Alii Kaameenee, Raa'iisiinis waliigaltee nikulaaraa kan 2015 shakkuun, cimsanii ejjannoo warra Eegdoota Warraaqsaa (Revolutionary Guardian) waliin hiriiru.