Haleellaa Liibiyaa: Buufata godaantotaa Liibiyaatti namoonni 40 du'an

Madda suuraa, AFP
Liibiyaa keessatti Haleellaa qilleensarraan bakka godaantonni buufatanii jiran irratti raawwateen yoo xiqqaate namoonni 40 ta'an ajjeefamuu aanga'oonni biyyattii ibsan.
Magaalaa Tirippoolii gara bahaa qarqara irratti kan mudate haleellaan qilleensaa kun yoo xiqqaate namoota 80 madeesseera.
Namoonni ajjeefaman hedduun isaanii godaantota biyyoota Afriikaa garaagaraati.
Dhiyeenya kana Liibiyaa bakka godaantonni itti boqotanii gara biyyoota Awurooppaa garaagaraa seenuuf haala itti mijeeffatan taateetti.
Biyyattiin garuu erga hoogganaan biyyattii yeroo dheeraaf bulchaa turan Mua'ammar Gaadaafii bara 2011 aaangoorraa buufamanii ajjeefamanii as nagaa hin arganne.
Dubbi himaan tajaajila yeroo balaa Osaamaa Alii AFPtti akka himetti buufata kallattiidhaan qilleensarraan haleelame kana keessa namoota 120tu turan.
Lakkoofsi namoota du'anii dabaluu akka danda'us ibseera.

Dhaabbata Biyyoota Gamtooman irraa deeggarsa kan qaban Ministirri Muummee biyyattii Fayiiz al-Serra rakkoo mudateef Waraana Biyyaalessaa Liibiyaa kan akka fedhetti ofiin bulaa jiru komatan.
Waraanni Biyyaalessaa Liibiyaa kun nama Khaliifaa Haftaar jedhamuun hogganama, loltoota deeggartoota mootummaa ta'an waliin bakka haleellaan qilleensarraan raawwate kanatti wal haleelaa turan.
Dubbi himaan Waraana Biyyaalessaa Liibiyaa garuu haleellaa kana nuti hin raawwanne jedhan.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Ejensiin dhimma Baqattootaa waa'een halleellaa qilleensarraan bakka buufata godaantotaa irra ga'ee kun haalaan akka isa yaachisu ibseera.
Liibiyaa keessatti bakki hundi waraana, garuu baqattoonni baayyinaan garasitti godaananii achirraan gara biyyoota Awurooppaa imalu.
Qabiinsa godaantotaatiin biyyi kun baayyee komatamtiu, ta'us garuu ammallee faddaalonni seeraan ala godaantota daddabarsan hojiisaanii cimsanii itti fufaniiru.














