Qaasim Solimaanii :Jeneraala ajjefameef Iraan Tiraamp hidhuuf barbaaddi

Madda suuraa, Reuters
Iraan jeneraala gameessa Qaasim Solimaanii jalqaba bara kanatti Iraaqitti ajjeesisaniiru jechuun pirezedantii Ameerikaa Donaald Tiraamp hidhuuf ajaja baafte.
Abbaan alangaa Teheeraan Alii Alqasimiir jedhaman, Pirezedanti Tiraamp fi namoota 35 biroo irratti himannaa ajjeecha raawwachuufi shororkeessuummaan walqabatu dhiyeessan.
Iraan namoota kana hidhuuf Interpool, dhaabbata yakkawwan idil-addunyaa biyyoota gara garaa keessatti warreen raawwatan qabu, akka dhiyeessuuf gargaarsa gaafatte.
Dhaabbatichi garuu gaaffii Iraaan dhiyeesite fudhachuu dide.
Iraanitti bakka bu'aan addaa Ameerikaa Bireen Huuk, ololo akkasiif xiyyeeffannoo hin kenninu jedhan.
Jaarmiyaan kunis dhimma dubbii siyaasaa gidduu akka hin seenne tilmamnaa jedhan.
Jeneraalli Iraan jalqaba bara kanatti haleellaa xiyyaara Ameerikaa rimootiin to'atamtuun buufata xiyyaara idila-addunyaa Baagidaad cinatti ajaja Tiraampiin ajjeefaman.
Tiraamp jeneraalli kun loltoota Ameerikaa dhibbaan lakka'aaman ajjeesisuufi haleellaa battalaa/tasaa qindeessaa turuun imatanii turan.
Haleellaa kana booda Iraan maadheewwan loltoonni Ameerikaa Iraaqitti argaman misaayilaan haleelteetti.
Abbaan alangaa Iraan Alii Alqasimiir ''namoonni 36 ajjeechaa haaji Solimaanii Qaasim keessaa qooda qaban adda baafamaniiru'' jedhan.
Jara kanatu haleellaa kana qindeessee raawwate jedhanii tajaajila oduu Mehr dubbatan.
Abbaan alangaa kun pirezedanti Tiraamp bara pirezedantummaa isaanii yoo goolabamellee akka hidhaman barbaachi keenya itti fufaa jedhan.
Ittaanaan Ministiraa dhimma alaa biyyattii Mosiin Bahavaard, Manni murtii biyyatti namoota yakka kana raawwatan irratti himata akka banu dubbatanii turan.
Namoota xiyyaarota rimootiin to'atan adda baasu jedheen amanaa jechuun dubbachuusaanii ejensiin oduu Isna jedhamu ibseera.
''Iraan namoota murtoon haqaa namoota kanarratti akka muramuuf tattafachuu hin dhiiftu'' jedhan.

Madda suuraa, Reuters
Dhaabbanni Itarpool Faransaayi magaalaa Liyoon keessa kan maadheffate deeggarsa Iraan gaafatte akka ilaalcha keessa hin galchine BBC tti himeera.
Heerri dhaabbatichaa dhimmoota siyaasaa, waraanaa, amantii fi sanyummaa gidduu seenu akka daangessuu Bireen Huuk dubbataniiru.
Xinxaltoonni akka jedhaniitti ajajni hidhaa kun diinummaa pirezedanti Tiraampif qabaniif agarsiistu ta'uu himaniiru.













