Hamzaa Bin Laadin 'haleellaa xiyyaaraan 'ajjeefame

Madda suuraa, CIA
Ilmi hundeessaa al-Qaa'idaa Osaamaa Bin Laadin, Hamzaa Bin Laadin haleellaa xiyyaaraan ajjeefamuu midiyaaleen Ameerikaa odeeffannoo basaasaa wabeeffachuun gabaasan.
Hamzaa Bin Laadin eessaafi yoom akka du'e waan ifatti dubbatame hin jiru. Peentagen dhimmicharratti yaada hin kennine.
Baatii Guraandhalaa keessa mootummaan US odeeffannoo eessabuutee nama kanaa himuuf doolaara miiliyoona tokko ramaddee turte.
Hamzaa Bin Laadin nama ganna 30 akka tahu kan tilmaamamu yoo tahu viidiyoofi sagaleedhaan US fi biyyoota biroorratti waamicha haleellaa raawwachuu taasisaa ture jedhameera.
Gabaasni kun jalqaba miidiyaalee Ameerikaa NBC fi New York Times irratti bahe.
Preezidaantiin Ameerikaa Donaald Traamp dhimma kanarratti waayyuu hin jenne.
Hamzaa Bin Laadin jihaadistoonni du'a abbaasaa bara 2011tti Paakistaan keessatti raawwate akka haaloo bahan jajabeessaa ture.
Biyyooti Arabaas akka fincilaniif waamicha taasisaa ture. Saa'udi Arabiyan baatii Bitootessaa keessa lamummaasaa haqxeetti.
Iraan keessatti adabbii socho'uu (house arrest) jala jira jedhamee haa amanamuyyuu malee, gabaasotni biroon immoo Afgaanistaan, Paakistaaniifi Siiriyaa jira jedhu.
Ameerikaan bara 2011tti abbaasaa, Abbottabad Paakistaanitti haleellaa tasaan kan ajjeeste yoo tahu, Hamzaa Bin Laadin hoggantummaa al-Qaa'idaaf akka qophaa'aa jiru himte turte.
Ameerikaan viidiyoo cidha isaa intala hogganaa al-Qaa'idaa Iraan keessatti otoo fuudhuu agarsiisu argatteetti. Abbaan biddeenaa isaa Abdullaah Ahimad al-Masri haleellaa imbaasiiwwan Ameerikaa Keeniyaafi Taanzaaniyaatti taasise jedhamuun himatameera.
Al-Qaa'idaan garee haleellaa Fulbaan 11 bara, 2001 Ameerikaa irratti raawwate duuba jiru dha.
Waa'ee Al-Qaa'idaa

Madda suuraa, Getty Images
- Afgaanistaan keessatti bara 1980 hundaa'e. Arabootni fedhii isaaniin Afgaan Ameerikaan deeggaramtuufi humnoota Sooviyeet weeraraaf dhufan loltutti makaman.
- Osaamaa Bin Laadan Araboota kunneen gargaaruuf dhaabbata al-Qaa'idaa- ''bu'uura'' jedhame hundeesse.
- Bara 1989tti Afgaan gadhiisee, 1996tti immoo kaampiiwwan waraanaa Musliimotni alaa dhufan itti leenji'an hogganuu jalqabe.
- Al-Qaa'idaan Ameerikaa, Yihudotaafi michuwwan isaanii irratti ''waraana qulqullaa'aa labse.












